“Otuu agarruu akka hin argiiniitti, Otuu dhageenyuu akka hin dhagahiiniitti, Osuu dubbachuu dandeenyuu cincalamuun Nugahe jennee jirra!!”

(Qunnamtii Oduu Qeerroo, Finfinnee, Caamsaa 08/2011) Ilmaan Oromoo caasaa mootummaa Wayyaanee adda addaa keessa hojjatan gaaffii Qeerroo akka deeggaran ibsan; mootummaan Mallas Zeenaawwiis waan bara dargaggummaa isaa gochaa ture yaadachuun gochaa faashistummaa Qeerroo oromoo irraan gayaa jiru akka dhaabu gaafatan.

Qondaaltoti caasaa mootummaa Wayyaanee addaddaa keessa hojjatan kun ibsa Qeerroof ergaaniin akka beeksisaniin, yeroo ammaa kanatti miidhaa fi roorroon ilmaan Oromoo irra gayaa jiru  hedduu hammaataa jira.

“Miidhaa fi roorroon ilmaan Oromoo irra gayaa jiru akka dhaabbatuuf yeroo adda addaatti yaalii gochaa turre,” kan jedha qondaaltoti caasaa mootummaa Wayyaanee keessa hojjatan kunneen, “haalli isaa garuu sirratuu irra yeroo irraa gara yerootti hammaataa adeemuun isaa waan nu yaadeesseef walgeenyee murtii armaan gadii kana dabarfachuuf dirqamnee jirra,” jedhanii jiru.

Murtoo Qondaaloti Oromoo Motummaa Wayyaanee keessaa Hojjetan Dabarfatan.

Nuti imaan Oromoo kan taane qondaaloti humna tikaa,Waraanaa, Polisa naanno fi Federaalaa akkasumas mana Murtee motummaa Wayanee Ethiopia  keessaa Guyyaa hardhaa Caamsaa 07,2011 magaalaa Adaamaatti walitti qabamnee dhimmoota saba keenya fi biyya keenyaa irratti mariyannee murtii kanaan gadii morteefannee kaane jira.

  1. Haalli siyaasaa fi gochaan Wayyaanee yeroo ammaa Oromiyaa fi Ethiopia keessatti  taasifamaa jiru biyya Oromoo fi saba Oromoo kan daran balleessu waan ta’ee mul’atuuf waan ta’aa jiru kana immoo sirreessuuf karaa adda addaa yaalii yoo goones waan sirratu kan hin fakkanneef jecha ummata keenyaa fi biyya keenyaaf jennee gaaffii dargaggoonni Oromoo(qeerroon) gaafatan kun akka deebii argatuuf karaa hunda dhiibbaa irratti gochuuf walii gallee jirra.
  2. Mallas Zeenawwii ofii isaatii bara dargaggummaa isaa yeroo warraaqsa gaggeessaa ture akka mirga saba isaaf hin falmiiniitti amma Qeerroon Oromoo yeroo gaaffii siyaasaa gaafatan kanatti deebiin isaa hidhaa fi mana barnootaa ari’uun furmaata jedhee maqaa goolessituu fi farra ummataa jedhee itti moggaasuun waan saba Oromoo hunda keessatti gaaffii kaasee jiruuf jecha nutis gaaffiin ummata keenya kan keenya waan taheef Wayyaaneen gochaa kana irraa akka dhaabbatu jenna.Kun ta’uu yoo baatee fi barattooti hidhamanis yoo gadhiifamuu dhaa baatan qondaalotiin fi warraanni Wayyaanee kanneen Oromoo fi saboota biro ta’aniif waamicha lammummaa fi birmannaa lammummaa akka birmataniif irratti hojjechuuf qophii  taasifnee jira.
  3. Yeroo ammaa kana warren ABO irraa gannee dhufne hoggana turree fi waraana turre jedhanii TV Wayaanee irraa haasayan osoo jiranuu barattoota ilmaan Oromoo kanneen qotee bulaa keessaa dhalatanii jireenyi nuu wayyaawinnaa jedhanii University fi College baratan maaliif Oromoo taatanii fi maaliif gaaffii gaafattu jedhanii ABO dha jechuun hidhaatti geessuun gara malees torchii gochaa jiru. Kanaaf gochaan Wayyaanee kun hunda ilmaan Oromoo waan gaaffii mataa keenya keessa galchee hiriba nu dhorkaa jiruuf kanaan booda furmaati qabsoo akka tahe murteeffannee qeerroo Oromoo utubuuf walii galle jira.
  4. University Miizaan Teeppii keessatti barattoota Oromoo irratti gara jabeenyaan rasaasa roobsuun nama 120 ol akka madaayanii waldhaansa hin argatiin jiru,maatiin isaaniis itti deemanii gaafachuu hin dandeenye kanaaf gochaan kun ummata Oromoo maal na goota jedhanii tuffachuu fi sabi Oromoo waan fedhe yoo isa goone homaa nu gochuu hin dandahu kan jedhu tuffii waan ta’eef Wayyaaneen gocha kana irraa dhaabbattee barattooa kanaaf kaasa akka godhu,maatii isaanis akka dhiifama gaafatu jenna.

“Otuu agarruu akka hin argiiniitti, Otuu dhageenyuu akka hin dhagahiiniitti, Osuu dubbachuu dandeenyuu cincalamuun Nugahe jennee jirra!!”