Ethiopia Aid Exposed

Malnourished boy in Southern Ethiopia-Flickr/Flicrarce

Perched in the arid south east of the country, the Southern Nations, Nationalities, and People’s Region (SNNPR) is an area notorious for its precarious harvest.

Green famine
Although the rains have now come, the lush green fields belie a terrible hunger. The rains came late and the crops are not yet ready to harvest.

The region is heavily dependent on foreign aid, but according to many of the people the Bureau spoke to, aid is not getting through.

In a remote village we came across a widow who has seven children ,who told us that begging is the family’s sole means of survival.

‘The situation is desperate. If the family cannot do their business [begging] we would have nothing.  It all depends what the children get. Apart from the grace of god we are living. There is nothing we can do. We have been abandoned. It is a matter of chance if we live or die.’

Bilisummaa, Walabummaa fi Dimokiraasiin ni mo’ata!

Yaamicha Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa.

Warraaqsi Itoophiyaa keessatti mandi’uuf jiru fakkii warraqsota biyyoota Kaaba Afrikaa, kan akka Tunisia, Egypt fi biyyoota Giddu-galeessa Bahaa ti. Sochiin ummataa godinaa kanneen keessatti eegalame ergaa seena-qabeessa tahe addunyaa hubachiise. Haalli keessa jirru yeroo itti dimokirasii fi sagaleen ummataa bulchiinsa abbaa irrootaa fi sirna cunqursaa siyaasaa isaan gaggeessan irratti ol-aantummaa argate tahuu mirkaneesse. Haa tahu malee hundeen dhibdee sochii warraaqsa nuti gaggeessinu fi wareegamni nu gaafatu warren kan irraa addummaa qabaata.

Nuti bartootni Oromoo fi bartootni saboota miidhaa bittaa jala jirruu ummata Itoophiyaas tahe hawaasa addunyaatti quca warraaqsaa qabsiisuu keenya kunoo ifatti labsineerra. Seenaa wareegama bartoota Oromoo dhiheenya taasisameef   bakka guddaa kennaa nutis wareegama bilisummaa baasuuf murteessanne. Bara baraan gabrummaa keessa jiraachuu irra bilisummaaf utuu falmannuu, wareegama seena-qabeessa taheef kufuu filanne. Ummatootni Ittophiyaa keessaas yaamicha keenya dhagahanii, miidhaa, cunqursaa fi gabrummaa of irraa dhabamsiisanii, bilisummaa, walabummaa fi sirna dimokiraasii haqaa dhugoomsatanii biyya isaanii keessa kabajaan jiraachuuf  goca bilisummaa bakka hundatti akka qabsisanii qalbii fi onnee guutuun akka nu waliin hiriiran guddisnee abdanna.

Waan taheef:

1fa- Bulchiisni Adda Bilisummaa Ummata Tigray ykn Adda Dimokirasii Warraaqsa Ummatoota Itophiyaa ofiin jedhu:

Mootummaa gosummaa irratti of ijaare, kan caasaa jaarmayaa Stalinistummaan masakamu, kan bu’ura siyaas-hawaasummaa fakkaattii tarkaanfachiisu waan taheef;

Sirni Federalummaa gartuun kun ittiin of fakkeessus sirna shiraan guutame, tokkummaa ummataa addaan diigee, qoqqoodee ittiin bituuf saganteessate waan taheef;

Mootummaan kun sabootaa fi sab-lammoota kanneen akka Oromoo, Ogaaden, Sidaamaa fi Ummatoota Kibba biyyattii akka diina innikkaatti ilaalee itti duulaa hanga har’aa waan gaheef;

Kanaaf, mootummichi dhugaa ummata biyyattii keessaa  ukkaamsuuf jecha duula humna waraanaa waggaa 20f Oromia, Ogaden fi naannoo adda addaatti  itti jiru, tarkaanfii waraanumaa fi lolaa, biyyattii keessaa saboota bittaa cunqursaa jalatti barootaaf kufanii jiran irraan geessisaa jiru  akka irraa dhaabu jedhna. 

  2fa- Mallas Zenawi baroota bulchiinsa isaa, waggaa 20 guutuu, miidhaa fi cunqursaa hamtuu ummatoota biyyattii irraan geessiseen aangoo isaa jabeessataa waan deemaa jiruuf;

Bulchiisni Mallas Zenawi kunis dhiitama mirga namoomaa hammaate, kan ummata nagaa haala lammii biyyaa irra gahuu hin malleen dararkeessuu (harassment), lafa irraa buqqisuu, dararuu, guuranii hidhuu fi ajjechaa raawwataa waan yoona gahee jiruuf;

Ummatni nagaan kumaatamaan manneen hidhaatti guuraman, badii takka malee manneen hidhaa keessatti hanga har’aa dhiphachaa waan jiraniif;

Kanaaf:

Hidhamtootni siyaasaa hundi haal-duree tokko malee daddaffiin akka hiikaman;

Manni hidhaa Qorannaa Giddu-Galeessaa ykn ‘Maikelawi’  jedhamu kan lubbuun dhala namaa keessatti gatii dhabsiisame, kan dhala  namaa keessatti dararuu, reebichaan qaamaa hir’isuu,  akka beeyiladaatti keessatti gorrawuuf  itti yaadamee ijaarame, akkasittis hanga har’aa lubbuu lammii biyyaa kumaatamaan keessatti galaafatamee fi galaafatamaas jiru haa cufamuu, giddu-galeessi diina lubbuu dhala namaa tahe kun daddaffiin haa diigamu jedhna.

3fa. Abbootiin taayitaa mootummaa Mallas Zenawii yeroo itti saamicha dinagdee gaggeessaniin soorumaa fi badhaadhina ofii akka guddina dinagdee biyyattiitti himataa jiran, ummatni Itoophiyaa keessaa garuu oolee buluuf iyyuu  jireenya guyya guyyaa of dadhabaa waan jiruuf;

Imaammata dinagdee dogoggoraa fi gowwoomsaa mootummichi gaggeessuun gatiin gabaa akka malee dabalaa, jireenyi ummata biyyattiitti hadhaawuutti dabalee mo’achuun dadhabamaa waan jiruuf;

Dhukkubni, beelli, hongee fi wallaalummaan mallattoo jireenya hawaasa waliigalaa Itoophiyaa keessaa tahee beekamaa waan jiruuf;

Kanaaf, Dhiheessiin mi’oota jireenya ummatichaa guyya guyyaaf barbaachisoo tattahan,  kanneen akka sukkaaraa, mi’eessaa fi daabboo jarjartiidhaan ummataaf akka dhihaatan;

Imaammatni dinagdee deega hamtuu ummata irraan geessisaa jiruu fi gatiin bittaa fi gurgurtaa gabaa to’annoo ala bifa saamichaan gaggeessamaa jiru akka daddaaffiin sirratu, oolee osoo hin bulin hojii irras akka oolu jedhna.

4fa- Bittaan mootummaa Mallas waa hunda keessaa harka kan qabu, keessattuu wiirtuu dinagdee biyyattii dhuunfaatti harkatti kan galchate waan taheef;

Dhaabbileen dinagdee biyyattii keessaa miseensota Adda Bilisummaa Ummata Tigraayii maqaa ‘EFFORT’ jedhamuun dhuunfatamuu fi haadha warraa Mallas Zenawi, Azeb Masifiniin to’atamaa jiraachuun hiccitii ummatni biyyattii keessaa tolchee beeku waan taheef;

Kanaaf, qabeenyaan dhuunfaa maatii Mallas Zenawiin dhuunfatame akka ummataaf deebisamu, saamichi seeraan alaa maatii fi aantota isaan hanga har’aa gaggeessame, kan ifatti hin bahin dabalee  haa qoratamu jedhna.

5fa – Ummatni biyyattii keessaa dhibba keessaa harki sagaltamni (90) jireenyi isaa qonnaatti hidhataa waan taheef;

Dhaadannoon “Lafti kan Qotee Bulaaf Haa tahu”  jedhu baroota 1960ta fi jalqaba 1970ta keessa belbelaa ture; kan bara 1974 biyya Itophiyaa keessatti ummata, siyaasa wal fakkaataa jala waliin hiriirsee, warraaqsa ummataa qabsiisuudhaan mootummaa Hayila Sillaasee aangoo irraa dhabamsiise;

Imaammata Saamicha Lafaa mootummaan Adda Bilisummaa Ummata Tigray gaggeessaa jiruun, ummatni dachee isaa dhabuun, buqqisamuu fi hoji-dhabilee taasisamuu irraa kan ka’e, gabrummaa ammayyaa, kan aangawummaa hidhata dinagdee addunyummaan wal qabateen, har’as naannoftuu haala fakkaattii keessa waan jiramuuf;

Kanaaf, imaammatni deegsaan kun daddaffiin akka irraa dhaabbatamu, wal tahiinsi idil-addunyaa gurgurtaa dachee ummataa xiyyeeffate akka fashaluu fi diigamu jedhna.

6fa- Biyyi Itoophiyaa jedhamtu kun waggoota 20n (digdamman) dabran karaa siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee deega caalaa hammaate keessa seentee waan jirtuuf;

Sirni siyaasaa mootummichi laf-jalaan ittiin gaggeessamu yaad-rimee (concept) Stalinistummaa waan taheef;

Qoodumsaan aangoo walabaa kan seer-baastotaa, (legislatives) seer-murtootaa (judiciaries) fi seer-alangootaa (executives) dhugaadhaan addaan bahee karaa walabummaa isaanii eeggataniin hujii irra oolaa waan hin jirreef;

Qaamota seeraa, kan walaba tahanii dhugaadhaan seera biyyattii keessaa hojjii irra oolchuun ture , bifa bulchiinsa Satlinistummaadhaan, Muummichi Ministeerotaa Mallas Zenawi aangoo fi  ol-aantummaa irratti  qabuun  gara ofiif  fedhutti daddabsaa waan jiruuf;

Mallas Zenawi takkaahuu filamee (elected) kan hin beekne garuu sirna Satalinistummaa uummateen kan of foosisuu (selected) waan taheef;

Kanaaf, Mallas Zenawi aangoo irraa bu’ee, waajjira akka gadi lakkisu barbaadna.

7fa- Filmaata biyyoolessaa Caamsaa bara 2010 gaggeessameen osoo mormitootni siyaasaa seeraan biyyattii keessatti galmaawan sagaltamaa (90) ol tahan dorgom jiranii, Addi Bilisummaa Ummata Tigiraayi, kan durumaan humnaan aangoo dhuunfate sagalee ummataa dhibba keessaa sagaltamii Sagalii fi tuqaa jaha (99.6%) aragachuu isaa haala tasumaa amansiisaa hin tahiniin waan labsateef;

Gaggeessitootni filmaatichaa miseensotuma paarti aangoo bittaa of harkaa qabuu waan tahaniif;

Maallqani filmaatichaaf ooluun irra ture, meeshaan sab-qunnatmii, humni poolisii fi tikiaa dhuunfata mootummichaa tahuu irraa kan ka’e paartiin siyaasaa durumaanuu aangoo of harkaa qabu akka deebisee mo’atuuf waan danda’an hundaan filmaata walaba tahuun irra ture humnaan ukkaamsaa, mo’icha paartii mootummichaaf garuu haala mijjeessaa waan turaniif;

Filmaatni biyyattii keessatti gaggeessame jedhamu qaanfachiisaa tahuutti dabalee, addunyaa ittiin gowwoomsuuf xapha siyaasaa raawwatame tahuun ifatti waan mul’ateef;

Kanaaf, golli qaama paarlmaa biyyattii lamaan (2n) daddaffiin akka diigaman,

Seera haqaa fi sirna dimokiraasii dhugaa biyyattii keessatti dhugoomsuuf mootummaan yeroo cehumsaa dhaabota sochii bilisummaa gaggeessaa jiran, jaarmota mormitoota siyaasaa adda addaa kan ammate  haa utubamu jedhna. 

Injifatnoon Saba Cunqurfameef!

Bilisummaa fi Dimokraasiin Ni Mo’ata!!

LAFEE OROMOO CACCABSITEE NYAATAA?*

                         Taammanaa Bitimaa irraa

Lafa, lafee Oromoo
Qaama sabaa kan qomoo
Biyyee, Biyya Oromoo
Dachee sabaa kan Qomoo
Maaf irra dannabsa
Maalumaaf caccabsa?

Lafatoo saamamee
Lafeetoo raamamee
Biyyeetu summeeffamee
Biyyatu guuyyeffamee
Anoo kanaafan iyyaa
Na dhagayi yaa biyya!

Jarri gaaraa dhufe
Kan roorroo itti-fufe
Warri abbaa qawwee
Nutti ta’e jawwee!

Nutti ta’ee jawwee
Hundumaa dhudha’aa
Nu duguuguuf hawwee
Hundumaa qusa’aa!

Inni sodaa Waaqaan beeku
Homaa safuu biyyaan eegu
Odaa-dha mummura
Awwaala gurgura
Aayyoo-dha garafa
Aabboo-dha wacafa
Kichuu keenyammoo soqola
Namummaa keenyas fonqola!

Lafa keenya irratti
Lafee teenya caccabsee
Biyyee teenya irratti
Saba keenya daddabsee
Gabroota nu godhatee
Olii-gad nu unkura
Awwaala akkilee-llee
Gabaa baasee gurgura!

Laftoo lafee teenyaa
Kan irratti dhalannu
Kan irratti awwaalamnu
Yaa WAAQ maalumaafi
Kan irratti waadamnu?

Innis ilmoo namaa
Nutis ilmoo namaa
Dacheerraa duguuguuf
Maaliif nutti gamaa?

Isas Waaqatoo uumee
Nuyis Waaqatoo uumee
Inni maaf nu gabroomfata
Ofii-saan of-shuumee?

Dirra Oromoo madeessitee dhaantaa?
Lafee Oromoo caccabsitee nyaattaa?
Lafa Oromoo qiqircattee saamtaa?
Handhuuraa saba-koo ol-harattee baattaa?
Xiqqaa-guddaa keenya garaftee waaddaa?
Uummmata-koo jiraa-saallee awwaaltaa?

Laggeen summeessitee
Gandeen bulleessitee
Dubbii bukeessitee
Garaa-kee kan bineensaa
Kan namaa fakkeessita
Sammuu-kee isa iyyeessa
Kan gamnaa fakkeessita!

Qawwee fi beelaan biyya keenya lixxee
Joollee fi manguddoo waaddachuun fixxee
Kunoo, amma awwaallan abbilee
Maarree, kaabbaawwan aayyilee
Gurgurachuun horoosaa raamta
Lafee namas caccabsitee nyaatta!

Coqorsa ciccirtee
Coqortuu diddirtee
Jaarsa gadamoojjii hiitee-woo garaftaa
Jaartii warra-moodii huutee-too wacaftaa!

Siiqqee caccabsita
Dhugaa daddabsita
Yeeyyiitti hirkattee
Lafee teenya caccabsatta
Alatti hiixattee
Lafa keenya gadabsatta!

Kunoo, Oromiyaa teenya
Gabaa addunyaa baaftee gurgurta
Ilaa, Oromoo fi Kuush keenya
Eeleerratti baaftee guggubda!

Mee-yaa uummata-koo
Uumee-too saba-koo
Hamma yoomiitti waadamaa jiraatta
Hanga hammamiitti dhaanamaa gixaanta?

Abboo silaa duuti hin ooluu
Maleekanillee kana achin qoluu
Akka abbootii keetii hidhaddhuu gadbayi
Akka haadhotii teetii siiqqedhaan olka’i
Yeeyyota alaa-manaa
Qaltuu sa’aa-namaa
Gubduu margaa-mukaa
Awwaaltuu namaa-dhugaa
Ka’iitii asii fi achi bittimsi
Darbaddhuutii ofirraa figgimsi!

Hayyee gaye, gaye
Ilaa gaye, gaye
Olka’ii tokkummaa-kee cimsi
Gadbayii diina-kee bittimsi
Walatayii gabrummaa dhidhimsi!

Akka lamuun deebineef
Dhidhimsii fageessi
Akkan bayyananneef
Irree-kee jabeessi
Jabeessii ofirraa qoladdhu
Cimsii mirga-keef loladdhu!

Olka’ii tokkummaa-kee cimsi
Gadbayii diina-kee bittimsi
Walatayii gabrummaa dhidhimsi
Eekaa, dhidhimsii fageessi
Dachee Abbaa Gadaarraa
Biyya warra odaarraa
Gabrummaa balleessi!

Awwaala gabrummaa-rratti
Kosii roorroo gubbaatti
Republika Gadaa tolchii hundeeffaddhu
Dhiigaa-lafee keenyaan bu’ur-jabeeffaddhu!

Barliin – 10. 05. 11

************    Hubachiisa Miiljalee    ************

* Walaloon kun mee miseensota qutee-bulaa Oromoo fi warra Gambeellaa, isaan qeyee fi gandeen ofii irraa buqqifamaniif mararfannoo fi biradhaabannoo haa tahu! Akkanuma uummata obbolaa keenyaa, Somaalota Ogaadeen warra gabroomfattoonni Habashaa rasaasaa fi beelaan fixaa jiraniif, mararfannoo fi biradhaabannoo haa tahu!

Revolt against subjugation has continued: Qeerroo pro-democracy movement stepped up in Nedjo, Wallaga province

(Qeerroo Report, Nedjo, August 04, 2011)

Qeerroo pro-democracy movement for freedom has spread out in Oromia; the Oromo youth in Nedjo Wallaga province stepped up the movement for freedom and democracy. On August 03, 2011, leaflets and other written documents, with a cite note recognising the life of Oromo which is deprived or swindled by the TPLF government become distributed and widespread in the city and rural areas of Nedjo. The document also makes reference about the escalated movement of Qeerroo National Youth Movement for Freedom and Democracy. The youth has organised themselves in groups and distributed the documents in all key areas, including hotels and government’s offices in the district.

The distributed documents have cited three main issues regarding the contemporary life tendencies in Oromia. These are: 1) taxation burden and the largest galloping inflation which is putting pressures on Oromo people, coerce pressure on poor Oromo farmers through unfair land use policy, the looting strategy of TPLF regime in Oromia, etc. 2) Issues about Oromo Liberation Front (OLF), 3) Issues about the objectives and strategies of Qeerroo National Youth Movement for Freedom and Democracy. Some of the main areas where all these documents posted and distributed include:

  1. Markets and different shops
  2. Yerosan Hotel
  3. Tirunesh Hotel
  4. Wakwayya Hotel
  5. L/Colonel Abdissa Aga School
  6. Private and Public Colleges
  7. Public bus station in the city
  8. Post Office
  9. Government Offices
  10. Commercial Bank
  11. Private residence areas

As a reason of the widespread post and distribution of these written documents, the TPLF militias, cadres and securities ruined the normal people’s activity by closing many public pedestrian paths as well as roads in the city. On top of that, the securities went to different hotels and private residences and caused instabilities. They chased out and arrested many Oromo youths, workers and farmers. The in and out movement to the city has also been destructed by the control of government securities. Intense control has been set out in order to check youths and other peoples coming in to the city.

Because of internet connection problem we couldn’t be able to upload pictures taken while securities chasing people and causing instabilities, and we took pictures also when the public gathered together and read the distributed and posted documents. We promise to upload them in the future.

The struggle shall continue and the oppressor will fall!

 

 

 

 

Fincilli Diddaa Gabrumaa Itti fufe, Wallaga Magaalli Najjoo Sochii Qeerroon Howwite.

Gabaasa Qeerroo Najjoo Hagayya 04,2011

Sochiin Qeerroo Bilisummaa itti fufuun Hagayya 03,bara 2011 godina Wallagaa magaalaa Najjoo keessatti barruuleen haala jireenya ummata keenyaa fi rakkoo muutummaan Wayyaanee ummata Oromoo irraan gahaa jiru gadi fageenyaan kan ibsu adda addaa fi Akeeka sochii qeerroo bilisummaa Oromoo kan ibsu heddumminaan faca’ee  oole.Dargaggootiin Oromoo magaala Najjoo bakkoota bebbeekamoo ta’anitti gartuun bobba’anii waraqaalee qabsoo Oromoo deggeru ummataaf raabsoo irra darbanii manneen hojii mootummaa fi hoteelota adda addaa jalatti maxxansanii jiraachuu qeerroon gabaasa.

Waraqaan Qeerroon faca’e kun bifa sadii kan if keessaa qabu yeroo tahu. 1ffaa  haala gibiraa fi qaalawiinsa jireenyaa ummata keenya irra gahee fi qoteebulaan Oromoo lafa isaa irra jiraachuu dhadhabuu,saamicha murni bichuu Wayyaanee Oromiyaa irraan gahaa jirtuu fi kkf if keessaa qabu, 2ffaa ibsoota ABO. 3ffaa, Sochii dargaggoota biyyoolessaa ykn Qeerroo kan ibsuu fi Akeeka qeerroo kan gahaatti ummataa barsiisu ture.

Barruulee kana qeerroon magaalaa fi baadiyyaa Najjoo walgahanii bakkoota dhaabatanii hiraa oolan fi bakkatti facaasan keessaa.

  1. Suuqiilee guguddaa magaalaa Najjoo keessa jiran cinaa
  2. Hoteela Yeroosan
  3. Hoteela Xurunesh
  4. Hoteela Waawayyaa
  5. Mana barumsaa Letenal Kolonel Abdiisaa Aagaa
  6. Kolleejjii Fayyilichaa aa
  7. Buufata Konkolaataa Magaalaa Najjoo

Yeroo tahu bakkoota kaan ammoo gidaara manneen adda addaa irratti maxxanfame keessaa

Mana jireenya bulchiinsa Wayyaanootaa boroo, Mana barumsaa K.Abdiisaa Aagaa,Suuqiilee lafa gabaa

Manneen jireenya dhuufnaa dhagaa irraa ijaaraman mara.,Mana Baakii Daldagaa fi Mana Poostaa

Yeroo tahu, sochii kanaa fi gochaan qeerroo kana kan dhageesse Wayyaaneen humna waraanaa fi poolisaa heddumminaan guurrachuun magaalaa Najjoo keessaa akka namuu hin baane karaa hunda irratti yoo sakata’a gochuun nama jeequun hanqatnaan manneen jireenyaa dhuunfaa fi hoteelota hunda seenuun sakata’aa bal’aa gaggeessaa turan, humna poolisoota magaalaa keessaa jiran kaaniin shakkii irraa kaasanii qormaata jala galchuu fi namoota bebbeekamoo Oromoo magaalichaa qabaa turan.

Dargaggoota magaalaa Najjoo fi namoota naannoo biraa hojiif magaalicha seenanii jiran hamma ammaatti qabanii akka qorataa jiranii fi sochii kanaafs humna poolicaa akka dabalanii jiran gabaasi qeerroo Najjoo irraa  ergame addeessa.

Suuraalee poolisooti Wayyaanee yeroo jeeqamanii ummata goolaa jiranii fi waraqaa Qeerroon facaasetti ummati gammadee yeroo ifitti maxxansee ungataa ture kan kaafne sababa internata argachuu hin dandeenyeef yeroo biratti akka erginu abdiin qabana jedha gabaasi qeerroo Najjoo.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!!

 

 

Disappearance of Oromo university students in the summer break

Qeerroo Report, Finfinnee, August 3, 2011

The whereabouts of many Oromo students from the different universities, who have joined their families in the summer break, are unknown. The intensified pro-democracy Qeerroo National Youth Movement for Freedom and Democracy has caused massive frustration in the TPLF government. Since April 15, 2011, the TPLF government’s security has imprisoned, tortured, poisoned and gunned many Oromo university students. Others have fled from their home land because of the persevered interrogation and torment. The TPLF government has invested huge resources to enhance the interrogation techniques or set of alternatives to bring down the activism of pro-democracy Qeerroo university students. Here are some of the reported lists of Oromo university students whose their whereabouts are unknown:

  1. Gemechis Yoseph, from Adama University
  2. Abdissa Meshesha, from Adama University
  3. Obse Bekele,  from Adama University
  4. Solomon Indalu, from Adama University
  5. Kumessa, from Ambo University
  6. Moyi Oljirra, from Ambo University
  7. Tariku Murmur, from Haromaya University
  8. Kumsa, from Haromaya University
  9. Ibsa Gemeachu, from Haromaya University
  10. Getu Rabira, from Hawasa University
  11. Lalise Joba,  from Hawasa University
  12. Lemi Tasisa, from Teppi University
  13. Ahmed Mohammed, from Jima University
  14. Anuwar Jundi, from Jima University
  15. Lemi Garoma, from Jima University
  16. Akalu Kebede, from Jima University
  17. Damara Kajela, from Wallaga University
  18. Shitaye, from Wallaga University
  19. Melka, from Arbaminch University

The families of these students are appealing to the government to release the students from where they are trapped in. In many parts of Oromia, pro-democracy Qeerroo National Youth Movement for Freedom and Democracy has also urging the government to releases the students.

The struggle shall continue and the oppressor will fall!

 

Barattooti Oromoo University adda addaa yeroo boqonna Isaaniitti bakka bu’an wallalame.

Gabaasa Qeerroo Hagayya, 03,2011 Finfinnee

Barattoota Oromoo University adda addaa keessaa gara maatii isaaniittii yeroo boqonnaa gannaaf galan hanga ammaa bakka bu’an walaalame. Sochiin dargaggoota biyyoolessaa(Qeerroo) irraa soda guddaa kan qabu mootummaan Wayyaanee,erga baatii Ebla 15,2011 irraa eegalee barattoota Oromoo heddumminaan mana hidhaatti geessaa jira,kanneen kaan miidhaa rasaasaan rukutuu fi biyyaa arihuuu,kaaniin ammoo summii nyaachisee akka walalchisuun beekamaa dha. Tooftaa qabu hundaan barattota Oromoo qaroo tahan kan fixuu eegale mootummaan wayyaanee, dargaggoota Universitylee adda addaa irraa boqonnaa gannaaf maatii isaaniittii osoo galanii kan bakka bu’an walalame garii keessaa:-

  1. Gammachiis Yoseef.. University Adaamaa irraa
  2. Abdiisaa Meshesha University Adaamaa
  3. Obsee Bekele University Adaamaa
  4. Solomoon Indaaluu Adaamaa
  5. Kumeessaa University Amboo
  6. Moyii Oljirra University Amboo
  7. Tariku Murmur University Haromaya
  8. Kumsaa  University Haromaya
  9. Ibsa Gammachuu Haromaya
  10. Getu Rabbirraa University Hawaasaa
  11. Lalisee Joba University Hawaasa
  12. Lammii Taasisaa University Teeppii
  13. Ahimed Mohammed University Jimmaa
  14. Anuwaar Jundi University Jimmaa
  15. Lammii Gaaromaa University Jimmaa
  16. Akaluu Kebede University Jimmaa
  17. Dammaraa Qajeelaa University Wallaga
  18. Shitaayee University Wallagaa
  19. Malkaa University Arbamincii

Kanneen kun hanga har’aatti bakka bu’an hin beekamu. Maatii fi dargaggooti Oromoo kaan mootummaan Wayyaanee bakka barattooti kun jiran irraa akka daddaffiin gadhiisu naannoo naannoo isaanitti iyyachuu gabaasi qeerroo addeessa.

Qabsoon itti fufa! Gabaroomsaan ni kufa!

“Tokkichi Abbaa,tokkichi haadhaa–du’a hin sodaatu”

YouTube help center | e-mail options | report spam
:

I like this song! Impressive

You can reply to this comment by visiting the comments page.

By the way, did you know you can rent movies from YouTube? Check it out now: youtube.com/movies.

© 2011 YouTube, LLC
901 Cherry Ave, San Bruno, CA 94066