SBO Sadaasa 18 Bara 2012

Aside

Hojjettooti Mindaa dhorkaman Mormii Bahan; Waraanni EPRDFs Itti Bobba’e.

Aside

(Qeerroo, Jaartee, Sadaasa 17,2012) Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti hojjettootni mootummaa mindaa dhorkaman mootummicha irratti mormii godhan; waraanni mootummaa immoo hojjattoota gaaffii mirgaa gaafatan irratti bobba’ee akka jiru gabaasame.
Mootummaan Wayyaanee Hojjettoota jedhee kan ramadu miindaa gad aanaan hojjechiisuu irra darbee yeroo ammaa kana ammo mindaa dhorkaa jira.

Hojjettootni mootummaa Godina Horroo Guduruu aanaa Jaardagaa Jaartee Kaabinootaa fi dhimma bulchinsaa irraa hojjetan miindaan dhoksaan kan kaffalameef yoommuu tahu barsiisotni,Hojjettooni mana yaalaa marti miindaa dhorkamanii jiran.Hojjettootni kunneen tokkummaan maaliif miindaa keenya nuu hin kennitan jedhanii wayita gaafatanitti miindaan hin jiru.

Kanneen gaafatan duubaan ijaarsa ABO qabdu jedhamuun doorsifamaa jiran.Hojjettootni kunneenis Mormii hiriira nagaa gaggeessanii jiran.Itti gaafatamaaan dhimma Faayinaansii aanaa Obbo Tasfaayee Lammeessaa fi Bulchinsi aanaa Jaardagaa Jaartee dhimma kana irratti deebii kennuu dhiisuun kanneen gaaffii mirgaa gaafatan doorsisuu jalqabanii jiran.

Hojjettootni mootummaa kunneen sirna mootummaa Wayyaanee balaaleffachaa fi dhaadannoo garaa garaa dhageessisuun hiriira nagaa gaggeessaa jiran.Dhaadannoowwan
1. Miindaan keenya nuuf haa kaffalamu
2. Gaaffiin mirga Oromoo haa deebi’u
3. Gaaffii mirgaa gaafanneef hidhamuun haa dhaabbatu
4. Jala deemtotni Wayyaanee beekumsaan nuu ol miti.
5. Barattootii fi hidhamtooti Oromoo hatattamaan haagadhiifaman kanneen jedhan dhageessisuun mormii hiriira nagaa gaggeessanii jiran.

Mootummaan wayyaanees waraana bobbaasuun doorsisaa jira. Mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa gaafanneef hanga deebii gahaa argannuttii fi bilisummaan mirkanaa’utti mormii jabeessanii akka itti fufan dhaamuun ilmaan oromoo Marti miidhaa gahaa jiru kana irratti gumaata barbaachisaa gochuun akka nu cinaa dhaabbattan jechuun dhaammatanii jiru.

Diddaan Qeerroo ergamtoota Wayyaanee jeeqe; ergamtootis ijaa bahuuf dhaadachuutti jiru.

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, Sadaasa 17, 2012 ) Diddaan Qeerroo yeroo jabaatee jiru kana keessatti, Iluu Abbaa Booraa keessatti Barsiisaa Ababaa Takkaa fi  Yuuniversity Finfinnee  Keessatti ammo Waardiyonni Oromoo  ta’an Warraaqsa Keessaa  Qooda Qabdu jedhamuunii Yakkaman.

Godina Iluu Abbaa Booraa keessatti Sadaasa 11,2012 alaabaan ABO magaalaa Mattuu keessatti laallee gara garaa irratti fannifamuu irraan kan ka’e waraanni mootummaa Wayyaanee dargaggoota magaalichaa manneen jireenyaa fi barnootaa keessa deemee doorsisuu irratti akka argamu Qeerroon Mattuu irraa gabaase.

Kana keessatti Barsiisaa Abbabaa Takkaa adda durummaan sochii warraaqsa naannoo sanitti kan gaggeesu siI jechuun waan qabatamaa tokkoon malee mana hidhaa Mattuu keessatti darbanii jiru.

Kanuma waliin Qeerroon Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Mattuu,Cooraa fi Buree FDG itti fufuun guyyuu gaaffi warraaqsaa gaafachaa akka jiran beekamee jira.

Haaluma wal fakkaatuun bulchinsi Yuunivarsiitii Finfinnee Waraqaalee dhaadannoo maxxanfaman waardiyootni dhalootaan Oromoo taan harka keessaa qabu jechuun yakkee qorannaan rakkisaa jira.

Waardiyootni Nuyi wayita kun tahe hin agarre jedhanis isinumatu maxxanse jechuun rakkisaa jira.Qeerroon shira mootummaaf waardiyootni Oromoo tahanis akka hin jilbeeffanne dhaammachuun miidhaa waardiyoota Oromoo irratti dhufaa jiru hirmaachuuf qophii tahuu ibsatu.

Yuunivarsiitii Amboo keessatti Wayyaaneen diddaa barattoota Oromoo irraa itti jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf miseensota basaastota tahan shan shaniin ijaaruuf yaaltus sabboontota Oromoon fashalee jira.

Miseensotni OPDO yuunivarsiitii Amboos mootummaa Wayyaanees fuuldura ergamuun seenaan nama gaafachiisa jechuun diduu isaanii qeerroon gabaasa.

Suuraalee Iddoo Irreechaa fi Badiyyaa Hanga Tokko(PDF)n

Aside

Suuraa Irreechaa #30001

Suuraa irreechaa#20001 (1)

Seife Nebelbal Radio Program inteviews Qeerroo and TVOMT

Aside

“Oromiyaa Maaltu Gadhiisa” Sabboonticha Artist Hacaaluu Hundasaa

Aside

Raadiyoo Simbirtuu Qophii Sadaasa 15,2012

Aside

Ethiopia: Perpetrators of Human Rights are not Protectors of Human Rights

Aside

HRLHA November 14, 2012

The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) strictly denounces that UN General Assembly elected Ethiopia on November 12, 2012 to serve in the UN human Rights Council for the next three years starting from January 1, 2013.

In the last two decades the Ethiopian Government led by EPRDF/TPLF has been repeatedly condemned by regional and international human rights organizations including US State Department and UN independent experts[1]and UN Special Rapporteurs for its heinous human rights crimes against its citizens.

Ethiopia-2.doc

Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Keessatti Barattooti Oromoo 8 Gaaffii Mirgaa Oromoo Gaafattan Jedhamanii Ari’amuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Sadaasa 16,2012 Madda Walaabuu

Barattootni Oromoo manneen barnootaa gad aanaatii kaasee hanga dhaabbiilee barnootaa olaanaa keessatti argaman baraa darbu gaaffii mirgaa gaafachuun manneen barnoota isaanii irraa ariiamu,Hidhamu,ajjeefamu.Manneen barnootaa keessattis sababa Oromummaa qofaan yakkamuun dhaabbiilee barnootaa keessaa baafamu.Hanga mootummaan abbaa irree wayyaanee aangoo irra jirutti shirri kun ilmaan Oromoo irraa hin dhaabbatu.

Yuunivarsiitii Madda walaabuu Damee Gobbaa keessatti ilmaan Oromoo moommee health officer waggaa sadaffaa baratan jijjiirama curriculum dhufe ibsa gahaa akka argataniif karaa nagaa gaafatan isin jibbinsa mootummaa qabdu,siyaasa  ABOtu isin duubaan jira jechuun barnoota irraa ariiee jira.Itti gaafatamaan Koollejjii fayyaa Ahmed Sayid jedhamu mootummaa wayyaanee waliin harka wal keessa naquun ilmaan Oromoo addatti foyuun kanneen naannoolee garaa garaa irraa illee dhufan Oromoo tahuu isaanii erga qoratanii booda barnoota irraa ariianii jiran.Ilmaan Oromoo barnoota isaanii irraa ariiamanis

Lakk Maqaa Muummee fi waggaa barnootaa Hamma adabbii Naannoo dhalootaa Umrii
1 Barataa Abdiisaa Dagafaa Health officer 3ffaa Waggaa 2f ariiame Bishooftuu 23
2 Barataa Biiniyaam Garramuu Dheeressaa Waggaa 3f ariiame Walisoo 22
3 Barataa Daagim Yittaagezuu Waggaa 2f ariiame Jijjigaa 21
4 Barataa Jireenyaa Namoomsaa Waggaa 1f ariiame Horro Guduruu Fincaaaa 21
5 Barataa Yaared Argataa Waggaa 1f ariiame Asoosaa wambaraa 22
6 Barataa Waaqoo Waariyoo Waggaa 1f ariiame Shaashimannee 23
7 Barattuu Betseggaa Waldee Waggaa 1f ariiame Adaamaa 22
8 Barataa Liiban Galaalchaa Waggaa 1f ariiame Hawaasaa 23

Jedhaman barnoota isaanii irraa ariiamuun mooraa yuunivarsiitii akka gad lakkisan taasifamus qeerroon gaaffii mirgaa gaafachuu hin dhaabnu jechuun gaaffiin muddaa jira.Mootummaan wayyaanees diddaa kana dura dhaabbachuuf waraana mooraa yuunivarsiitii guutuun sakattainsaa fi hojii basaastummaan ilmaan oromoo rakkisaa jira.Ilmaan oromoo yuunivarsiitii mara irraa waamicha keenya akka nuu dhageessan,Waan hara nurra gahe booru isiniin eeggata jechuun ilmaan oromoo maraaf waamicha dabarsa.

“Wayyoo yaa sangaa dhabuu gasoo gurguddaa nama baachisa,wayyoo ya haadhoo dhabuu alagaa oromaan nama dhaansisa.”

Sabboontotni ilmaan Oromoo Yuunivarsiitii Arbamnic Guyyaa FDG Qophiilee Garaa Garaan Yaadatan.Bakkoota Kaanittis Itti Fufee Jiraachuun Gabaafame.

Aside

Sadaasa 15,2012 Finfinnee
Yuunivarsiitii Arbaaminc Guyyaan FDG waraqaalee dhaadannoo maxxansuunii fi raabsuun Alaabaa ABO fannisuun yaadatame.Sabboontotni barattoota yuunivarsiitii Arbaaminc Damee hundaa walitti dhufuun guyyaa kana haala addaan yaadatanii jira.Qophiin kun Wareegamtoota gootota ilmaan Oromoof yaadannoon callisaan erga taasifamee kan eegalame yoommuu tahu dungoon diimaa magariisa diimaa qabsiisuunii fi Alaabaa ABO fannisuun yaadatamee jira.Yaadannoo kana irrattis walaloo,baacoo,taphootaa fi barnoottan siyaasaa kennamanii jiran.Mootummaan wayyaanee wayita hundeen buqqa’aa jiruttii fi Miseensotni OPDO yuunivarsiitii Arbaaminc mootummaa wayyaaneef kana booda ulee hin taanu wayita jedhanitti guyyaan kun yaadatamuun mariin jabaanis taasifamee jira.Qeerroon guyyaa FDG irratti walitti dhufuun gootawwan FDG keessatti wareegaman irraa dhaamsa nu gahe galmaan geessisuuf waadaa seenuun ibsawwan ejjennoo armaan gadii baasanii jiran.

  1. Gaaffii mirgaa,bilisummaa,hidhamtootni siyaasaa akka hiikaman yuunivarsiitiitti iyyannoon galchine deebii hanga argannu wareegama kamuu baafnee Qabsoo itti fufna
  2. Ilmaan Oromoo mara ijaaruun,qindeessuun mirga isaaniif akka ka’an ni hojjenna
  3. Haala kamuu keessatti irbuu keenya tikfachaa,diina nu keessaa seccinee bilisummaa keenya argachuuf halkanii fi guyyaa ni hojjenna
  4. Dirqamoota dhaaba irraa kennaman haal duree tokko malee ni baana
  5. Shira mootummaa wayyaaneef hin jilbeeffannu
  6. Qaala’insa jireenyaa uummata biyyattii mudatee fi hojii dhabdummaa akkasumas malaammaltummaa saba bicuu irratti hundaa’e ni mormina
  7. Saaminsa lafa Oromiyaa,faalama qabeenya uumamaa Oromiyaa ni mormina,Qabeenya keenya irratti abbaan mutii nu tahuu qaba
  8. Barattoota yuunivarsiitii,Manneen barnootaa gad-aanaa fi Koollejjii waliin akkasumas sabawwan cunqurfamoo waliin mootummaa abbaa irree hundeen buqqisuuf ni hojjenna

Kanneen jedhan baafachuun Guyyaa FDG ilmaan oromoo FDG irratti wareegaman galmeen bara baraan yaadata! Irbuu keenyas tikfanna jechuun qophii isaanii eebbaan eegale eebbaan xumuranii jiran.Waraqaaleen Dhaadannoo

  1. Sadaasni 9 guyyaa FDG tahee bara baraan yaadatama
  2. Mootummaan wayyaanee abbaa irree dha.
  3. Diina waloo waliin Lolla

jedhan Magaala Arbaaminc Koollejjiiwwanii fi Yuunivarsiitii Abaminc bakka Library tti maxxanfamanii jiran.Mootummaan wayyaanee fi basaastotni wayyaanee dhiphuu keessa seenanii jiran.

Kana malees kolleejji Kotobee fi bakkoota gara garaatti barruun warraaqsaa faca’uun ayyaanni kunis sirna ho’aan barattoota biratti kabajamee jira.