Gaaffiin Qeerroo Itti Fufe!

Mootummaa Wayyaanee Gaaffii Dargaggoota Oromoo Deebisuu hin Dandeenye.

Odeessa Qeerroo Ebla 26,2011 .Gaaffii mirgaa Ethiopia keessatti gaafachuun baroota dheeraaf akka yakka guddaatti ilaalama,Kunis ammoo ummata Oromoo dhumaatii fi qabeenya samamuu,biyya Oromiyaa ammoo akka biyyaatti gurguramtee harka alagaa galuun Oromoota mirga abbaa lafummaa( indigenous right) dorkamaa jira. Hidhaan xiqqaa guddaa Oromootti hammaatee barataan,daldalaan,qotee bulaan,dhiiraa fi dhalaan mana hidhaatti darbama,kaan biyyaa arihama. Rakkooleen fakkaataan kun dhaabbachuu qaba,jedhanii mootummaa Wayyaanee yeroo gaafatan amma illee hidhaamuutu gaaffii keessaniif deebii dha jedhanii University fi college keessatti barattootaaf ibsa kennu.

Akka kanaan FDG University Arbamincitti gaafa Ebla 14,2011 kan eegale hanga ammaatti itti qabatee jira. Barattooti hedduun hidhamanii bakka bu’an hin beekamne,gabbasi qeerroo yeroo darbe ibsee ture. Ammos akka kanaan barattoota Oromoo Ebla 26,2011 irraa jalaqabee mooraa University Arbamincii qabamanii bakka buteen isaaniin hin beekamiin keessaa

  1. Barattuu saadiyaa ‘                    Afaan Oromoo’3rd yr
  2. Tilaahuun Fufaa Guutuu             Economics 3rd year
  3. Taakkalaa Aagaa Gaaroomaa    sociology 3rd  ”
  4. Dhugumaa Bayyanaa                  chemistry   2nd
  5. Dammaraa Gammadaa Qana’aa  civics  3rd
  6. Katamaa Dhiinsaa Yaadataa           sociology 3rd
  7. Taaddasaa Dassaalee Kistaanaa      economics 3rd
  8. Roobee Bookaa                                Geography 3rd

Kannee jedhaman keessatti argamu.

Oduun kanuma waliin wal qabatee jiru,godina Wallaggaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Jaartee Jaardagaa jedhamutti FDG gaafa Ebla 25,2011 kan jalqabe hanga har’aatti itti jiraachuu gabaasi naannoo isan irraa nu gahe addeessa.Sababa kanaanis kan wal qabate barattootii fi barsisotiin danuun hidhamuu odeessi qeerroo ibsa.Guutuu FDG Oromiyaa keessa jiru sababaa mootummaan Wayyaanee tahe jedhee  Network telefoonaa cireef yero yeroon gabafamuu dhabuun ni jira.