ተማሪዎችን በ “አብዮታዊ ዴሞክራሲ” ለማጥመቅ ታቅዷል፤ ለግድብ ካልከፈላችሁ ሞዴል አትፈተኑም ተባሉ።

(ቄሮ – የኦሮሞ ወጣቶች ዜና, አዳማ, 25/05/2011) የዘረኛውና አምባገነኑ የወያኔ አገዛዝ የህዝብን የትኩረት አቅጣጫ ለማስቀየር በሚል ከቅርብ ጊዜ ወዲህ የለቀቀው የአባይ ግድብ ዜማ እያስመረረ የሚገኝ ሲሆን፣በቀጣይ የተማሪዎች የእረፍት ወቅትን ተከትሎ ለሁለተኛ ደረጃ ተማሪዎች “ስለ አብዮታዊ ዴሞክራሲ የፖለቲካ ፍልስፍና እና በኢትዮጵያ ስላስገኘው ልማት” ለተማሪዎች ሥልጠና ለመስጠት ዝግጅቱን ማጠናቀቁን አሳወቁ።

የኢህ አዴግ  መንግስት  በድንገት ትምህርት ሚንስቴር ዓመታዊ የትምህርት መርሃ- ግብሩን በአስቸኳይ እንዲያቋርጥና ወደ ፈተና ዝግጅትና ትግበራ እንዲገባ ባለፈው ሳምንት መመሪያ አስተላልፎለታል።

በዚህ ድንገተኛ ውሳኔ የተደናገጠው ትምህርት ሚኒስቴር በበኩሉ ሣይውል ሳያድር ለየመሰናዶና ሁለተኛ ደረጃ ትምህርት ቤቶች ርእሰ መምህራን በጻፈው አስቸኳይ ደብዳቤ መምህራን የሚያስተምሩትን ትምህርት አቋርጠው ወደ ፈተና ዝግጅት እንዲጣደፉ በፋክስና በስልክ በአስተላለፈው መልዕክት ላይ አዟል፡፡

በዚህ መሰረት የመሰእናዶ ትምህርት (ፕሪፓራቶሪ ክላስ) ከግንቦት 20 ቀደም ብሎ እንዲገባደድ ; የሁለተኛ ደረጃ ትምህርት ደግሞ እስከ ግንቦት 30 ድረስ እንዲጠናቀቅ የሚያሳስብ አስቸኳይ መመሪያ አውርዷል።

በዚህ ውሣኔ መሠረትም ያልተጠናቀቁ ዓመታዊ የሁለተኛ መንፈቀ ዓመት የትምህርት ካሪኩለሞችን በማሟላት ላይ የነበሩ የ12ኛ ክፍል የመሰናዶ ተማሪዎች ከትላንት ሰኞ ግንቦት 15 ቀን ጀምሮ ያልተጠናቀቁ ትምህርቶቻቸው ተቋርጦ የማጠቃለያ ፈተና እንዲጀምሩ ተደርጓል።

በሌላ በኩል ደግሞ በሰሜን ሸዋ የሚገኙ የ8ኛ ክፍል ተማሪዎች ለአባይ ግድብ ማሰሪያ የሚሆን ቦንድ ካልገዘችሁ ወይም ገንዘብ ካላዋጣችሁ ሞዴል ፈተና አትፈተኑም መባላቸውን ዘጋቢያችን ከስፍራው ባስተላለፈልን ዘገባ ገልጿል።

በዘገባዉ መሰረት ተማሪዎቹ የ8ኛ ክፍልን ሞዴል ፈተና ለመውሰድ ከመቀመጣቸዉ በፊት “ለህዳሴዉ ግድብ” ማሰሪያ የሚሆን ቦንድ ግዙ ተብለዉ ሲጠየቁ “እኛ ገንዘብ የለንም ወላጆቻችንም ገንዘብ የለንም ብለውናል” ብለዉ ሲመልሱ ፈተና አትፈተኑም በመባላቸዉ በወላጆችና በትምህርት ቤቶች መሃል ትልቅ ውዝግብ ተፈጥሮ እንደነበር የደረሰን ዜና ያመለክታል።

በሌላ በኩል ደግሞ እንደተማሪዎቹ ሁሉ ቦንድ ካልገዛችሁ ተብለዉ የተጠየቁት መምህራን በአገሪቱ ባለው የኑሮ ውድነት ምክንያት ገንዘብ ለማዋጣት ፈቃደኛ አለመሆናቸውን ቢገልጹም የዘረኛው አገዛዝ ካድሬዎች አሻፈረን በማለት የማስገደድ ስራቸውን መቀጠላቸውን የደረሰን ዘገባ ያስረዳል።

የዘረኛውና አምባገነኑ የወያኔ አገዛዝ የህዝብን የትኩረት አቅጣጫ ለማስቀየር በሚል ከቅርብ ጊዜ ወዲህ የለቀቀው የአባይ ግድብ ነጠላ ዜማ እጅግ እያስመረረ የሚገኝ ሲሆን፣ የአገዛዙ ቁንጮ የሆነዉ መለስ ዜናዊ ከግብጽ መንግስት ጋር ባደረገው ስምምነት የግድብ ስራው ግንባታ ላልተወሰነ ጊዜ እንዲራዘም ማድረጉንም አይዘነጋም።

Ergamaan Wayyaanee aangoo irraa mana hidhaatte darbame.

(Qeerroo, Adaamaa, Oromiyaa, 25 Caamsaa 2011) Sirna Wayyaaneef ergamaa gaarii ta’ee barattoota hiisisaa fi ajjeechisaa kan ture, hogganaan Univarsitii Adaamaa aangoo irraa kaafamee mana hidhaatti darbame; bakka isaa immoo ergamtichi OPDO Tolaa Badhaasaa jedhamu ramadamee jira.

Qeerroon maddi oduu isaa irraa akka mirkaneeffatetti, ergamtooti mootummaa wayyaanee fi humnooti tikaa dhimma jeequmsaa fi nyaata summaa’ee irratti waldhabdee wal unkuraa jirti.

Adama Uni Students up rising

“Waan mana barumsaa sana ilaalchisee caasaan wayyaanee wal’lolaa jiru.Bulchiinsa University kan ture sana kaasanii gurbaa OPDO  Tolaa Badhaasaa jedhamu  bulchiinsa mana barumsaa sana godhanii jiru,” kan jedhe maddi qeerroo, kun immoo waan summii sana beekaa akka raawatameefi waan itti damaqamaa jiruuf jarreesana naannoo sanaa fageessuuf kan hojjatame ta’uun hubatamee jira.

Yeroo ammaa kanatti, “waanti haaraan moora keessa jiru dhimmuma barattoota dhukkubsatanii ti,” kan jedhe miseensi qeerroo tokkos, haala kana  ilaalchisee Doctooronni barattoota kana yaalan ‘garaa keessan miiccadha kana ta’uu baannan hamma wagga 5tti dhukkunbi kun isin hin gadhiisu,’ akka jedhanii ibsee jira.

Sababa kanaan barattootni kaan gara mana isaaniiti barumsa dhiisanii galanii jiru; kaan immoo mana yaalaa gurgudda ciisanii akka jiran kan ibse odeessi kun, Ijoolleen summii sana nyaatte sun hedduu akka miidhamaniifi qaamni isaanii akka kokotaa’aa jiru, keesattuu naannoo jilba ,Ciqilee fi Dugda isaanii akka miidhaman himaa jiru; dhimma kana ilaalchisees haalli falmii barattootaa itti fufa  jedhamee jira.

Sababa kanaaf piresedantii moorichaa kan ture Dr Bekele kan jedhamu,ergamaan wayyaanee aamgoo irraa kaafamee gara mana hidhaatt darbatamee jira; wayyaanotaanis akka malee kan qeeqame yoo ta’u, “dhimma barattoota kana ilaachisee to’annaan kee dadhabaa dha,” jedhamee jira.

“Nuti immoo bakka jirutti nagaadha,” kan jedhan miseensoti qeerroo,  yeroo ammaatti websiten qeerroo  barattoota mooraa guutuu biratti akka dubbifamaa jiruu ibsanii, “odeessa qeerroon dabarsaa jiru barattooti hundi dubbisaa jiru; nutis arginee jirra; baayee kan nama gammachiisudha,” jedhanii jiru.

Dameen walqunnamtii Qeerroo gama isaatiin, hojiin qeerroo kan mandi’ee mul’ate hirmaannaa qeerrootiin ta’uu hubachiisee, dhimma kanas daran babal’isuuf yeroo ammaa kanatti website Qeerroo: https://qeerroo.wordpress.com san ol guddisuufi wayyeessuuf hojjachaa waan jiruuf miseensoti Qeerroo bakak jiran maratti dammaqinaan odeeffannoo argatan gara wiirtuu qeerrootti karaa e-mail qeerroo2011@gmail.com akka dabarsan dhaamee jira.

Gama biraatiin, magaalli Finfinnee yoomiyyuu caalaa eegumsaan cinqamtee akka jirtu hubatamee jira. Miseensoti Qeerroo marsaa walmarii hiriyootaa irratti akka waliif dhaamanitti, yeroo ammaa kana sochiin nama hundaa tuhatamaa dha; waraanni, foolisaa fi warra tikaa gamtaan eegamsa sardaatti seenanii jiru. Eeggumsi kun tarii waanuma ayyaana isaanii kana waliin wal qabatee tahuu mala kanneen jedhanis ni jiru.