በፍትሕ እጦት ከሃገር መኮብለሉ ቀጥሏል

(ቄሮ ዜና  ፍንፍኔ  ነሃሴ 22 2011) በአቶ ብርሃን ሀይሉ የሚመራ  የወያኔ ፍትሕ ሚንስቴ ር መስሪያ ቤት በኦሮሞ ተወላጆች ላይ ጥብቅ ክትትል እያደረገ መወሰኑን ምንጮቻችን አገለጡ::

የቄሮ ምንጮች ከፍትሕ ሚ/ር እንዳስታወቁት በመስሪያ ቤቱ ዉስጥ በኦሮሞ ተወላጆች ላይ ጥብቅ ክትትል እንድደረግ የተወሰነው በፍትሕ ሚኒስቴር የሕግ ጥናት ማርቀቅና ማስረፅ ዳይሬክቶሬት ዳይሬክተር አቶ ለገሰ ዓለሙ  ከወር በፊት ለስብሰባ አሜሪካ ሄደው በዚያው በመቅረታቸው ነው፡፡

ሚኒስትሩ አቶ ብርሃንና ዳይሬክተሩ አቶ ለገሰ ለሁለት ሣምንታት ወደ አሜሪካ ከሄዱ ቦኋላ  በሄዱበት ጉዳይ ላይ ከአሜሪካ ከፍተኛ የሕግ ኤክስፐርቶች ጋር እየተገናኙ ለተወሰኑ ቀናት ሲወያዩ ቆይተዋል፡፡

በወቅቱ አቶ ለገሰ ዘመዶቻቸውን ጠይቀው እንደሚመጡ ለሚኒስትሩ ነግረዋቸው ከሄዱ በኋላ በዚያው መቅረታቸውን የተናገሩት ምንጮ ቻችን ፣ አቶ ብርሃን ከተመለሱ  ቦኋላ  በኦሮሞ ተወላጆች ላይ ጥብቅ ክትትል እንድደረግ የወሰኑት ለአቶ ለገሰ መረጃ የሚያቀብሉ የመስሪያ ቤቱ ሰራተኞችን ለመጋለጥ በሚል ሰበብ መሆኑን ወሰኑን አስታውቀዋል፡፡

አቶ ለገሰ አሜሪካ ዉስጥ ለምን ለመቅረት እንደወሰኑ ለግዜው የታወቀ ነገር ባይኖርም፣ በተለይም ከቅርብ ጊዜ ወዲህ በፍትህ ሚኒስቴር ኢሃዴግን በአባልነት ያልተቀላቀለም ሆነ ለመቀላቀል ፈቃደኛ ያልሆነ የህግ ባለሙያ በነጻነት እንደማይሰራ፣ የህግ ባለሙያ የጥብቅና ፈቅድ ማግኘት እንደማይችልና ሌላ ስራም ለመቀጠር እንደማማይፈቀድለት በመገንዘባቸዉ  ሳይሆን እንዳልቀረ የውስጥ ምንጮች ይናገራሉ::

በፍትህ ሚንስቴር ከፍተኛ አመራር አካላት ከመነጨ የውስጥ ሚስጥር በሚኒስትሩ የማናጅመንት አባላት ተወስኖ ተግባራዊ ከሆኑት መመሪያዎች አንዱ የመስሩያ ቤቱ የህግ ባለሙያዎች ኢህአዴግን በአባልነት መቀላቀል እንደሆነ ታውቁአል።

በመመሪያው መሰረትም ወያኔ ኢሃዴግን እንዲቀላቀሉ ተጠይቀው በተለያዩ ምክንያቶች ፈቃደኛ ያልሆኑ የህግ ባለሙያዎች በመስሪያ ቤቱ ማናጅመንት ውሳኔ የጥብቅና ፍቃድ እንዳያወጡ እንዲሁም ሌሎች ተዛማጅነት ያላቸውን ስራዎች እንዳይቀጠሩ በውሳኔ ታግደዋል።

ዘረኛው የወያኔ አገዛዝ ከጥቂት አመታት በፊት በጥቂት ሺሆች ይቆጠሩ የነበሩ አባሎቹን ቁጥር ከአምስት ሚሊዮን በላይ እንዳሳደገ የሚለፍፈው፣ ዜጎችን በግዳጅ አባል በማድረግ፣  በተለይም ከቅርብ ጊዜ ወዲህ የወያኔ ኢህአዴግ አባል የሚሆኑ ግለሰቦች በግዴታ፣ በጥቅማጥቅምና፣ አጣብቂኝ ውስጥ በመግባታቸው ነው:: ይሁንና አባል ተብዬዎቹ ለወያኔው ኢህ አዴግ አገዛዝ ምንም አይነት ፍላጎትም ሆነ ድጋፍ የሌላቸው መሆናቸውን ይናገራሉ።

አቶ ለገሰ ኦሮሚያ ክልል ዳኛ ሆነው በማገልገል ላይ እያሉ በ2000 ዓ.ም. ወደ ፍትሕ ሚኒስቴር መሥርያ ቤት ተዛውረው የሲቪል ሰርቪስ ማሻሻያ ጽሕፈት ቤት ኃላፊ፣ የለውጥ አመራር ማስተባበሪያ ኃላፊና አሁን ደግሞ የሕግ ጥናት ማርቀቅና ማስረፅ ዳይሬክቶሬት ዳይሬክተር ሆነው እየሠሩ ነበር፡፡ ከዚህ በፍትም በርካታ የሕግ ባለሙያዎችነ ዜጎች  በፍትሕ እጦት ከሃገሪቱ መኮብለላቸዉ ይታወቃል::

Hammeenya Dargaggoota Irratti Hojjatamaa jiru Dura Dhaabachuun Dirqama Seenaati.

Jireenyi ummata Oromoo kan yeroo kamii caalaa gadadoo tahee mirga hawaasummaa fi dhalootaa dhabaa akka jiru beekamaa dha.Mootummaan Wayyaanee tahe jedhee rakkoolee adda addaa kan hawaasicha dadhabsiisu uumaa ykn raawwachaa jira. Kanas toftaa adda addaan raawwata. Seenaa irraayis ta’e haala qabatamaa amma jiru irraa akka hubatamutti qaama hawaasaa keessaa kan humna jijirramaa jedhaman gurguddaa keessaa dargagessaa fi nama baratee dha. Seenaa warra Giriikii keessatti Sokiraatas kan itti hidhamee ture kessaa dargaggoota biyya isaa walitti qabee waan barsisaa tureefi. Seenaa Xaaliyaanii keessatti Geeribaaldiin warraaqsa yeroo saniif kan filatee bu’a qabeessa itti ta’e kessaa dargaggoota gamteessuun waan socho’eefi. Seenaa Kuubaa keessatti Fidal Kaastiroon sochii kan eegale wayta dargaggummaa isaatti yeroo ta’u, qaama dargaggoo walitti gurmeessee waan socho’eefis sochiin eegale bu’a qabeessa ta’e.

Yeroo ammaas sochii fi warraaqsa biyyoota Arbaa ykn Afrikaa Kaabaa fi Giddu-gala Bahaa keessatti humna guddaa ta’ee kan qabsoo ummatootaa fininsaa jiran qaama dargaggootaa kana. Seenaa Empaayera Itoophiyaa keessattis Sochii Barattoota irraa eegalee hanga qabsoo hidhannootti gahe keessatti dargaggoon maal akka ture seenaan nuuf hima. Namni barates warraaqsa tokkoof beekumsaan akka boba’aa ta’ee kan fayyaduu dha. Humnii fi fedhiin qofti galma gahiinsa qabsoo kamiifuu gahaa miti jechuun ni danda’ama. Beekumsi barbaachisaa dha. Wanti irratti xiyyeeffachuu barbaadu tarkaanfii gama mootummaa wayyaaneen qaama hawaasaa kana laamshessuuf fudhatamee fi fudhatamaa jiru irratti.

Dargageessi biyya kanaa sababa jabanummaa/baranummaa jedhuun araada adda addaa keessa akka galuu fi maraammartoo keessa akka seenuuf, dhimma siyaasaa akka hin yaadnee fi hin kaasneef shirri wayyaaneen irratti shiramaa turee fi jiru guddaa dha. Yeroo ammaa biyyattii keessatti faallaa safuu hawaasichaan manni shiishaa, manni jimaa, manni dhugaatii naannawaa manneen barumsaatti, naannawa dargagoonni salphaatti argachuu danda’anitti akka banaman gochuun jajjabeessuun gamatti, namoota kana raawwataniif liqii mijeessuun gargaaraa jira. Caasaa mootummaa keessumattuu caasaa tika isaa keessatti namoota wanta akkasii dhaadheessan (catalyst) ta’an baajeta ramadeefii Hawaasa keessa akka socho’anii sammuu dargaggootaa irratti hojjetan taasisaa jira.

Dargaggootni waa’ee siyaasaa akka hin kaafne, miidhaa fi cunqursaa mootummichi raawwatu akka hin mormineef ajandaan isaanii kubbaa miilaa Awuroppaa faa fi bashannana qofa akka ta’uuf karaa miidiyaa isaa kan akka FM fi TELEVIZIYOONAAN ka’imman burjaajessuuf shirri dalagaa jiru guddaa dha. Raadiyooleen FM keessummattuu naannawaa Finfinnee jiran guyyaa guutuu yeroo ammaa immoo hanga halkan guutuuutti kan odeessan waan dargageessa beekumsaan cimsu, naamusa horachiisu, ogummaa argachiisu otoo hin taane, kan sammuu isaa hatuu (corrupt) fi yaada isaa gara biraatti tamsaasu (deflect) godhuu dha. Raadiyooleen akkasii yeroo ammaa magaalaa gurguddoo biyyattii keessatti banamanii jirn. Wayyaanee fi dabballootni isaas akkasumas kanneen sammuu dargaggeessa biyyattii addatti ammoo dargaggoota Oromoo irratti hojjechaa jiranis waanuma raadiyooleen kun hojjetan hojjechaa jiru.

Raadiyooleen Wayyaaneen utubamanii fi geggeeffaman kunis Oromiyaa keessatti baay’atan. Kan Tigraay keessatti argaman bicuu dha. Kan Naannoo Amaaraa Baardaar FM qofa. Kan Oromiyaa garuu Jimmaa, Mattuu, Laga Daadhii, kan Finfinnee marti naannawaa Finfinnee iddoo baay’eetti dhagahamu; hanga Arsii fi giddu gala Oromiyaatti ni dhaga’aman. Kan Oromiyaa Adaamaa irraa tamsa’us hojiima kana geggeessa jechuutu danda’ama. As irratti jimaa alanfachuun Naannoo Tigraayitti Sadarkaa seera maatii isaaniitti dhorkamaa dha. Oromiyaa keessatti garuu dargaggootni Oromoo kanaan qabamanii akka ta’anii fi waa’ee biyyaa fi ummata isaanii akka hin herregneef, bajanni ramadamee akka manni jimaa fi manni shiishaa banamanii fi babal’ataniif hojjetamaa turuu fi amma illee itti fufamee jiraachuu qalbeeffachuun barbaachisaa dha.

Dargaggoota, barattoota ykn Ijoollee wayyaaneef mana intarneetii, mana barumsaa gaariitu ijaaramaaf; manni kitaabaa ijaarameefii kitaabotni bitamaniif; iddoo itti bashannanaan kan akka bakka Ispoortiitu qopheeffamaaf. Kan keenyaaf kan ijaaramu isa isa burjaajesssu, akka inni of irraanfatu, jireenya gabrummaa fi cunqursaa isa irra jiru baree akka of irraa hin darbineef kan ija isaa qabutu ijaaramaaf. Waa’een kubbaa miilaa oggaa dubbatamu, as irratti kubbaa miilaa sadarkaa odeeffannoo qofaaf odeessuun miidhaa qaba jechuu miti; kan sadarkaa oliitti godhamaa jiru garuu kaayyoon isaa dargaggoo burjaajessuu dha. Dargaggeessi barate waa’ee siyaasaa ykn hammeenya sirnichi biyyattii keessatti raawwataa jiru irratti mari’achuu fi wal falmuu dhiisee, waa’ee kubbaa miilaa biyyoota Awuroppaatiin akka qabamu, kana irraas gareen wal ijaaree akka wal loluu fi wal ajjeesuuf karaa midiyaa fi dabballoota wayyaaneen shirri dargaggoota irratti shiramaa jiru honga hin qabu.

Sagantaan filannoo sirboota biyya alaa, sagantaan “hayiree” guyyaa sa’aa 8:00 irraa qabee tamsa’u dargaggoota Jimaan qabaman dabalatee kanneen biroo irrattis miidhaan fidaa jiru xiqqaa miti. Manni fiilmii biyyattii keessa jiran filmii biyya alaa faallaa safuu ta’an ifatti agarsiisaa kan oolan oggaa ta’u, poolisootni wayyaanee kana osoo arganii fi beekanii callisanii ilaalu. Manneen akkasiis kan baay’atan Finfinnee dabalatee Oromiyaa keessatti. Duula mootummaan wayyaanee dargaggoota Oromoo sammuu isaanii adoochuuf itti jiru kanaaf ka’imman keenya garii saaxilamaniiru. Gabaabumatti kaayyoon wayyaanee dhaloota naamusa hin qabne, kan waa gara biraa hin yaadnee fi sirnicha irratti mormii hin kaasne, dhaloota sammuun isaa du’e uumee biyyattii mormii malee bituu bituu dha. Kun dhimma guddaa dargaggoota/Qeerroolee Oromoon itti yaadamee furmaatni hatattamaa itti soqamuu fi fala argachuu qabuu dha.

Mootummaan farra ummataa ta’e kun gama barumsaanis dargaggoota laamshessuuf yakki hojjechaa jiru guddaa dha. Kanas gama lamaan raawwata. Tokkoffaan gatiin barumsaa akka gadi bu’u gochuun, hayyota busheessuu dha. Qulqullinni barnootaas akka gadi bu’uu fi namoonni beekumsaan bilchaatoo ta’an akka hin baane gochuufis walitti fufiinsaan hojjetaa jira. Namoonni yaada warraaqsaa qaban namoota kaaniin akka liqimfamanii hafan gachuunis akeeka wayyaanee ti. Qulqullina barnootaa ajjeeseen barattoota dadhaboo oomishee wayta isaan hojii argachuu dadhaban miseensa isaa ta’anii hirkattummaan akka jiraataniif badii guddaa irratti hojjeteera; hojjechaas jira. Rakkoo kanaan wal qabatee dhufe irraa kan ka’e kan dargageessi gara caalaatti itti dhimmamu qarshi argatuun mana jimaa dhaqee dhakatee ooluu, mana dhugaatii galee dhuguu fi bashannanuu qofa irratti akka xiyyeeffatu ta’e jedhamee godhamaa jira. Akeeki wayyaanee kunis sirna gabrummaa isaa mormii tokko malee jiraachisuufi.

Namoota ykn dargaggoota shira isaatti dammaqanii isa mormanii fi balaaleffatan, akkasumas kanneen miseensa isaa ta’uu didan hojii dhorkachuun dadhabsiisuuf irratti hojjeta. Sammuu isaanii tasgabbii dhorkuun irratti olola. Gariin hidhee yeroo barumsaa jalaa dabarsuun abdii kutachiisee cunqursaan akka bulaniif hammeenya irratti raawwata. Hiriyoota kanneen hidhamaniif fakkeessaaf iddoo garii kennuufiin akkasumas “new blood” ittiin jechuun warri hidhame kun akka isaan dharra’anii kiyyoo gabrummaa filataniif kakaasuuf shirri shiramus baay’ee dha.

Namoota xaxaa sirna cunqursaa kana mara darbanii hojii galan miseensa isaas yaa ta’u kan hin taane biiroolee keessatti ajandaa adda addaa uumeefii burjaajessuu, mudduunis waan ifatti mul’atuu dha. BPR, bsc hojimaata haaraa, walgayii dhaabaa jedhanii maqaa qorannoon dabballoota dhoksaan kaawwataniin sammuu hadoochuu fi hatuuf akka yaalanis hojjettootni garii ni hubatan.

Wanti armaan olitti godhaman kun caalaatti kan xiyyeeffatan dargaggota irratti dha. Wayyaaneen barattooti/dargaggooti ilaacha badaa mootummaa keenya irraa waan qabaniif karaa fedheenuu yaadaa fi qalbii isaanii gara biraatti jijjiirree dargaggoota sirna keenya mormuu hin dandeenye “new bloods” kan ta’an uumuu dha qabna jedhanii akeeka kanaan socho’aa jiran. Dargaggootni Oromoo dallaa gabrummaa fi cunqursaa mootummaan farrummaan beekamu wayyaaneen isaanitti naannessee ijaaraa jiru kana hagam hubatanii, dallaa shiraa diinummaa kana diiganii keessaa bahuuf socho’aa jiruun gaaffii yeroo Qeerroon Oromoo deebisuu qabuu dha.

Waa’ee beektotaa yoo ilaallus kan dargaggootaan waan xiqqoo qofaan adda ta’a. Beektota irrattis mootummaan wayyaanee karaa adda addaan hojjechaa jira. Dur qote- bulaa, daf-qaan bulaa fi kkf ture; amma garuu paartiin bulaatu uumame. Kun karaa lamaan raawwata. Kunniin garaaf mo’aman kallattumaan akkasumas kaayyoo wayyaanee jalatti hiriranii socho’u. Warra akeeka isaa hin fudhannee fi hin deggerre ammoo duula adda addaa irratti geggeessuun humna dhabsiisee akka isaan adeemsa siyaasaa biyyattii hin ilaalle gochuuf ijibbaata.

Yeroo ammaa manni kondomineemii yoo ijaarame kan hiramu miseensota wayyaanee qofaafi. Kunumtuu kan kennamu baay’inaan lammiiwwan Tigraayiif oggaa ta’u, darbee darbee Amaarotaa fi warra Kibbaaf ni laatama. Oromoof hin kennamu jechuutu danda’ama. Oromoon mana kana jara irraa kireeffatee keessa jiraata. Sirnichi yeroo adda addaatti beektota biyyattii keessa jiran walitti qabee abdii sobaa galaafii oola. Mana isinii ijaarra, konkolaataa isinii binna, miindaa isinii daballa jechuun abdiin akka jiraatan; abdii kana irraa ammoo mootummicha mormuu irraa akka of qusatan godhee jiraachuuf sammuu isaanii irratti hojjechaa ture; ittis jira.

Mootummaan kun tooftaa qoqqoodanii bituu waan hordofuuf, namoota muraasaaf fayidaa adda addaa kennee, kaan dhorkatee namoota walitti buusuun namni yaada tokkoo akka hin qabaanne godha. “Lafeen arbaa lafee arbaan malee hin cabu” jedhama. Hayyootas walii isaaniin akka wal bal’eessaniif irratti hojjata. Hayyotni biyyattii, keessattuu beektotni Oromoo gocha diinummaa isaan irratti hojjatamaa jiru; siyaasa biyyaa fi saba isaanii irraa moggeeffamanii keessummaa akka ta’aniifiif shira isaan irratti xaxamaa jiru hagam hubachaa jiruu fi ekaaka diinaa kana fashalsuuf ammoo maal gochaa jiruun gaaffii guddaa dha.

Humni gurguddaan kun lamaan jechuun dargaggootnii fi hayyotni Oromoo warraaqsa ummata keenyaa keessatti qoodi gumaachan akka gadi xiqqaatuuf wayyaaneen kufee ka’ee hojjechaa jiraachuu isaatiif tuqaaleen kaafaman ragaa dha. Diinni walitti hidhannaan qabsoo murna baratee fi ummata baadiyaa fi magaalaa gidduu jiru akka laaffatuuf, ykn akka hin jiraatneef barbaada; kana itti dammaqanii fashalsuu fi walitti dhufeenya jiru jabeessuuf hojjechuun ammoo qooda sabboontota Oromoo, addatti dirqama barattootaa fi Qeerroo Oromoo kanneen dammaqanii, sabboonummaa Oromummaa hidhatanii falmaa irra jiranii ti.

Ummata keenya fedhii qabsoo qabu miira isaa qabsoof kakaasuunis dirqama sabboontotaa, dirqama dargaggoota Oromoo warra dammaqee diina jalaa galee jiruu ti. Ummatni keenya misaa’eelii boonmii hidhatee garuu boba’aa hin qabneen wal fakkaachuu hin qabu. Kanaaf sochiin Qeerroon godhullee haaloota kana tilmaama keessa galchuu dha qaba.

Oromo students in Maikelawi and Kaliti prison refused to inquire pardon

Qeerroo Report, Finfinnee, August 19, 2011

The overcrowding hits record level in the different prison centres in Oromia. Since April 2011, Ethiopian TPLF government have sustained a vast number of Oromo students and youth in prison and the whereabouts of many students have been undisclosed. The families of these students have been worried about the health status and the whereabouts of their children.

The intensified national pro-democracy movement by Oromo university students have put the TPLF government in a frightful situation. It was because of this fact the government allegedly accused these students and sustained them in prison. In this month, the government arranged systematic propaganda for the imprisoned students in Maikelawi and Kaliti to apologise on national TV and Radio. The government proposed a statement which states the movement by the students is “anti-democracy and the students should apologise the public for taking part in it.” However, the students refused to inquire pardon.

The Oromo students in Maikelawi and Kaliti insisted that the movement is a pro-democracy national movement, not anti-democracy. They told the government they rather prefer to be tortured in the prison than inquiring pardon. The students believed that even if they released on pardon, the problem of the Oromos will stay unresolved.

The systematic release of prisoners in pardon is not a new fashion; even it has been practiced by Derg regime. In 1980, the Derg government urged Abiyu Galata, Abbaa Biyyaa Abbaa Joobir, Zagaye Asfaw, current OLF Chairman Dawud Ibsa etc to apologise and inquire pardon. However, these pro-democracy nationalists have declined the government’s proposal and insisted on their movement against the tyrant. As the same process, the refusal of TPLF government’s proposal of in inquiring pardon by the Oromo youth has pleased other Oromo students and youths who are advancing the Qeerroo pro-democracy movement.

The struggle shall continue and the oppressor will fall!

Gaaffiin Mirgaa Ummanni Oromoo Kaasee Gurgurree Dhiifama Hin Gaafannu!! jedhu,Barattoonni Oromoo Mana Hidhaa Ma’ikelaawwii fi Qaallittii jiran.

Gabaasa Qeerroo, Finfinnee,Hagayya 18,2011

Addatti bara kana Ebala 14,2011 irraa eegalee mootummaan Wayyeenee barattoota Oromoo fi dargaggoota Oromoo Oromiyaa guutuu keessaa adamsee hidhaatti guuraa kaan ammoo bakka buuteen isaanii wallalamee hanga ammaa maatiin gadda keessa jiru, manneen Hidhaa godinaalee Oromiyaa hunda keessa jiran Oromoota hidhamaniin akka guutee jiru ifa gala dha.

Barattoota Oromoo University adda addaa keessaa sochii dargaggoota biyyoolessaa ( Qeerroo) jalatti wal gurmeessanii sochii gochaan turuun isaanii ni beekama,sochiin kana dura kan dhaabbate mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo yakkoota hin jirreen yakkee mooraa mana barnoota fi naannoo jireenya isaanii irraa qabuun Hidhee jira.

Kanneen  haala addaan mooraa Hidhaa Ma’ikalawii fi Qaallittii keessatti hidhamaniin baatii Hagayyaa kana keessa akka isaan waan hojjetanii fi gaaffii mirgaa Qeerroon kaaste hundi dogoggora akka tahee fi gochaan kanaafis ammoo TV fi Radiotti bahaatii dhiifama mootummaa Wayyaanee akka gaafatan san booda mootummaan bilisa jedhee isin  gadhiisa jechuun barattoota  goyyomsaa akka jirtu qeerroon gabaasa.

Barattooti Oromoo Moraalee Ma’ikalaawwii fi Qaallittii keessa jiran 300 ol tahan kun mootummaa gaaffiin nuti gaafanne gaaffii haqaati,mirga ummata keenyaa fi biyya keenyaa gaafachuun yakka jedhamee kan ilaalamu yoo tahe dhiifama gaafachuu manna kaayyoo keenyaan wareegamuu irra filanna jechuun qondaalota tikaa Wayyaanee qaannessan. Nuti dargaggoonni Oromoo yoo hiikamnes rakkoon ummata keenyaa hamma Wayyaaneen jiru hiikkachuuf hin deemu,kanaaf manni Hidhaa keessii fi alli isaa hundi Hidhaa dha wal hin caalu jedhaniiru.

Tooftaan Habashootaa dhiifama gaafadha isin baafna jedhamu kun haaraa osoo hin taane ammaan duras bara 1980 keessa qabsaawota Oromoo kanneen  akka  Jaallan Abiyyuu Galataa, Abbaa Biyyaa Abbaa Joobir, Zagayyee Asfaawu, Hayyaduree ABO har’aa  Jaal Daawud Ibsaafaa fi kkf Mootummaan Dargii dhiifama gaafadha bahaa jedhee isaan garuu kaayyoo isaaniittii xichaanii  dargii dhiifama gaafachuu irra kaayyoo bilisummaaf wareegamuu filanna jedhanii  Darguu didanii akka turan beekamaa dha. Dargaggoonni (Qeerroon Bilisummaa) Oromoos yeroo ammaa kanatti gootummaa fi jabina kaayyoo bilisummaaf qaban muldhisuuf jecha Wayyaanee dhifama gaafachuun mirga Oromoo gurguruu dha jechanii of irraa deebisuun dhaloota Oromoo kan boonsu dha.

Qabsoon Itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!!

Magaalaa Baddallee keessatti Dargaggooti Oromoo 200 tahan Walgahii Wayyaanotaa Dura Dhaabbatan.

Gabasaa Qeerroo Magaala Baddallee irraa,Hagayya 16,2011

Wayyaaneen TPLF qondaalota ergamee bulaa(OPDO) dabalatanii Magaalaa Beddellee keessatti Barattootaa fi kanneen barnoota xumuratanii eebbifamaniif  Jimaata darbee walgahii guyyaa 10f deemu gochuuf jecha saganteefachuun jalqabanii turan,walgahiin kun barataa kan tahee naannoo isaa jiru hundi  diraqamaan argamuu qaba jechuun yeroo himamu kanneen kana irraa hafanis humnaan walitti qabamuuf jiru jechuun olola facaasaa turan, Walgahiin qondaaloti Wayyaanee yaaman kunis sababaan isaa yeroo himamu , barattooti Oromoo yeroo gannaa warra isaaniittii galan imaammata addatti barattoota Oromoof irratti dhihoo Wayyaaneen bahe “hojii tola ooltummaa’ jedhamu hojjechiisuun cinatti attamittiin sochii ABO dhaabuu dandeenya? Kana malees sochiin Qeerroo ykn dargaggoota Oromoo ummata keessaa akkamitti dhaabuu dandeenya, jedhanii mari’achiisuu ture.

Walgahiin kun Hagayya 12,2011 magaala Baddelleetti haajalqabu iyyuu malee goototi dargaggoonni Oromoo 200 ol kanneen tahan walgahii kana seenuu didanii dura dhaabbannaa gaggeessaa akka jiran Qeerroon Baddallee irraa gabaasa.

Walgahii kana irratti yeroof kanneen irratti hirmaatan warra hoji argachuu fi faayidaa garaagaraa ittiin argachuuf miseensa ergamee bulaa(OPDO) ta’an qofti akka hirmaatan qeerroo sochicha hordofu gabaasee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Wallagga Anaa Jaarsootti Alaabaan Oromoo Guyyaa Sadiif Balali’e.

Gabaasa Qeerroo Jaarsoo Irraa,Hagayya 15,2011

Gabaasi Qeerroo Wallagga lixaa aanaa Jaarsoo irraa akka gabaasetti,sochiin dargaggooti Oromoo godhan itti fufuun, Aanaa jaarsoo keessatti Hagayya 12,13,14, bara 2011 walitti aansuun alaabaan Oromoo waajjira bulchiinsaa aanaa Jaarsoo fi gandoota lama keessatti fannifamuun bala’iaa akka oolee fi ummata naannoo Jaarsoo biratti gammachuu ifa bilisummaa akka arganiitti laalamaa akka ture qeerroon gabaasa.

Alaabaan ABO ykn alaabaan Oromoo kun baruma kana keessaa yeroo lammaffaaf aanaa Jaarsootti kan fannifame yeroo tahu Caamsaa 28,2011  aanaa Jaarsoo keessatti alabaa gabroomfataa buusuun kan Oromoo fannisuun ni yaadatama.

Sochii dargaggootaa fi balali’uu alaabaa kanaan kan rifatan ergamtooti Wayyaanee fi qondaaloti dhalootaan Tigree tahan ummata nagaa jeeqaa fi goolaa akka jiran qeerroon Jaarso irraa gabaasa.Hanga ammaatti namni hamma hidhame gabaasi qeerroo waan hin kaafneef gabaasa itti aanu keessatti dhihaata.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Fincilla Diddaa Gabrummaa Dargaggooti Oromoo Kaasaniin Qondaaloti Wayyaanee Jeeqaman.

Gabaasa Qeerroo Najjoo, Adoolessa,13,2011

Sochii dargaggooti biyyoolessaa( Qeerroo)n godhaa jiranii fi dhiheenyattis Wallaga magaalaa Najjoo keessatti sochiin qeerroon taasisan ummata Oromoo biratti deggersa guddaa argatee jira,sochiilee magaala Najjoo fi naannoo sanatti gaafa Hagayya 03,2011 taasisan mootummaa Wayyaanee biratti rifaatuu fi baaraga guddaa fidee akka jiru gabaasi qeerroo naannoo sanii mirkaneessa.

Sochii kanatti kan rifatte Wayyaaneen,qondaalota waraanaa fi bulchiinsa godina Wallaga Dhihaa fi kanneen Finifnnee irraa ergaman qondaalota Wayyaanee dabalachuun magaalaa Najjoo keessatti Hagayya 13,2011 irraa kaasanii hamma Hagayya 15,2011 itti barattoota Oromoo kanneen University fi College adda addaa irraa boqonnaa gannaa naannoo isaaniittii galanii jiraniif walgahii qorannaa gaggeessaa jirti. Walgahii qorannaa kana irratti barattoota gandoota 9 keessaa guyyaa gaafa hagayya 13,2011 walitti qabuun isin shakkamtootaa fi gaaffii ABO faa kaaftanii warra mootummaa gaafattan waan tataniif qorannoon yoo isin irratti taasifames akeeka keessan isin jijjirsisuun dhagaa irratti bishaan naquu waliin wal hin caalu  kan jedhuun barattoota hedduu itti dhadhatanii jiru. Kaan ammoo naannoo aanaa Najjoo keessatti isin arguu hin feenu daddaffiin naannoo kana gadhiisaa jechuun bakka sanii  sanii arihanii jiru.

Barattooti kanneen hafan dirqamanii walgahii kana irratti argamanis gaaffiilee mirgoota Oromoo kanneen  akeeka Qeerroo irra jiran gara garaa qoondaalota Wayyaaneef dhiheessanii deebiin argame isin goolessituu dha,gaaffiin mirgaa fi abbaa biyyummaa kan jedhu yeroo ammaatti gaaffii goolesituu dha yaada jedhuun barattootaaf deebisanii, qaaffiilee kaaniifis deebii deebisuu hanqachuu isaanii qeerroon magaalaa Najjoo irraa gabaasa.

Gama kaaniin nagaadotaa fi hojjettoota magaalaa Najjoo sochii Qeerroo duubaan jirtu jechuun tokko tokkoon doorsisaa jiraatan iyyuu ummati Oromoo naannoo sanii gaaffiin waraqaan qeerroon facaase sun kaasu waan sirrii fi dhugaa taheef deebii gahaa akka mootummaan itti kennuu qabu ifatti qondaalota Wayyaaneef himanii akka jiran qeerroon Najjoo irraa gabaasa.

Walgahii guyyaa lameen hafan itti aanu ilaachisee gabaasi fuula dura dhihaata.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

The Oromo people are affected by the irremediable calamity of poisons from weapons factory

Qeerroo Report, Ambo, August 12, 2011

The TPLF government’s weapons factory at Gudar (West Shewa Province) has caused irremediable calamity to the local communities. The poison released from the weapons factory which produces different military machineries has been causing huge externalities on the agricultural land use and the underground water in the area. The poisons have also grave consequences for the public and livestock health, and other natural resources. Currently, the health condition of many local communities in Gudar is in a dangerous situation. Hence, the livestock production in the area is highly hit by the environmental damage caused by the factory.

More to the point, whilst Tigray farmers are being supplied with the fertile soils from Oromia, the Oromo farmers are struck deliberately by the grave consequences of government’s unproductive weapons factory.  TPLF owned large trucks have been supplying the fertile soils of Oromia to Tigray region. In comparison with Tigray famer’s who undertake mechanised farming; the Oromos are still farming with the backward mechanism. On top of that, many Oromo farmers have been displaced from their own lands and their lands were rented out to foreign investors for an exclusively very long term.

As Qeerroo reported from Oromia, Tigray investors are being given fertile and productive lands in many big cities of Oromia. The TPLF government is grabbing agricultural lands and distributing for close relatives of Meles Zenawi and Azeb Mesfin. They hanged TPLF’s flag in each city where they seized land, such as Burayu, Holeta, Ginchi and Ambo. Those Oromo people who have expressed opposition against the hanged flag of TPLF have been arrested and tortured.

Many agricultural lands located between Ambo and Finfinnee (the capital) have also been covered by huge agricultural tents which are owned by different foreign countries. Many of the adverts on the tents were written with Arabic and Chinese. There is no vivid evidence where the misplaced unfortunate Oromo farmers have resettled after forced to leave their own lands. There is no extensive research regarding the land seizure and who owns them.  However, different reports show that Indian, Arabian and Chinese investors are among the foreigners who owned the land.

The struggle shall continue and the oppressor will fall!

Shamarran Oromoo Kanneen University Haromaya dhaa Baratan Lama Waraana TPLFn Samaman

Gabaasa Qeerroo Haromaya, Hagayya 11,2011

Hagayya 10 bara 2011  galgala barattooti shamarran barattoota Oromoo University Haromaaya tahan barnoota yeroo gannaa xumuranii gara maatii isaaniittii galuuf osoo imala( bobbaa) irra jiranii keellaa Awaash jedhamee yaamamu irratti  konkolaataa irraa buufamanii meeshaa isaan qaban marti erga sakatta’ameen booda qabeenyi barattoota kanaa kan akka uffataa fi kitaabota akkasumas dhaammata barattooti mooratti hafan maatii isaaniif ergan marti irraa erga samamee booda yeroo dheeraa naannoo keellaa Awaashitti turfamanii badiin tokkoon malee Qabeenya hunda irraa fuudhuun akeekachiisaa fi dorsisan gadi lakkifaman.

Shammarreen qeerroo samaman kun:-

  1. Barattuu Arfaasee  department information Science kan barattu
  2. Barattuu Galaalee  information Science kanneen baratan dha.

Keellaa jedhame kana irratti waraanni Wayyaane fi ergamtooti isaanii guyyaa irraa guyyaatti dargaggoota Oromoo qabuun miseensa Qeerroo Bilisummaati isin jedhanii doorsisaa fi arrabsoon dhaloota Oromoo dachii isaa irratti  doorsisaa akka turan gabaasi qeerroo Haromaya ni gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Summiin Warshaan Meeshaa Waraanaa Oumishu Keessaa Dhangala’u Ummata Oromoo irratti Miidhaa Guddaa Geessise

Gabaasa Qeerroo Amboo,Adoolessa 10,2011

Mootummaan Waayyaanee Godina Shammaa Lixaa Magaalaa Gudar Cina Gara gadiitti Warshaa Duka’aa Waraanaa kanneen akka Fanjii,Boombii,Rasaasaa fi kkf oomishuun cinatti, asiidii fi summiin warshaa kana keessaa bahu lafa Oromoo naannoo Magaala Gudaritti argamu barabaraan akka hojiitti hin galle gochuun cinatti fayyaa uummataa fi beelladdan irratti balaa geessisuu irratti akka argamuu fi ummanni naannoo sanii rakkoo kana irraan kan ka’e dhibee ciccimaaf gaga’amaa akka jiru Qeerroon gabaasa. Beeladi ammaan dura naannoo sanatti horsiifaman har’a qotee bulaan beeladi hafneen ifiifuu lafa kana irra jiraachuu dhadhabee daran gaaga’amaa akka jiru gabaasi naannoo snaii ni addeessa

Gama kaaniin yeroo ammaa qoteebulaan Tigiraayi Biyyoo Coomaa Oromiyaa keessaa guuree ittiin biyya isaa misoomsuun yeroo inni konkolaataa qotiisaa Tiraakteeraan qotaa jirutti,Qoteebulaan Oromoo baroota dhufaa darbaan aadaa harkaan qotuu fi isa durii qotiyyoo fi gasoodhaan qotee rakkatee jiraachuu irraa iyyuu ‘ati ABO dha ‘jedhamuun qabamee hidhamuu fi ajjeefamuun lafa akaakiliin itti darbee qotatee irra jiraate irraa fuudhamee inversterootatti gurguramee akka kadhataa tahee jiraate taasifamaa jira. Biyyoo dachii Oromiyaa coomaa fi bibilootni biyyoo coomaa kana duukaa dhaqanii guddachuu danda’an Konkolaataa Mootummaa Waayyaaneetiin guuramuudhaan Naannoo Tigiraayi keessatti tuulamuudhaan Cooma lafa Oromiyaatiin Tigiraayi misoomaa jira.

Gabaasi qeerroo karaa biraa akka ibsutti, Magaalota gurguddoo Oromiyaa keessaa Lammiin Tigiree qubachiifamaa jiru.Lafi kan mootummaati ‘’jechuun uummata Oromoo irraa buqqisuun Tigiroota keessaa iyyuu firota Mallasii fi firoota haadha manaa mallas Firoota Azeb Masfiniin Oromiyaa keessaa iddoo baayyee barbaachisaa ta’e kennuu irratti argamu.Kana immoo dirqisiisuudhaaf Alaabaa Tigiraayiin Naannoo Oromiyaa keessatti fannisuu irratti argamu.Fakkeenyaaf Alaan TPLF magaalaa Oromiyaa kanneen akka Buraayyuu,Holataa,Gincii,Amboo fi kkf keessatti fannifamee jira. Namoonni fannifamuu alaabaa kanaa mormanis akka yakkamaatti ilaaluun hidhaatti darbaman akka jiran qeerroon gabaasa.

Yeroo ammaa magaalaa Ambootii bahanii Asgorii erga darbanii booda hanga Magaalaa Hoolotaattia handaara  karaatti lafa Oromoo irratti dunkaanota kaampaanii alaan uwwisaanii jira,kaampaannonni kun kanneen lafa san bitanii barruulee afaan Arabaa fi afaan Chaina n irratti barreessanii argama. Ummanni qotataan naannoo kana ture lafa san dirqiin gadhiisee naannoo itti godaane hin beekamu. Dureeyyiin lafi kun itti gurgurame kan biyyoota dureeyyii garaagaraa yoo ta’u hunda beekuun yoo qorannoon tooftaadhaan geggeeffame malee rakkisaadha.Dureeyyii kanneen keessaa kan beekamoo ta’anii kan akka Hindii,Chaayinaa fi Araba kkf caqasuun nii dandaa’ama.

Qabsoon Itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!