Humni Hinbeekamne Ergamtoota Barattoota Rakkisan Adabe!

(Gabaasa Qeerroo Hawaasaa, Waxabajjii 09,2011)University Hawaasaa keessaa yeroo adda addaatti barattoota Oromoo qaroo fi jajjaboo tahan badiin tokkoon malee nama hidhaatti guuramaa turan, gaaffii mirgaa barattooti Oromoo dhiheessaniif deebiin Wayyaanota irraa argamu Hidhaa fi reebicha qofa ture.

Yeroo dhihoo keessatti Qeerroon Oromoo dhaa mooraa University Hawaasaa gaaffii mirgaa gaafataniif jecha  barattoota barnoota isaaniin qabxii olaanaa qaban keessaa Gadaa Raggaasaa fi Sayyoo badiin tokkoon malee qabanii hanga har’aa bakka buuteen isaanii hin beekamu.

Haala kanaa fi rakkoo saba cunqurfamaa Oromoo irratti gaaffii mootummaa TPLF barattooti Oromiyaa guutuun kallattiin hundaan dhiheessine hanga ammaatti deebii dhabee rasaasaa fi reebicha,hidhan akka hiree Oromoo taheetti ittiin nu doorsisu.

Gochaalee kana fakkaatu kan nurraan geessisaa jira,Wayyaanotaaf lukkee tahanii haraamuu garaachaaf bulan nu baasisuun akka tahes beekamaa dha.

Mooraa University Hawaasaa keessatti Waxabajjii 07,2011 guyyaa Culture Day jedhamee ayyaaneffatamu akka barattooti Oromoo eegumsa waraanaa fi basaasotaa itti gochuun akka Habashoota waliin ayyaneffataniif walitti fiduuf yaalii goote diddaa barattootaan fashalee jira.

Gootonni barattoota Oromoos guyyaa kana  osoo ummati Oromoo hidhaatti dhumaa jiruu, beelaa fi gogiinsaan dhumaa jiruu,osoo biyyaa arihamaa jiruu warra nu fixaa jiru waliin hin ayyaaneffannu  kan jedhu diddaa argisiisan, barattooti Oromoo  Departmentii Management baratanis bakka tokkotti walitti qabamanii wallee warraaqsaan sirboota Oromoo yeroo jalaqaban humni basaasa TPLF fi warraanni akka isaan wallee tokko illee hin sirbine bittimse.

Yeroo kanatti Wayyaaneef lukkee tahanii warri basaasan Qeerrota Oromoo kanneen qabsiisanii fi akka isaan mooraa University gadhiisanii baqatan kanneen gochaa turan ergamtoota  irratti humni hin beekamiin mooraa keessatti tarkaanfii laalessaa irraan gahe, basaasoti kunis haalaan reebamanii miidhaan guddaa irraan gahee jira.

Kanatti kan rifatte mootummaan Wayyaanee humnoota basaasa OPDO kanneen tahanii Oromoota fakkaachuun naanoo doormii fi bakka barattooti wal gahani keessa deemanii warra basaasan fiddee mooraa keessa galchite.

Jarreen mooraa University Hawaasaa keessatti adda durummaan basaasuuf dhufani kanas guyyaa kaleessaa humni hin beekamiin tarkaanfii laallessaa irratti fudhate.

Mooraa University Hawaasaa keessatti Jarreen basaasota diinaa dhiiga ilmaan Oromoo dhugaa bahanii humna hin beekamneen mooraa keessatti trakaanfin isaan irratti fudhatame kun Girmaa fi Kuubaa jedhamanii dha.

Jarri kun yeroo ammaa miidhaa isaan irraa geessisfameen lubbuun keessatti hafnaan hosptala olaanaa akka geeffamanii jiran dhageenya.

Gaafa Waxabajjii 07,2011 basaasota warra reebamee caccabe kana irratti dabalee jarreen amma irratti fudhatame kun qondaalota Wayyaanee rifaasisee mooraa keessa olii fi gadi wacabbaraa akka jiran beekama.

Kun kanas haatahu malee gaaffiin Qeerroo gaaffii mirga saba Oromoo waan taheef sodaachisii fi heddumminni milishootaa,meeshaan waraanaa guguddaan duubatti akka hin deebifne beekamaa dha.

Gabaasa Qeerroo University Hawaasaa

Injifannoon Ummata Oromoof!

Ni Moona!

Walaloo Fincilaa

Qeerroo,

Nageenyi Oromummaa isin haa gahu. Walaloon kun kan warraaqsaa ti. Walaloo akkanaan wal dammaqsuun egeree qabsoof bu’aa qaba. Walaloo akkanaa waliif dhaamaa; waliifis dabarsaa! Walaloon warraaqsaa galaa qabsaa’ota bilisummaa ti!

Garbummaan Ni Kufa!!

Walaloo Dargaggoo

Walaloo MP3 kana dargaggoota Oromiyaaf

Ergamaan Wayyaanee Junaddiin Saaddoo Barattoota Oromoo Cooma Nyaachisee Goyyomsuuf Yaalii Inni godhe Jalaa Fashale.

“Nyaati Wayyaaneen nuu dhiheessitu foon ummata Oromoo,Dhugaatiin Wayyaaneen nu obaaftu dhiiga ilmaan Oromoo nutti fakkaannan dinne” jedhu barattooti Oromoo Adaamaa

(Gabaasa Qeerroo,Adaamaa Waxabajjii 07,2011)Ergamaan Wayyaanee Junaddiin Saaddoo Jimaata fi sambat duraa darbe(Waxabajjii 3 fi 5 ,2011) barattoota Oromoo gaaffii mirga saba isaanii gaafachaa jiran goyyomsuuf jecha, afeerraa nyaataa fi dhugaatii galma abbaa gadaa jedhamee bakka yaamamutti qopheessee barattoota University Adaamaa yaame.

Bakka nyaata qopheesse kanattis barattooti gaaffii mirgaa akka hin gaafannef jecha  dubbii jiraa fi hin jirreen haasaa barattootaaf godhe fudhatamuu dhabnaan, furmaati gaaffii baratooti kaasani hojjettoota mooraa University keessa jiran ariinee kan biraa haaraa isinii qaxarra,nyaata keessan sadarkaa gaariitti jijjiirra,kanaaf isinis gaaffii kaastan kana dhiisa jedhee barattoota goyyomsuuf yaalii haagodhu iyyuu malee karaa barattootaa gaaffiilee ciccimoo fi falammii gurduddaan ka’ee jira.

Ergamtooti Wayyaanee mooraa galanii akka basaasan,summii isaan nyaachisaa akka jiran,warri garaaf bulan barattoota basaasuun aangoo akka argataa jiran,gochaan isaan godhan ummata Oromoo irratti hammeenya dabalaa akka dhufee fi kkf irratti falmiin ciminaan ture.

Kana malees goototi barattooti Oromoos nyaataa fi dhugaatiin isin qopheessitanii nu yaamtan kun foonii fi dhiiga Oromoo nutti fakkaata,ummati keenya osoo rakkoo jireenyaa fi gabrummaan waadamaa jiranii ofii garaacha guuttannee hin deemnu kan jedhu yaadoti ka’e.

Junaddiin kanatti kan rifate barattoota garii keessaa addatti yaamee barattoota gaaffii mirgaa jedhanii kaasan yoo nuu callisiiftan mindaa gaarii isinii laanna,maallaqa gahaa ittiin jiraattan illee isinii ramaduu dandeenya jechuun barattoota hanga xiqqaa addatti yaamee goyyomsuu yaalee sunis jalaa fashale.

Yaada goyyomsaa dhihaate kana barattooti fudhachuu  dinnaan, Haalichatti kan rifate ergamaan Wayyaanee,walgahicha bittimsee yeroo biraa walitti isin qabna jechuun deeme,hanga har’aatti  irra deebi’ee walgahii inni nu yaame waan hin jirreef jecha gabaasa silaa walitti qabnee dhiheessina jenne dhiifnee haaluma guyyaa jimaataa fi sambata duraa gabaasuuf dirqamne.

Kana malees  lukkeeleen Wayyaanee, barsiisaa afaanii kan tahe Tayyee Fufa nama jedhamu sochii dargaggoota Oromoo qindeessee kan gaaffii nurratti kaasisu sihi jechuun mana isaa irraa baasanii Polisoota feederaalaan reebicha gara malee waan reebaniif yeroo ammaa mana yaalaatti argama.

Qeerroo ,Adaamaa.

Dhaamsa Qeerroo: “Diddaan Qeerroo itti fufa qabsoo baratttoota Oromoo ti!

“Dhiigni Gootota Keenya Fincila Diddaa Garbummaa Irratti Dhangala’e Yoomiyyuu Hindagatamu!”

Seena addunyaa keessatti sabni tokko yeroon itti garboomuu malu akkuma ture, qabsoo diddaa garbummaa gara Bilisummaatti ceesisu gaggeessuudhan immoo hidda gabroomfattootaa buqqisee Bilisummaa of gonfachuunis tureera. Sabni Oromoos saba addunyaa keeessaa saba seenaa, Afaan, aadaa ofii qabuu fi saba bal’aa yommuu ta’u akkuma saboota biro duula gabroomfattoonni gargaarsa biyyoota alatiin Oromoo duula qorqalbiitin cabsanii akka mataa isaa ol qabatee hin jiraanne gochuun isaani kan dagatamuu miti.Ta’us, Oromoonni takkaa tole jedhanii fedhii bittootaa gaggeessaa hin turre. Akk fakkeenyaatti fincila Walloo, Baalee, Calanqoo fi iddoo biraattis gaggeessaa turuun ni yaadatama. Sabni gabroome waanjoo gabroomfatootan irratt fe’ame ofi irraa kaasuf immoo qabsoo Bilisummaa finiinsuu fi humna jabaa tokko kan diddaa gabrummaaf ummata qindeesuun furmaata filanno hin qabne akka ta’es nama jalaa kan dhokate miti.

Haaluma kanaan seenaa QBO keessattis barattoonni fi beektonni Oromoo gaaffiin Oromoo gaaffii haqaa akka ta’e baroota 1960 jalaqaba irraa kaasee, barattoonni Oromoo yuuniversiitii adda addaa keessa jiran, fkn kan akka Gabayyo Firrisaa dura taa’aa barattootaa kan ture fi Baaro Tumsaa dura taa’aa barattoota Itiyoophiyaa bara 1965f,barattooni Oromoo yeroo sana turan gaaffii sabummaa kaasudhaan mooticha Hayilesillasetti mataa dhukubbi itti ta’aa turan, qabsoon keenyas kan hundeefame gaaffi isaanitti deebbii kennu fi akkasumas harqoota gabrummaa kan bara dheeraaf isaanirratt fe’ame offirraa qolachuudhan bilisumma Oromoo fi walabummaa Oromiyaa mirkaneessuf ture ammas immoo ittumma fufiinsan otoo addaan hincitin gaggeefamaa jira.

Hardhas gaaffiin saba Oromoo gaaffii sabummaa,gaaffii abbaa biyyummaa, gaaffi eenyummaa, gaaffii kabajamuu mirga dimokiraasi fi dhala namaa fi gaaffii mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu waan deebbi hin argatiin jiruuf jecha ilmaan Oromoo golee oromiyaa hunda keessatti gaaffii mirgaa kaasudhaan gootummadhan falmaa guddaa gochaa jiru garboonfattoota abashaatti quuqa laphe ta’e waan hirriiba isaan dhorkeef oromoota falmatan lafa irraa fixuuf tarsiimo godhate ka’e. Haaluma kanaan haala yeroo ammaa oromiyaa keessa jiruu fi Oromoon itti jiru xiinxala keessa galchuun barbaachisa ta’a.

Bilisummaa Oromoo fi walabumma Oromiyaa dura dhaabbachuuf jecha gochaa garaa hammeenyaa mootummaa abbaa irreetin haala suukkanesaadhan Oromoota irratti gochaa sanyii duguuggaa gaggeessaa turuufi ammas itti jiraachun isaanii ifaadha. Dhiyeenya kana tarkaanfii Boonsaa WBOn irratti fudhateen kisaaraa baay’en waan irra ga’eef humnii diina ummata keenya naannoo Oromiyaa, Harargee iddoo Daaroolabuu jedhamutti Oromoota naannoo sana keessaa jiraatan irratti hidhaa fi dararama guddaa irraan ga’aa jira.

Qabsoo Bilisummaaf deemsifamaa ture keessatti goototi Oromoo qaqqaalii ta’an itti wareegmaniiru.Wareegama isaanii kanatu hardha akka Oromoon Oromummaa isaaf falmatuuf kan karaa saaqe.Gootonni ilmaan Oromoo baay’en lubbuu isaanii kan jijjiirraa hinqbne wareegudhaan daandii QBO dhiiga fi lafee isaanitiin saaqan. Kana keessaa muraas isaanii kan akka: J.Taaddasaa Birruu, Elemoo Qilxuu, Magarsaa Barii, Baaroo Tumsaa, Abboomaa Mitikkuu, Gadaa Gammadaa, Jaatanii Aliifi kan biros baay’en itti wareegaman.Wareegama gootota keenyaa kanatti sagalee tolchuuf jecha kan hardha ilmaan Oromoo baay’en kufanii kuffisuu filatanii qabsoo Bilisummaa Oromoo kallacha isaa ABO jalatti ijaaramanii finiinsaa jiraniif. FDG- Diddaa Ummataa (Civil disobedience) Sochii ummatni Oromoo kabajamuu mirga isaaf malu argatuuf gaggeessaa jiruudha!

Akeekni hundee FDG taligaa/bulchiinsa Oromiyaa dhuunfaa mootummaan ala taasisuu Oromiyaa dhuunfachuuf haala aanjessuudha. Akeekni kunis kan mirkanaa’u, Oromiyaan kan Oromoo ta’uu mirkaneeffachuu, irree mootummaa kan sagalee uummataa ukaamsu ofirraa kaasuu, diddaa barattootaa, qonnaan bulaa, hojjattootaa fi kkf adeemsisuu fi bal’isuun aangoo fi caasaa mootummaa ofirraa kaasuu, Sagalee sabaa Oromiyaa guutuu irratti dhageessissuu, QBO ukkaamama jalaa baasanii keessaa fi alatti caalatti dhageessisuu, Oromoota human milishaa,poolisii tikaa fi bulchiinsaa ajaja diinaa jalaa baasanii mooraa qabsootti dabaluu, Naannolee bulchiinsa fi caasaan mootummaa dadhabsiifamuun mirkanaa’etti mootummaa ummataa bakka buusaa deemuu.Kunis bulchiinsa,tikaa fi human ittisa ummataa ijaarrchuu dabalata.

Ummanni yoo maal ta’e diddaa gochuu danda’a?

Seenaa irraa akka hubatamutti, ummanni diddaa gochuu danda’u, ummata ijaaramee fi dammaqiinsa horateedha. Ijaaramuu jechuun ummata wal-dhaga’u, waliif ajajamu, yaada tokko qabu, wal irratti amantaa qabu ,afaan tokko dubbatuu fi waliin adeemuu jechuudha. Ummanni ijaaramuuf ammo dhaabni ykn jaarmayaan isa ijaaru jiraachun barbaachisaa dha.Yoo kan ummata dura adeemee isa ijaaruu fi karaa itti argisiisu hin jiraanne FDG gaggeefamu firii hin qabaatu. Yoo ijaarame ummanni human guddaa dha.Jaarmayaa malee baayyinnii ummataa human ta’uu hin danda’u. Ummannii yeroo diddaa adeemsisu of irratti amanuu fi shakkii malee qabsoo isaa fuula duratti deemsisuu qaba.

Gaaffilee Fincila Diddaa Garbummaa irratti ka’uu malan maal fa’aati?

Fincila diddaa garbummaa irratti gaaffileen ka’uu malan akkuma haalaafi yeroo isaatti kan jijjiiramuudha. Haata’uutii, hundeen gaaffii saba sanaa dagatamuu hinqabu. Qabsoo Saba Oromoo keessatti fakkeenyaaf gaaffilleen hedduu ka’anii ittiin faincilli diddaa garbummaa finiinaa tureera; ammallee itti jira. Gaaffilee jajjaboo gootonni Oromoo FDG irratti yeroo adda addaa belbelchaa turan keessaa haga tokko mil’chuun nidanda’ama. Isaan keessaa:

§ Mirgi hiree murteffannaa Ummata Oromoo haa Kabajamu!!

§ Abbaan biyyummaa Oromoo haa Kabajamu!!

§ ABOn Kallacha Qabsoo Bilisummaa Oromoo ti !

§ WBOn Irree Ummata Oromooti!

§ ABO malee OPDOn nu bulchuuf mirga hin qabdu!!

§ Waldaan MaccaaFi Tuulamaa haabanam! Hooggantooti isaas haahiikaman!!

§ Gaaffiin Oromoo hiree murteeffannaan malee deebii kabeebsaan hinfuramu!

§ Hidhaa fi Ajjeechaan Oromoo irraa haa dhaabbatu!!

§ Hidhamtooti Siyaasaa Oromoo hundi haa hikaman!!

§ Namooti Oromoo ajjeesaniifi garmalee miidhan seeratti haadhiyaatan!!

Finciloota ammaan dura turan: fincila bara 2001- Sadaasa 9, 2005tti finiinaa turan waan ittiin adda bahan hedduu qaban. Fincilooti kunneen akka walii galaatti yeroo ilaalaman, tokkoffaa, akeeka siyaasaa kan mirga ummata Oromoo gonfachuuf galii isaa godhatee kan deemu ta’uu isaati. Bifa qindoomina qabuun gaafii siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee ifaa fi haala Oromoo hundaa hammateen gaggeefame malee akka duraa ka’ee dhaamu fi iddoo adda addaati fi murna murnaan kan gaggeefamee miti. Lammaffaa, FDG waamichaa fi qindoomina ABO ummata oromoof godheen jala qabamuu isaati.Barattoonni fi ummatni oromoo mootummaa diinaa irratti fincila gara garaa tolchaniiru. Bosonni Oromiyaa yeroo diinaan gubate, mana barnootaa keessatti yeroo murnii diinaa tuqaa fi tutuqaa gara garaa kan maqaa Oromoo xiqqeesu fi xureessu ta’ jedhanii hookkara (jeequmsa) uumuf tolcha fi yeroo jijjiirraa maqaalaa guddittii Oromiyaa Finfinnee irraa gara Adaamattii kaasuf karoorfatan Barattoonnii fi ummannii itti finciluun dura dhaabbannaa guddaa itti argisiisuf mormii argisiisaniiru. FDG kun Oromiyaa mara waliin gahuu isaa ti. FDG bara 2001 jalqabee guddataa Sadaasa 9, 2005 itti fufee golee Oromiyaa hundaa waliin gahe.Kun barattoota,qoteebulaa,hojjatoota,darggaggoota fi qaamolii biraas bifa adda addaatin kan hirmaachiseedha. FDG marsaaa kana Sadaasa 9, 2005 itti fufe kun yeroo dheeraa turuu isaati. Otoo addaan hin citin FDG waggaa tokkoo oliif ture. FDG bara 2001 jaqabee deemaa dhufee Sadaasa 9, 2005 itti fufe kun kan akka yeroo duraa qindoomina malee ka’aa dhaamu waan hin ta’iniif.

Gootota Barattoota Oromoo kan harqoota gabrummaa saba oromoo irraa buusuf jecha mormii FDG humna mootummaa dura dhaabbachuun mormii gaggeessaa turan irrattii iddoo fi haala adda addaatin lubbu isaanii qaalii dabarsanii daandii haqaa barbaacha irratti wareegaman keessaa kan akka: Almaayyoo Garbaa, Gaaddisaa Hirphaasaa, Simee Tarrafaa, Shibbiruu Damissee, Malkaamuu Tarrafaa, Darribee Jifaar, Jaagamaa Badhaanee, Kabbadaa Badhaasaa, Yaasiin Mahaammad, Alamuu Tasfaayee, Lammaa Anbassee, Caalaa Xiiqii, Abdallaa Haasan fi kan biroo baay’ee seenaan ilmaan Oromoo bara baraan isaan ni yaadata,Gumaa Isaanii Ni Baasna!!,Kaayyoo Isaan kufaniif Galmaan ni Geenya!!

FDG ummata oromoo ammaoo haalleen kanneen dandamatee daran tarkaanfachuu fi galma isa gahuufi waan maluuf oromoon oromoo fi oromiyaaf yaadu FDG bifa haaran itti hiriiree gahee lammumaan irra jirtu bahuu akka qabu hubatuun barbaachisaa! Gama biraan hanqinoota mul’atan fooyyefatanii,keessumaa deegarsaa oromoo biyya alaa fi hirmaanna bifa adda addaan kan akka hiriira bahuu,barreesuufi qaamata adda addaa dubbisuun rakkoo oromoofi sochii FDG kanati akkasumas QBO waliigalaatti sagalee horuu irratti jabbinaafi bifa addaan akka hojjatamuu qabu dagatamuu hin qabu! Akkasummas Oromoota sababa FDG kanaan qe’eerraa buqqa’an, biyyaa baafaman, hidhaman, hojiifi barnoota irraa ariyamanii biyya ollaa keessatti rakkachaa jiran gargaaruufi hamileen jajjabeessuu irraatti hojjachuun fardii taati. Dhumarratti gootota FDG irraatti wareegaman yaadachaa, kaayyoo isaan wareegamaniif wal hubachiisaa ofduraaf waadaa haaressinee ija akka itti goonu irbuu keenya kalee san maqaa jaallen kufaniitin haahaaromfannu!!

Ummanni keenyas, irree tokkoon diina mirga keenyarra ejjatetti akka bobbaa‘u itti dhaammanna. Dandeettii fi qabeenya qabnuun FDG daran akka jabaatee itti fufuufi tokkichummaan ka’uudhan kan yeroo duraa caalaa akka hamilee, kutannoo fi murannoon kaanee wareegama gootonnii baasanitti ija gochuuf waadaa keenya haaresinee xiiqiin hojjachuufi haakaanu! Kaayyoo goototni keenyi wareegamaniif galmaanis haageenyu!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Injifanoon Ummata Oromoof!

SOCHII BARATTOOTA OROMOO BAHA AFRIKAA (SBOBA)

Sadaasa 9, 2008: Guyyaa Yaadannoo FDG.

In Central Oromia farmers are rising up against Land Grabbing

(Qerroo News, Adama, June 05-2011) It is years now that the TPLF led EPRDF government is confiscating farmers land to award to its inner circle and sell it out to foreign investors while million of the country men and women go hungry. This all is being carried out by the support of huge security personnel’s and the regime has invested heavily to silence the farmers.  But the news from Boosat Woreda in Central Oromia is revealing the breaking of the silence to this unforgiveable crime.

According to Qeerroo news correspondent in Boosat woreda, the Dongorree and Moomee kebele farmers has risen up in the serious of protest on this matter. Accordingly the dictatorial regime on power is imprisoning many farmers accusing them of orchestrating protest, participating in uprising and unwillingness to leave their land away.

In a similar development, the cadres of the government have ordered their security team to fire on farmers without any discussion on these who will try to plough their land after being evicted and given to other owners.

Some of the farmers imprisoned after protesting to give up their land include:

  1. Mr. Daaccoo Beqele
  2. Mr. Zawdee Kebede
  3. Mr. Alemayyoo Kebede

These and other farmers are still suffering in prisons, while the land grabbing and eviction of farmers continues in very shocking speed.

In a continued Resistance against oppression

In a continued Resistance against oppression: Arbaminch University students arrested in mass while 286 students in Gedo high school were dismissed for two years

(Qerroo News, Adama, June 06-2011After the youth revolution started in Oromia back in April 2011, Oromo students especially University students never stopped asking for their democratic right in raising the legitimate voice of the oppressed Oromo and Ethiopian People, but the answer from the regime on power continued to be extreme violence, live ammunition, imprisonment, dismissal and killings.

In the under reported case of Teppi University, more than 1400 students were affected by the unproportional use of force from the Ethiopian regime. In a similar incident in Universities like Jimma, Arbaminch, Adama, Hawaasa, Wallaga, Ambo and Addis Ababa harassment, kidnapping, biting, and imprisonment become normal way of treatment. The whereabouts of the majority cases reported were yet unknown.

To worsen the situation many University students in Teppi and Adama Universities were poisoned in which hundreds were hospitalized and many were seriously sick. Arbaminch University students asking for democratic freedom in the country on 1st of June 2011 were met by the federal police force tear gas and unproportional force after they are back to their dormitory. Eyewitness said the police have taken 4 big tracks and one small minibus students and their whereabouts is still unknown. After the regimes authority allowed students to eat in the cafeteria after 3 days, students were given poisoned food and as many as 455 students reportedly went ill and 75 of them were hospitalized. Angered by the series of event orchestrated on them students organized themselves for protest but they faced brutal crackdown and three students namely

  1. Morka (3rd year Hydrologist)
  2. Abaabu Dibaba (3rd year Physics) and
  3. Miliyoon (3rd year Management); were bitten and taken by the police after blaming them as organizers of the youth revolution in the campus.

As part of the crackdown, the regime is using a network of spies in the campus instead of answering to the legitimate demand of the youth.

Dismissal in Gedo Schools

In a similar incident 286 students in Gedo preparatory and high school were dismissed for 2 years from school without any legal ground. What is more, more than 15 students from 10th and 12th grade; were banned from sitting for the national examination on similar grounds.

The Qeerroo group said “These students were punished only for their identity and for their resistance to the dictatorship looming in the country”. Qeerroo also said that, “these days’ youth with a banner for freedom and democracy are being met by unproportional forces and the very crackdown of the peaceful and legitimate protesters by itself witnesses the genuinity of our demands and the use of force by itself will only electrify the speed of our movement”

Another Qeerroo group member also said “we can understand the deep hatred of the regime against the Oromo people from its cruel and irresponsible crackdown on peaceful demand and we should also double our effort to bring the long suffering of our people to an end.”

Accordingly nationalist in the Calliya Woreda said, “These brutal and cruel decisions can never bring the spirit of the Oromo people and students down but will increase the unwavering commitment of the nation to the demise of the dictatorship in the country.”

Qeerroo June 2011

Adama, Oromia

Freedom, Liberty and democracy shall prevail!

National Youth Movement for Freedom and Democracy

Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Biilisummaa fi Dimokraasiif(SDBBD)

Labsa Qeerroo- Afaan Amaaraa or In Amharic

 

Labsoota asii olitti keenye kana  akka irra deebifnee maxxansinuuf sabboontonni hedduun karaa adda addaa waan nu gaafatanii jiraniif, Afaan Oromoo,Afaan English fi Afaan Amaaraan irra deebinee maxxansinee jirra.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

Bara Harreen Gabbatte.

Bara Harreen gabbatte.

Aayyoon saree hanqatte’.
Harraa mitii kaleessaa.
Gadaan nu mulqe misa.
Kudha saddeeti maayyiinsa.
Kudha salgaffaan seensaa.
Nu ganeem jaarraa keessaa.
Barii sanaa eegaltee.
Guyyaan torban hedate.
Jiinis woggaa lakkaawwate;
Akka diinaattu na fudhate.
Adaamii narratti tumate.
Akka waan gaariitti fudhate.
Gadaanis jaarraatti laate.
Akka waan wol mariyatee.
Dhihaa barii naan kaatee.
Qubsumaa na dhowwate.
Aduun dhiitee bariituu.
Wol qixaa faroo hin toltu.
Jaarraan kudha saddeeti hamtuu.
Akkuma waan faarfamtuu.
Na geessee utuu dhalamtu.
Aduun dhiitee bariituu.
Baguma hin dhiisin kaatuu.
Jaarraan dhibbas herregatu.
Cubbuuf tumsa haqas dhortu.
Dhugaan abbaa galuu hin ooltu.
Sabni koo balchaa beeytee.
Si hin haaluu dunuunfatee.
Aduun obboruu baatee.
Abaabuu keenyarratti iftee.
Sirna Gadaa yayyabatee.
Heera hin hiiknuun kakatee.
Hooda godhee heera muudate.
Naannoon kan buluun tumate.
Seera gooroodhaaf laatee.
Heera barreessuun dhowwamte.
Waan tokkon isinii himaa.
Hin gaafatinaa nama.
Gaaffee hayyuu beekamaa.
Himuuf hin qabuu eeyyama
Ergamaa waaqaa tilmaamuun hama.
Aduun ol baateen ganama.
Sadoo koo gonfite qarooma.
Dimokiraasii hin miine nama.
Nuu dhaabanii tu,oo cimaa.
Kan raafnaan buqqahuu dide orma.
Loon boobbahan obboroo lfaa.
Fooraatti dachahuu kurruufaa.
Ameessi aannan guutee cufa.
Jabbiin hootee namnis quufaa.
Oromoon ture qananiin rafaa.
Addaan fageessun qubsumni lafaa.
Sinbirtuudhaa oduu wolii hordofaa.
Haga xumura kudha jahaffaa.
Bulchoonni muudaman bakka cufaa.
Godhatan bulchiinsa dhuunfaa.
Kudha torbaffaa eegalli isaa.
Ifti badaa dhufuun dimimmisaa.
Aansun seenaa jibbisiisaa.
Dagaagse miidhuun ol antumma.
Sirni diinaa utuu hin seenin keessa
Waa siqofa mitii worri himatamee.
Kan sirna gadaa booji,e saamee.
Aangoo jadhee baalabbatan of yaamee.
Falmataa turee goonni bahee.
Kan dubartiin harmi ciramee
Abbaan lafaa harka laatee deemee.
Hin dhumatuu kumaan lakkaawamee.
Goobanaa qofatu guyyuu abaaramee.
Horeen isaa worruma beekamee.
Kan muudamuu digiriin waamamee.
Hin beeynuu nama addaan baafatuu.
Hundatu tolaa afaaniin dubbatuu.
Nama honnachiisaa seenaa dubbatu.
Waan qochu fakkaataa yaroo kaatu.
Nama mitii kan sabni komatuu.
Abaaramaan hunda irraa.
Kudha saddeettafaa jaarraa.
Hammeenya dhaalee wol irraa.
Kuun dhufee kaanis dabra.
Tokko nuu hin laafne garaa.
Barii sanaa jalqabee.
oromoon habashaan cabee.
Guddinaa baraa dhabe.
Deemuuf nama dhaqqabee.
Wollaalati ija qabee.
Kamiin dhiiseen kam himaa.
Alagaan waa qabuu caalmaa.
Hundaan mulqamne namooma.
Afaan keenyas luugamaa.
Dubbachuuf akka namaa.
Abisiiniyaan wol keessaa.
Eenyu dhiigaan adda baasa.
Lachuu aangoof wol arrabsaa.
Adda hin bahan kaayyoon tasa.
Lafeen nuuf qabuu jibbiinsaa
Gaafas irraa kan nu eegalee.
Milkiin dugda nutti galee .
Qannoo qananiin nu haalee.
Dabaa cubbuun nu gooltee.
Nu gubdi ibiddaan woxaltee.
Eenyunuu hin fedhu gabrummaa.
Waa fedhii hin gaafatuu nama.
Akaakuu kan cabse ganama.
Aabboo irraa fuudhee dhaalmaa.
Gadadoo gad aantummaa.
Kiyya kun yoomuu tokkumaa.
Kan koo bonaa fi gannan soomaa.
Utuun hin furreen adeem,aa.
Argaa dharra,aan deemaa.
Qabaadhee hin nyaadhuu coomaa.
Daandii guddaa dhiisee omaa.
Danqaraa hamaa cabsaa deema.
Keessaa bahuufin jedheen cinqama.
Lafa waa hin arguu tintimaa.
Birmadhaa naa dhaa malaa.
Harqooti gabrummaa elaa.
Waanjoon baadhaa sibiilaa.
Cillaaffataa dhukkubus laalaa.
Qufa,ee aadaa kulkulaa.
Aakkee tufaa dhiigaa fi mala.
Haga yoomiin hiraaraa.
Taa,ee hin arguu makaraa.
Kutataa rabbi naaf hiraa.
Waa,ila karaa dheeraa.
Kan deemetu keessa taraa.
Bassaa dhugdii habbuuqqattee.
Haatee kolfaa qasaatee.
Deesseen gadda uffattee.
Bara harreen gabbatee.
Aayyoon saree hanqattee.
Harmeen madaa gadameessi.
Dhiitee bariitu boossii .
Jechuus dadhabee obsii.
Waaq si harka jiraa qorsii
Harmee koo naa fayyisii.
Akka waan abaaramtee.
Hereen uumaan dagalfattee.
Hin dhaluu hin dhalchuu maseentee.
Hormaata hin kutuu kakattee.
Waamsifte sanyii ormaan dhalatte.
Wolaloon kun raya abaduran qophaahe

Uprising against oppression continuous; Oromian Flag signposted in various towns of Wollagga region.


(Qerroo News, Najjoo, June 01-2011). Uprising against oppression continued in West Wollegga towns of Nadjo, Jarso and Babbo. The uprising mobilised people in these towns were achieved remarkable victory that on other hand extremely frustrated the Woyane government authorities in the region.

The Nadjo town residents of county 01, 02, 03 and 04 abide by Oromo Youth Movement for Freedom and Democracy call rioted against the government on May 23rd 2011. On the day people of the town rallied from every corner of the town, directed to the Woyane government authority offices, chucked down the government’s flag that broadly considered as the symbol of tyranny, and replaced by the Oromian flag, which well respected among the Oromo people as the symbol of freedom, for one day.

According to Qerro’s news source, in addition to raising up the Oromian flag the rally has been singing a revolutionary rhymes of ‘Ebbisa Addunya’, that advocates for freedom, by striking the slogan that advances the OLF (Oromo Liberation Front) and ‘Get Up Qerroo’ messages. Until the heavily armed Federal forces convoyed to the area to contain the rally became beyond control of the government authorities.

In similar cause, in Jarso district (Wollagga), the Youth Movement for Freedom and Democracy, ‘Qerroo’ wing disposed of the government’s flag and replaced by the Oromian flag. No one had become brave enough to bring the flag down for a couple of days, until the Federal armed forces reinvaded the town.

Similarly, Qerroo news reported form adjacent district of Babbo has revealed that demonstration lobbied by the government authorities in favour if Blue Nile irrigation project advancement altered to violence. Accordingly the demonstration wrecked the government flag and evacuated the government authorities from the town.

Due to communication network channel disruption by the government reporters experienced difficulties to deliver the news to the public arena quickly as it to be practicable.