Godina Shawaa Bahaa Aanaa Cuqqaalaa Keessatti Hordoftootni Amantaa Waaqeffannaa Duudhaa fi Lafa ofii Tikfachuuf Gaaffii Mirgaa Kaasan

Aside

Bitootessa 15,2013 Finfinnee

OromiaALutaContinua2011FDG Aadaa,Amantii,Seenaa fi duudhaan ilmaan Oromoo akka ukkaamsamuuf shirri mootummaan wayyaanee dalagaa jiruu fi itti ture daangaa hin qabu.Mootummaan wayyaanee amantii waaqeffaannaa keessa miseensota ABOtu jira jechuun yeroodhaa gara yerootti hidhaa fi ajjeesaaa kan ture hordoftoota amantii Kiristaanaaa fi Waaqeffannaa walitti buusuuf shira xaxaa jira.Godina shawaa bahaa aanaa Liiban Cuqqaalaa magaala Adulaa keessatti hordoftoota amantii kiristaanaa lafti isiniif kenname kana jechuun bakka hordoftootni amantaa waaqeffannaa itti irreeffatanitti akka amantii isaanii gaggeeffatan taasisee  jira.

Mootummaan wayyaanee shira ofii kalaqeen amantii walitti buusuu kan bare waaqeffannaa ukkaamsuu fi qabeenyaa fi lubbuu ilmaan Oromoo gaagaúuf guyyaa haráa bitootessa 14/2013 shira kana hojjetee jira.Hordoftootni amantii waaqeffanaa lafa keenya bakka itti irreeffannu eenyuufuu hin laannu,Amantii keenyaa fi lafa keenya irratti wareegamna jechuun diddaa gaggeessaa jiru.Mootummaan wayyaanees humnaan bakka irreeffannaa kana irraa fuudhuuf waraana bobbaasee doorsisa hamaa gaggeessus hordoftootni amantaa waaqeffannaa duudhaa keenya nutu tikfata jechuun sodaa malee waraana wayyaanee fi jala deemtota ishee dura dhaabbatanii jiran.

 

Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Dillaa Gaaffii Mirgaa Gaafachuun Hiriira Bahan

Aside

Bitootessa 15,2013 Gabaasa Qeerroo Diillaa‏

FightMootummaan garboomfataa Wayyaanee erga aangooti ol bahee ilmaan Oromoo dhaabbiilee barnootaa keessaa ariiáman,Ajjeefamanii fi hidhaman lakkoofsaanj himuun nama rakkisa.Yuunivarsiitii Dillaa keessatti barattootni Oromoo ilmaan oromoo dhaabbiilee barnootaa fi bakka jiranitti wayyaanee fi jala deemtota isaan rukkutamuu,Doorsifamuu fi ajjeefamuun haaa dhaabbatu jechuun Bitootessa 13/2013 hiriira moormii gaggeessan.Ilmaan oromoo yuunivarsiitii Dillaa keessatti dhuunfaan dhalata Walaayittaa waliin walitti bué poolisootni mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo qabuun reebsisuu fi isaanis doorsisuun barattoota oromoo mara kan dhaqqabu tahuu qeerroon yuunivarsiitii kanaa dhaamsa

dabarsuun hiriira nagaa dhaadannoo garaa garaan gaggeessanii
jiran.Dhaadannoowwan
1.Arrabsamuun haa dhaabbatu
2.Uleen ilmaan Oromoof hin tahu
3.Yakkamaan seeratti nuuf haa dhiyaatu
4.Mirgi keenya haa kabajamu
Kanneen jedhan dhageessisanii jiraan.Mootummaan wayyaanee tokkummaa ilmaan Oromoo kanaan kan baarage waraana hedduumminaan bobbaasuun mooraa fuulduraa fi keessatti sakattaínsaa fi doorsisa hamaa gaggeessaa jira.Barattootnis gamtaan akka hin dhaabbanne dhorkamaa jiran.Qeerroon yuunivarsiitii kanaas gaaffiin mirgaa hanga deebiú warraaqsa eegalle itti fufna jechuun dhaamsa walii fi ilmaan Oromoo maraaf dabarsee jira.

 

2013 OSA midyear conference

Aside

SBO Bitootessa 13 Bara 2013

Aside

Lixa Shawaa,Aanaa Geedoo Keessatti Diddaan Barattootaa Akka Itti Fufetti Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Geedoo,Bitootessa 12,2013

Suuraan FDG 2012 irraa fuudhame

Suuraan FDG 2012 irraa fuudhame

Bitooteessaa 3,2013 irraa egaaluun FDG utuu wal irraa hin kutiin gaggeessaa kan jiraan ta’uun gabaafame, Gototni Baratootni Oromoo kun hangaa Ilmaan Oromoo yuunivarsiitii Finfinnee kiloo 4 irraa arii’aman fi Bakkotaa garaagara irraa arii’atamaa jiran hin deebineetti hin barannuu jechuun Mana barumsaa Cufuun FDG itti fufaanii jiraachuun gabafamera, haala kanaa

Hanga ilmaan Oromoo Yuunversitii Finfinnee kiiloo 4 irraa arihaman barnootatti deebi’anitti FDG gaggeessinu hin dhaabnu jechuun gootonni barattooti Oromoo Geedoo sadarkaa lammaaffaa Bitooteessaa 3,2013 irraa egaalun manni barumsaa Geedoo Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Cufaamee jiraachuun gabaasa Qeerroo yeroo darbee keessatti ibsamuu ture. Haala kanaan guyyaa gaafa  Bitootessaa 11/2013 Maatiin baratootaa ajajaa karaa karaa qondaalota  Wayyaanee ummanni dirqiin dirqisiifamee  mooraa mana barumsaa Geedoo Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa keessaatti walga’iin dabbaalloonnii Wayyaanee gaggeessaa oolan irraattii Ummaannii sagalee mormii Dhageesisuun gaaffiilee

1.  Daa’immaanii fi dargaggoota ol guddatan ilmaan biyyaa gaaffii kaasan jettanii hidhuu dararuu fi biyyaa ari’uun haalaan hammaatee waan jiruuf kun mufii ummataa keessaa isa jabaa akka ta’e

2.  Bara baraan Pooliisiin Rasaasaa dhukaasee Ijoollee keenyaa  ajjeessaa?maaliif hidhamuu?

3.  Humna Waraanaa nurraattii bobbaasuun maaliif?

Jechuun ummanni diddaa dhageessisaniin dabballoonni Wayyaanees gaaffii uummatanaan muddamanii akka turan Qeerroon gabaasa. Akka gabaasi addeessutti dabballoonni kun Oromoota achitti argame kadhachuu fi ijoollee keessan nuu sossobaa gaaffii mootummaa irratti kaasan akka dhiisan jechuun yeroo walgahii irratti iyyatan dhagahamee jira.

Kana malees Hoteelota magaalaa Geedoo keessatti argaman gara garaa keessatti walleen warraaqsaa addattis kan Eebbisaa Aduunyaa osoo wal iorraa hin citiin kan dhageessifamaa jiru yeroo ta’u kanneen akka  Hoteelaa Ittaafaa Carraataa fi Hooteellii Calliyaa keeseetotaa ABO sirbisiisaa jirtuu jechuun dabbaalloonni Wayyaanee ummata qorachaa akka jiran gabaafamee jira. Humni milishaa Wayyaanee kan nama maqaan isaa Addaamuu jedhamuun durfamus Waajiraa milishaa Aanaa Caalliiyaa keessaa hojjetuu ta’een uummanni dorsifamaa jiraachuun gabaafamee jira.

Qonnaan Bultooti Oromoo Gaaffii Mirgaa Kaasan Itti Fufan

Aside

Bitootessa 12,2013. Haromaayaa

Oromian resistanceQotee bultootni Oromoo mootummaa abbaa iree dirqamsiifamuun yeroodhaa gara yerootti gibira humnaa olii kaffaluuf kan dirqaman yoommuu tahu yeroo ammaa kana sabboontotni qotee bultoota Oromoo Godina Harargee bahaa aanolee garaa garaa keessaa ajaja mootummaa Wayyaanee uummata qabachuun didan.Mootummaan Wayyaanee qajeelfama buúura hin qabnee fi bittaa umrii ishee dheeresseef duwwaa kaattu qotee bultootni gamtaan dura dhaabbatanii jiran.

Qotee bultootni aanaa Giraawwaa,Baddannoo,Kurfaa Calloo,Maayyuu Hulluuqqee,Golboodaa fi kanneen biroon gamtaan qajeelfama mootummaa Wayyaanee fudhachuu dhiisuun gibiras dhorkatanii jiran.Mootummaan Wayyaanee aadaa Giraawwaa keessatti dabballoota hedduumminaan bobbaasuun gibira yoo hin kaffaltan ykn wal gahii waamamtanii hin baatan taanaan horii dallaa keessan keessaa fuuneee gurugurra jedhamaa kan jiran yoommuu tahu uummatni gocha kana gaafa gootan ilaalla jechuun cichee diddaa jabeessaa jira.Haaluma wal fakkaatuun aanaa Haramaayaa qotee bultootni Xinniqqee gibiraa fi uffata dabballoota wayyaanee akka bitaniif mana tokkotti qarshii 200 akka kaffalan dirqama itti kenname gamtaan didanii jiran.Qotee bultootnoi yeroo ammaa ilmaan keenyas nu jalatti ajjeessaa nuun nu saamtanii meeshaa waraanaa bitachuun ittiin nu hin bittan jechuun gamtaan shira wayyaanee dura dhaabbachaa jiran.

Baratootnii Oromoo Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Diddaa Sirna Wayyaanee Cimsan

Aside

Gabaasa Qeerroo Jimmaa,Bitootessa 11,2013

Kaleessaa Bitootessa 10,2013 galgala Fiilmii Afaan Oromoo Mata Dureen ”HIREE” Jedhuu sababeeffaachuun goototni baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Oromummaa Farfatan, Sabboonummaa Leellifataan sirboota warraaqsaa kan Ebbisaa Addunyaa, Hayiluu Kitaabaa, Adinaal Mohaamed , Kadir Martuu fi kkf Mooroo Yuunivarsiitii Jimmaa Dirree Xiqqichaa (Mini stadium) Mooraa Main Campus keessaatti bakkaa Filmiin Afaan Oromoo kan Dargaggoo Ejersaa Gammachuun barreeffaame mata dureen Isaa HIREE Jedhuu agarsiifama jiruutti wal ga’uun ykn wal gurmeessuun sirbotaa warraaqsaan dhiichiisan.

Kana malees dargaggoonnii baratootni Oromoo wal irraattii dunaa malee wayyaaneedhaan barnotaa irraa ukkaafamuun nurraa dhaabbaachuu qaba jechuun sabboontotni Oromoo dhaamsaa waliif dabarsaa turan, Agarsiisaa Filmii afaan Oromoo kanaaf ilmaan Abashaa Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti Argamaan akka fiilmiin afaan Oromoo fi wantii ilmaan Oromoo bakka tokkotti fiduu akka hin agarsiifamnee shiraa ol anaa karoorfatani illee tokkummaan baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa shiraa ilmaan Abashaa fi sirna TPLF bakka dhorkaachuun ilmaan Oromoo yeroo irraa gara yerootti akka walitti dhufaan taasiifame jira, goototni baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa bu’aa tokkummaa irraa argachaa jiranitti gammaduun gama tokkummaa isaanii cimsuu fi tokkuummaa uummataa oromoo cimsuu irraattii fulleeffaachuun Tokkummaan Keenyaa Humna Keenyaa!Tokkummaan Keenyaa Bilisummaa Keenyaa!, Tokkummaan Keenyaa Injifannoo Keenyaa!, Tokkummaan Keenyaa Oromummaa Keenyaa!, jechuun tokkumaa isaanii cimsachuun mootummaa abbaa irree wayyaanee fi dabbalotaa fi jala deemtotaa yaaddoo keessaa kan galchanii jiraan ta’uun gabaafame.

Motummaan Wayyaanee sochii baratootaa Oromoo kanattii kan rifatee kaleessaa galgalaa humnotaa Poolisaa fi basastootaa isaa hedduminaan bobbaasuun mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa egsiisaa bule.

SBO Bitootessa 10 bara 2013

Aside

Boqochuu Hayyuu Jaal Jaarraa A.Gadaa Ilaalchisee Ibsi Gaddaa Baratootaa Oromoo Yuunivarsiilee Adda Addaa fi Gurmuu Maadhelee Oromiyaa Irraa Darbe.

Aside

Bitootessa 08,2013 Finfinnee
Jaal Elemoo Qilxuu fi Jaal JaarraaMattuu fi Miizaan Teeppii: Bitootessaa 5,2013 Bakkaa Bu’oonnii Qeerroo Bilisummaa Oromoo Yuunivarsiilee  Jimmaa, Mattuu, Miizaan Teeppii,Haromaayaa,Finifnnee,Naqamtee fi Dirree Daawwaa akkasumas  fi Sabboontotni Oromoo Godina Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa Madheewwaan: Badhaadhummaa Oromiyaaf, biyyaa ofiif,Mootota Shanaan Gibee,Tokkummaa Ummataa,Hayyuu Biyyaa, Gumaa Baas Jaal Laggasaa Wagii, Oromiyaa Bu’uraa Biyyaa fi Imaltuu jedhaman jalatti hundeeffaaman Hangafti Qabsoo Bilisummaa Oromoo Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa Addunyaa Kanaa irraa boqochuu gaddaa
guddaa nutti dhagaa’ame Ibsina jechuun ibsoota isaaniin gara qindeessitoota Qeerrootti erganiin nu dhaqabe addeessa.

Gaddooti qindeessitoota hojii warraaqsaa irraa karaa adda addaa ergame kun cuunfaatti yaadoti of keessaa qaban keessaa:-1. Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa biyyeen isatti haa salphatu, boqochuu gootichaa hogganaa ol aanaa Qabsoo bilisummaa Oromoo Jaal Jaarraa Abbaa Gadaaf Gaddaa Guddaa baay’ee gadi fagoo ta’ee nuti dhagahaame ibsanna.

2, Ummataa Oromoo, Sabboontotaa Oromoo, WBO fi Hoggaantootaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo, Maatii fi Firottaan Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa Hundaaf rabbii Obsaa guddaa haa kennu jechaa ammas gaddaa guddaa nuti dhagahame ibsuu barbanna.

3. Egaa Gootni fi hoggaanaan qabsoo Bilisummaa Oromoo seenaa midhagaa qabuu kun dadhaabee, beelaa’ee dheeboodhee rakkaadhee utuu hin jedhiin Umrii ijoolluummaa isaa irraa egaluun dhugaa saba keenyaa jalaa sarbamee fi bilisummaa Saba keenyaa irraa mulqameef qabsoo hadhawaa gaggeessaa bara jireenyaa isaa guutuu qabsaa’aa haqaa kan tokkummaa Ummataa Oromoo ittichaa ture ta’uu seenaan isaa ni ibsa, Kanaaf nutis Saboontotni, Bakka Bu’onnii Qeerroo Baratootni Oromoo Yuunivarsitilee aadda addaa Gaddaa nuti dhagaa’amee jiruu ibsanna jechuun dhaamsa dabarfataniin beeksisanii jiru.

Qabsaawaan ni kufa! Qabsoon Itti Fufa!

 

Dhalattootni Sidaamaa Hariiroo Qeerroo Bilisummaa Waliin Tolfattaniittu Sababa Jecdhamuun Hidhaa fi Reebichaan Dararamaa Jiru

Aside

Bitootessa 08,2013 Hawaasaa

Dhiibbaan mootummaan Wayyaanee sabawwan cunqurfamoo iratti bittaa umrii isaa dheeressuuf taasisu daran jabaachuun Naannoo uummattota Kibbaa uummata Sidaamaa aanaa Harbegooraa irraa mana hidhaatti guuraa jira.Wayyaaneen ilmaan Sidaamaa isin mootummaa EPRP irratti fincila diddaa gaggeesitaniittu, Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin biyyattii keessaa uummata Finicila Diddaaf sossosaa jiran waliin hidhata qabdu jechuun mana hidhaatti ukkaamsee jira.Bitootessa 05/2013 aanaa kana irraa mootummaa Wayyaaneen kanneen ukkaamsaman

  1. Obbo Kaasaa Kaayessoo
  2. Obbo Taaffasee Barasoo
  3. Obbo Butura Butuna
  4. Obbo Assaamineew Dubbaalee

Jedhaman yoommuu tahan mana hidhaa wayyaanee magaala Hawaasaatti fudhatamuun iccitii beektan baasaa jedhamuun reeabamaa jiru.Dargaggoonni sidaamaa hidhaan wayyaaneen gaggeeffamu daran qabsootti nu jabeessa jechuun diddaa dhageessisaa jiru.