Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo(ABO)

Aside

 

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Gadaa.com

Tarkaanfiin Suukaneessaa Sirni Wayyaanee Godinaa Arsiitti Oromoota Musliima Irratti Fudhate Umrii Sirnichaa Gabaabsa Malee Hin Dheeressu

Sirni faashistii Wayyaanee mormii hawaasni Muslimaa Sagaleen keenya haa dhagahamu mata duree jedhuun waggoota lamaaf walitti aansee karaa nagaan geggeessaa jiru humnaan dhaamsuuf tarkaanfii gara jabinaa fudhachuu itti fufeera. Sambata dabre Hagayya 3, bara 2013 godinaa Arsii magaalota Kofalee fi naannoo isaa keessatti ummata karaa nagaan sagalee mormii dhageessise irratti humni waraanaa sirnichaa dhukaasa banuudhaan namoota kudhan aduu saafaatiin ajjeesuu fi kudhanoota madeessuun miidiyaalee idil addunyaa hedduu irratti gabaafameera. Namoonni dhibbaan lakkaawaman badii tokkoon maleetti guuramanii hidhaman. Hidhaan kun babalatee naannoo biraa illee shororkeessaa jira.

Sirni tarkaanfii gara jabinaa kana fudhate muslimoota karaa nagaadhaan hogganootni keenya hidhaman haa hiikamani, barsiisa amantii Ahbash jedhamu dirqiidhaan hin fudhannu jedhanii morman rukutee callisiisuuf jecha shororkeessitoota ittiin jedhee yakkuu irraa hin dhaabbanne. Dhimma amantii keessa akka fedhe harka naqachuu Wayyaanee waan mormaniif qofa shororkeessitoota kan jedhaman musliimonni biyyattii garuu, tarkaanfii shororkeessummaa sobaan itti yakkaman isaanii fudhatu takkaa hin argamne. Waggaa lama guutuuf mormiin geggeessaa turan karaa nagayaan gaaffii isaanii dhageessifachuu qofa ture. Kanas mootummoonni hedduu fi dhaabonni mirga namoomaa idil addunyaa ragaa bahaa jirani.

Mootummaan Wayyaanee humna sodaatu tokkoon shororkeessaa ittiin jedhee gara jabinaan rukutuun aadaadhuma isaa ti. Jireenya isaa guutuu mormitoota humna isaanii sodaatu, addatti ammoo Adda Bilisummaa Oromootiin shororkeessaa ittiin jechuun addunyaatti lallabachaa yoona gahe. Ammas sirni kun ummata Oromoo irraa hin deebine. Karaa gaaffii siyaasaatiin Oromoo irratti duuluun itti xiqqaannaan dhimma amantii keessaanis Oromoo addatti diinomsatee gara jabinaan rukuchaa jiraachuun isaa beekamuu qaba. Amma duras Onkoloolessa bara 2012 keessa bifuma wal fakkaatuun Kaaba Oromiyaa godinaa Walloo magaalaa Garbaa keessatti lammiilee Oromoo Muslima sobaan yakkee ajjeesuun isaa yaadannoo yeroo dhihoo ti. Hanga ammaatti tarkaanfiin golgaa amantiitiin ummata nagaa irratti fudhatame hundi isaa Oromiyaa keessa.

Addi Bilisummaa Oromoo tarkaanfii faashistummaa sirni Wayyaane godinaa Arsii keessatti ilmaan Oromoo qulqulluu sobaan yakkee ajjeesuu fi madeessuu fudhate gad jabeessee balaaleffata. Mootummaan farra ummatootaa fi farra amantii ummataa tahe kun yakkoota ajjeechaa hanga ammaatti lammiilee nagaa irratti fudhateefis guyyaa tokko seera duratti kan dhihaachuuf jiru tahuu yaadachiifna. Mootummaan mirgootni amantii kamiiyyuu heera kiyya keessatti kabajamaa dha ofiin jedhu baatii Ramadaanaa keessa dhiiga Muslimoota soomana irra jiranii jigsuu isaatiin sirna abaaramaa fi jibbamaa tahuu isaa caalaatti mirkaneeffate. Amantii ummata bulchaan jira ofiin jedhuuf gonkumaa kan ulfina hin qabne tahuu isaa dirreetti agarsiifate. Mootummaan kun Musliimota karaa nagaan qofa mirga amantii isaanii kabajsiisuuf falmachaa jiran dhiibee gara tarkaanfii humnaatti ceesisuuf dhiibbaan taasisaa jirus umriidhuma aangoo isaa gabaabsa malee hin dheeressu.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo
Hagayya 5, bara 2013

P. O. Box 6973 Asmara, Eritrea | Tel 2911 153848 | www.OromoLiberationFront.org

Ibsa ABO ajjeechaa Muslimoota Godinaa Arsii irratti.pdf

Afaan Amaaraan dubbisuuf as tuqi:- OLF Press Release on Arsi Massacre.pdf

SBO Hagayya 4 Bara 2013

Aside

Donors are funding abuse in Ethiopia

Aside

Firehiwot Guluma Tezera | August 3, 2013

Firehiwot Guluma Tezera

 

Ethiopia is one of the world’s largest recipients of foreign development aid. It receives approximately US$3 billion in funds annually—more than a third of the country’s annual budget—from external donors. Indeed, Ethiopia is today the world’s second-largest recipient of total external assistance, after Indonesia and excluding wartime Iraq and Afghanistan.

Foreign donors insist that their support underwrites much-needed agricultural growth, food security, and other putatively non-political programs. However, the development aid flows through, and directly supports, a virtual one-party state with a deplorable human rights record. The regime practices include jailing and silencing critics and media, enacting laws to undermine human rights activity, and hobbling the political opposition.

Foreign aid-funded “capacity-building” programs to improve skills that would aid the country’s development are used by the government to indoctrinate school children in party ideology, intimidate teachers, and purge the civil service of people with independent political views.

The government has used donor-supported programs, salaries, and training opportunities as political weapons to control the population, punish dissent, and undermine political opponents. The Productive Safety Net Programme—a cash-for-work program for vulnerable populations is controlled by local officials who also can restrict its use to those who join the ruling party. Local officials deny those people who didn’t join access to seeds and fertilizer, agricultural land, credit, food aid, and other resources for development. Such politicization has a direct impact on the livelihoods of people for whom access to agricultural inputs is a matter of survival .The aid is used to encourage teachers and farmers to join the ruling party. Farmers denied access to agricultural assistance, micro-loans, seeds, and fertilizers because they did not support the ruling party.

Meanwhile, the World Bank’s Public Sector Capacity Building Programme, which is used to train civil servants, is simultaneously a vehicle for government officials to indoctrinate trainees on the ruling party’s ideology, and to target opposition supporters in the name of weeding out under-performing staff.

Read more:- article.docx

Godina Arsii aanaa Kofalee bakka Waabee jedhamutti diddaan uummata Oromoo qindaawaan mootummaa wayyaanee mudate‏

Aside

Hagayya 03,2013 Gabaasa Qeerroo Kofalee

OromiaALutaContinua2011FDGAkka gabaasaan Qeerroo godina Arsii aanaa Kofalee irraa addeessutti, Hagayya 01 ,2013 irraa kaasee hanga gabaasaan kun qindaawetti diddaan uummata Oromoo mootummaa Wayyaanee irratti daran jabaachuun Godina Arsii aanaa Kofalee bakka Waabee jedhamutti gaaffii mirga lafaa fi hidhaan dararaan akka Oromoo irraa dhaabbatuuf ummanni kaaseen wal qabatee diddaan ummataa ka’ee jira. Haala kanaan namoota Oromoo sababaa ummata qindeessitan jedhuun Wayyaaneen hiidhaatti guurte battala akka gadhiifaman,gaaffiin Oromoo akka deebi’u jechuun uummatni guutummaan mootummaa Wayyaanee dura dhaabbate.Mootummaan wayyaanee kanaan kan baarage waraana hedduumminaan bobbaasuun diddaa uummataa dhaamsuuf yaalus uummatni gamtaan karaa dhagaan cufuun,Akkasumas karaa konkolaataa itti kutuun diddaa jabaa gaggeessanii jiran.Aanaa Arsii keessatti ilmaan oromoo yeroodhaa gara yerootti maqaa amantii fi miseensa ABOn mana hidhaatti guuramuun kan hammaate yoo tahu diddaan qindaawe mootummaa wayyaanee mudatee jira.Yeroo ammaa kanas kanaan konkolaataa guutuun cufamuun uummatni gamtaan waraana mootummaa wayyaanee dura dhaabbachaa jira.Mootummaan wayyaanees poolisoota federaalaa konkolaataa 4 humna dabalataa gama kanatti erguunis beekamee jira.

Weeyrarri duguuginsa shanyii Oromiyaa bahaa ona Anniyyaa irratti Wayyaneen bante itti fufaa jira!

Aside

Oromo Rally Against Ethiopia’s Human Rights Violations & Land-Grabbing (Aug. 2, 2013 – DC)

Aside

Oromo TV Dr. Gemechu Megerssa: A conversation the last part

Aside

Oromo peaceful protest in Washington D.C

Aside

Friday, 2 August 2013

Oromo peaceful protest in Washington D.C

About 200 activists gathered in front of the White House to draw attention to human rights violations and targeted repression of Oromo people in Ethiopia. The Oromo makeup about half of Ethiopian population.

Despite their numerical majority, the Oromo remain largely marginalized. Starting about 10a.m. friday, activists from Washington D.C and surrounding areas called on the U.S government to exert more pressure on Addis Ababa. “Obama we count on you for restoration of human rights in Ethiopia,” the activists chanted.

#Oromo: about 200 activists gathered in front of the White House to draw attention to human rights violations and targeted repression of Oromo people in Ethiopia. The Oromo makeup about half of Ethiopian population. </p><p>Despite their numerical majority, the Oromo remain largely marginalized. Starting about 10a.m. friday, activists from Washington D.C and surrounding areas called on the U.S government to exert more pressure on Addis Ababa. "Obama we count on you for restoration of human rights in Ethiopia," the activists chanted. </p><p>"No taxpayers money for dictators." </p><p>The rally, organized by Oromo Youth Association in DMV area, Oromo Community Organization in D.C, and Oromo Studies Association, is intended to draw attention to human rights violations, call on #Ethiopia to free political prisoners, and ask the government to halt land grabs. </p><p>They also called on UNHCR and other human rights organization to protect Oromo refugees in Egypt, Yemen, Djibouti and other places.

“No taxpayers money for dictators.”
The rally, organized by Oromo Youth Association in DMV area, Oromo Community Organization in D.C, and Oromo Studies Association, is intended to draw attention to human rights violations, call on ‪#‎Ethiopia‬to free political prisoners, and ask the government to halt land grabs.

They also called on UNHCR and other human rights organization to protect Oromo refugees in Egypt, Yemen, Djibouti and other places.

Source:-Opride facebook page

Gaaffiin dabalinsa miindaa dhaabbiilee barnootaa fi waarshaalee gurguddoo keessatti bifa tokkummaan eegale.

Aside

Hagayya 2,2013 Finfinnee

Hojii dhabdummaan,Qaalainsi jireenyaaImpaayera Itoophiyaa keessatti rakkoo hammaachaa dhufe mootummaan wayyaanee itti gaafatamummaa haa qabaatu jechuun hojjettootni waarshaa Tandaahoo Gamtaan gaafatan.Gaaffiin dabalinsa miindaa Yuunivarsiitiilee keessaa fi waarshaawwan mootummaa wayyaanee fi alagootaa keessatti jabaachaa dhufuu irraa mootummaan wayyaanee kan baarage miseensota EPRDF fi basaastota isaaf dhoksaan dabalinsa miindaa gochaa jira.Hojjettoota mootummaa guutummaa biyyattii irratti shirri kun kan saaxilame dhaabbiilee barnootaa fi waarshaalee gurguddaa keessatti gaaffii muddaa tahee jira,Mootummaan wayyaanee hidhaa fi himata shororkeessummaan gaaffii mirgaa ukkaamsuu kan bare Waarshaa Sukkaaraa Tandaahoo waraanaan marsee eegaa jira.Diddaan hojii dhaabuus waarshaa kana keessatto raawwatamuu fi diddaawwan wal fakkaataan waarshaa Sukkaara Fincaaaa fi Ease industrial Zone keessatti raawwatamuun ni yaadatama.

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbaal

Aside