Gabaasa [SQ, amajji 16, 2018] Mootummaan Wayyaanee Ilmaan Oromoo maqaa ABO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoon hidhee jiru gadi dhiisuun akeeka isaa akka hin taane oggaa hubatamu, namoota amma dhiifama godheeraaf, gadi dhiisuufani jedhee labse keessattillee kanneen miseensummaa fi deggertummaa ABOn hidhamanii jiran keessatti akka hin argamne hubatame.
hidhamtootni 528 ol ta’an akka gadi dhiifaman kan gabaasame oggaa ta’u, isaan kunis iddoo gara garaatti hidhamanii kan jiran ta’uun hubatameera. Isaan kunis irra jireessaan uummata naannoo kibbaa keessaa yakkamanii kan hidhamanii fi kan warra Habashaa irraa ta’uun kan gabaasame oggaa ta’u, kanneen maqaa ABOn hidhaman kan keessatti hin argamne ta’uu maddeen ifa godhu.