Bara Harreen gabbatte.
Aayyoon saree hanqatte’.
Harraa mitii kaleessaa.
Gadaan nu mulqe misa.
Kudha saddeeti maayyiinsa.
Kudha salgaffaan seensaa.
Nu ganeem jaarraa keessaa.
Barii sanaa eegaltee.
Guyyaan torban hedate.
Jiinis woggaa lakkaawwate;
Akka diinaattu na fudhate.
Adaamii narratti tumate.
Akka waan gaariitti fudhate.
Gadaanis jaarraatti laate.
Akka waan wol mariyatee.
Dhihaa barii naan kaatee.
Qubsumaa na dhowwate.
Aduun dhiitee bariituu.
Wol qixaa faroo hin toltu.
Jaarraan kudha saddeeti hamtuu.
Akkuma waan faarfamtuu.
Na geessee utuu dhalamtu.
Aduun dhiitee bariituu.
Baguma hin dhiisin kaatuu.
Jaarraan dhibbas herregatu.
Cubbuuf tumsa haqas dhortu.
Dhugaan abbaa galuu hin ooltu.
Sabni koo balchaa beeytee.
Si hin haaluu dunuunfatee.
Aduun obboruu baatee.
Abaabuu keenyarratti iftee.
Sirna Gadaa yayyabatee.
Heera hin hiiknuun kakatee.
Hooda godhee heera muudate.
Naannoon kan buluun tumate.
Seera gooroodhaaf laatee.
Heera barreessuun dhowwamte.
Waan tokkon isinii himaa.
Hin gaafatinaa nama.
Gaaffee hayyuu beekamaa.
Himuuf hin qabuu eeyyama
Ergamaa waaqaa tilmaamuun hama.
Aduun ol baateen ganama.
Sadoo koo gonfite qarooma.
Dimokiraasii hin miine nama.
Nuu dhaabanii tu,oo cimaa.
Kan raafnaan buqqahuu dide orma.
Loon boobbahan obboroo lfaa.
Fooraatti dachahuu kurruufaa.
Ameessi aannan guutee cufa.
Jabbiin hootee namnis quufaa.
Oromoon ture qananiin rafaa.
Addaan fageessun qubsumni lafaa.
Sinbirtuudhaa oduu wolii hordofaa.
Haga xumura kudha jahaffaa.
Bulchoonni muudaman bakka cufaa.
Godhatan bulchiinsa dhuunfaa.
Kudha torbaffaa eegalli isaa.
Ifti badaa dhufuun dimimmisaa.
Aansun seenaa jibbisiisaa.
Dagaagse miidhuun ol antumma.
Sirni diinaa utuu hin seenin keessa
Waa siqofa mitii worri himatamee.
Kan sirna gadaa booji,e saamee.
Aangoo jadhee baalabbatan of yaamee.
Falmataa turee goonni bahee.
Kan dubartiin harmi ciramee
Abbaan lafaa harka laatee deemee.
Hin dhumatuu kumaan lakkaawamee.
Goobanaa qofatu guyyuu abaaramee.
Horeen isaa worruma beekamee.
Kan muudamuu digiriin waamamee.
Hin beeynuu nama addaan baafatuu.
Hundatu tolaa afaaniin dubbatuu.
Nama honnachiisaa seenaa dubbatu.
Waan qochu fakkaataa yaroo kaatu.
Nama mitii kan sabni komatuu.
Abaaramaan hunda irraa.
Kudha saddeettafaa jaarraa.
Hammeenya dhaalee wol irraa.
Kuun dhufee kaanis dabra.
Tokko nuu hin laafne garaa.
Barii sanaa jalqabee.
oromoon habashaan cabee.
Guddinaa baraa dhabe.
Deemuuf nama dhaqqabee.
Wollaalati ija qabee.
Kamiin dhiiseen kam himaa.
Alagaan waa qabuu caalmaa.
Hundaan mulqamne namooma.
Afaan keenyas luugamaa.
Dubbachuuf akka namaa.
Abisiiniyaan wol keessaa.
Eenyu dhiigaan adda baasa.
Lachuu aangoof wol arrabsaa.
Adda hin bahan kaayyoon tasa.
Lafeen nuuf qabuu jibbiinsaa
Gaafas irraa kan nu eegalee.
Milkiin dugda nutti galee .
Qannoo qananiin nu haalee.
Dabaa cubbuun nu gooltee.
Nu gubdi ibiddaan woxaltee.
Eenyunuu hin fedhu gabrummaa.
Waa fedhii hin gaafatuu nama.
Akaakuu kan cabse ganama.
Aabboo irraa fuudhee dhaalmaa.
Gadadoo gad aantummaa.
Kiyya kun yoomuu tokkumaa.
Kan koo bonaa fi gannan soomaa.
Utuun hin furreen adeem,aa.
Argaa dharra,aan deemaa.
Qabaadhee hin nyaadhuu coomaa.
Daandii guddaa dhiisee omaa.
Danqaraa hamaa cabsaa deema.
Keessaa bahuufin jedheen cinqama.
Lafa waa hin arguu tintimaa.
Birmadhaa naa dhaa malaa.
Harqooti gabrummaa elaa.
Waanjoon baadhaa sibiilaa.
Cillaaffataa dhukkubus laalaa.
Qufa,ee aadaa kulkulaa.
Aakkee tufaa dhiigaa fi mala.
Haga yoomiin hiraaraa.
Taa,ee hin arguu makaraa.
Kutataa rabbi naaf hiraa.
Waa,ila karaa dheeraa.
Kan deemetu keessa taraa.
Bassaa dhugdii habbuuqqattee.
Haatee kolfaa qasaatee.
Deesseen gadda uffattee.
Bara harreen gabbatee.
Aayyoon saree hanqattee.
Harmeen madaa gadameessi.
Dhiitee bariitu boossii .
Jechuus dadhabee obsii.
Waaq si harka jiraa qorsii
Harmee koo naa fayyisii.
Akka waan abaaramtee.
Hereen uumaan dagalfattee.
Hin dhaluu hin dhalchuu maseentee.
Hormaata hin kutuu kakattee.
Waamsifte sanyii ormaan dhalatte.
Wolaloon kun raya abaduran qophaahe