Hidhaa fi doorsisi,ajjechaa fi rasaasaan waadamuun akeeka keenya irraa nu hin dhaabu.,Jedhu Barattooti Oromoo University Hawaasaa.
(Qunnamtii Oduu Qeerroo, Finfinnee, Caamsaa 09/2011)Universitylee Ethiopia keessa jiran keessatti Ebala 14,2011 irraa eegalee FDG Qeerroo Oromootaan eegalame hanga harβaatti Wayyaanee boqonnaa dhorkee jira.
Qeerroon Oromoo University Hawaasaa keessaa barataa jiran hidhaa,reebicha,doorsisii fi eegumsi human milishoota Wayyaanee fi ergamtootaa gaaffii qeerrootaa keessatti dhukkaamsuu hin dandeenye,guyyuu mirga ummata Oromoo gaafachuu fi warra farra mirgaa fi domokraasii tahan human loltuu fi tika Wayyaanee waliin wal qabuu irraa hin dhaabbanne.
Sochii Kanatti kan rifattee fi haalli kun tasgabbaahuu akka hin dandeenye kan bare mootummaan Wayyaanee, mooraa University Hawaasaatti human tikaa addaa bobbaasuun barattoota Oromoo mooraa University Hawaasaa keessaa baratan 16 eegumsi addaa akka irratti tahuu fi qorannoon tikaa guyyaatti yeroo lama akka irraatti gaggeefamu murtoo dabarsan.
Barattoota ilmaan Oromoo 16n kana yeroo adda addaatti yaamuun,isin waraana ABO keessaa dhuftan,FDG gaggeessuuf jecha ramadamtanii as jirtu,yoo fincila kana itti fuftan ykn hin dhaabdan tahe tarkaanfii isinii fi barattoota kaan irratti fudhatamuuf mootummaan akka hin gaafatamne dha kan jedhuun doorsisi guyyuu irraan gahamuu qeerroon mooraa Hawaasaa beeksisu.
Kanas haatahu malee hidhaan doorsisii fi reebamuun gaaffii haqa ummata Oromoo gaafachuu irraa duubatti nu hin deebisu kan jedhu barattoonni murtoo fudhatanii jiru. Kun kanaan osoo jiruu diddaan barattoota Oromoo University Haramayaa fi Wallaggaa akkasumas Arbaminci keessatti itti fufee jiraachuu qeerrooleen beeksisu.Gabaasa guutuu fula duratti itti dhufna.
Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!