Sagalee Qeerroo Bilisummaa Qophii Hagayya 13 2014

Aside

SBO Hagayya 13 Bara 2014 Oduu – Kora Gamtaa ABO Kaaba Amerikaa ilaalchisee gaaffii fi deebii J.Tumsaa Hamzaa waliin geggeeffame akkasumas Iyyannoo Barattoota Oromoo fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Qabeenyaan Falmachuu Kutaa 4ffaa,Raadiyoo Sagalee Qeerroo Bilisummaa Hagayya 12, 2014

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, August 9, 2014

Aside

SBO Hagayya 10 Bara 2014 Oduu – Kora Gamtaa ABO Godina Awuroppaa irratti gaaffii fi deebii akkasumas yaada hirmaattotaa fi qophii biroo

Aside

Godina Jimmaatti FDG jabaachaa jira, Mootummaan Wayyaanee waan qabdee gadhiistuu dhabuun sakkatta’insa seeraan alaan uummata shororkeessa jira

Aside

Gabaasa Qeerroo Jimmaa,Hagayya 09,2014

OromiaALutaContinua2011FDGGaafa guyyaa Hagayyaa 7,2014 Waaree booda irraa eegaluun sakkatta’insaa konkolaataa, taskii, fi bajaajiin illee utuu bira hin darbamiin guutummaa Magaalaa Jimmaa keessa poolisoota bobbaasuun sakkata’insaan uummata goolaa jirti.

Guyyaadhuma kana galgala keessa sa’aatii 12;00 irraatti mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti FDG barattoota barnoota gannaa barachaa jiraniin hiriirrii mormii barattoota hedduu ta’aniin sababiin guddaan hiriira kana mootummaan Wayyaanee bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmaatti dhimma ba’uun hordoftoota Amantaa Kiristanaa Ortodoksiif nyaataa soomaa waan qopheessuu fi didaniin hordoftootni amantaa kiristana hundi mooraa Yuunibarsiitii jimmaa main campus keessatti hiriiruun hanga halkan sa’aa 1:00tti mirgii amantaa keenyaa nuuf haa kabajamuu jechuun mormii guddaa dageessisaniru. Godinicha keessatti erga FDG qabsiifamee mootummaan Wayyaanee raafama ulfataa fi kasaaraa siyaasaa keessa seenuun mirga lammiiwwanii sarbuu aadeeffate jira.

Waliigalatti mootummaan Wayyaanee erga gita bittaa habashootaa ammayyeessun aangoo biyyattii afaan qawweetiin qabatee eegalee hanga har’aati sodaa fi raafama irraa boqonnaa argatee hin beeku. Mootummaan abbaa irree wayyaane afaanin biyyattiin sirna mootummaa dimokiraatawaa fi tarsiimowaan geggeeffamti jechaa dhoksaan immoo ilmaan saba cunqurfamoo lubbuu waliin hallayyaatti darbachaa jira. Gochi bineensummaa Wayyaaneen guyyaa guyyaan dhala nama irratti dalagu kun immoo namoonnii wal tumsanii mirga isaanif akka  qabsaa’an isaan taasisee jira. Keessattuu ilmaan Oromoo gabrummaa kana ofirraa mulqanii lafa kaa’uf murannoon hadheeffatanii sodaa tokko malee qabsootti akka seenaan taasisee jira. Haala kanaan yeroo amma kanatti guutummaan Godina Jimmaa uummaatni ija shakkiitiin akka ilaalamu ta’ee jira. Sabboontootni Oromoo Godina Jimmaa mirga keenya ofiin kabachiifachuuf bakka jirruu Qeerroo bilisummaa Oromoo cina dhaabbannee gaaffii mirga abbaa biyyummaa karaa nagaa fi dimookiraasii gaggeeffamaa jiru bakka hundatti kaachisuun gaaffii keenyaaf deebiin nuuf kennamuu qaba jeennee FDG keessa qooda fudhachuu qabana jechuun dhaamsa waliif dabarsaa jiru.

Raadiyoo Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Hagayya 09,2014

Aside

Seife Nebelbal Radio, August 8, 2014

Aside

MACHA TULAMA 50TH ANNIVERSARY DEMONSTRATION AUGUST 1,2014 WASHINGTON DC

Aside

Manni murtii waliigala Oromiyaa guyyaa kaleessaa galmee himata dharaa ilmaan Oromoo irratti dhiyaate ilaalee murtii akka kennu dirqame.‏

Aside

Q NEWS3AAGabaasaa Hagayyaa 7,2014 Ilmaan Oromoo 68 olitti lakka’aman Godina  Lixa Shawaa Mana hidhaa Kachallee Ambootti  kanneen kumaan lakka’aman  waliin erga jumlaan ukkamfamanii hidhamuun baatii 4 oliif dararama turanii  booda badii tokkoo malee dhiibbaa mootummaa abbaa irree Wayyaaneetiin  sadarkaa mana  murtii waliigala Oromiyaatti himanni dharaa irratti dhiyaatee guyyaa har’aa  beellama  marsaa 2ffaaf mana murtii waligala Oromiyaatti mana hidhaa Amboo  irraa konkolaataa poolisaan fe’amanii poolisootaan eegamaa wayita qajeelanitti sirboota warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo farsuu fi Oromummaa leellisuu sirbaa Magaalaa amboo irraa hanga Magaalaa Finfinnee  Mana Murtii Waliigala Oromiyaatti dabaree wal harkaa fuudhuun diina  Oromootti eenyummaa isanii argisiisan. hallii kun abbaa irree EPRDF yaaddoo  ulfaataa keessa galchuun cinatti Manni murtii Oromiyaa kiloo 6tti argamuu humnoota poolisaa, tikaa, fi hidhamtoota ilmaan Oromoo, maatii hidhamtootaa  fi namoota hidhamtoota bakka bu’uun ol iyyaannoo hidhamtootaaf deddeebisaa  turaniin guutamee muddama guddaa keessa kan olee ta’uu maddeen keenya bakka  bu’ootni Qeerroo bilisummaa Oromoo dhibba kana hordofuuf ramadamaan gabaasan.

Abbootiin seeraa fi abbaatiin alangaas himata sobaa kana fi sochii  tumsa hidhamtoota Oromoof maatii hidhamtootaa fi sabboontota Oromootiin  taasifamaa jiruun hedduu muddamuun mul’atera. Mootummaan Wayyaanees sochii  tumsa guddaa Oromoon waliif gochaa jiruun waan qabee gadhiisuu dhabuun,  dabballootaa fi poolisota isaa bobbaasuun dhiphina keessa seenee jiraachuun saaxilamera. Maatiin hidhamtootaa fi sabboontotni Addacha irratti argamuun  ilmaan keenya balleessa hin qaban bilisaan gadhiifamuu qabu, yoo xiqqaatee  hanga guyyaa har’aa badii malee hidhamuu isaaniif mootummaan gaafatamuu qaba. Mirgii wabii dura jalaa dhorkamee ture illee eegamuufi qaba jechuun  dubbachaa turan. Sabboontootni Oromoo dhaddacha nkana
nhordofan hundii gaaffiin mirgaa akkamitti maqaa shororkeessitummaan nama himachiisa jechuun, sagalee mormii qaban uummataaf ibsuun dubbiin kun sobaa fi jallinaan kan guutame waan ta’eef Oromoon gamtaan falmachuu qaba jechuun dhamsa dabarsan.

Haalli jiru baay’ee muddaa fi rakkoo guddaatti kan adeema jiru waan  ta’eef manni murtii waliigala Oromiyaa kanuma irraa ka’uun dhaddacha guyyaa  har’aa Oleen ilmaan Oromoo irratti himanni dhiyaatee soba, ragaa qabatamaa  kan hin qabne ta’uu hubachuun hidhamtoota irra caalaaf irra deebi”uun  qorannaan akka godhamuuf, Yakki dhiyaacha jiru kun shororkeessuummaa nama jechisiisa moo hin jechiisiisu kan jedhu illee irraa deebi’ame akka qoratamu dubbachuun beellama Hagayyaa 30/2006tti beellame jira.ilmaan Oromoo hidhamanii jiran immoo bilisaan gadi akka lakkifaman  gaaffii kaachiisan. haaluma kanaan manni murtii waliigala Oromiyaa muddamaa fi dhiphina guddaa keessa turte.