(Oduu Qeerroo,Finfinnee, 23 Caamsaa 2011) Adeemsi qabsoo keenyaa haga yoonaatti shiraa fi jeequmsa Wayyaaneen ummata keenya irratti raawwachaa jirtu ittisuu irratti xiyyeeffatee ture, gara haleellaatti jijjiiramuu akka qabu Qeerroon hubachiise.
Qeerroon “Arfiin qabsoo Qeerroo tarkaanfii diddaa fudhachuu dha!” mata-duree jedhuun ibsa baaseen akka hubachiisetti, qorannoon qabsoo waggoota digdamman darban irratti adeemsisame kan mul’isu qabsoon keenya miidhaa fi roorroo Wayyaanee ofirraa ittisuu irratti xiyyeeffatee turuu isaa ti.
“Haala akkasii keessatti immoo qabsoo dandamachiisuun yoo danda’ame illee irra caala kan fayyadamu murna abbaa irree ti,” kan jedhe ibsi Qeerroo kun, “amma illee Qeerroon akka dhimmuma walfakkaatu irratti qabamee hafuuf yaaliin addaddaa gurree fi lukkee abbootii irreetiin godhamaa jira,” jedhee jira.
Keessaayyuu, barattoota Oromoo addatti rasaasaan tumuun, barattoota nagaa mana hidhaatti hiraarsuu fi kaan immoo nayaata summaa’een fixuun namuu dallaa sodaa keessatti qabamee akka waan isa irra gahu ifirraa eegaa jiraatu gochuuf yaadamee akka ta’e Qeerroon addeessee jira.
Haata’uutii, adeemsi haga yoonaa kan waan Wayyaaneen raawwattu ofirraa ittisuu irratti xyyeeffatee ture gara haleellaa fi fincilaatti naannuu qaba jedhee jira.
Caasaa mootummaa fincila diddaan laaffisuuf yaadaa fi qalbiin qophaa’uun barbaachisaa waan ta’eef jaarmiyooti dhimma Bilisummaa fi dimokiraasii irratti hojjatan dursanii diddaaf akka of-qopheessanis Qeerroon dhaamee jira.
Kana malees, jaarmiyooti martuu haga danda’anitti dhimma ijoo / ajandaa/ walfakkaataa tokko jalatti diddaa isaanii qindeeffatanii akka finiinsanii fi guyyaa garbummaa gabaabsan Qeerroon waamicha godhee jira.
Yeroo ammaa kanas Wayyaaneen sodaa guddaa keessa seentee waan jirtuuf, gochaa farra dimokiraasummaa ishii babal’isaa jiraattu iyyuu haleellaan sirna hiraarsaa kana irratti fudhatamuu malu kamuu laafuu fi dhaabbachuu akka hin qabnes yaadachisee jira.
Qeerroon itti dabaluunis, “yeroon kun yeroo itti sirna wayyaanee adda baasanii haleelanii dha. Haga ammaatti ofirraa ittisuu irratti hojjataa turre ta’a; sun yeroon isaa dhumatee jira. Amma diddaa dha! Didaatii, hiree keessaniin guyyaa Bilisummaa keessaanii as dhiyeessaa,” jedhee jira.

(ቄሮ – የኦሮሞ ወጣቶች) 
(Oduu Qeerroo, Adaamaa, 22 Caamsaa 2011)
Qeerroon akka gabaasetti, Gaaffii mirgaa gaafachuu fi FDG itti fufe jira. Mooraa Yunivarsitii Adaamaa keessatti diddaan itti fufee, Sanbata kaleessaa-21 Caamsaa 2011- gabaasaa tamsaasuuf kan turre haala rakkisaa keessa waan turreef oduu dabarfachuu dadhabnee turre.