Dhaabin Sochii Bilisummaa Ummata Sidaamaa(Sidama Liberation Movement) Filmaata Wayyaanee Keessaa If Baasuu Isaa Beeksise

Aside

Logo SidaamaEbla 16,2013 Finfinnee

Sidaamaa LMFilannoo dharaa Impaayera Itoophiyaa keessatti gaggeeffamu irratti hirmaachuun irbuu uummataaf seename cabsuudha jechuun Sochiin Bilisummaa Sidaamaa(Sidama Liberation Movement)(Sidaamu Wolaphote millimillo) filannoo irratti akka hin hirmaanne ifaan beeksisuun filannoo keessaa bahuu beeksisee jira.Mootummaan wayyaanees kutannaa ilmaan Sidaamaa kanaan kan baarage dargaggoota Sidaamaa yeroo ammaa Godina sidaamaa keessa naannawuun mana hidhaatti ukkaamsaa jira.Diddaa jabaan dargaggoota Sidaamaa irraa mootummaa wayyaanees kan dhaqqabe yoommuu tahu ilmaan Sidaamaa mana hidhaatti ukkaamsan isin Sochii Bilisummaa Sidaamaa akka filannoo keessaa kan bahu kan gootan Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) waliin walitti hidhachuun jechuun reebichaan hiraarsaa jiran.Yeroo ammaa kanatti ilmaan Sidaamaa hedduumminaan mana hidhaatti kan guuraman yoommuu tahu isaan keessaa

1. Obbo Laggasee Laakamoo

2. Obbo Wosharaa Agalaa

3. Obbo Damissee Daasaa

4. Dargaggoo Nuuraddiin Maatamoo

5. Dargaggoo Unuunaa Arusaa

6. Dargaggoo Dastaa Dukkoo

7. Obbo Qooqii Laaqibbee

8. Obbo Shaallamoo Bookkaa

9. Dargaggoo Shumbulloo Marraasaa

10.        Obbo Baqqalee Bakkalloo

11.        Dargaggoo Taaddalee Hooshee

12.        Obbo Lammaa Buxxaashoo

13.        Obbo Laallasee Maggaanee

14.        Dargaggoo Tasfaayee Taammiruu

15.        Obbo Amaare Taaddesee

16.        Dargaggoo Birhaanuu Kiflee

Jedhaman aanaa Buursaa irraa funaanamuun mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti ukkaamsanii jiran.Obbo Laggasee Lakaamoo irratti murtiin dabaa hatattamaa hidhaa ji’a 6 fi qarshii 500 kan itti murteeffame yoommuu tahu Obbo Woshaaraa Agalaa irratti ammoo murtiin dabaa ji’a afurii fi qarshii 500 murteeffamee jira.Mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti kanneen ukkaamsamanis yeroo ammaa qorannoo fi reebichaan gidiraa keessatti argamu.Mootummaan wayyaanee filannoo dharaa gaggeessuun dimokiraatawaa tahuu isaa fakkeessuuf kan socho’u yoommuu dura akka dhaabbatan Koreen gamtaa Qeerroo fi Dargaggoo Sidaamaa ayyaana GGO irratti marii taasiseen lafa keewwatee jira.

Guyyaan Gootota Oromoo Oromiyaa keessatti uummata oromoon qophiilee garaa garaan kabajame

Aside

Ebla 15,2013 Finfinnee

 

Guyyaa WBO

Guyyaa WBO

Guyyaan Gootota Oromoo Oromiyaa bakkeewwan hedduu keessatti uummata oromoon qophiilee garaa garaan kabajame.Jala bultii ayyaana kanaa irratti magaalawwan Oromiyaa kanneen akka Finfinnee,Adaamaa,Amboo,Gudar,Ginc,Dirree Dawaa,Harar,Naqqamtee,Shaamboo keessatti waraqaaleen dhaadannoo heddumminaan maxxanfamuun kabajni ayyaana kanaa eegalee jira.Dhaadannoowwan maxxanfaman.

1.      Oromiyaan kan Oromooti!

2.      Nama seenaa dagate seenaan hin dagatu!

3.      Akeeka gootawwan keenyaa galmaan ni geenya!

4.      Ebla 15 guyyaa gootota oromooti!

5.      Maqaa Oromoo fi Oromiyaan Itoophiyaaf hin falminu!

6.      Qeerroon Bilisummaa Oromiyaaf wareegama kamuu baasa!

7.      Mootummaan wayyaanee garboomfataa dha!

8.      ABO gaaachana ilmaan oromooti!

9.      Oromia shall be free!

10.   Hidhaa fi ajjeechaan haamilee nu hin cabsu

Kanneen jedhanii fi kanneen biroon diimaa magariisa diimaan kan barreeffaman loogoo qeerroo kan hammateen magaala keessatti hedduumminaan maxxanfamanii jiran.Waraqaaleen dhaadannoo fi alaabaan ABO yuunivarsiitiilee Finfinnee,Amboo,Adaamaa,Bishooftuu,Haramaayaa,Hawaasaa,Arbaminc,Madda walaabuu,Miizan Teeppiii fi koollejjiiwwan garaa garaa keessatti hedduumminaan maxxanfamuun Guyyaan gootota oromoo haala ajaa’ibsiifamaan ayyaaneffatamee jira.Maadheeleen dhaabaa bakka mijeeffachuun walitti dhufuun barattootni yuunivarsiitiilee keessattii fi doormii isaanii keessatti dungoo diimaa magariisa diimaa ibsuun alaabaa ABO qabachuun waadaa isaanii haaromsachuun ibsa ejjennoo garaa garaa baafatanii jiran.Ilmaan oromoo uffata aadaa uffachuun Guyyaa gootota oromoo Oromiyaa keessatti haala ho’aan kan ayyaaneffatan yoommuu tahu barataan,barsiisaan,Qotee bulaan,hojjetaa fi hojii dhaaban dhimma QBO duuba deebisuuf mootummaan wayyaanee shira xaxu dura dhaabbachuuf waadaa isaa haaromsatee jira.Mootummaan wayyaanee ayyaana kana uummata oromoo biratti akka kabajamu beekus uummata hedduumminaan ayyaaneffatamuu fi waraqaaleen dhaadannoo ifaan maxxanfamuu irraa ka’uun haamilee kutuun waraqaalee dhaadannoo dabballoota funaansisiisuutti bobba’ee jira.Ayyaanni kunis Ebla 15 irraa kaasee hanga Ebla 20 qophiilee garaa garaan kabajamuu itti fufa!

Hub: Ibsawwan ejjennoo fi qophiilee maadheelee irraa kanneen akka walaloo fi suuraa  viidiyoon gama fuula duraa  edite ta’ee ummata dhaqaba.

Goototni Baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Ebla 15 GGO Kabajatan

Aside

Ebla 15,2013 Jimmaa

Bifa Addaa fi haala ajaa’ibsiisaa ta’een  Guyyaa Goototaa Oromoo  (GGO) Kabajatan, Jalbultii Ebla 15 Goototni Ilmaan Oromoo Baratootni Yuunivarsiitii Jimmaa Ebla 13/2013 fi Ebla 14/2013 Galgala Barreeffamotaa Suuraawwaan Goototaa Oromoo of irraa qabuu fi Dhaamsaa Goototaa Oromoo Qabatee Magaalaa Jimmaa Fi Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti Maxxaansuun guyyaan kun uummaata birattii sirnaan kabajamee akkaa oluu taasisuun ofiifis Guyyaa kanaa Sabboontootni  Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Muummee barnotaa garaagaraa baratan barnotaa dhaabuun Rakkoo Siyaasaa fi Waanjoo Garbummaa Ummataa keenyaa irraattii fe’amee jiruu FDG jabeessiinee itti fufuun,  qabsoo dhiigaa fi lafee goototaa keenyaan gadi dhaabbamtee; ni jajjaabeessiina, Imaanaa goototaa keenyaa galmaan ni geenyaa, Goototni Oromoo Nuti gargar hin baanuu jechuun boollaa tokkootti wareegamaanii nutis Biyyi keenyaa Oromiyaa, Sabni keenyaa Ummaata Oromoo Kaayyoon keenyaa Bilisummaa fi walabummaa Jechuun FDG jaabeessaanii ittii fufuu murteeffaatan,

Goototni Ilmaan Oromoo Kaleessaa Bilisummaa Ummataa Keenyaa fi Walabummaa Biyyaa kiyyaa Oromiyaaf dhiigaa isaanii dhangalaasuun lafee isaanii itti cabsuunii fi Lubbuu isaa nuf wareegan ni yaadanna. Fajjii isaaniis ni kaafnaa, Kaayyoo Goototaa keenyaa galmaan ga’uuf yoomiyyuu kutaannoo fi murannoon ni qabsofna,

Sochiin warraaqsaa Baratootaa Oromoo Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa yeroo irraa garaa yeroottii jabaachaa kan dhufee, warraaqsii qeerroon baratootni Oromoo gaggeessaan guyyaa har’aa sababa Yaadannoo Goototaa Oromoon walqabatee Mooraan Yuunivarsiitii Jimmaa fi bulchitootni Moorichaa muddaamaa cimaa keessaa seenaanii jiraachuun hubatame jira, Mootummaan Abbaa Irree Waayyaanee guyyaa har’aas Mooraalee Yuunivarsiitii Jimmaa Main Campus, Mooraa Qonnaa, fi Saayinsii fi Teekinoloojii  humanotaa poolisaa fi basastotaa isaa galchuun egsiisaa olee,ajajaan  Poolisii Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Kaalid Abbaa Tamaam goototaa baratoota Oromoo ID isaanii fudhuun doorsiisaa Olee, baratootni haala kanaan doorsifamaa olaan:

1ffaa Barataa Getaachoo Darajjee mummee barnotaa Governance waggaa 2ffaa fi

2ffaa barataa Cimsaa Abdiisaa barataa Injiineeriigii waggaa 3ffaa

Ta’uun yeroo beekamu. Barattoota kana irratti ammo sobaan kan raga bahe basaasa Wayyaanee kan ta’e Barataa Badhaasaa Firirjaa jedhamu ta’uu qeerroon gabaasa.

Guyyaa Gootota Oromoo 2013 – Oslo, Norway

Aside

Gumaacha Artistii Kabajamaa fi Jaallatamaa _Hirphaa Gaanfuree “Ka’i, Oromoo!!”

Aside

Jala Bultiin Guyyaa Gootota Oromoo Qeellam Wallagga Keessatti Kabajame

Aside

Gabaasaa godina Qellem irraa addeessuun guyyaa gootota oromoo jala bultii isaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Oliiqaa Dingilitti gootota Oromoo darban faarsuun qabsaa’ota darban wal yaadachiisaa turaniiru.
Keessattuu qabsaa’ota darban kan akka Eebbisaa Addunyaa akkana jedhuun wal yaadachiisuu isaanii gabaasaan nuun gahanii jiru.
…..Eebbisa Addunyaa seenaan si yaadata Uummanni Oromoo yoom si irraanfataa Iimaanaakee eenyutu dagataa? jedhuun galgala keesaa sa’a 5:00 irraa kaasanii manicha barumsaa keessatti waraqaa adda addaa maxxansuun Gootota Keenya Darban Haa Yaadannu! jechaa mooraa keessa dubgoo qabsiisanii kabajaa ayyaana gama isaaniitin akka eegalan nuuf dhaamanii jiru. Akkasuma walaloo kanaan gadii miidiyaa irratti nuuf dhiyaatu jedhuun dhaammatanii jiru.                   

WBO Leecha Oromoo (Walaloo dhihaate)

           Ilmoon leencaa leenca leenci maal sodaata.

                               Jagni ija abiddaa saafaa keessa kaata.

                               Du’aa raqa miti fayyaa qabee nyaata.

                               Sanyii isaatti boonee bilisaan jiraata.

                               Kan du’a sodaatee qabsoorraa hin deebine sanyii warra gootaa.

                               Nutis kan abdannu biyyaaf kan dhaabatu qabna dargaggota.

 Dadaa lafaa kutee humna gaara ba’u.

 Jagna lubbuu laatee lammisaaf dhama’u.

 Hawwiin hadhaa kuusee kan isaan malaatu.

 kan nurraa qolatu keenyaaf kan wal haatu.

 Kan garaatti baannee hawwiidhaan kajeellu.

 kottaa dargaggootaa qabsootti haa qajeellu.

 Lollee injifachuuf galtuu haa aleellu.

 Kana gochuu baannaan baraan hin qajeellu.

 Keessummaa olgaluuf gola nugaafatu.

 Isa lafee nyaatee dhiiga lolaafatu.

 Keenyaaf maree taa’ee karoora baafatu.

 Nama boriif ta’u goota galaafatu.

 N u gogiirra dhaabee ofii lolaafatu.

 Gurmuun yoo waltaane hadhaa malaafanna.

Dubbiis dhoksaan qabnee galtu galaafanna.

    Ormaaf mana dhiifnee maaf keessaa baqanna.

Maaf addaan fagaachuuf karoora baafanna.

 Godiinaan walqoonnee lagaan adda baasuu.

 Iccitii iriyyaa alagaatti asaasuu.

 Nama boriif ta’u arrabaan kolaasuu.

Hameedhaan walnyaannee maqaa wal qoraasuu.

Jabaan dargaggoodha kan kana hundeedhaan nukeessaa calaasu.

      Teenyee hidhii xuuxuu kan kaleessaaf gaabbii .

                                         Maaliif garba taana alagaadhaaf yaabbii.

mataashee dhokfatti qocaan abshaalummaa.

Nu tokkummaa dhabuun madda wallaalummaa.

Mee tokkummaa uumna galii bilisummaa(2x)

Qabsaawan Ni Kufa Qabsoon Itti Fufa!!

Aside

Walaloo Guyyaa Goototaa

Magaala Dirree Dawaa keessatti tooftaa bulchinsa mootummaa Wayyaanee irratti miseensotni OPDO ifaan mormii kaasan

Aside

15,2013 Dirree Daawaa

Magaala Dirree Dawaa keessatti tooftaan bulchinsa mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo addaan kukkutaa ture daandiin jalaa dhokatee jira.Magaala Dirree Dawaa keessatti yeroo dheeraaf dhaaba ilmaan Oromoo bakka bua jedhee wixine OPDO lammiiwwan amaaraa fi Tigiree bakka buutota jedhee kan lafa kaawwate irratti mormiin Miseensota OPDO oromoo tahaniin isaan dhaqqabe.Magaala Dirree Dawaa keessatti ilmaan Oromoo miseensa OPDO tahan kanneen Amaaraa fi Tigiree tahan akkamitti dhaaba ilmaan oromoo bakka bua jedhee mootummaan lafa kaawe nuuf hoogganuu dandau? Isaan aangoo ilmaan oromoo irratti argatu taanaan nuyiifis aangoon dhaabawwan amaaraa fi Tigiree keessaa nuuf haa kennamu! Kanaan ala ammoo miseensotni OPDO hooggantootni amaaraa fi Tigireen wixinaman kunneen nurraa haa buan jechuun mormii jabaa dhageessisaa jiran.Wal gahiin OPDO yeroo ammaa kanas haala Filannoo magaala kanaa waliinii fi dhimma kanaan wal qabatee mootummaa wayyaaneef hojii fardii tahee jira.Mootummaan wayyaanee ilmaan oromoo magaala kanaa lammiiwwan Tigiree fi Sumaaleen dhiibbaa irratti goosisuuf kan jiru sabboontota miseensa OPDO tahan irraan iccitiin wayyaanee kan saaxilame yoommuu tahu miseensotni OPDO ilmaan oromoo tahan mootummaan wayyaanee gaaffii gaafanneef hatattamaan akka deebii kennu jechuun ifaan dhiyeessanii jiran.Mootummaan wayyaanees gaaffii mirgaaf ulee fi hidhaan deebii kan bare basaastota bobbaasuun doorsisa eegalee jira.

Ilmaan Oromoo 2000 ol tahan dhiibbaa mootummaa Wayyaaneen rakkoo hamaa keessa seenan

Aside

Ebla 15,2015 Finfinnee

Uummatni Oromoo dhiibbaa mootummaa abbaa irreen gaggeeffamaa jiruun wal qabatee qeee irraa buqqaaa,hidhamaa fi ajjeefamaa turuun isaa beekamaa dha.Qaalainsa jireenyaa dhiibbaa malaammaltummaa fi rakkoo siyaasa fi dinagdee waliin wal qabatee maqaa qubannaa jedhuun mootummaan wayyaanee qeee irraa buqqisaa ammas itti jiraachuun beekamaa dha.Ilmaan oromoo qabeenya uumamaan badhaatuu biyyaa irra osoo jiruu mootummaa saba bicuun qeee irraa buqqifamuu irraan darbee bakkeewwan qubatan irratti dhiibbaan haamilee fi rakkoowwan garaa garaa irra garaa irraan gahaa jira.Haalli kunis ilmaan oromoo Godina Harargee bahaa fi lixaa irratti hedduumminaan kan hammaate Godina Gujii aanaa Shaakkisoo ganda Walaabuu keessatti ilmaan Oromoo 2000 ol tahan rakkisuu irratti argama.Ilmaan oromoo naannoo kanatti mootummaa wayyaaneen sobamuun maqaa misoomaan naannoo kanatti akka qubatan taasifaman yeroo ammaa milishoota mootummaa wayyaaneen reebamaa jiru.Ilmaan oromoo naannoo kanatti qubsiifaman rakkoo fayyaa irraan darbee milishoota mootummaa wayyaaneen ajaja hin fudhattaniin rakkamuu irratti argamu.Gaaffiiwwan mirgaa gaafataniifis akka shororkeessaatti ilaalamaa kan jiran yoommuu tahu dhiibbaan mirga namummaa jabaan garboomfataan irratti gahaa jira.

Dhiibbaan mootummaa Wayyaanee uummata Impaayera biyyattii irratti gaggeessaa jiru daran jabaate

Aside

Ebla 15,2013

Dhiibbaan mootummaa wayyaanee uummata Impaayera Itoophiyaa irratti gaggeessaa jiru haalaan jabaatee jira.Haaluma kanaan wal qabatees naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Suugee keessatti miindaan barsiisota 197 irraa cituun barsiisotni qaalainsa jireenyaan wal qabatee rakkoof saaxilamanii jiran.Aanaa kana keessatti barsiisotni sadarkaa digirii qaban 45 kan Dippiloomaa 122 kan certificate ammoo 30 kanneen tahan rakkina kanaaf saaxilamanii jiran.Mootummaan wayyaanee barsiisota aanaa kanaa buqqauu uummata naannoo kanaan wal qabatee hojii hin hojjenne jechuun miindaa irraa kutanii jiran.

Naannooma kana keessatti uummata qeee buqqisuun haalaan hammaachaa kan dhufe yoommuu tahu ilmaan oromoo hojiidhaan naannoo kana keessa jiraataan isin ABO deeggartu odeeffatas dabarsitu jedhamuun mana hidhaatti ukkaamsamaa jiru.Ilmaan oromoo

1. Taammiruu Tolaa fi

2. Dirribaa Magarsaa

Jedhaman namoota doorsifaman keessatti argamu.Mootummaan bittaa umrii isaatti sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaaf mirga kan hin eegne yoommuu tahu ilmaan oromoo addatti mana hidhaatti guuraa fi qeee buqqisuun bittaa umrii isaa dheeressuuf tattaafachaa jiru irratti yoomuu qeerroon akka hin jilbeeffanneef qeerroon gabaasa isaa waliin addeessee jira.