Raadiyoo Simbirtuu Tamsaasa Adoolessa 5,2012

Video

Biyya Alaa Keessatti Irreen Hawaasa Oromoo fi Ogaadeen Ergamtoota Wayyaanee Salphise

Video

Oduun Australia irraa marsaa Qeerroo dhaqabe akka addeessutti mootummaan Wayyaanee ergamtoota isaa biyya alaatti ergee akka reebsise addeessa.

Hawaasa Oromoo fi Ogaadeen mootummaa Wayyaanee irraa dheessanii biyya Australia mgaalaa Melboure qubatan adda adda qooduu fi maqaa investmentn jedhuun baqattoota biyyatti deebisuuf  ergamtoota isaa yeroo ergu Adoolessa 1,2012  salphinni guddaan  isaan hin eegiin magaala Melbourne jedhamu  keessatti akka isaan mudate gabaasi nu gahe addeessa.

Gootonni ilmaan Oromoo fi Ogaadeen akka kaanniisaatti  ergamtooti kun Hotel itti walgahii qopheefatani turanitti gurmuun deemuun  tokko tokkoo ergamtootaa fi kanneen jala deemtota isaanii ta’anii hawaasa keessa riphanii turan irratti reebichaan salphina  goonfachiisanii naannoo sanii arihuu fi walgahi isaa qopheefatanis Poolisa mootummaa Australian guutummaatti akka haqamu taasifamee jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.

Ergamtooti Wayyaaneen kanneen irree hawaasaan salphatanii arihaman keessaa gariin

  1. Judanadiin Saaddoo gaafatama ykn Minster Civil Service
  2. Abdulaziz Mohammad Itti aanaa President Caffee Wayyaaneen dhaabdee
  3. Markos Tekle Rik dhalootaan nama Sidaamaa kan ta’e ambassador Wayyaanee Japan
  4. Graham Romanes Consul General biyya Australia itti
  5. Fezel nama jedhamu  hawaasa Oromoo diiguu irratti biyya alaatti nama ramadame

Yeroo ta’an , Haala hiriirri sun itti turee fi TV channal 7 jedhamu kan biyya san keessaaa gabaase akka armaa gadiitti argattu.

http://youtu.be/Ia7anjrAtD4

RAB: PART3 – Exclusive Interview with the Chairman of the Oromo Liberation Front (OLF), J/ Daawud Ibsaa

Video

Diina Hin Sodaatiina!! Gara Feetetti Haabaatu!! ( Goticha Qabsaawa Zerihun Wadaajoo)

Video

Dargaggoota Oromoo Ka’i Yeroon Teetii !!! Hin Hifatiin Dhiibi…..!!!(Dhiibi Qeerroo – Nuhoo Gobana)

Video

Hegeree Media, Nuhoo Gobana, Qeerroo, Surraa Oromiyaa

RAB: PART2 – Exclusive Interview with the Chairman of the Oromo Liberation Front (OLF), J/ Daawud Ibsaa

Video

Qabsaawoti Shamarran Oromoo Maal Nuu Dhaamanii?

Video

Artist Saliyaa Saamii

Artist Dirribee

Artist Ilfuu

Oromo – Seife Nebelbal Radio Program, June 15, 2012

Video

RAB: Exclusive Interview with the Chairman of the Oromo Liberation Front (OLF), J/ Daawud Ibsaa

Video

Caayaa ABO Si Jalattan Dheessa…..

Video

(Qeerroo, 11 Waxabajjii 2012) Qabsoon Bilisummaa Oromoo ummata Oromoo dammaqsuun karaa hundaa akka diina irratti qabsaa’an taasisaa akka jiru ragaan hojii qabatamaan golee diinaa keessatti godhamaa jiruu dha.

Amalli qabsoo bilisummaa “qabsoo dhawataa” gama hundaan gageessuun gara galii ofiitti dhiyaachuu ta’uu kan mirkaneessu, qabsoon bilisumaa Oromoo, hundee garboomfattootaa suuta suuta nyaachaa akka jirus hojiin boonsaa hojjatamaa jiru kan ragaa bahuu dha.

Artistooti qaqqaalii ilmaan Oromoo Jaallan qaroo fi jajjaboo qabsoo bilisummaa Oromoo irratti wareega lubbuu bilisummaa saba isaaniif jecha baasan kanneen akka  Jaal Usmayo Musaa, Jaal Ebbisaa Adunyaa, Jaal Maramee Harqakaasaa, Jaal Jireenyaa Ayyaanaa , Jaal Yoseef Gammachuu  fi kkfkanneen dhihootti yaadannu dha.

Jaallan kun seenaa Oromoo keessatti dhaamsa jajjaboo nuu kaayanii darban. Kana irra darbees Jaal Suutee Baarentoo fi Usmaayo Muusaa waggaa 8 hidhaa Wayyaanee keessatti dararamaa bahanii osoo diinaaf hin jilbeeffatiin bara 2003  magaalaa Finfinnee bobaa diinaa jala ta’anii Jaallan arsittoota warraaqoo kaan waliin dhaamsa isaan anuu dhiisan akka you tube kana irra jiruuti.