Ergamtichi Wayyaanee Barsiisota Sadii Hojii Irraa Aryate!

(Oduu Qeerroo, Adaamaa, Waxabajjii 11, 2011) Ergamaan Wayyaanee, Junaddiin Saaddoo ammas akkuma kanaan dura, 2004 keessa  barattoota Yunvarsitii Finfinnee 300 ol ta’an  akka barumsa irraa aryataman wayyaanee waliin murteessetti, ammas  barsiisota Yunvarsitii Adaamaa sadii ajaja waltajjii irratti dabarseen akka hojii irraa aryatama godhe.

Qeerroon magaalaa Adaamaa keessaa akka gabaasetti, Ergamtichi Wayyaanee kun  kanaan dura barattoota Oromoo goyyoomsuuf yaaliin godhe akka jalaa fashaleen Jimaata darbe, lukkeelee abbaa irrree wayyaanee callaa walitti qabee oduu kijibaa harkaa funaanaa oolee jira.

Qeerroon walgahii kana irratti argame akka dubbatetti, waan hunda caala kana nama dhibu namni maqaaf abbaa aangoo ta’e tokko kijiba waltajjii irratti malaan nyaatotti himaniin hojjataa mootummaa tokko akka ergamtuu isaatiitti aryachuu isaa ti.

“Keessaayyuu, walgahii magaala Adaamaa, galma abba gadaa keessatti godhame irratti waa’ee barsiisa Taayyee jedhamu waanti himamee fi murtiin darbe kan nama raajuu dha,” kan jedhe Qeerroon, “oduu kijibaa  barataan miseensa opdo ta’e tokko odeesseen barsiisaan kun battalumatti hojii irraa akka aryatamu Junaddiin waltajjii irratti murteesse,” jedhee jira.

Haaluma kanaan barsiisoti sadii battaluma sanatti hojii irraa akka aryataman beekamee jira. “Sababa barataan opdo tokko oduu kijibaa  dubbateen  ogeessa tokko hojii irraa aryachuun maalummaa sirna wayyaanee kan ifatti mul’isuu dha, kan jedhan immoo, “haalli abbaa irrummaa akkanaa  kun umurii sirna abbaa irrummaa kan gabaabsu malee kan dheeressuu miti,” jedhanii jiru.

Baratoota miseensa opdo fi barsiistoota walitti qabanii maqaa wal gahii dhaan hoteela rift valy jedhamu keessatti dhugaati obaasanii haala siyaasa isaani ijaa-gurratti afuufaa akka jiran kan gabaase Qeerroon,  “haalli kun baratoota macheesanii haala hin taaneen olola siyaasaa itti guutuun dhibdee biyyattiif furmaata buqqaasaa akka hin taane, inumaayyuu, ittiin jireenyaaf jecha waantoti yeroof kabaman kunneen  akka dallaa cirracha irratti ijaaramee ti,” jedhanii jiru.

Qeerroonis itti dabaluun akka dhaametti, yeroo darbuuf jiru keessatti kanneen xurii seenaa laaqqachaa jiran badii caalutti otuu hin galiin akka irraa deebi’an dhaamsa lammummaa dabarseefii jira.

Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufe.

(Odeessa Qeerroo, Fichee, Waxabajjii 11, 2011) Oromiyaa naannoo Shawaa Kaabaa keessatti ummati Oromoo erga FDG jalqabee bubbulee jira.

Finciloota mirga abbaa biyyummaa falmachuun baatii Waxabajii kana keessa itti fufuun ummannii Oromoo onoota Kuyyuu, Hdhabuu Aboote, Dagam fi Yayyaa Gullallee keessatti ajaja qondaalota Wayyaanee irraa fudhachuu diduu fi qajeelfama mootummaan TPLF ummata irratti baasu lagachuun diddaan dura dhabatanii jiru.

Haala kanatti kan aare mootummaan Wayyaanee immoo ummata meesha maleeyyii mirga uumamaan qabanitti dhimma bahanii gaaffii mirgaa gaafatan kunneen mana hidhaatti guuraa jira.

Akka kanaan onoota kanneen keessaa Waxabajjii 06 fi 07,2011 Oromoota 159 lukkeelee Wayyaanee fi waraana TPLFn qabamanii mana Hidhaa bakki hin beekamiinitti geeffamanii jiru.

Sababa kanaan kan ka’e ummati Oromoo naannoo san jiraate gamtaayee bakka isaan itti hidhamanii fi sababiin namni 159 hidhameefii akka nuu himatan jechuun qondaalota lukkeelee fi TPLF yeroo gaafatan, warren hidhaman kun ummata mootummaa irratti kakaasan,ajalaa fi qajeelfama keenya ummati akka hin fudhanne kakaasan kan jedhuun hidhaman jechuun deebii arrabsoon makame ummataaf deebisuu Qeerroon  Shawaa Kaabaa gabaasee jira.

Ummati Oromoo  Shawaa Kaabaas jiraatus tahe ummati Oromoo walii galatti warraaqsa baatii Ebla jalqabe hanga har’aatti osoo wal irraa hin citiin gaggeessaa jira.

Warraaqsi qabate kun galiin isaa mirga ummata Oromoo fi soboota cunqurfamoo Ethiopiaf gonfachiisu akka tahe Qeerrooleen Oromiyaa onnatanii dubbatu.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

“Nuti Otuu Jirruu, Akkamiin Dhabamaa?

(Qeerroo, Finfinnee, 11 Waxabajjii 2011) Sabni tokko kan ofi danda’ee, ummata baay’ee qabu qabsoo gamtaadhaan garbummaa jalaa akka bahu weellisaa ANGAFAA fi beekamaa Afandii Siyyoo Faaruu Warraaqsaa Qeerroof erge keessatti hubachiise.

Wellisaa Afandii Siyyoo faaruu haaraa Qeerroo Oromiyaaf qindeesse keessatti akka hubachiisetti sabni Oromoo kan dhaloota sabboonoo fi kutatoo kitilaan qabu ba’aa garbummaa baatee jiraatuun salphina guddaa dha.

Walaloo faaruu “garbummaa irra jirraa, roorroodhaan saamamnee,..” jedhee eegalu keessatti akka welluu isaatiin qindeessee miiressetti xiqqaa guddaan keenya karayyuu marsinee diinatti yoo kaane abbaa injifannoo ta’uun hin mamsiisu. 

” Nuti Otuu Jirruu, Akkamiin Dhabamaa?” jedhee gaaffii seena qabeessa kan gaafate Artisti Afandii Siyyoo, deebii isaas, “Nuti saba tokkoo, wajjiniin qabsoofnee, wajjiniin rakkannee bilisummaatti haa baanu,” jechuun furmaata isaas welluu isaa kana keessatti akeekee jira.

“Waliin Qabsoo Goonee, Irraa baana Rakkoo”

Artisti Afandii Siyyoo seenaa qabsoo warraaqsa Oromoo keessatti wallee warraaqsaa kan akka Baallee Guchii  fi  Alaabaa Oromiyaa fa’aa weellisuun  qabsoon bilisummaa Oromoo sadarkaa olaanaatti akka tarkaanfatu gahee mul’ataa gumaachaa jira.

Kana malees, yeroo addaddaatti walleen Oromoo sadarkaa addunyaatti akka beekamu gahee olaanaa bahuun faandhahii dhaloota haaraa ta’ee akka jiru  hubachuun kan danda’amuu dha.

Yeroo ammaas  bu’aa bubbutuun otuu hin malalfamiin qabsoo oromoo jabeessuu fi tumsuun gahee ogummaa kan sadarkaa guddaatti mul’atu  bahaa jira. Dhiyeenyattis Faaruu Qeerroo qopheessuun hojiin boonsaa diddaa Qeerroo Bilisummaa tumsuu fi gootomsu  gumaachee jira.

Kanumaan wal qabatee, gara fuulduraattis hojii muuziqaatiin qabsoo bilisummaa Oromoo tumsuuf kutannoo hin daddaaqamnee fi jabaa akka qabu dhaamsa nuu dabarse keessatti mirkaneessee jira.