Abbaan qabeenyaa Koollejjii Odaa Bulluq Obbo Haayiluu Abbabaa Wayyaaneen Yakkamuun Ma’ikalaawwiitti Darbaman

Aside

Muddee 19,2012 Finfinnee

BilisummaaIlmaan Oromoo yeroodhaa gara yerootti mootummaa Wayyaaneen yakkamuun gara mana hidhaatti guuramu.Keessumaa mootummaan Wayyaanee lamiilee Oromoo qabeenya,human ykn beekumsa qaban irratti tarkaanfiin fudhattu hidhaa ykn ajjeechaa tahee hammaachaa jira.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaala Shaambuu keessaa abbaan qabeenyaa Koollejjii Odaa Bulluq Obbo Haayiluu Abbabaa mootummaa Wayyaaneen yakkamuun mana hidhaa Maaiekelaawwiitti fudhatamuun reebichi addaa irratti gaggeeffamaa jiraachuun beekame.

Obbo Haayiluu Abbabaa wayita barsiisummaa irraa hanga abbaa qabeenyummaa isaatti uummataan hedduu kan jallatamuu fi hojii hojjetu irrattis kabajamaa kan ture mootummaa Wayyaanee waan rifaasisaa dhufeef mana hidhaatti ukkaamsitee jirti.

Gara mana hidhaa mootummaa Wayyaanee Maaikelaawwiiti erga fudhatamees qorannoon ati qabeenya kana eessaa fidde? Qabeenya kanaan ABO gargaaraa jirta.,ABO beekta,Odaa Bulluq jettee koollejjii bantetti moggaasuun ergaa siyaasaa of keessaa qaba.Kanneen jedhan gaafachuun qorannoodhaan rakkisaa reebicha addaas irraan gaggeessaa jiru.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti abbootii qabeenyaa yakkuun mana hidhaatti guuraa turuun isaas ni yaadatama.Magaala Naqqamtee irraas abbaan qabeenyaa Dassaalee Dabalii fi Abbaan qabeenyaa Hoteela Hawwii magaala Finfinnee irraa Wayyaaneen yakkamuun mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti darbatamuun isaaniis ni yaadatama.

Gaaffii mirgaa uummata oromoo dura dhaabbachuuf Wayyaaneen humna Waraana isaa gara magaalaniitti hiraa jira.

Aside

Muddee 19,2012

Gaaffiin mirgaa uummatni oromoo gaafatu dura dhaabbachuuf mootummaan wayyaanee waraana federaalaa gara Magaallan Oromiyaa keessatti bittinsite.Mootummaan wayyaanee gaaffii uummatni oromoo gaafachaa jiru humnaan dura dhaabbachuuf kan akeekkatte waraana federaalaa gara magaala Dirree Dawaa,Amboo,Jimmaa,Shaambuu fi Naqqamteetti guuruu eegalee jira.Poolisootni federaalaa 300 tahan gara magaala Dirree Dawaatti kan geeffaman yoommuu tahu waraanni ABO magaala keessa jira soda jedhuun tahuu odeessi poolisii federaalaa irraa qeerroo dhaqqabe addeessee jira.

Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti gaaffii mirgaa uummata Oromoo dura dhaabbachuuf shira inni xaxu halkanii fi guyyaa hidhaa fi ajjeechaa yoommuu tahu gaaffiin hawaasni musliimaa gaafachaa jiranis mootummaa Wayyaanee kaumsaa fi taaumsa dhorkee jira.Wayyaaneen magaala Finfinnee keessattis sakattaa addaa eegaluun jiraattota magaala Finfinnee goolaa jira.Sakattainsi addaa keellaawwan magaalittii keessatti kan jabaate yoommuu tahu namootni mana dhabeeyyii tahuun karaa irra jiraatanis poolisootaan halkan reebamuun qoratamaa jiru.

Dargaggoonni Sidaamaa fi Qeerroon Warraaqsa Gamtaan Qindeeffatan Itti Fufuun Fincila Kaasan

Aside

Muddeen 19,2012 Harbegooraa

Mootummaan Wayyaanee uummattoota Impaayera Itoophiyaa keessaa mara abbaa irrummaan akka bulchaa jiru beekamaa dha.Sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaas yeroodhaa gara yerootti gaaffiiwwan mirgaa kaasuun mootummaa Wayyaanee muddaa turuun ni beekama.Naannoo uummattoota kibbaa keessatti sabawwan cunqurfamoo sidaamaa Qeerroo waliin tahuun abbaa irrummaa bara baraa kana hundeen buqqisuuf hojii erga jalqabanii as gaaffiiwwan mirgaa kaasuun mootummaa Wayyaanee muddaa jiru.Godina Sidaamaa aanaa garaa garaa keessatti dargaggootni sidaamaa Qeerroo waliin tahuun nuyi bilisummaa barbaadna,mootummaan abbaa irree Wayyaanee nu bulchuu hin qabu,hojii dhabdummaa fi qaalainsi jireenyaa biyyattii keessaa haa dhaabbatuu fi k.k.f kaasanii jiru.Dargaggootni Sidaamaa magaala Hawaasaa fi aanaa Harbegooraa keessatti dhaadannoowwan afaan Oromoo fi sidaamaan barreeffaman hedduumminaan maxxansanii jiran.Dhaadannooleen kunneenis

1. MOOTUMMAAN WAYYAANEE GARBOOMFATAA DHA!( “WOYAANETE GASHSHOOTI FUGGOOTENNA GAWAJJOTE GASHSHOOTEETI!”)

2. Gaaffiin mirgaa uummataa haa deebiu! (DAGATE MAFITETE XA’MO RAHOTENNI HIGGO!)

3. Lagni abbayyaa hidhamuun gaaffii uummataa hin dhaabu!( ABAYI KONFOONNI DAAFO DAGATE XA’MO DI UURRITANNO!

4. Mootummaan dhimma amantii keessa seenuu haa dhaabu!( ” HAYIMAANOOTETE GIDDORA CA’U YEE E”A UURRITO!”)

5. Gaazexeessitootni biyyattii keessaa hidhamuun haa dhaabbatu!( ” MANGISTE GAAZEEXA QIXXEESSANNO MANNA USURA UURRISSO!”

6. Gaaffii bilisummaa kanneen kaasan shorokeessitoota miti!( “KEERANCHIMMATE OLANTANNORI GOBBA HUNTANNORE DI IKKITINO!”)

7. Gaaffiin Hawaasa musliimaa gaaffii mirgaati!( ISLAAMU XA’MO BAALUNKU XA’MOOTI!”)

8. Mallasaan abbaa Kaayyoo osoo hin taane abbaa irree dha.( “MELLESSE AJUUJAAMMO IKKIKKINNI HANAAQAAMOHO!”)

9. Sirni Dimokiraasii dhugummaan haa mulatu!( DEMOKIRAASIYAAWE GASHSHOOTE ABBATE SHARRAMEEMMO!”)

10. Hidhamtootni siyaasaa haal duree tokko malee haa hiikaman!( “POLETIKU USURAMAANO TIDHDHANTO!”)

11. Saaminsaa fi malaammaltummaan haa dhaabbatu!( ” MUSINNUNNA GAWAJJO UURRITO!”)

Kanneen jedhan Godina Sidaamaa aanolee garaa garaa keessatti kan maxxanfaman yoommuu tahu dargaggootni sidaamaas walitti dhufuun bulchinsa aanaatti gaaffii bilisummaa kaasanii akka jiran gabaasi addeessa.

Mootummaan Wayyaanees gaaffii mirgaa sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaa dura dhaabbachuu waan dhadhabeef ilmaan Sidaamaa tahan aanaa Harbegooraa keessaa Jumlaan mana hidhaatti guuree jira.Aanolee garaa garaa keessaa fi magaala Hawaasaa keessaas ilmaan Oromoo fi Sidaamaa mootummaan Wayyaanee adda durummaan adamsuu irratti argama.Aanaa Harbegooraa keessaa dargaggootnii fi qotee bultootni 30 ol kan mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti naqaman tahuu qeerroon gabaasa.

Haala kana waliin wal qabatee qotee bulaa Obbo Daanieel Dassaaleny jedhaman reebicha jabaa irraan gahuun yeroo ammaa duaa fi jireenya jidduutti akka argamu gabaasi qeerroo addeessa.

Diddaa Barattootaa Dura Dhaabbachuuf Jecha Mootummaan Wayyaanee Yuunivarsiitii Finfinnee Waraanaan Tiksaa Jira.

Aside

Muddee 19,2012 Finfinnee

Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti diddaan barattootaa jabaachuu irraa kan ka’e mootummaan Wayyaanee waraanaa fi tika hedduumminaan bobbaasuun barattoota doorsisaa jiraachuun beekame. Barattoot biyyattii barnoota xumuranii hojii dhaban irra darbee barattoota Yuunversitii dhaa baratan mooraa yuunivarsiitii keessaa arii’uun gowwoomsee waraana fi tiksan
taasisuuf shira xaxaa jiru keessaa inni guddaan qabxii darbinsaa kennamu murteessuu dha.Kunis qulqullina barnootaa dahoo godhachuun mootummaa Wayyaaneen tarkaanfatamaa kan jiru yoommuu tahu barattootni Yuunivarsiitii waraqaa iyyannoo fi waamichaa bittinsuun gamtaan bittaa garbummaa jalaa bahuuf diddaa itti fufanii jiran.

Yeroo dhihoo kanaa kaasee mootummaan wayyaanee waraana federaalaa guyyaa dilbataa fi sambataa mooraa yuunivarsiitii finfinneetti naanneessuun kan tiksuu fi basaastotaa fi tika mooraa keessa seensisuun sakatta’insaa fi doorsisaan barttoota rakkisaa jira.Mootummaan Wayyaanee qabxii barnootaa akkaataa iskeelii qabxii barattootni itti fidaniin kennamu jijjiiruun barattoota qabxii 85 ol fidan ”A”, kanneen 75 ol fidan ”B” fi kanneen 60 fidan ”C” kennuun barattoota 80% ol tahan mana barnootaa keessaa arii’uun hojii dhabdummaa biyyattii keessaa rakkisaa jiru irratti hirkattummaa ida’uun dargaggoota rakkoo keessa buusuuf karoorfate barattootni gamtaan dura dhaabbachaa jiran.Mooraa yuunivarsiitii Finfinnee kiiloo 6 keessatti barattoota irratti sakatta’insi gaggeeffamu hammaachaas dhufuun galgala uummatni naannoo kanaa fi Piyaasaa kana waliin wal qabachuun sakatta’insaan hojii irratti dhiibbaan addaa isaan irratti dhufaa jira.

SBO Mudde 19 Bara 2012

Aside

Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Anfillootti Sabboontoti Diddaa Itti Fufan

Aside

Muddee 18,2012 Anifilloo

Gabaasaa godina Qellem Ana Anfilloo irratti dhimma misoomaa fi sulula baasuu jedhuun walgayii kaleessaa Muddee 17 mootummaan Wayyaanee magaalaa Muggii galma waajjira OPDOtti uummata walitti qabeen uummanni karoora isaan qabatanii dhiyaatan harkatti feshelleessuudhaan gaaffi armaan gadii kaasaniin uummataa fi kaabinoota mootummaa wayyaanee walgayii san mariisisuuf dhufan gidduutti mormii fi fincilli ka’uudhaan walgayiin isaanis feshelate, gaaffiin uummataa kunis gaaffii mirgaa waliin kan wal qabateedha :
1) Suluula qotuun meshaa ammaayyaa kanneen akkaa Tiirraakteran nuuf haata’u?
2) Ijoolleen barsiifne hojii haa argaattu?
3) Liiziin tooftaa qonnaan bullaa baadiyyaa irraa lafa magaalaa fi baaddiyaa fudhaachu waan taa’e haa dhaabbaatu?
4) Ummaannii Oromoo mana hidhaa jiru haa gadhiiffaaman?
5) Oromoon mirgoota Waqayyoon argate dhabuun haqa waan hin taaneef biyya isaa irratti aangoo siyaasaa haa argatu.
6) Jirreenyii nuttii dabbaala jiraa qarshii obbo Mallastu dhooksee bankii biyyaa alaa jedhamee jira, nuuf fidaa ykn immoo isiiinis angoo nama baratee lafa jiruuf gadi dhiisaa, beekaan utuu jiru wallaalaan akkamitti biyyaa bulchaa??jedhuun kaleessa gaaffiin kunneen uummata irraa ka’een walgayiin wayyaanee feshalateetu jira jedha gabaasaan qeerroo Ona Anfilloo irraa Muddee 18 addeessu.

Hojjettooti Waarshaa Sukkaara Fincaa’aatii Gaaffii Mirga Oromoo Kaaftan Jechuun Hidhaatti Darbaman

Aside

Muddee 18,2012 Finca’a

Godina Horroo Guduruu aanaa Abbay Coomman waarshaa sukkaara Fincaa’aa keessaa kanneen hojjetan hojjettootni mootummaa dhimma malaammaltummaan yakkamuun mana hidhaatti naqaman keessaa ilmaan Oromoo kanneen tahan dhimma siyaasaan yakkamaa jiru.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti sabboontota Oromoo irratti sababa sababa barbaaduun erga mana hidhaa galchee booda isin ABO beektu jechuun rakkisaa turuu fi itti jiruun isaa ni beekama.Yeroo ammaa kanas dhimma malaammaltummaa fakkeessuun ilmaan oromoo

  1. Girmaa Waayyuu itti gaafatamaa maachinery waarshaa
  2. Namee Galataa
  3. Jibriil

jedhaman hojjettoota habashoota tahan walii gala 6 tahuun kan mana hidhaa seenan yoommuu tahu dhimmi itti gaafatamummaa Oromoo kanneenii dhimma malaammaltummaa irraa maquun dhimma siyaasaa tahee jira.Hojjetaan waajjira sanaa dhalootaan Tigiree tahe Hagos Senay yeroo ammaa kana qoratamaa kan hin jirre tahuu fi ilmaan oromoo kanneen dhimma siyaasaan Maa’ikelaawwii keessatti hedduu rakkamaa jiraachuun gabaafamee jira.Yeroo dhihoo kana mootummaan wayyaanee mana isaanii irraa fuudhuun erga ukkaamsee booda gara Maa’ikeelaawwii galuun isaaniis beekamee jira.Maatiin ilmaan oromoo kanneenii yeroo ammaa kana rakkoo keessa akka jiran beekamee jira.

Eebba Kitaaba Mataa Dureen Isaa “Tokkummaa” Jedhu Eebbisuuf Jimma Dirree Wawweetuutti Qeerroon Walitti Qabaman Diddaa Kaasaniin Mootummaan Wayyaaneen Jeeqame

Aside

Muddee 17,2012 Jimmaa

Muddee 16,2012 Magaalaa Jimmaa keessaattii eebbii kitaabaa mataa dureen isaa TOKKUMMAA jedhuun Dr Takkalaa Oljiraatiin kan barreeffaamee barattoota Oromoo Yuniversity Jimmaa fi Kolleejjii barsiisota Jimmaa akkasumas ummata Oromoo magaalaa Jimmaa barnatti iddoo bashannanaa Aweetuu jedhamutti sirna howwaan eebbifame.

Sirna eebba kitaaba kanaa sababeeffaachuun goototni baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa mooraa Afran[4] irraa baratan main cumbasii guddaa, mooraa Qonnaa [Agriculture] , mooraa Teekinologii fi mooraa Business and Economics fi Koolleejjii Barsisotaa Jimmaa irraa barataan walittii dhufuun addaatti sirbotaa qabsoo Bilisummaa Oromoo leellisaan kanneen akka Qeerroo Lolii loli lolleetumaa gallaa xiiqii Rambaa rambaa godhii jedhuu fi sirbotaa Ebbisaa Addunyaa Ani Barbaadee yaa sii dhabee garamjirtaa WBO kiyyaa, garam jirtaa Qeerroo kiyyaa, garamjirtaa goootaa kiyyaa jechuun Qabsoo Bilisummaa Oromoo farsuun ummataaf barnotaa Guddaa dabarsaan.

Kana malees Artiistii kabajamaa fi beekamaan Adinaal Maamed lafa kanatti argamuun sirbotaa Warraaqsaas sirbuun ummataaf barumsi kenname, Artistii Adinaan sirbotaa akka michuu baayeen Qabaa lixaa biiftuutirraa dhamsaa koon naf gahii Oromotaa Maraaf jechuun Dargaggotaa fi Ummataaf sirbaa Oromummaa farsaa garaagaraa sirbuun ergaa guddaa dabarsee jira.

Waajjira Pirezedaantii Yuunivarsiitii Arbaaminciif

Aside

Guyyaa /16/12/2012

               Waajjira Pirezedaantii Yuunivarsiitii Arbaaminciif

               Dhimmi isaa Deebii Hatattamaa gaafachuu ta’a.

Duraan dursinee Gaaffiilee kabajaan isinii dhiyeessinu kanatti bakka guddaa kennuun deebii hatattamaan akka nuu kennitan abdii qabna.

Kunis Gaaffiin Mirgaa barattootni Finfinnee gaafatan gaaffii ilmaan oromoo waanjoo garbummaa baachuu dadhabee ta’uu fi gaaffiin kun guutummaan guutuutti gaaffii barattoota oromoo yuunivarsiitii Arbaaminc kampaasii hundaa ta’uu ibsina.

Nuyi barattootni Oromoo yuunivarsiitii kanaas gaaffiileen armaan gadii kun hatattamaan akka nuuf deebi’an jechuun dhiyeessinee jirra.

1.Barattootni Oromoo,Dargaggootni Oromoo guutummaa guutuun ilmaan oromoo bara baraan maaliif mana hidhaatti guuramu? Yuunivarsiitii barnootaaf dhufan keessatti maaliif reebamu? Maaliif dhiphachaa jiraatuu?

2.Maqaa Waldaa Misooma Oromiyaa jedhuun maallaqni baay’een ilmaan oromoo irraa funaanamaa ture.Osoo piroojektiin jalqabame hin xumuramiin Maqaa hidha Abbayyaa jedhuun funaansi maallaqaa jalqabame.Kan Waldaa Misooma Oromiyaa eessa dhaqe? Osoo kan Waldaa misooma Oromiyaa hin xumuramiin maaliif kan kanatti gufuu ta’u uumame?

3.Yuunivarsiitiilee biyyattii keessatti baay’inaan kan dursu barattoota Oromooti.Kanaaf yuunivarsiitiilee keessatti afaan Hojii maaliif Afaan Oromoo hin taane?

4.Faalamni qabeenya uumamaa Oromiyaa,Saamichi lafaa maqaa investimentiinii fi biyya irraa arii’uun uummataa maaliif Oromiyaa keessatti qofaa xiyyeeffate?

5.Barattootni Oromoo barnoota isaanii xumuran maqaa COC(Center of competent) jedhamuun hojii akka hin qabanne danqamu.Kun Oromiyaa fi ilmaan oromoo qofaa irratti maaliif kan xiyyeeffate ta’e?

6.Dhaabbiileen barnootaa fi amantiin seera biyyattii keessatti bilisa akka dhiibbaa kam irraa bilisa akka ta’etti katabame.Garuu manneen barnootaa keessumaa bakkeewwan ilmaan oromoo baay’inaan argamanitti  waraanaan eegama.Kun maaliif ta’e? Waan seera biyyaa jedhamee barreeffame hojii irra maaliif hin oolle?

7.Seera biyyattii keessatti naannooleen mirga of danda’uu hanga fottoquutti ni qabu.Kun maaliif hojii irra hin oolle?

8.Barattootni oromoo yakkaniis ta’e osoo hinyakkiin qabaman maqaa shororkeessummaan himatamu.Kun maaliif?

Walumaa galatti gaaffiileen armaan olii kun hatattamaan nuuf deebi’anii seerri biyyaas hojii irra waan hin oolleef mootummaan TPLF mootummaa sanyiin bulchu dargaggootni Oromoo ,ilmaan Oromoo cuftii fi sabawwan cunqurfamoo yoommuu ajjeefaman kan dhimma hin qabnee fi aangoo isaa dhiibbaa lammiilee Oromoo irratti uumuun galii guddifachaa jiraachaa kan turee fi itti jiru waan ta’eef hooggantoonni EPRDF  aangoo gadhiisuun seeratti akka nuu dhiyaatan jechuun kabajaan gaafanna!

                                                       Nagaa Wajjiin!

Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Arbaaminc

Galagalcha

Waajjira caffee Oromiyaaf

Dhimmoota Federaalaa Itoophiyaaf

Waajjira Bulchinsa Yuunivarsiitiilee Itoophiyaaf

Bulchinsa magaala Arbaaminciif

Qaama dhimmi ilaallatu maraaf

Diddaan Barattoota Oromoo Yuniversitii Jimmaa Itti Fufe

Aside

Muddee 17,2012 Jimmaa

Muddee 16,2012 Magaalaa Jimmaa keessaattii eebbii kitaabaa mataa dureen isaa TOKKUMMAA jedhuun Dr Takkalaa Oljiraatiin kan barreeffaamee barattoota Oromoo Yuniversity Jimmaa fi Kolleejjii barsiisota Jimmaa akkasumas ummata Oromoo magaalaa Jimmaa barnatti iddoo bashannanaa Aweetuu jedhamutti sirna howwaan eebbifame.

Sirna eebba kitaaba kanaa sababeeffaachuun goototni baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa  mooraa Afran[4] irraa baratan main cumbasii guddaa, mooraa Qonnaa [Agriculture] , mooraa Teekinologii fi mooraa Business and Economics fi Koolleejjii Barsisotaa Jimmaa  irraa barataan walittii dhufuun addaatti sirbotaa qabsoo Bilisummaa Oromoo leellisaan kanneen akka” Qeerroo Lolii loli lolleetumaa gallaa xiiqii Rambaa rambaa godhii” jedhuu fi sirbotaa Ebbisaa Addunyaa ”Ani Barbaadee yaa sii dhabee garamjirtaa WBO kiyyaa, garam jirtaa Qeerroo kiyyaa, garamjirtaa goootaa kiyyaa” jechuun Qabsoo Bilisummaa Oromoo farsuun ummataaf barnotaa Guddaa dabarsaan.

Kana malees Artiistii kabajamaa fi beekamaan Adinaal Maamed lafa kanatti argamuun sirbotaa Warraaqsaas sirbuun ummataaf barumsi kenname, Artistii Adinaan sirbotaa akka michuu baay’een Qabaa lixaa biiftuutirraa dhamsaa koon naf gahii Oromotaa Maraaf jechuun Dargaggotaa fi Ummataaf sirbaa Oromummaa farsaa garaagaraa sirbuun ergaa guddaa dabarsee jira.

Karaa biraa addatti gareen hoggana Qeerroo godina Jimmaa waraqaalee warraaqsaa kan gaaffi ummata Oromoo ijoo ta’an of irraa qabuu fi mata duree waamicha FDG darbaru guutummaa maglaa Jimmaa keessa facaasuun beekame.

Hoggaansii Qeerroo murtii mannii murtii federaala EPRDF fi Wayyaanee murtii sobaa fi Loogdummaa sanyii irraatti hundaa’ee yeroo garaagaraattii ilmaan Oromoo irraattii murteessuun mana hidhaatti guruu cimsee balaleeffaachuun addattii immoo torbee darbee keessaa Ilmaan Oromoo Obboo Baqqalee Garbaa fi Obboo Olbaanaa Leellisaa fi namotaa sagal[9] isaan dukaa mannii  murtii Waayyaanee murtii dabaa kan sanyuummaa fi loogduummaa irraattii hundaa’ee irraattii  murteessee, jiruu qeerroon cimsee balaaleffaachuun, hidhaan, ajjeechaan, biyyaa irraa arii’atamuun, yoom iyyuu Ummataa Oromoo qabsoo bilisummaa isaa irraa duubatti deebisuu kan hin dandeenyee, ta’uu barruulee faccaasaniin beeksisanii jiru.