Ibsa Ejjannoo Walgahii Addaa Tokkummaa Barattoota Oromoo biyya Germany (TBOJ)

Aside

Bitootessa 4, 2014

jermanyNuti miseensonni Tokkummaa Barattoota Oromoo Biyyaa Jarmanii (TBOJ) walgahii addaa kan gafa Bitooteessaa 02, bara 2014 magalaa Nürbergittii adeemsifanne irratti dhimmoota wa’ee haala ijjaarsa keenyaa fi kan Qabsoo Bilisummaa Oromoon har’aa keessaa jiruu ilaallattan irratti maree bal’oo taasisuun murtee addaa addaa dabarsuun xummuurratneerra. Walgahii kanaa irratti baruumsaa fi haala yeroo ilaalchissee Miseensii Gumii Sabaa ABO J/Dr. Shigut Galata  dhaaba ABO bakka bu’un nu giddutti argamuun ibsa bal’aan nu keennamee jira. Haala amma TBOJ Keessaa jiruu ilaalchissee karaa Dura ta’aa fi Barreessaa Damee Würzburg fi nannoon   J/Gamachuu Fayyisaa  fi J/Obsa Adam  wal duraa duubaan ibsaa  kennameera.

Itti aansuunis walgahichi dhimmoota armaan gaditti  irratti murtee dabarsuun xummuurame:-

1.     Deeggarsa QBO irratti

Nuti miseensonni TBOJ Walgahii kanaa irratti qooda fudhannee QBO kan kallacha qabsichaa ABOn hoogganamu of qusannaa tokko malee kan  ca’aa tokko irra eegamuuu maraan kan cinaa dhaabbannu ta’uu ammas irra deebinee waadaa seenne haaromsina. Sochii Qerroo kano bifaa fi haala qindoomina haaraatiin finiinaa jiruu fi Waligalaa kan dhaabnii ABO kallachumman gaggeessaa jiru jabinaa fi murannoon wan dandeenyuu maraan kan deeggarru ta’uu beeksifna. Gachannii Ummataa Oromoo, WBOn, daran tarkanfii isa akka cimsaatuu wan qabnuu fi dandeenyuu maraan biraa dhaabbannaa.

Guutummaa ibsa kanaaf:- Ibsa Ejjannoo Walgahii Addaa TBOJ02032014Nürnberg (1)

Call for demonstration to Say No to Dictatorship in Ethiopia

Aside

Inchalew-Mulugeta

TV Oromiyaa MT: Obboo Juneeddii Saaddoo Eenyu?

Aside

Oromo Voice Radio broadcast on March 8, 2014

Aside

SBO Bitootessa 09 Bara 2014

Aside

Aside

Walaloo

Abdii Baalee Irraa

Barreessaa dhugaa baasa!Garaa kee guutuu dhaaf diinatti michoomtee,
Alagaatti galtee,garaa har’aaf jettee,
Namummaa fi lammummaa saba kee dagattee,
Warroonni qomoo koo dararuuf murattee,
Ijji kee hin garree aduu sitti dhiitee,
Garaa alagaadhaaf saba si dagsiiftee,
Kan darbe irraa baruu qalbiin kee dagattee,
Diina waraanuu qabdu fira taasifattee,
Qomoo qoma kankee,waraanuuf kutattee,
Qabsaayaa fi qabsooftuu gufuu itti taatee,
Icciitii saba koo alagaadhaaf laattee,
Of duuba hin ilaallee,diina firoomfattee,
Ajjeechaa qomoo kee,beekumsaa godhattee,
Seenaa dagachuudhaan dhugaa afaan teettee,
Eessa akka jirtuu fi eessaa akka baatee,
Eenyuu irraa akka baatee fi eenyuun akka taatee,
Biddeenni alagaa sunuu eessaa dhuftee,
Tan firaa fi firiyyoo tee si wallaalchistee,
Dhiiga lammii keetii ta’uu maaf dagattee,
Tasallee hin yaadanne,foon kee ofirraa murtee,
Har’uma dammaqii,kaleessi dabartee!!!

Hayyoota qomoo koo,bakkayyuu jabadhaa,
Wallaalaa fi jarjaraa keenya nuu gorfadhaa,
Afaan tokko ta’aa wal moggaa dhaabadhaa,
Alagaa osoo hin taane,ofii wal yaadadhaa,
Diinni yoomuu diinaa,irrumaa fagaadhaa,
Gamtaa tokko ta’aa harka wal qabadhaa,
Abdii hin kutatinaa carraan keenya baldhaa,
Nuti tokko taanaan bilisni dhiyoo dhaa,
Cumaa diina keenyaa,gad naquuf muradhaa,
Bilisummaa keenyaaf alagaa falmadhaa,
Oromiyaa baldhoo,bilisoomsuu fedhaa!!!

Sabaa koo Oromoo mee yaada naaf laadhaa,

Furmaanni BILISUMMAA yoomuu TOKKUMMAA dhaa,

Yoo dogoggorellee dhiifama naaf godhaa,

Na baruu barbaannaan Abdii Baalee Oromiyaa jedhaa,

Hanga yeroo biraatti nagaan naaf jiraadhaa!!!!

 

OMN BITOOTESSA 7 – XIINXALA DU’A OBBO ALAMAAYYOO ATOOMSAA

Aside

Seife Nebelbal Radio Progrom interview with Dr. Merera Gudina

Aside

Qophiilee OMN Bitootessa 6, 2014

Aside

Raadiyoo Simbirtuu Bitootessa 6,2014

Aside