የኦሮሞ ወጣቶች ህዝባዊ የመታገያ አጀንዳዎች

1. የወያኔ/ኢህአዴግ አገዛዝ የህዝብን ፍትሃዊና ህጋዊ መብቶችና ጥያቄዎች ለማፈን ባለፉት 20 አመታት በተለያዩ የኣገሪቱ አካባቢዎች በተለይ ደግሞ በኦሮምያ፣ በኦጋዴን: በጋምቤላና በሌሎችም ክልሎች ህዝቦች ላይ የሚያካሄደውን ወታደራዊ የእመቃ ዘመቻ አሁኑኑ ያቁም።
2. በሃገሪቱ እስር ቤቶች የሚማቅቁ ሁሉም የፖለቲካ እስረኞች ያለምንም ቅድመ ሁኔታ አሁኑኑ ይፈቱ።የሰው ልጆች ቄራ የሆነውና የሰቆቃ ስራ መፈጸሚያ የሆነው የማእከላዊ እስርቤት ባስቸኳይ ፈረሶ ለዘላለሙ ይዘጋ
3. የአገዛዙ የተሳሳተ የኢኮኖሚ ፖሊሲ ማስተካካያ እስኪበጅለት ድረስ ይህ የተሳሳተ የኢኮኖሚ ፖሊሲ ችግር ላይ ለጣላቸው የህብረተሰብ ክፍሎች፣ ዳቦ፣ ስኳር: እህልና ዘይት የመሳሰሉት የመሰረታዊ ፍጆታ እቃዎች ባስቸኳይ ከመነሻው የመንግስት ድጎማ ተደርጎላቸው ለህብረተሰቡ በተመጣጣኝ ዋጋ የሚደርስበት መንገድ ይመቻች::
4. የመለስ ዜናዊና የቤተሰቡ ንብረት ባስቸኳይ እንዲወረስ፤ ልኩ በውል በማይታወቀው የመለስ ቤተስብና የቅርብ ባለሟሎቹ የሙስና ተግባራት የምርመራ ስራ አሁኑኑ ይጀመር ።
5. የኢትዮጵያን ህዝብ ለአለም አቀፍ ጌቶች ባሪያ የሚያደረገው መሬት ለባእዳን አሳልፎ የመሸጥ ፐሊሲ አሁኑኑ ይቁም። በዚህ ረገድ የተደረሱ አለም አቀፍ ውሎች በሙሉ አሁኑኑ ይሰረዙ።
6. መለስ ዜናዊ ባስቸኳይ ከጠቅላይ ሚስትርነቱ ይነሳ የመንግስትን ስልጣን ባስቸኳይ ይልቀቅ።
7. ህገ ወጥ በሆነና በተጭበረበረ ምርጫ የተቋቋሙት የህዝብ መወሰኛና የፌደራል ምክር ቤቶች አሁኑኑ ይፍረሱ። ሁሉም የነጻነት ንቅናቄዎችና ተቃዋሚ የፖለቲካ ድርጅቶች የተሳተፉበት ዓላማው ማህበራዊ ፍትህንና ዴሞክራሲን ማንገስ የሆነና በኣጭር ጊዜ በነጻ የምርጫ ተቋምና ኣለምኣቀፍ ታዛቢዎች ሙሉ ለሙሉ በተመሰከረለት ነጻና ፍትሀዊ ምርጫ ዴሞክራሲያዊ መንግስት የሚያቋቁም የሽግግር መንግስት ይቋቋም።

ለጋራ ጥያቄዎችን አሁኑኑ በጋራ እንነሳ!!

Barattootti Yunvarsitii Adaamaa 20 ol hidhaman; kan hafan immoo”Nyaata Summaa’een nu fixaa jiru; nuuf birmadhaa!” jechaa jiru.

(Oduu Qeeroo, Adaamaa, 21 Caamsaa 2011)Barattooti Yunivarsitii Adaamaa kanneen sababa nyaati summaa’e isaaniif laatame beekuuf gaaffii gaafatan humnoota tikaa fi waraana wayyaaneen reebaman; haga ammaattis barattooti 20 ol ta’an ukkaamfamanii jiru.

Jimaata har’aa, 20 Caamsaa 2011, guyyaa guutuu humni waraanaa mooraa Yunivarsitichaa weeraruun barattoota reebaa fi tumaa kan jiru yoo ta’u, barattoota addaan bittimsuufis aara nama boochisutti dhimma bahanii akka jiran Qeerroon gabaase.

Kana biraan, barattooti kunneen Kibxata darbe, 17 Caamsaa 2011, irraa eegalanii nyaata manni barumsichaa isaaniif dhiyeessu waan sodaatanii nyaata dhaabanii jiru.

Haalli dhibdee kanaa akka furmaata argatuuf barattooti guyyaa har’aa gaaffii mirgaa kan kaasan yoo ta’u,humnooti tikaa fi waraanni Wayyaanee barattoota saatii laaqanaa irratti walitti qabaman gaaffii dhiyeessan aara nama boochisuun akka addaan bittiman godhanii jiru.

Barataan yeroo san reebame tokko,Qeerroof akka ibsetti, humnooti wayyaanee gara laafina tokko malee barattoota waan tokko of harkaa hin qabne tumaafi reebaa turan.

"Sababa itti summiin sun barattootaaf kenname beekuuf har’a sa’a laaqanaa irratti, laaqana keenya dhiisnee gaaffii dhiyeessine; manni barumsaa immoo gaaffii keenyaaf deebii kennuu irraa humna waraanaa nutti waamee akka bofaatti nu tumsiise. Kun hedduu gaddisiisaa dha," jedhe barataan kun.

Barataan kun dabalee haala arge yoo ibsu, "humni waraanaa ergame gaaffii tokko malee summii nama boochisu nutti dhukaasuu eegale. Erga barattooti of-wallaalanii booda immoo barattoota 20 ol kan ta’an hidhan. Isayyuu, akka waan dhala namaa irraa hin baaneetti, moora mana barumsichaa keessa seenanii baratoota keenya reeba turan," jedhe.

"Haga ammaatti nuyi osoo hin nyaatiin, kan guyyaa kibxata uumameen nyaata sodaannee osoo hin nyaatin haga ammatti jirra," kan jedhe barataan biraa immoo,"Cunqursaan wayyaanee hamma ammaatti nurraa hin buune. Adaraa sabni keenya warri isiniif dhagahamu nurratti hin dhiisiinaa; nuun hamma nuuf danad’ame iyyaa jirra; iyya keenya nuuf dhagaha; nuuf labsaa."

"Kan isin dhibu, baratoota keenya dhukkubsatanii hospitaala deemaniin ummanni, ‘Maali maaltu uumame?’ jedhanii yeroo gaafatan, warri yaalan, ‘lakki baratoota miti; warra mana hidhaa jirutu qorri isaan dhahe,’ jedhanii nurratti qoosaa jiru,jedhee dhaammatee jira.

Torbaan kana keessa gaafa Kibxataa mana nyaata baratoota kaffee (lakkoofsa 3) jedhamuun kan beekamu keessatti sababni isaa haga ammatti kan bira hin gahamneen barattoota Adaamaa waggaa 3, 4 fi TVT kan keesssatti sooratan guyyaa sa’atii laaqanaa irratti nyaata foonii erga nyaataniin booda barattooni baay’inaan 1700 ol ta’an dhukkubsatanii hospitaala Adaama seenuun isanii kana yaadatamuu dha. Haga ammaattis gariin dhukubni isaani humna ol kan ta’e gara Finfinneetti geessamanii jiru.

OQ