Waamichi Warraaqsaa University Finfinnee fi bakkoota adda adaatti maxxanfamuu itti fufe

Video

 

Walaloo Ka’i Qeerroo Part 2

Ka’i qeerroo 2

Diddaan Barattoota Oromoo Itti Fufe.Mootummaan Wayyaanee Raafamte.

Aside

Amajjii 25,2012 Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee diddaa barattooti Oromoo Amajjii 22 fi 23,2012 University Finfinnee keessatti eegalan dhukkaamsuuf jecha humana waraanaa fi tikaa heddumminaan mooraa san galchuun hanga ammaatti jeequu fi sodaachisaa akka jiru beekama. Kanas tahu diddaan barattootaa hin dhaabanne,hanga qabsoon mirga hiree murteeffannaa bakkaan gahutti sochiin dargaggootaa fi ummata Oromoo akka hin dhaabbanne qeerroon beeksisa.

Barattootni mana barumsaa Gudar sadarkaa lammaffaa fi Barattootni Koollejjii Qonnaa baakkoo diddaa itti fufuun mana barnoota isaanii cufanii jiru.Mootummaan wayyaanee barattoota dirqiin mana barumsaatti deebisuuf yaalii jabaa gochuu irratti argamtus hin milkoofne.Magaalli Finfinnee fi uummatni sodaa mootummaa wayyaanee irraa kan ka’e baay’ina waraana mootummaa bobba’een tasgabbii dhabdee jirti.Yaa’ii jiru irratti uummatni na qaanessa jechuun wayyaaneen sodaa guddaa keessa galtee jirti.Keellaawwan Hararii fi Finfinnee gidduutti argaman kanneen akka keellaa Awaash,Qaallittii irratti uummatni naannoodhaa naannootti bobba’u sakatta’a cimaan rakkachaa jira.Meeshaan uummataas naannoo kanatti haalaan saamamaa jira.

Gama biroon Sodaa Warraaqsi uummataa bilisummaa isaa kabajsiisuuf deemu irraa kan ka’e yuunivarsiitiileetti mootummaan tika ramaduunii fi walgahii gaggeessan irratti walitti qabsaa’uu jalqabuu iccitiin tika mootummaa Wayyaanee keessaa ba’e ifa goldhe.Tikni mootummaa kanaa wal gahii gaggeesseen hanga warraaqsi ka’utti ati eessa turte? atihoo? jechuun wal wal irratti qabsaa’uu jalqaban.Haaluma wal fakkaatuun Hooggantootni Poolisii federaalaa Amajjii 24,2012 wal gahii magaala Finfinnee Mexicotti godhaniin federaalaota naannoo naannootti hidhannoo guutuun bobbaasuuf murteessanii jiru.Ibidda warraaqsaa

qabate humnaan dhaamsuuf baajata biyyattii dhimma waraanaa fi bulchinsaaf oolchuun uummata biyyattii hiyyummaa bara baraa keessatti hambisuuf mootummaan kun waan deemtuuf uummatni hunduu irratti dammaquun tumsa warraaqsaa akka godhu dhaammanna!

Qabsoo itti fufna! Gabrummaan ni kuffifna!

University Haramaayaa Keessatti Basaasoti Wayyaanee Yoo Hojii Basaasaa Itti Fufan Qabxiin akka Dabalamuufi Himame

Aside

Yuunivarsiitiin Haramaayaa sodaa Barattoota Oromoo irraa kan qabu irraa kan ka’e tika mootummaa wayyaanee yeroo yeroon mariisisaa jira.Guyyaa Har’aa tikni mootummaa Wayyaanee itti gaafatamtoota baha Oromiyaa ta’an maqaan isaanii Kadirii fi Takkaaleny jedhaman miseensota isaanii waliin akkamiin diddaa jalqabame dhaamsuu akka danda’anii fi yuunivarsiitii Haramaayaa diddaa irraa bilisa akkamitti akka godhan yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti jaleewwan mootummaa mooraa keessatti argaman waliin marii’achaa oolan.Mariin kun sodaan kan guutamee ta’uu iccitiin isaan isaan keessaa ba’e saaxilee jira.Wal gahii isaanii kana irratti Jaleen mootummaa wayyaanee Barataa Solomon

Basaasa Wayyaanee Solomon jedhamu. Kiyyoo Qeerroo jala jira

Laggasaa Barataan Gender and Development keessatti kan argamuu fi qabsoo qeerroo dhaamsuuf waadaa yoommuu galu qabxii barnoota isaa akka idaasisaniif waadaa galuu isaanii iccitiin marii sana irraa ba’e saaxilee jira.Barataa Solomon Laggasaa miseensota ke dabalattee hojii ilmaan oromoo garbummaa bara baraa jalatti hambisu dhaabuu baannaan tarkaanfiin gatii hojii kee madaalu akka si eeggatu qeerroon dhaamee jira.Waardiyootni oromoo mooraa yuunivarsiitii Haramaayaas barattoota irraa oduu akka fuudhan dirqamni har’a ganama 24,2012 sa’a 8:00 am irratti wayita bakka itti bobba’an wal hiran kennamuu oduun qorannoon qeerroo ifa godheera.
Gama biroon mooraa yuunivarsiitii Adaamaa naannoo karrayyuu jedhamutti ilmaan oromoo nageenya dallaa sanaa eegan(Waardiyoota) irratti akeekkachiisni kennamaa jira.Waardiyootni kunneen ilmaan oromoo ta’uu isaaniin sodaa qaban ibsuufi jechuun qeerroon dhaamee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!