Waraqaa Waamicha Qeerroo Yeroo Ammaa Oromiyaa Keessa Baldhinaan Faca’aa Jiruu.

Aside

SOCHII DARGAGGOOTA BIYYOOLESSAA KAN BILISUMMAA FI DIMOKIRAASII(QEERROO)
Barattootni,barsiisotni,Qotee bulaan,Daldalaan,Dafqaan bulaan,Hojjetaan,Hojii dhabaa,…Uummata Impaayera biyyattii maraaf!
Mootummaan wayyaanee guyyaa sabaa fi sablammii shira bittaa isaa dheereffachuuf tolfate tahuun ifatti beekamaa dha.Impaayera Itoophiyaa keessatti uummatni biyyattii keessaa halkanii fi guyyaa wayyaaneen osoo walitti buusaa jiruu,gaaffiiwwan mirgaa gaafataman ukkaamsuuf hidhaa fi ajjeechaan uummata osoo rakkisaa jiruu wayyaaneen uummata biyyattii TV fi raadiyoo siyaasaaf tolfateen gowwoomsuuf waan jiruuf akka dura dhaabbattan dhaammana.Keessumaa erga muummichi ministeeraa mootummaa abbaa irree wayyaanee Mallasaan du’ee wayyaaneen ofitti amanamummaa dhabee keessi isaa duwwaa wayita tahetti gaaffii bilisummaa kaasuun qeerroo cinaa akka dhaabbattan waamicha dabarsina!
Waraqaan kun akka isin dhaqqabeen nama shanii fi isaa olii dabarsuun dirqama lammummaa baanu!

የኦሮሞ ወጣቶች ብሔራዊ ንቅናቄ ለነፃነትና ለዲሞክራሲ(QEERROO)
ለተማሪዎች፣አስተማሪዎች፣አርሶ አደሮች፣ነጋዴዎች፣ላብ አደሮች፣ሥራ አጦች…ለኢምፓየሪቱ ሀገር ህዝብ በሙሉ!
አምባገነኑ የወያኔ መንግስት የብሔር ብሐርሰቦች ቀን እንድከበር ያቀደዉ የስልጣን ዕድሜዉን ለማራዘም እንደሆነ ግልፅ ነዉ፡፡
ሀገርቱ ዉስጥ የሚገኙትን ብሔር ብሐረሰቦች እርስበርስ እያጋጨ፤የመብትና የነፃነት ጥያቄ የሚያነሱትን እያሰረና እየገደለ እያለ በተቃራኒዉ ደግሞ የራሱ የሆኑትን ሚዲያዎች በመጠቀም ህዝቡን እያታለለ ስለምገኝ እንድታወግዙት መልዕክታችን እናስተላለፋለን፡፡
ከመለስ ዜናዊ እረፍት ወዲህ ወያኔ በራስ መተማመኑ ጠፍቶ ዉስጡ ባዶ ስለቀረ ሁላችሁም ለነፃነት ጥያቄ ተባብራችሁ እንድትነሱ ጥሪያችንን እናስተላልፋለን፡፡
ይሄን መልክዕት ለአምስት ሰዉና ከዛ በላይ በማስተላለፍ የዜግነት ግደታችንን እንወጣ!

Qeerroo pum.pdf

Ayyaanni ireechaa Godina Iluu Abbaa Boora Aanaa Mattuu Ganda Diizii Keessatti Haala Ho’aan Ayyaaneffatame.

Aside

Muddee 07,2012 Mattuu
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Mattuu ganda Diizii keessatti uummanni Oromoo godina kana aanaa garaa garaa keessaa walitti dhufuun ayyaana irreechaa yeroo 7ffaa haala ho’aan ayyaanessan. Ummanni Oromoo aadaa,seenaa fi amantii keenya guddisuun dirqama Oromummaati jechuun qophii ayyaana kanaa irratti uummatatti beeksisaa kan turan milkaa’un uummatni kumaatamaan lakkaa’amu walitti tokkummaan ayyaanessee jira.
Tokkummaan ilmaan Oromoo yeroodhaa gara yerootti mootummaa Wayyaaneetti yaaddoo kan uumu yoommuu tahu mootummaan Qeerroon gaaffii mirgaa uummatni akka kaasuuf cinaa dhaabbata sodaa jechuun basaastotaa fi waraana bobbaasus uummatni shira mootummaa wayyaaneef osoo hin jilbeeffatiin tokkummaan ayyaanessee jira.Waamicha oromummaa Koree Gidduu Galeessaa DH.D.U.O irraa miseensota DH.D.U.O biiroo aadaa fi Tuurizimii dhaqqabeen miseensotni DH.D.U.O shira mootummaan wayyaanee ayyaana kana fashaleessuuf godhu saaxiluu isaaniin qeerroon galateeffatee jira.Hojiiwwan Mooraa QBO gabbisuuf godhamus tokkummaa saba Oromoon jabaachuu akka qabu Qeerroon waamicha dabarsee jira.Ayyaana irreechaa kana iratti qophiiwwan garaa garaa kan dhiyaatan yoommuu tahu walleewwan gootawwan Oromoo faarsanii fi kutannaa uummatni qabsoo keessatti qabu guddisuuf qeerroon wallisuun uummata hubachiisee jira.Uummatnis gaaffii mirgaa qeerroon kaasaa jiru cinaa dhaabbachuuf murtii dhumaa irra akka jiranis ibsanii jiraachuun gabaafame.

Seife Nebelbal Radio Program (SNRP): Opinions on Reconciliation between OLF factions, Nuho Gobana and Qeerroo

Aside

Raadiyoo Simbirtuu Muddee 06,2012. Gaaffii Qeerroo Waliin Ta’ee fi Qophii Adda Addaa Qabatee Jira

Aside

Mootummaan Wayyaanee Godina Jimmaa Magaalota Adda Addaa Irraa Ibsaa Dhaabe.

Aside

Muddee 06,2012 Jimmaa

Muddee 3,2012 irraa egaaluun Godinaa Jimmaa magaalaa Jimmaa, Aggaroo, Baddaallee fi Iluu Abbaa Booraa, irraa motummaan abbaa irree Wayyaanee tajajilaa Ibsaa, Bishanii fi network balleessuun torbee tokkoof ummataa dararaa jiraachuun beekame. Kessaattuu haala kanaan jiraatotnii magaalaa Jimmaa rakkinaa keessaa seenaani jiraachuun hubatamera.Mottummaan abbaa irree kan ummataa Oromoof guyyaa tokkoo yadaa garii yaadee hin beeknee, yeroo amma kana Ummannii Oromoo Oromiyaa biyyaa abbaa isaa fi dachee badhatuu Oromiyaa irraatti tajajillii hawwaassuummaa wakkatameefi, qabeenyaa ummataa qabeenya isaa irraattii abbummaa dhabee jiruu fi jireenyaa gadadoo keessaa jiraachuun ibsame, Gochaa Dinummaa kanaa Cimsee kan balaleeffaattuu fi dinaa fulduraa dhaabbatee Falmaa Bilisummaa gaggeessaa kan jiruu Qeerroon gochaa motummaan abbaa irree harka lafaa jalaan Ummaataa midhuu kanaa cimsee ni balaaleffaata.

Sirna abbaa irree Wayyaanee Ummataa biyyaattii dararaa jiruu kanaas Angoo irraa maksuun ummatichaa abbaa angoo taasisuufi halkanii guyyaa beelaa, dheebuu fi rakkinaa kamiif illee utuu hin jilbeefatiin qabsoo fincilaa diddaa garbummaa golee Oromiyaa keessaatti gaggeeffamaa jiruu jabeessuun cimsinee kan itti fufnuu ta’uu hubachiisuun Ummannii keenyaa nu cinaa akka
dhaabbataan cimsinee dhammanna jedhanii jiru.

Qeerroon yuunivarsiitii Wallaggaa waraqaa waamichaa raabseen ayyaanni guyyaa sabaa fi sablammii Wayyaanee harkatti fashale.

Aside

Muddee 05,2012 Naqamte

Yeroo ammaa akkuma beekamu mootummaan wayyaanee olola afaan faajjessaa mirgi sabaa fi sablammii biyyattii keessaa kabajameera maqaa jedhuun Guyyaa sabaa fi sablammii kabajaa,kaan ammo qophii taasisaa jira.Garuu akeekni mootummaa wayyaanee qeerroon bakkeewwan garaa garaatti fashalaa jira.Television fi raadiyoon uummata gowwoomsuu akka hin dandeenyee fi mirgi uummattoota Impaayera biyyattii akka hin kabajamne qeerroon yuunivarsiitii garaa garaa keessatti dura dhaabbachuun akka fashalu taasisee jira.

Mudde 03/2012 Yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti mootummaan wayyaanee guyyaa sabaa fi sablammii barattootni oromoo akka kabajan waamicha dabarsus barattootni kun olola diinaati,Kana waliin wayita dhaabbannuu fi kabajnu hin qabnu jechuun hafan.Mootummaan wayyaanee fi Bulchinsi mooraa barattoota kumaatamaan kabajsiisuuf akeekkatus barattootni bahuu diduun wayyaanee rifaasisee jira.Ololli mootummaan wayyaanee qopheesses fashalee jira.Miseensotni DH.D.U.O mooraa yuunivarsiitii keessaa waamicha isaan dhaqqabeen QBOtti makamuun guyyaa sabaa fi sablammii irrattis hirmaannaa dhiisanii jiran.Waraqaalee waamichaa Mudde 02/2012 galgala sabboontotni oromoo raabsaniin ololli siyaasaa wayyaaneen ittiin bittaa umrii isaa dheereffachuuf akeekkate qeerroon fashalee jira.Guyyaan sabaa fi sablammii kunis baayina barattootaa kanneen mootummaa wayyaanees amanamaa tahanii fi ilmaan habashaa muraasaan fakkeessanii jira.

Injifannoo uummata oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

SBO Mudde 05 Bara 2012

Aside

Hordoftootni Gumii Waaqeffannaa Haroomayaa gargaarsa hatattamaa barbaadu

Aside

Muddee 04,2012 Haroomaya Gaaffii fi deebii gumii Waaqeffannaa waliin taasifame

Barattooti Oromoo FDG Mooraa University Jimmaa Keessaatti Kaasan Jabachaa deeme.

Aside

Muddee 04,2012 Jimma

Gabaasa Muddee 3,2012 FDG Mooraa University Jimmaa keessaattii jabaatee itti fufuun guutummaan Mooraa University Jimmaa waaree boodaa humna Waraanaa Muutummaa Wayyaanneen guutame.

diddaa barattootaGootonni Baratootaa University Jimmaa  dhagaadhaan humnaa Waraanaa Motummaa Wayyaanee jala dhaabbaachuun gabaafame.  Baratootaa Oromoo dabalatee sabaa fi sablammoonnii baratotnii biyyaattii mooraa University Jimmaa irraa barachaa jiran FDG Qeerroon Bilisummaa gaggeessaa jiruu sirriidhaa waan ta’eef jechuun keessaattii qoodaa fudhachuu egaaluun kun isaa jalqabaa fi kan itti fufiinsaa qabuu ta’uu gamtaan Qeerroo University Jimmaa Ibsee,itti dabalun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Sabaa fi Sablammoonnii hiree fakkataa Ummataa Oromoo waliin qabdaan gamtaadhaan kaanee mirga keenyaa haa kabachiifannuu jechuun ibsa gochaa jira.Kanumaa hubachuun  goototni baratootaa University Jimmaa guyyaa kaleessaa ganama irraa kaasuun hanga ammattii [sa’atii 24]guutuu nyaataa dhaabuun sagaleen keenyaa nuu haa dhagahamuu gaaffii qabna gaaffiin keenyaa dhageettii haa argatuu gaaffii keenyaa nurraa fuudhaa deebii nuf kennaa!!!

Hoggantoonni siyaasaa Wayyaanee ykn EPRDF  mirgaa Sabaa fi Sablammiitu kabajamuu qaba jettaanii ololaa mirgi keenyaa ammo baroota dheeraaf sarbamee jira. Gama biraan Ayyaanni sabaa fi sablammootaa yeroo ammaa EPRDF ittiin olalaa jiru gaaffii hundee fi mirga sabi Oromoo gaafachaa jiru bakka hin bu’u!! jedhanii jiru.yeroo barattooti didan

Haaluma kanaan dabballoonii fi humnooti tikaa akkasumas poolisoonni sirnichaa barattoota keessa deemuun kan gaaffii fuudhu Dr Firqee dha inni ammo yeroof naannoo hin jiru jechuun barattoota itti haahiman malee diddaan hanga ammaa itti fufee jiraachuu qeerroon gabaasa.

Haala kanaan qabanaawuu dadhabuu irraan humni waraana Wayyaanee konkolaataa Oraalii 4 dallaa mooraa Yuniversity ol seenuun qubatanii akka jiran eekame.Qeerroon gootota wareegaman shaamaa qabsiisuun yeroo yaadatu

Walumaa gala itti baha haala kanaa Qeerroon jala bu’ee ni gabaasa.

Yuunivarsiitii Haramaayaa Keessatti Guyyaan Ayyaana Sabaa fi Sablammii Jechuun Wayyaanee Qopheeffatte Fashale.Tokkummaa Barattoota Oromoon Bulchinsi Mooraa Yuunivarsiitichaasa Wayyaaneen Qoratame.

Aside

Muddee 04,212 Haromaaya

Mootummaan Wayyaanee bittaa umrii isaa kan ittiin dheereffatu keessaa tokko oloa dharaa foddaa TV fi Raadiyoon gaggeessuun uummata gowwoomsu dha.Kana keessattis guyyaan ayyaana sabaa fi sablammii bakka guddaa qabata.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti tokkummaa uummattoota Impaayera Biyyattii keessaa diiguuf wal waraansisaa,Wal ajjeesisaa ture,amantii keessa seenuun uummata shororkeessaa ture mirgi sabaa fi sablammii biyyattii keessaa kabajamee jira jechuun guyyaa sabaa fi sablammii qopheessee jira.Tooftaan Wayyaanee kun uummata biyyattii birattis saaxilamee jira.Wayyaaneen garuu akkuma karoorfate abdii kutannaa dhabuun Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti Mudde 02/2012 barattootni guyyaa sabaa fi sablammii akka kabajan qopheessus diddaa barattoota Oromoon fashale.

Sabboontotni Oromoo yuunivarsiitii Haramaayaa nuyi aadaa,biyyaa fi seena guutuu qabna,uummata biyya of dandeesse qabu dha jechuun diddaa dhageessisanii jiran.Wayita ayyaanni kun qopheeffamettis mooraa yuunivarsiitii keessa naannauun dhaamsa barattoota Oromoo maraaf dhaamanii jiran.WalleeOROMOO ISIN WAAMTI HARMEEN jedhu Qeerroon Oromoo yuunivarsiitii Haramaayaa Gamtaan ilmaan Oromoo maraaf waamicha dabarsanii jiran.

Gama biraan miseensotni DH.D.U.O Yuunivarsiitii Haramaayaa Qeerroo yuunivarsiitii kanaatti dabalamuun sirba Nuhoo GoobanaaTOKKUMMAA jedhu harka wal qabatanii sirbuun yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti yeroo jalqabaa fi mootummaa Wayyaaneetti yaaddoo guddaa kan naqe ture.Miseensotni Qeerroo tokkummaa ilmaan oromoon hedduu kan gammadanii fi mooraa QBO keessattis araara taasifameen hedduu itti boonuu isaanii ibsatanii jiran.Mootummaan Wayyaanee godha kanaan kan baarage basaastota hedduumminaan bobbaasus tokkummaa barattoota oromoon fashalee jira.

Guyyaa sabaa fi sablammii mootummaan Wayyaanee shira bittaa umrii isaa ittiin dheereffachuuf dalagu irratti qeerroon T-shirt loogoo qeerroo fi duubaan QEERROON BILISUMMAA OROMIYAAF WAREEGAMA KAMUU BAASA jedhu qopheeffachuun uffatanii jiran.Basaastotni mootummaa wayyaanee irraa ramadamuun waardiyaa mooraa qabatanii naannawuun barattoota doorsisuuf yaalanis tokkummaa barattoota oromoon shirri wayyaanee marti fashalee jira.Ayyaanni sabaa fi sablammii jedhamu mooraa yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti akka wayyaaneen yaaddeen kabajamuu dhabuun bulchinsi mooraa gaaffii wayyaanee jalatti akka kufus taasisuu odeeffatni bulchinsa mooraa irraa qeerroo dhaqqabe saaxilee jira.Wayyaaneen mooraa yuunivarsiitii mara keessatti qophii wal fakkaataan kan itti qophaaaa jirtu barattootni oromoo fi sabawwan cunqurfamoo marti akka shira wayyaanee dura dhaabbattan waamicha dabarfatanii jiru.