
Abdii Kan Kutate Hunmni Waraana Wayyaanee Mooraa University Adaamaa Goolaa Jira.
(Qunnamtii Qeerroo, Jijjigaa, Caamsaa 03, 2011)Humni Poolisa Feederaala Wayyaanee mooraa University Adaamaatti ramadamee kan barattoota eegaa jiru lakkoofsa hin qabu,heddumminni poolisa uffata sibiilii uffatanii fi kanneen uniformii polisa Wayyaaneen deeman mooraa keessa galanii sochii barattootaa tohachuutti jiru,barattoota kanneen kaan keessa keessaa funaananii mana hidhaalee hin beekamnetti darbaa akka jiran qeerroon gabaasa.
Guyyaa gaafa Ebla 30.2011 galagala sa’aa 10:00PM booda humni Poolisa Feederaalaa University keessa jiranii fi kanneen ala irraa seenan kutaalee mana barnootaa duwwaa ta’aan keessatti barattooti Oromoo halkan halkan walgahii godhataa jiru jechuun barattoota kutaa duwwaa ykn space jedhamu keessatti qu’ataa jiran yaasuun mooraa keessa olii fi gadi ofaa akka turanii fi walgahii FDG gaggeessu irratti mariyataa jirtu jechuun shakkiin makarsaa turuun beekama. Dhimma kana irratti akka walgahiin barattootaa tahaa jiru raga qabatamaa qabna,namoonni kudhan tahan barattoota University Adaamaa bakka bu’anii mooraa kana keessatti osoo galgala walgahii godhanii bira gahameera kan jedhuun oduu dharaan kanneen hafan yakkaa akka jiran beekamee jira.Kanuma wajjiin wal qabsiisanii amma irraa jalqabee barattooti Oromoo nama lama tahanii galgala mooraa san keessattii fi kutaa qu’atan keessatti waliin argamnaan akka tarkaanifiin irratti fudhatamu itti himuun dorsisaa turan.
Kanuma waliin wal qabatee Caamsaa 01,2011 irraa kaasee hanga har’aatti doormii barattootaa irra deemanii barattootaan waan shakkamtaniif waraqaa eenyummaa keessan dhiheessaa jechuun waraqaa eenyummaa isaanii irraa funaanaan akka jiran qeerroon mooraa University Adaamaa gabaasti,waraqaa eenyummaa kanneen irraa fuudhame mooraa alaa fi bakka biraa deemuu akka hin dandeenye iggitii itti tolchanii kanneen waraqaa eenyummaa harka hin jirree fi harkaa bade ammoo qabanii gara hin beekamnetti geessanii jiru,barattoota saba kanaan qabamanii hanga ammaa bakka jiran hin beekamiin guutuu gabaasa isaa akka qindeessuun akka gabaasan qeerroon dhaamti.
Yeroo ammaa kanatti sochii barattoota Oromoo irraai sodaa guddaa kan horatte Wayyaaneen waan qabduu fi dhiistu wallaluun dabballootaa fi humnoota tikaa ishee keessaa Oromoota sabboonoo tahanis akka goolaa jiru beekama.Mooraa University Adamaa keessatti bakka nyaataa barattootaatti ammaan dura basaasota uffata sibiiliin deeman erguun basaasisa kan turte keessa gariin Oromoo turan,amma ilmaan dhalootaan Tigraay tahan barattoota fakkaatanii bakka nyaataa ta’auun haala barattoota Oromoo fi sochii isaanii hordofaa akka jiran beekamaa dha. Kun kanas tahe qeerroon University Adamaa jiran qabsoon keenya hanga galiin gahu FDG itti fufna kan jedhu ejjennoo isaanii beeksisanii jiru.
Qabsoon itti fufa! Gabaroomsaan ni Kufa!