University Arbaminci Keessaatti Barattooti Oromoo Guyyaa WBO Kabajatan.

Amajjii 5,2012

Amajjii 1,2012 Guyyaan WBO barattootni Universiitii ArbaMincii haala gaariin kabajatanii oolaniiru.Universitichi Mooraawwan afur kan qabu yoo ta’u barattootni hundi akkaataa ijaarsa jaarmiyaa isaanii fi mooraa isaaniitti kabajatanii oolaniiru. Gootonni barattootni Oromoo kun guyyicha kan kabajatan  MARII dhaan yoo ta’u bara kana bara injifannoo akka ta’u hawwaa  gabaabaatti waliif dabarsanii ijru.

Ijoon yaadannoo guyyaa WBO kana irratti ka’anii barattoota Arbamincitti kabajatan biraa ka’anii irratti haasayame keessaa

1,Sochii Qeerroo jajjabeessaauu fi caalaatti keessatti ijaaramuun kaayyicha baakkaan gahuu

2,Barattoota sochii kanaaf bu’aa buusan adda baafachuu fi cinaa hiriirsisuu

3,Saamicha qabeenya naannoo Oromiyaa fi faalama qabeenya naannoo oromiyaa irra gahaa jiru

4,Tooftaa ittiin diinni keenya gargar nu qoodu barree diddaa fi tokkummaa keenyatti cimuu

5,Hhidhaan saba oromoo irratti baay’atee waan jiruuf qabsoo nuti goonuun akka ummanni keenya hidhaa kana irraa oolu gochuuf waan nu dandeessisu maali?

Yeroo tahu itti baha marii barattoota kanaa irraa kan argame mootummaa abbaa irree kan tahe Wayyaanee  buqisanii bilisummaa fi dimokraasii Oromiyaa keessatti fiduuf qabsoo cimaa fi hadhaawaa wareegama gaafatu waan nurraa eegamuuf jabaannee qabsaawuu qofa filmaati jedhanii jiru.

Ummanni Oromoo fi qaamoliin hawaasa keenya biyya keessaa diddaa gaggeessaa jiranii fi kanneen baqatanii ala jiran hundi sochii Qeerroo Bilisummaa cinaa dhaabbatanii akka mirga saba ofiif caalaatti falmaniif dhaasa isaanii dabarfatanii jiraachuu gabaasi Qeerroo University Arbamincii irraa addeessa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

OLF Statement on a Bogus Press Release in the Name of OLF


“A naked butterfly dresses a stone” runs an Oromo proverb. We read with amusement a ‘press release’ from Minnesota USA by a group that claims to be OLF claiming to have reviewed the program of the organization and defining a new vision for Ethiopia. An outlaw splinter group from the OLF cannot undertake a venture that in itself is unconstitutional in the organization.
The group that calls itself OLF and issued a ‘press release’ on Jan. 1, 2012 to the effect of amending the organization’s program is a minority splinter group that has no legal or moral basis to claim the nameOLF as we have stated on our previous statement. According to the organization’s constitution and any
organizational norm it is the decision of the majority that has to finally prevail. This negligible minority group negate this norm and the organizational constitution to which they were a party and try to usurp the
name OLF itself.

More
OLF_Statement_January_2012

Gaafa Amajjii 3,2012 Mooraa University Wallaggaa keessatti FDG qabate

Amajjii 04,2011

Gootonni barattoota Oromoo gaaffii mirgaa fi lammummaa akkasumas rakko kufaatii dinagdee Oromiyaa fi saamicha lafaa,hidhamuu fi mirgi barattootaa sarbamuu irraan kan ka’e gaaffii diddaa isaanii qabatanii moraa University Wallaggaa keessatti Amajjii 3,2012 hiriira bahan kun waajjira bulchiisa Univeristicha fuula duratti waliitti qabamuun dhiibbaa kaadironnii Wayyaanee irraan gahaa jiranii fi gaaffii mirgaa Oromoo dhiheefachuuf jecha mormuun sagalee mormii dhageesisaa olanii jiru.

Gama biraan Barattoonnii waggaa sadaaffaa dipartimantii saaykolojii baratan bajannii shaakalaa(practice)f qabameefii gara gara hojii siyaasaa Wayyaaneettii jalaa waan nannan’eef, qabeenyaa dhuunfaa keessaaniin shaakala(practice) baatuu jedhaamee itti himamee waan jiruuf sagalee mormii dhageessisaa turan keessattis rakkoo kana gahaatti dhageessifatnii jiru. Kana malees malees ammaan dura mooraa University kana keessaatti barattoota Oromoo tahan Oromummaan arrabsamanii,karaa seeraa warra arrabse san himannaan ” Baga arrabsamtan” kan jedhuun bulchiinsi moorichaa baratoota doorsisaan himmannaa isaanii gara dhabsiisee jira,ammos himannaan kun itti fufee waan jiruuf kanneen Oromummaan arrabsamne jettan yoo jiraattan mooraa University keessaa akka arihamtan isin akeekachiifna jechuun doorsisaa jiraachuu Qeerroon University Wallagaa irraa gabaasa.

Sababaa gaaffii barattootaa irraa kan ka’u mootummaan Wayyaanee baajeta nyaataa University hunda irraa kutee barattoonnis beelaan dararamaa akka jiran beekamaa dha.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa (Qeerroo)


 Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa (Qeerroo)

 Amajjii 03,2012

Hidhaa fi Dararamuun Qabsoo Irraa nu Hin Dhaabu.

Baroota 20f ummata Oromoo fi saboota Ethiopia kaan ukkaamsee gaadi’uun abbaa irrummaa isaa fi farra dimokraatummaa kan itti muldhisaa ture mootummaan Wayyeenee, gaaffii mirgoota sabootaaf deebii gahaa akka hin laanneefi karaa nagaa qabsoo sabootaa deemaa jiru furuun aadaa isaa waan hin taaneef sochiin dargaggoota biyyoolessaa bilisummaa fi dimokraasii (Qeerroon) baatii Ebla 2011 keessa guutummaa biyyattii keessatti sochii warraaqsaa eegaluun sagalee cunqurfamtootaa addattis kan ummata Oromoo adunyaa fi lammiilee biyyattiitti dhageesisaa turuun ni yaadatama. Diddaa dargaggoonni Oromoo University lee addaaddaa keessaa fi qaamota hawaasa Oromoo keessatti waggaa kana keessa deemsisaa turan bifa addaan duula itti banuun barattoota Oromoo heddumminaan hidhuu,rasaasaan mooraa University keessatti tumuu, summii nyaachisuu fi barnoota irraa arihuun gaaffii haqaa ummattootaa kan ukkaamse itti fakkaataa  yoona gahe.

Diddaan Qeerroo Bilisummaan eegale amma illee manneen barnootaa fi University adda addaa akkasumas qonnaan bultoota Oromoo fi hojjettoota biratti bifa qindaayeen deemaa jira. Hawaasa Oromoo keessatti guutummaatti jibbiinsi mootummaa Wayyaanee kan yoomuu caalaa itti jabaachaa jira. Waan taheef, mootummaan Wayyaanee, sagalee fi diddaa kana ukkaamsuuf baatii Muddee2011 keessa sochiilee dargaggoo bakkoota adda addaa jiran ukkaamsuuf duula hidhaa bal’inaan itti fufee jira. University Adaamaa yeroo ammaa sababaa diddaa gootota barattoota Oromoon qabateen kan cufamee jiru yeroo tahu, barattoota mooraa sanii keessaa hanga ammaatti nama 67 humna  waraana Wayyaaneen hidhaatti guuramanii gidirfamaa dhaa jiru. Kana malees barattoota mana barnoota sadarkaa lammaffaaWancii  fi Gimbii akkasumas Unversity Wallaggaa keessaa walitti qabaatti nama 102 manneen hidhaa adda addaa fi bakkoota hin beekamneetti geeffamanii akka jiran beekamaa dha.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Amajjii 03,2012

Amajjiin tokkoo fi Guyyaan WBO Oromiyaa Bakka Garaa Garaa Keessatti Kambajame.

Amajjii 3,2012

Tokkummaan dargaggoota biyyoolessaa(Qeerroon) guyyaa WBO seena qabeessaa fi Amajjii tokko bakkoota adda addaatti sirna howwaan kabajachuu gabaasaan Qeerroo Oromiyaa godina garaa garaa irraa gabaafame.

Akka kanaan :-

  1. University Dirree Daawwaa
  2. University Hasaasaa
  3. University Haromaya
  4. University Amboo
  5. University Jimmaa
  6. University Wallagaa
  7. Univesity Miizaan Teeppii

Keessatti qeerrooleen argaman sirna howwaan kambajachuu fi ejjennoo bara 2012 baafachuun dabarsanii jiru. Qeerroon bakkoota olitti gabaafame keessatti kabajatan akeeka tokkummaa dargaggoota biyyoolessaa bakkaan gahuuf bara 2012 keessa murtii fi qajeelfama barbaachisu  ofitti fudhachuun akka qabaasawan gabaasaalee ergame irratti addeessanii jiru.

University n Adaamaa haga ammaa diddaa isaanii kan itti fufan yeroo tahu mooraa san keessatti guyyaa WBO kabajachuuf carraa hin arganne.

Kana malees Qeerroon manneen barnoota sadarkaa lammaaffaa jiran, Ona Ibantu,Limmuu, Finca’a,Ayira Gullisoo,fi Gimbii jiran sirna ho’aan akka kabajatan gabaasaan naannoo san irraa dhufe ni addeessa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

SHORT REPORT ON CURRENT SITUATIO OF THE COUNTRY:-

By Deggera

 

1. Majority of the people are un able to exist specially in big cities like Finfinee. They are unable to eat even once a day. Because of this around some areas day robbery and looting have stated.There is high poverty situation. In Finfine alone it is estimated the are about 500,000 University graduates without job who have stayed without job for over three years.

2. Merchants were highly taxed. They were asked beyond what they got. Besides of their heavy tax payment they were forced to buy bonds for Abay construction.  As a result, most of them returned their licenses by paying the amount they were asked.

 4. All Banks were forced to contribute money for Abay dam construction, additionally they were also instructed to buy bonds by 27% of their loan portfolio

3. Beside heavy tax payment, they forced to contribute for portfolio. This means any time they give loan of Br 1,000,000 they are required to buy bond by Br. 270,000.

5. They are also required to deposit 25% of their total deposit at National Bank.

6. As a result all Banks went bankrupt. Today they are not in a position to lend Br. 1,000,000.

7. Because of this exporters, importers, construction workers and all other who want money from the Banks have stacked.

8. The current cities and towns Liz policy of Woyane have very much frustrated the people, because it puts all land under Liz. For example if you want sell your house you only sell the wall and roof, the land and its location value is sold by the Woyane according to the policy. Some people say Woyane is digging its grave fastly .Day by day what Woyane is doing including its “shibretegna awaj”and others has initiating to topple Woyane from power.

9.Woyane got printed 50 b/n Birr that was distributed in the market through its loyal members which exacerbated inflation rate by more than 59 %. To the contrary, even though woyane claims to have registered 11.4 economic growth there is production that much demand. Still they buy wheat , enable oil, sugar and other commodities which are only distributed in an insignifact amount among its members and supporters only. 

9. No independent judiciary system and media.

10. Totally, Woyane is not in a position to rule the country.

                                                                                                                                                      

              WHAT WOYANE IS DOING CURRENTLY

1. Wayne’s system of government is divided and rule system i.e. Macavelian style. They divide the people by ethnic, by region, by religion ,by age by sex etc. They propagate that one nation or tribe is the enemy of the other and they say that in their absence the county will not exist.

2. At the same time do to their fear, they have organized their security systems in millions and most of the country’s resources used for security, military and federal police.

3. Youths in Finfinne, what they used to call them “bozens” are today organized by the Woyanes to be their party members as youth league others as women’s league. Also they given them minor jobs like coble stone ,hollow blocket production ,carpentry, and other small handcraft jobs so that it enable Woyane to control them very closely. These organizations also work as security personnel. They report daily about their soundings. Every 10 member have got one leader who accepts the reports, and reports upward to his assigned boss. These woyane security systems are organized throughout the county.

4.  In Finfinee majority of the Federal Police member are from Southern Nations and Nationalities, especially from Wolaita and some from Gambela, of course, all the leaders are Tigrians.

                   THE ROLE OF INTELLECTUALS IN THE COUNTRY

1.  Intellectuals seem to have chosen to aloof or indifferent from the people’s struggle except very few old individuals.

2.  These intellectual are educated by the people’s money, but they are not supporting the freedom struggle of their people. Much has to be done around them.

 WHAT IS TO BE DONE TO ENHANCE PEOPLES STRUGLE TO AVOID WOYANE?

1.   People are fed up of Woyane.They want to get red of it, but they want someone or an organization who can give them guidance. Mass always needs leader/s. People are mentally and psychologically ready. Simply they want directions. People have got international experience from the struggle of Tunisians, Egyptians and Libyans peoples.

2.  Even the majority of the Tigrai people do not want woyane, except very few beneficiaries of the system.

3.  When movement starts, woyane may take harsh measures like mass killing, it is that time when counter attack from OLF places a significant role. I think it also magnifies OLF’s recognition nationally and internationally.

4.  Contacting reliable Oromos to standby the side of OLF by contributing money and by mobilizing the Oromo masses so that it takes part actively in the struggle to remove woyane from power with minimum sacrifice.

By Degera

 

Amajjiin Tokko Guyyaan WBO fi Waggaan Haaraa Magaalaa Ambotti Sirna Howwaan Kabajame.

Gabaasa Qeerroo Magaalaa Amboo,Amajjii 1,2012

Godina Lixaa Shawaa Onaa Amboottii Amajjiin 1/2012 haala addaa ta’een kabajamaa oolee jira. Kunis akkuma Beekamuu Uummaannii Oromoo Godinaa kanaa Amajjii lama,bara baran Bookkuu Cittuu’ ttii ni ayyaaneeffaata,Bokkuu Cittuu deemee seeraa uumaa fi uumamaa waaqa kadhata,seeraa jallaatee jiru nuf sirreessii yaa waaq jedhee dhugaa nu jalaa jallaatee nuf sirreessii jechuun bokkuu qabatee waaqa kadhata,  Sirna Bokkuu Cittuu bara kana kan Amajjii 1/2012 kan addaa isaa taasisuu dargaggoonnii Oromoo,beektonni fi Manguddoonnii hedduminaan argamuun guyyaa WBO Amajjii 1/2012 kabajatan. guyyaan kun uummaata Oromoo keessaattii bakkaa ol aanaa kan qabuudha yoommuu guyyaa kanaa hin dagatiina jechuun manguddoonnii sirnicha irraatti argaman dargagoota akeekan. Dargaggoonnii OROMOO Sirboota qabsoo bilisummaa oromoo fi Qeerroo bilisummaa Oromoo faarsuun wal bohaarsan,sirna kana ilaalchisun Videoleen  qindaa’a gama fuula duraatti Qeerroon dhiheessa.

 

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

Diinaaf Jilbeeffachuun Adaa Keenya Miti Jedhu Qeerroon University Adaamaa

“Nuti Qeerroon Oromoo dhaa Wayyaanee Irraatti Injfannoo Akka Goonfannu Of irratti Abdanne, Jedhu Dargaggoonni Oromoo”

Amajjii 1,2012 Qeerroo Adaamaa

Sochiin dargaggoota Oromoo biyyoolessaa baatii Ebla 2011 irratti erga eegalee booda,hanga guyyaa har’a kanaatti irree ofii cimsachuun diddaa mootummaa Wayyaanee irratti muldhisaniin mootummicha haalaan raasaa akka jiranii fi humnootiin tikaa fi Warraanni akkasumas Poolisiin mootummichaa tatamsa’aa Oromiyaa keessa asii fi achi kaatanii Qeerroo adamsuun humnaa ol waan itti taheef rakkoo dinagedee guddaa akka mootummicha irratti fidee jiru beekamee jira.

Sochiin qeerroo ta’aanii hidhamuu fi ajjeefamuu biyyaa arihamuu qofa osoo hin taane diddaa mudhisaa roorroo of irraa ittisaa tarkaanfii barbaachsisaa diina ofii irratti fudhachuu dha. Haala kanaan diddaan jidduu kana mudhateef dargaggoonni Oromoo mooraa University Adaamaa tarkaanfii Wayyaanee irratti fudhataniin kan ka’u barattooti 60 hidhamuun beekama. Barattoota hidhaman keessaa hanga ammaa kanneen mana hidhaa osoo hin galiin human waraana Wayyaaneen fuudhamanii bakka bu’an kan hin beekamiin keessaa Qeerroleen 25 maqaan isaanii akka armaa gadiiti.

1,Damee Guutaa-ecconomics waggaa 3ffaa
2,Miittoo Abrham-Mechanical engineering waggaa3ffaa
3,Keenboon Qajeelaa-waggaa 2ffaa
4,Dirribaa  Baalchaa-TVET waggaa 2ffaa
5,Araggaa Geetachoo-seera waggaa 2ffaa
6,Jibaat Malkaamuu-IT waggaa 3ffaa
7,Ibrahim Mohammad -Managemant waggaa 3ffaa
8,Mohammad Aman-Agriculture waggaa 3ffaa
9,Guddataa Shunaa-Agricultural engineering waggaa 3ffaa
10,Dassaleny Namarraa-IT waggaa 2ffaa
11,Takkaliny Taaffasee-waggaa 3ffaa
12.,Kaasahuun Tasfaayee-Wood engineering waggaa 3ffaa
13,Haayiluu Daggafaa-chemical engineering waggaa 3ffaa
14,Moris Adam-Engineering 2ffaa
15,Caalaa Abbayyaa-wood enginering waggaa 2ffaa
16,Taakkalaa Waggaarii-tuurizimii waggaa 2ffaa
17,Caalaa Addunyaa-seera waggaa 2ffaa
18.Mirreessaa Girmaa-Accounting waggaa 1ffaa
19,Tokkummaa Dirribaa-Seera waggaa 5ffaa
20,Taakkalaa Maammoo-Economics waggaa 3ffaa
21,Tasfaayee Kumsaa-chemical engineering waggaa 3ffaa
22,HIrphaa Tarfaa-Economics waggaa2ffaa
23,Derejjee Dabaloo-logistic waggaa 2ffaa
24,Ballinaa Kebede-waggaa 3ffaa
25,Magarsaa Abrham -waggaa 2ffaa dha.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Dhaamsa Bara Haaraa HD GS ABO Amajjii 2012

Dhaamsa Bara Haaraa HD GS ABO

Amajjii 2012

Miseensota ABO

Waraana Bilisummaa Oromoo

Dargaggootaa Oromoo

Ummata Oromoo Bal’aa

Deggertoota QBO

Firoottan QBO

Hunda dura baga bara haaraa 2012 nagaan geenye jedhee hawwii qabu maqaa hogganoota ABO, miseensotaa fi WBO falmaa diinaa irra jirun isinii dabarsa. Barri haaraan kun ummta Oromoof keessa isaatti bara nagaa fi tasgabbii, bara milkii fi injifannoo, bara diinni keenya mataan lafa ilaalu, kan saba keenyaa mataan ol jedhu akka nuuf tahu hawwii qabu dabarsa.

Bara haaraan yeroo dhufu, bara tokko xumurree bara haaraatti yeroo seennu isa  keessa dabarre of duuba deebinee mil’achuun, milkii fi danqaalee nu qunnaman, diddaa gabrummaa gaggeeffaman, haala ummata Oromoo fi QBO keessa kute gabaabsinee xiinxaluun ykn gamaggamuun, haalaa fi amala mootummaa Wayyanee nu bitaa jiru agarsiisuu, akkasumas haala naannoo gaanfa Afrikaa fi addunyaa ilaaluun didhaalee bara haaraa keessatti nu qunnamuu malan, xiyyeffannoo kennineefii kan irratti qabsaawuu qabnu walii akeekuun dirqama taha.

Guutuu dhaamsa kanaaf as tuqaa..  Dhaamsa HD GS ABO bara 2012