Breaking News: Seife Nebelbal Radio Program, April 12, 2014

Aside

Lafti Oromoo A/Anfilloo Irraa Qabiyyee Nama 50 ol Tahu Lammii Tigree Tokkotti Gurgurame!

Aside

Ebla 12,2014 Gabaasa Anfilloo

Gabaasota Qeerroo Yuuniversitii fi naannoo Oromiyaa adda addaa irraan dhiyaataa jiru gama hundaanuu hammeenya mootummaa Wayyaanee saba Oromoo irratti kaayyeffatee gaggeessaa jiruudha, uummata walitti buusuun wal ficcisiisuu,lafa oromoo gurguu, saamuu irratti daran jabaatee kan itti fufeedha. Yeroodhaa yerootti irra deddeebiidhaan gabaasa Qeerroo godina Qellem aanaa Anfilloo dhiyaatuu qabeenyaa uummataa mancaasuu, qabiyyee mootummaa jedhuun lafa waggaa dheeraa qote bulaan irra qote kan dhuunfaa isaa godhachuun abbaa qabeenyaatti gurgarachuu irratti kan argameedha.

Gabaasa Qeerroo Ebla 11 A/Anfilloo ganda Shebel jedhamu irraa addeessuun lafa qonnaa uummanni Oromoo irra qotatu lafa qonnaa walii galatti kan namoota 50 olii tahu abbaa qabeenyaa lammiidhaan tigree naannoo Gambeelaa irraa kan maqaan isaa Takilahaymaanot Alleny jedhamu lafa uummataa kan naannoo gaara Essi Essii jedhamuu nama kanatti ka gurgurame yoo tahu namootni qabeenyaa isaanii kanaaf falmatan, walakkaan isaanii mana hidhaa jiru,kaan ammoo waan hojjetee maatii isaa jiraachisu dhabuun hojii humnaa guyyaatti hojjetee ooluudhaan rakkinatti galee jira,abbaan qabeenyaa tigree lafa qote bulaa kana bite tikoota wayyaaneetin guyyaa guutuu kan tikfamee ooluudha, itti fufee kaayyoon mootummaa lafa uummataa naannoo kana jiru hunduu kan mootummaati jedhee labsachaa kan jiruu fi abbootii qabeenyaa bakka birootii fidee gurgurataa kan jiru tahuu isaa Qeerroon gabaasa.Gabaasa itti fufuun walitti deeebina!

Raadiyoo Sagalee Oromoo Ebla 12 ,Seife fi Simbiruu Ebla 10,2014

Aside

Aside

FDG Qeerroo Yuuniversitii Jimmaan Ebla 11,2014 Qabsiifame Bifa Qindaawaa Ta’een Itti Fufe! Waraanni Wayyaanees Mooraa Marsee Doorsisaa Jiraachuun Beekkame.

Yuniversitii Jimmaa keessatti qaanqeen FDG bifa qindawaan haaratti qabate! Barruun Habashooti ittiin Oromoo arrabsan guutummaatti gubate!

Aside

Gabaasa:Guyyaa har’aa Ebla 11/2014 Goototni Qeerroon Baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma FDG dhoowosan. Goottootni barattootni Qeerroon Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa haala qindaaaa fi bifa haarawaan qaanqee FDG qabsiisuun gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa Oromoo,Gaaffii Magaalaan Finfinnee bulchiinsa Oromiyaa jala galuu qaba jedhuu fi Adeemsii Magaalaawan Oromiyaa Finfinnee fi Federala jala galchuuf mootummaan EPRDF hojjechaa jiru dhaabbachuu qaba kan jedhuu fi gocha sanyuummaa irratti hundaaeen barruu maxxansa ilmaan nafxanyaa maxxansuun Oromoo maqaa xureessa, xiqqeessa fi haamilee tuqaa jiran seeratti dhiyaachuu qabu, manni maxxansaa nafxanyootaa kun cufamuu qaba kan jedhuu fi haala siyaasa biyyatti ilaalchisuun barreeffaman qindeessuun bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmatti kennuun deebiin gaaffii keenyaa yeroo gabaaba keessatti nuuf deebiuu qaba jechuun ; garagalcha Iyyannoo isanii bulchiinsa mootummaa nannoo Oromiyaaf, Koomishinii Poolisii Oromiyaa fi dhimmoota nageenyaa Oromiyaaf, bulchiinsa godina Jimmaaf, koomishinii Pooliisii Godina Jimmaaf, Uummata Oromoo hundaaf, Dhaabbilee mirgoota namummaa Idil addunyaaf, Afrikaa fi biyyatti hundaaf jechuun garagalcha gochuun warraaqsaa FDG haalan qindaaaa taee gaggeessan.

Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa yeroodhuma FDG seenaa qabeessa kana dhoowosanitti barruulee nafxanyaan diinummaa uummata Oromoo irra qabuuf arrabsoo fi dhaadhessa maqaa balleessii irratti rawwachuun maxxansa hinquun lakk.113 bitootessa 2014 baase library Yuunibarsiitii Jimma fi Magaalaa Jimmaa keessa walitti qabuun mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa kessatti ibiddan gubuun bulchiinsi yuunibarsiitii Jimmaa gochaa seeraan alaa fi yakka nurratti dalagamee kana library gachuun caalmatti dhiigni keenya akka danfuu godheef itti nuf haa gaafatamu jechuun dhaadannoowwaan garaagaraa dhageesisuun seenaa qabsoo FDG dargaggoota Oromoo keessatti boqonnaa haaraawaa banuun qabsoo bilisummaa Oromoo finiinsan.

Mootummaan EPRDF, TPLFn hogganamu tahe jedhee walitti bu’iinsa saba Amaaraa fi saba Oromoo Gidduutti taasisaa jiraachuun beekame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Sulultaa Ebla 11,2014

Gabaasaa Qeerroo godina Addaa Naannoo Finfinnee magaalaa Sulultaa irraa uummanni oromoo Ebla gaafa 10 .2014 walitti bu’iinsi uummata Oromoo fi Amaara jidduutti ta’een miidhaan namootaa fi qabeenya irra gahuu gabaasi nu gahe addeessa. Gabaasan maadhee iftuu Barii Sulultaa irraa akka addeessuun sababaan walitti bu’iinsa kanaa wal dorgommii magaalaa Bahardar irratti ta’en uummanni Amaaraa sanyii balfattummaa irraan ka’uun dargaggoota Oromoo wal dorgommii kubaaf jecha naannoo Amaaraa Bahirdar deeman arrabsuu fi reebicha Oromoota irraan gahan kan sababeeffate ta’uu beekama.

Kanumaan wal qabatee enyummaa ofii hubachiisuuf biyya isaa keessatti saba Amaaraa hammmeenya Oromoo yaadan kun gochaa jibbiinsa Oromoo fi lammummaa Oromoo irraa akka of qusatan bakka adda addaatti yeroo himamee raawatamu illee rakkoon kun wal qabatee bifa addaan ka’aa jira. Magaalaa Sulultaa irratti qabeenyaan lammii kamuu akka manca’ee balleessaa jiran,ibiddaan gubbuudhaanis magaalicha keessa kan jriaatnilee ariyuudhaan uummanni oromoo magaalichaa bobbaa jira reebicha yeroo darbe gaggeeffame irratti namootni muraasni lubbuudhaan kan darban,namootni 17 ammoo hedduu mada’anii kan jiran tahuu isaanii gabaasaan haala kanaan namoota mada’an keessaa namoota sadii man maqaan nu gahe:-

1.Caalaa Guutamaa-Qote bulaa magaalaa kanaa yoo tahu saba oromoo keessaati
2.Ayinaalem Taaddesee-Naggaadee saba Amaaraa keessaatii
3.Warqinee Daamxee-barataa saba Amaaraa keessaatii
Kanneen kun sadan kan hedduu mada’aniidha.Haala kana qabaneessina sababaa jedhuun naannichatti kan bobba’e humni waraana Wayyaanee guyyaadhaan dabalaa kan dhufe magaalaa kanatti ammallee humna keenyaan oli jechuudhaan waraanni Wayyaanee himachaa akka jiran ifaa dha.

Walumaa gala waldhabbii kanaan dhimma bahuun ykn sababeeffachuun mootummaan Wayyaanee EPRDF goosota jidduun nageenyi dhibee ofii akka araarsituu ta’ee yeroo bulchiisa isaa dheereffachuuf jecha tooftaa siyaasaa haarawaa baafate ta’uu namoonni keessa wayyaanee beekan ni dubbatu. Rakkoo bu’uuraa fi gaaffii saba Oromoo kan hundee ta’e hiikuu hanqachuu irraan goosota Oromoo Gujii fi Borana,gara biraan uummata Beeneshanguli Gumuzii fi Oromoo,Ogaadenii fi Oromoo amma ammoo Amaaraa fi Oromoos jidduutti rakkoo uumame hafarsuu irratti kan argamu irra caalaan mootummaa Wayyaanee dha.

Sabboonaa Artist Jaafar Yesuuf Wallee Haaraa dhimma Finfinnee irratti baase,Ebla 2014

Aside

Qeerroo Yuuniversitii Adaamaa FDG Kaasaniin Konkolaataan Barhirdar irraa ligii Habashootaa fe’ee mooraa seene Miidhamuun gabaafame.

Aside

Ebla 11,2014 Adaamaa

Roorroo of irraa ittissuuf jecha Ebla 11 Halkaan keessaa sa’aa 7:45 irraatti gamtaan Qeerroo Yuuniversitii saayinsii fi teeknooloojjii Adaamaa Konkoolaataa Yuuniveersitii Bahaardar irraa Tiriippii dhaaf Habashoota ammaan dura ilaamaan Oromoo naannoo Bahirdaritti akka reebaman taasise akka Yuuniversitii Adaamaa hin seenne bulchiinsatti himatanii dhagahamuu diduu irraan konkolaataan kun mooricha galee bule. Haala kanaan iyyannoon barattoota dhagahamuu hanqachuu fi arrabsoon dabalataa barattoota ORomoo irra waan gaheef jecha Konkolaataa Habashoota fe’ee deemuu fi gartuu Oromoota arrabse waliin walitti bu’iins ka’uu irraan dhagaan darbatamee FDG battala dhohe. diddaan barbaachisus fudhachuudhaan fuullee isaa gara fuulduraa dhagaa 12 n battala caccabuu gabaafame.

Habashoonni Oromoo yeroo goyyomsan biyya tokko ijaarra,nuti Itoopiyaadha jechaa gochaan isaan Tapha guutuu IMPAAYERAA ITO kan marsaa 4ffaa irraatti ilmaan Oromoo waltajjii ifaa irraatti salphiste madaa hin qoorree irraatti dhukkubbii quba harkaa nutti ta’eera. osoo waan gootee beektee fuulumti ishee gara Oromiyaa hin ilaaluu ture. Oromoon Qa‘ee isaarratti salphatee,waardiyyaa diinaa gadaan itti dhaabbatu darbee jira.guyyurraa qabsoo diina qaanfachiisuu fi salphisuu abbaa biyyummaa fi abbummaa qabeenyaa haala itti mirkaneeffannuuf dadhabbii tokko malee wareegga ni baasna

Walaloo Guyyaa Gootota Oromoo: Qabsaawaan Ni Kufaa, Qabsoon Itti Fufa!

Aside

Aside

Qeerroo

Statement from the National Youth Movement for Freedom and Democracy (aka Qeerroo Bilisummaa) on the Current Condition of the Oromo People Ethiopian Empire

April 2, 2014

The representatives of the National Youth Movement for Freedom and Democracy (aka Qeerroo Bilisummaa) from different zones of Oromia have come together and convened for two days, April 1 and 2, 2014 and, after a thorough discussion, have deliberated the following resolution on the current condition of the Oromo people, the condition of Revolt Against Subjugation (Fincila Diddaa Gabrummaa) spearheaded by Qeerroo Bilisummaa, and the political condition of the Ethiopian Empire.

  1. Remnants of the old nafxanyaa (gun carrying settlers), who have committed uninterrupted heinous acts of genocide on the Oromo people for more than a century, are now doing everything they can to hinder the struggle of the Oromo people to regain their freedom. They are engaged on belittling and defaming the struggle, spreading false propaganda saying that the Oromo doesn’t have any land or country of their own in the region, opened a new printing press for this evil act of keeping the Oromo under their domination. We vehemently denounce their actions and ask Oromo nationalists to stay united and stand on the side of Revolt Against Subjugation lead by Qeerroo Bilisummaa.
  2. The dictatorial Woyane regime has intensified its campaign of expelling Oromo farmers and expanding the capital city, Finfinne (Addis Ababa), by annexing the near-by little towns under the Finfinne administration. The campaign is geared towards exploitation of Oromo land and natural resources by denying the Oromo, the ownership of their land, property, and resources. The only way to stop this evil act of old and neo-nafxanyas for the Oromo nationalists, especially the youth, is to intensify the struggle led by Qeerroo through Revolt Against Subjugation. We call upon all Oromo nationals and other friends living in Oromia and abroad to stand together and bring this unjust system to an end. Read More:- Statement from the National Youth Movement for Freedom and Democracy April 2014