Qonnaan Bultooti Oromoo Ona Sulultaa Abbummaa Dachii Isaanii Tikfachuuf Jecha Diddaa Kaasan

Aside

Bitootessa 03,2013 Gabaasa Qerroo Finfinnee

Oromian resistanceBitootessa 02,2013 kaleessa gabaasaa godina addaa naannoo Finfinnee ona Sulultaa irraa addeessuun armaan dura xaa’oo fudhattanii lafa qabdan irratti oomisha gahaa kan hin gaggeesine yoo tahe lafti keessan isin irraa fuudhamee abbaa qabeenyaatti laatama jedhanii mootummaan murtoo baaseen raggaasisee dhuguma namoota lafa isaanii qotachuu hin dandeenye irraa lafa fuudhee namoota qabeenyaa qaban lafa sana irratti oomisha garagaraa oomishuu danda’utti kennamee jira,kana irran kan ka’es ijoolleen namootni lafti isaanii irara fuudhamee jiru baayeen isaanii rakkinaaf saaxila bahanii magaalaa Finfinnee keessaa daandii cinatti galuudhaan jireenya gaddisiisaa jiraachaa jiraachuun isaanii kan ifaa tahe; kanaan kan wal qabate qote bultoonni fi barattootni ona Sulultaa irraa gaaffii kaasan lafti uummata irraa fuudhamee ormaaf kenname kun amma irraa haa deebi’u jedhuun gaaffii kaasanii fi dhaadannoon adda addaa maxxanfamee mul’achuu irraan har’a milishoota gandaatiin uummanni yaada kana maddisiisee fi barataa waan kanaf adda duree ta’e saaxiluuf uummata onichaa walgayii teessisanii turan,wal gayiin kunis tokkummaa uummataa fi barattootaan diigamee hidhattootni Wayyaanee dhimma kanaaf achitti argaman uummataan ariyamanii lubbuudhaan akka bahantu gabaasaan isaa nu gahe addeessa. Ammas kaayyoon keenya tokkummaan mirga keenya falmachuudha jedhuun waraqaan barreeffamuun bittimfamee jira galgala kana. Qeerroon ona kanaa ka’umsi tokkummaa keenya hin dhaabbatu itti fufa jedha!!

Ethiopia: Academic Institutions Are Meant to Teach; Not to Serve As Political Tools

Aside

HRLHA

  HRLHA Appeal and Urgent Action

March 2, 2013

The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) strongly condemns the academic dismissals and suspensions of ten students of Addis Ababa University from their studies on February 21, 2013 upon their return to the University to resume their studies after a two-week break following the end of the first term exam. According to information obtained through HRLHA informants, this purely racial and politically motivated decision handed down by what is known as the discipline committee of the University was connected with the incident that took place in January 2013 between the Tigre and Oromo students. Various sources, including the HRLHA, have reported that the clash between the two groups of students was triggered when some students of Tigre nationals posted posters containing derogatory messages that aimed at the Oromo people. In connection with this incident, HRLHA had then reported, under an urgent action entitled, Beatings, Arrests and Detentions at Addis Ababa University, that more than 100 Addis Ababa University students, the majority of whom were Oromos, were arrested and detained.

 

 

HRLHA UA March 2013.doc

HRLHA UA March 2013.pdf

Qotataa Oromoo (Walaloo)

Aside

SBO Bitootessa 3 Bara 2013

Aside

Wallagga,Aanaa Manasibuu Keessatti Dabballoonni Wayyaanee Jiraattota Oromoo fi Gumuz-Beeneshangul Walitti Buusan

Aside

Bitootessa 03,2012 Gimbii

Mootummaan Wayyaanee sabaa fi sablammiiwwan Impaayera biyyattii keessaa walitti buusuun bittaa umrii isaa dheereffachaa fi har’as dheereffachuuf qabsoo jabaatti jiraachuun beekamaa dha. Gaaafa Bitootessa 1,2013 Godina Wallagga lixaa aanaa Manasiibuu bakka laga Wagee,Guunfii fi laga warqee jedhamutti ilmaan Oromoo fi uummata Beenishaangul Gumuz walitti buusuun lubbuun ilmaan Oromoo 10 akka badu taasisuun hedduun ammoo akka madaa’an taasisee jira.

Yeroodhaa gara yerootti tokkummaan uummata biyyattii keessaa yaaddoo guddaa gaaffii mirgaa kaasuu waan itti taheef walitti buusuunshira guddaa taphachaa jira.Yeroo ammaa kanatti tokkummaan uummata biyyattii mootummaa abbaa irree Wayyaaneetti yaaddoo tahuun walitti buusuun tokkummaa isaanii diiguu fi wal ajjeesisaa jiru ilmaan Oromoo fi uummata Beenishaangul Gumuz walitti buusuun dhiigni Oromoo akka dhangala’u taasisee jira.Namoota ajjeefaman keessaa Obbo Tamasgeen Bulaa yoommuu keessatti argamu Obbo Waggaarii Tarfaa kan jedhamu ammoo baay’ee madaa’uun mana yaalaa keessatti argama.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti tokkummaa ilmaan Oromoo fi uummata biyyattii diigaa waan jiruuf uummatni Impaayera biyyattii keessaa aadaa bareen tokkummaan akka jiraatu qeerroon dhaamsa jabaa dabarfata.

 

Sababaa Gaaffii Mirga Oromoo Kaasaniif Jecha Barattooti Oromoo 19 Yuuniversitii Amboo Irraa Hari’aman.

Aside

Barattooti Oromoo Birmatnaa Barbaadu!! 

Gabaasa Qeerroo Bitootessa 1,2013 Amboo

Barattootni Oromoo gaaffii mirga bilisummaa kaasaniif mootummaan Wayyaanee hidhaa,ajjeechaa fi barnoota irraa arii’uun dura dhaabbachaa kan turee fi itti jiru barattoota Oromoo yuunivarsiitii Finfinnee kiiloo 4 barnoota irraa arii’uun yakka hiriyyaa hin qabne ummata Oromoo irratti dalaguu dha jechuun barattooti Oromoo Ammboo dura dhaabbachuu isaanii yeroo beeksisanitti tuffii abbaa irrummaa muldhisuuf jecha ammoos barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Amboo barnoota irraa arihaman.

Barattootni Oromoo gaaffii mirgaa gaafatan keessatti Qeerroon Yuuniversitii Finfinnee kiiloo 4 irraa arhaman hatattamaan barnootatti haadeebi’an mootummaan Wayyaanee garboomfataa waan taheef sirni bulchinsa isaa haa jijjiiramu,Manneen barnootaa bakka basaastotnii fi poolisootni federaalaa Wayyaanee seenuun ilmaan Oromoo doorsisan osoo hin tahiin bakka barnootaatti jechuun kan gaafatan

Wayyaaneen gaaffii barattooti Oromoo gaafatan kana kallattiin deebisuu hanqachuu irraan duubbee keessaan about jira jechuun har’a Bitootessa 1,2013 barattoota Oromoo  barnoota irraa ariitee jirti.Barattootni arii’amuun yeroo ammaa nyaata,Barnootaa fi doormii dhorkamuun akka hin galmoofne godhaman keessaa:-

1. Barataa Lataa Amante

2. Barata Gizaw Daadhii

3. Barataa Laggasaa Tamasgeen

4. Barataa Amanuu Waamii
5. Barataa Haayilee Araarsaa
6. Barattuu Dinqee Caalii
7. Barataa Takkaaleny Girrum
8. Barataa Didhaa Gaarii
9. Barataa Haayiluu Dheeressaa
10. Barataa Balaay Ittafaa
11. Barataa Kabbadaa Raggaasaa
12. Barataa Andualem W/Gebreel
13. Barataa Gaaddisaa Tasfaayee
14. Barataa Daani’el Fufaa
15. Barattuu Meskerem Baayisaa
16. Barattuu Baatiree
17. Barattuu Biruktee
18. Barataa Gazzuu
19. Barataa Tsaggaayee

Jedhaman yeroo ammaa saayinsii fayyaa keessaa isin mootummaa irratti fincila kaasaa jirtan duubaan qeerrootu isin qindeessa jechuun barnoota irraa dhorkamanii jiran.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti dhiibbaa daangaa hin qabne ilmaan Oromoo irraan geessisus guyyaan bilisummaa wareegama barbaachisaa qeerroon kaffaluun akka mirkanaa’u qeerroon diinaa fi firaaf dhaamee jira.

Diddaan Qonnaan Bultoota Oromoo Aanaa Haromaayaa Itti Fufuu Irraan Qonnaan Bultooti 3 Hidhaman.Gariin Qarshiin Adabaman

Aside

Bitootessa 1,2013 Haromayaa 

Oromian resistanceMootummaan EPRDF Wayyaanee diddaa qotee bultootni aanaa Haramaayaa mootummaa wayyaanee irratti kaasan dura dhaabbachuuf qotee bultoota mana hidhaatti ukkaamsuun qarshii 500.00dhaan adabuun reebichaan miidhaa garaa garaa irraan gahaa jiraachuu qeerroon gabaase.

Mootummaan Wayyaanee gaaffii mirgaa hidhaa fi saaminsaan kan dura dhaabbatu aanaa Haramaayaa ganda Xinniqqee araddaa Gooroo Jiddaa keessaa qotee bultoota Oromoo

1. Usmaan Abdullaah qotee bulaa Araddaa Gooroo Jiddaa

2. Iskandir Mohaammed reebamee jira

3. Ibroo Abdurhamaan Muummee

Jedhaman mana hidhaatti ukkaamsitee qarshii 500n erga adabdee booda isintu qotee bultoota kakaasa,Isin miseensota ABOti,ABO beektu nyaachistu baasaa jechuun reebuu irratti argamu.Qotee bultootni kunneen ABO yoo argines inuma nyaachisna,ABOn Oromoof kan dhaabbatudha jechuun mana hidhaa keessa taa’uun kutannaa diina abdii kutachiisu dubbatanii jiran.Basaastotni wayyaanee ganda kanaa Taajuddiin Abbaasee fi Zaakkoo Saalii jedhaman uummataan kan lagataman yoommuu tahu hojii farrummaa QBO irraa hatattamaan hin dhaabbatan taanaan qabeenyii fi lubbuun isaanii akka baddu qotee bultootni araddaa kanaa dhaammatanii jiran.

 

Barattooti Oromoo Yuniversitoota Finfinnee Gara Garaa Keessaa Sirna Dhabaa Wayyaanee Balaaleffatan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Bitootessa 1,2013 Finfinnee

Barattooti Oromoo Yuniversitii Finfinnee kiiloo 6 fi 4 akkasumas Kotobee fi bakkoota gara garaa irraa walitti dhufuun dhimma gootonni barattoota Oromoo Yuniversitii kiiloo 4 irraa badiin tokkoon malee Oromummaa isaaniif jecha barnoota irraa arihamanii irratti marii gahaa godhchuu isaanii Qeerroon gabaase.

Haala kanaan barattooti Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo jaallan irratti wareega kana fakkaatu kafalan itti fufanii bakkaan gahuuf ejjennoo armaa gadii fudhatan.

Barattooti Yuuniversitii Finfinnee irraa arihaman marti daddaffiin gabatee barnootaa isaaniitti yoo hin deebine rakkoo ummata Oromoo fi Wayyaanee jidduutti hammeenya hiriyyaa hin qabneen deemuuf gaafatamni isaa Wayyaanee tahuu isaa beeksifna.

  1. Qabsoon Qeerroon eegale hamma galmaan gahutti osoo duubatti hin deebi’iin Oromiyaa guutuutti itti fufna.
  2. Dhaaba keenya ABO waliin ta’uun gaaffii mirga ummata Oromoo itti fufna.
  3. Kanneen jedhan ejjennoo fudhachuun barattoota Oromoo Yuuniversitii Asoosaa keessatti gaaffii mirgaa kaasaniifis degersa qaban muldhisanii jiru.

Kana irratti dabalee barattoota Oromoo Yuniversitii irraa arihamaniif tinnisa barbaachisu akka godhanis ejjennoo isaanii keessatti lafa kaayyatanii jiraachuu qeerroon gabaase.

Qabsoon itti fufa ! Gabrummaan ni kufa!

Hunda Dura Oromiyaa!!!

Aside

SBO Guraandhala 27 Bara 2013

Aside