
Abiddi Warraaqsaa Universitylee Keessatti qabate Wayyaanee Yaaddesse
(Qunnamtii Qeerroo, Awaasaa, Caamsaa 01, 2011) Barattootani mooraa yunversiiti Hawassa kessa humna poolisiitin kanan duraa fudhataaman garaa barnoota idilee isaanitti akka deebi’anifi garaa mana yaala geffamanii taajajilaa yaala akka argataan kan jedhuufi kannen hafaan irra dorsiisni akka dhaabatuu jechuun gaffi barattotni gaafatan karaa sirri ta’ee deebisuu wantaa dadhabaniif yeroo amma kana jechuun ebla 28,2011 eegalee mooran yunversitti hawassa human poolisiin marfamtee jirti.
Yeroo barataan Oromoo,qotee bulaafi daldalaan mana hidhaatti guurama jiruu kanatti guyyuma kana jechuun ebla 28,2011 maqaa waldaa misooma Oromiyaa jedhuun wal ga’ii mooraa guddichatti(main cumpuss) kessatti beeksisa maxxansanii barataa konkolaatan garaa moora birootti gessuf yaalin isaan taasisaan jalaa fashalayee jira.
Yeroo itti sabni Oromoo daraara fi mana hidhaatti guurama jiruu kessatti Oromiyaa akkamin misoomsu akka isaan fedhaanifi qarshii hawassa fi baratta dirqisisani sassabanin deebisani sabichuma itti hidhaa jirtu jechuun baraataan fincilaa kaase jira.
Itti dabaluun yeroo hongeen loon boorana lafarra duugugee yeroo ballesse kanatti isiin hidhaa abbayyan Oromiyaa misoomsituu jechuun diddan barataa irra isaanitti ka’ee afaan qawwen dorsiisin moora waranan marsanii jaru.karaa cabee dhangala’a malee diddan keenya dorsiisan hin dhaabatuu kan jedhan qeerroon yunversitii hawassa,..dorsiifni amman booda kan nurra hin dhabbanne yoo ta’ee fi gaffi keenya fi deebi ga’ab hin laatamu yoo ta’ee,..lubbu keenya balaa irra eeggachuf jechaa tarkanfii lubbu namaa fi qabeenya mootumaa irratti dhaqqabsiisuf qophii akka ta’an beeksisaa akkeekkachisan wal maqeen addesanii jiru.
Yeroo amma kana tokko tokko bilookii biraa human waranaa 4-5 ta’eetu ramadame jira.kana jechuun waranaa 200 ol mooratti guute jiraachu mul’isaa.baratan ejjenno baafateen nyaata diduun akkasumas afaan isaa carqiin hidhatee class barnoota seenuf murtesse jira.