Hagayya 27 fi 28,2014 Yuuniversitiilee 9 Keessatti Gaaffiileen Mirga Bu’uuraa Barattoota Oromoon Ka’uun Hogganoota Wayyaanee Muddama Keessa Buusuun Beekame.

Aside

Hagayya 28/2014

QeerrooWalgayiin barattootaa Yuniversitiilee 9 irratti qondaalota OPDO9n  gaggeeffamaaa jiru  barattooti Oromoo rakkoo uumata isaanii ifatti haasa’uuf  sababa guddaa kan ta’eedha, akkasuma yaada bara dheeraa itti dhiphitan kaasuu irratti kan dirqaman ta’anii gaafachuus danda’anii jiru, gaaffii bal’aan ka’aa jiru, kan darbe dhaabaaf dhhiyaate irratti gaaffilee addaa ammas kanatti fufee kan jiruudha.

  1. Sirna nafxanyaa yeroo godina Booranaa bulchaa ture keessatti aanaa Bulee Horaa Tuulaa Suraa naannoo jedhamu keessatti Oromoo nama 360 mana tokko keessatti gubanii turan,madda gabaasaa garagaraa irraa utuu hubatanni har’a sirna isaanii nurratti faarsitu, kun maalif ta’aa?
  2. ABOn biyya keessa seenee akka mormitoota biroo seera qabeessaan maaliif hin dorgomu? Maaliif hin iyyamamuu? Mirga mormitoota biroodhaaf kennamee ABOdhaf maalif hin kennamin? Maalifis shororkeessaa jedhamee moggaafamee?
  3. Barattootni mooraa Yuuniversitii Oromiyaatin ala jiru keessati mirgi isaani xuqamaa jira,keessattuu Yuuniverstii Gondar keessatti .mootummaan kana irrati maaliif xiyyeffannaa godhee hin ilaaluu? Mirgi barattoota Oromoo Yuuniversitii akkasii keessatti maalif hin kabachiisuu?
  4. Ergee dimokiraasii dhugaa gaggeessina jettanii egaan uummanni Oromoo mirga Bilisummaa fi Walabummaa mataa isaa yoo labsachuu barbaade isiniin maaltu dhibee?
  5. Afaan Oromoo afaan federaalaa tahuu irra maaltu isa dhorkaa? Afaan saba heddummataati,maalif afaan federaalaa hin tahuu?
  6. Siidaan Aanolee fi Calanqoo ijaaramuun isaa tokkummaa uummata eegama jedhameetimoo? Yaadannoo gochoota habashaa darbaniitii? Achi keessa mootummaan dhokatee uummata walitti buusaa jiraachuun isaa kuni amma mootummaa ofiin jedhee of waamaa?
  7. Waa’ee milinik odeessuu qofa taatan yeroo hedduu,gocha fokkisaa isaa kaan odeessuu irra seenaa gaarii tokko hojjettanii odeessitan maal qaba?
  8. Gaaffiin eenyummaa fi abbaa biyyummaa waan hudaa dursa,gaafii kanaaf utuu deebii hin kenning waa’ee guddin biyyaa odeessuun keessan maal faayidaa qabaa?
  9. ABOdhaan akkamiin shororkeessaa jechuu dandeessanii? Keeyyanni 39 hojii irra haa oolu jedhee waan qabsaa’eefiidhaamoo?Guutummaa Gaaffii kanaaf :- Gaaffiilee Mirgaa Barattooti Oromoo Yuuniversitiilee 9 Keessatti Kaasan

Oromoonni Hojjetoota Mootummaa Ta’an Sadii Badii Malee Arsii,Shaashimannee Keessatti Hidhaman

Aside

Haayya 28,2014 Shaashamannee

Godina Arsii Lixaa aanaa Lammataa naannoo Abaaroo jedhamu keessatti hojjtooni mootummaa sadii tikoota Wayyaaneen qabamanii mana hidhaatti darbamanii jiru, akka ibsa gabaasa kanaatto guyyaa haraa Hagayya 28 alaabaa OPDO irratti jechi ABO fi Oromiyaani Ni Bilisoomti jedhu barreeffame, namootni kana godhan naannicha kan gadhiisan yoo tahu hojjetootni waajjira hawaasumaa aanaa Lammataa irraa hojjetan isinumatu kana godhe jechuudhaan namoota maqaan isaanii kanaa gaditti argamu tikoota Wayyaanee qabamani mana hidhaa Shaashimanneetti hidhamuu isaanii kan gabaasu Qeerroon magaalaa Shaashimannee irraati, namootni kuni:

1. Awal Abdii
2. Eliyaas Bulii fi
3. Bulii Baqqalaa kan jedhamaniidha,

Namootni kuni hojjetoota dhimma hawaasumaa aanaa Lamattaa kan hojjetan yoo tahu mootummaan wayyaanee isin silumayyuu ABOdha, qaamni addaa dhufee maqaa kana alaabaa kana irratti hin katabu, quunamtii qabdus jechudhan mana jireenyaa maatii isaanii sakattauuf humni waraanaas ergamee dirmaqamaan manni namoota kana sakattaamee akka jiru tahus homaa kan hin argannee fi namootni kuni namoota maatii qabanii fi mana hidhaa keessatti qaama quunnamtii qabdanii fi dhoksaatti waan hojjettan odeessa nuuf laadha jechuudhaan poolisin wayyaanee itti wal jijjiiruun reebaa akka jiran gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa 200 Ta’an Hidhaman, 26 Ammoo Warnaana Wayyaaneen Reebamii 1 Ajjeefamuun FDG Caalaatti Itti Fufsiise.

Aside

Hagayya 28,2014 Naqamte

db4234bfBarattooti Oromoo Yuuniversitiilee adda addaa keessatti humnaan walitti qabamanii akka olola Wayyaanee baratan yeroo taasifamuu yaaluun roorroo uumata Oromoo irratti hammaatee jiruu fi gaaffiin hundee qabsoo Oromoo waan hin deebi’iiniif daran diddaa barattootaa jabeessuun guutummaa Oromiyaa keessatti Fincila Diddaa Gabrummaa(FDG) qabsiisee jira.

Haala kanaan Yuuniversitii Wallaggaa keessatti FDG Hagayya 27,2014 jabaatee itti ooleen baratooti 200 ol hidhamanii tokko waraana Wayyaaneen ajjeefamee 26 ammoo gara malee reebamuu irra darbee qabamanii mana hidhaa magaalaa Naqamtee jiru keessatti ugguramanii jiru. Barttooti 26 haalaan miidhaman kuniin:-

  1. Barataa Yaadataa Luuccee,barataa Injineeriingii waggaa 2ffaa.
  2. Barataa Addisuu Beekamaa, barataa Injineeriingii waggaa 4ffaa.
  3. barataa Daani’eel Kumarraa, barataa Fayyaa waggaa 3ffaa.
  4. Barataa Gammachiis Camadaa, barataa Economics  waggaa 2ffaa
  5. BarataaTarreessaa Nagarii, barataa Seeraa waggaa 4ffaa.
  6. Barataa Eebbaa Tesfaayee, barataa Accounting waggaa 1ffaa.
  7. Barataa Adduunyaa Geetinnet, barataa Injineeriingii waggaa 2ffaa.
  8. Barataa Gurmeessaa Bantii, barataa Seeraa waggaa 3ffaa.
  9. Barataa Firaa’ol Tuujubaa, barataa, Political Science and Governance waggaa 2ffaa.
  10. Barataa Guutamaa Xiiqii, barataa political Science and Governance waggaa 3ffaa.
  11. Barataa Caalchisaa Gammachiis, barataa Seenaa waggaa 3ffaa fa’aa
  12. Barataa Baay’isaa Warqinee, barataa Management waggaa 2ffaa.
  13. Barataa Tamasgeen Shifarraa, barataa Computer Science waggaa 2ffaa.
  14. Barataa Firoomsaa Baalchaa, barataa Injineeriingii waggaa 3ffaa.
  15. Barataa Fufaa Qaabataa, barataa fayyaa waggaa 3ffaa.
  16. Barataa Taaddalaa Irranaa, barataa Injineeriingii waggaa 4ffaa.
  17. Barataa Yaadanii Mootii, barataa seeraa waggaa 2ffaa.
  18. Barataa Firaa’ol Beqqelee, barataa Management waggaa 1ffaa.
  19. Barataa Guddinaa Tulluu, barataa Biology waggaa 3ffaa.
  20. Barataa Rabbumaa Jirraa, barataa Geography waggaa 1ffaa.
  21. Barataa Guutuu Immaanaa, barataa Seeraa waggaa 4ffaa.
  22. Barataa Caalaa Fayyeeraa, barataa Injineeriingii waggaa 4ffaa.
  23. Barataa Namarraa Guutaa, barataa Accounting waggaa 2ffaa.
  24. Barataa Cimdii Dhufeeraa, barataa Fayyaa waggaa 3ffaa
  25. Barataa Siifan Qixxaataa, barataa Economics waggaa 1ffaa.
  26. Barataa Dinquu Jaatanii, barataa Journalism waggaa 2ffaa.

Kanneen jedhaman dha.

Galmee hidhamtoota walii gala Qeerroon gama fuula duraatti ni dhiheessa.

 

Raadiyoo Oromiyaa fi Seife Nebelbal

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, Focus on FDG, August 27, 2014

ABOn, KAAYYOO UMMATA OROMOO MALEE, HAYYAMA DALDALAA MITI !

Aside

SEENAA Y.G (2005)| Hagayyaa 26, 2014

Addi Bilisummaa Oromoo bu’aa ba’ii Ulfaataa fi Daandii dheeraa keessa dabree har’a ga’uuf, Wareegama Ilmaan Oromoo qaqqaalii nu gaafateera. Wareegamni qaqqaaliin kafalaman, har’a ga’uu “ABO” kan nuuf mirkaneessu qofa osoo hin taanee, Kaayyoo isaa akka galmaan ga’u illee nu dhugeessa. Har’a seenaa ABOn keessa dabree hundeessitootaa fi warra lubbuu fi jireenya isaanii wareeganii isa jiraachisan irraa kan gaafannu hin qabnu. Seenaa fi Kaayyoon ABO yoo xiqqaate dhaloota sadii keessa jiraachuun hin shakkisiisu.

ABOn HAYYAMA DALDALAA MITI !!!!!.docx

Oromummaan Raayyaa Seenaa Tahee Akka Hin Hafne !

Aside

Malkaa Seenaa Irraa

“የራያ ሕዝብ የማንነት ጥያቄ እና
የማዕከላዊ መንግስታት ምላሽ
ከአፄ ዮሐንስ ፬ኛ እስከ ኢህአደግ”

Kitaaba Alamuu Kaasaa Rattaa fi Siisaay Mangistee Addisuutiin barreeffame.

Kitaabni kun gara waggaa tokkoo dura ‘Amaarinyaa’dhaan barreeffamee kan maxxanfame oggaa tahu, waa’ee gaaffii eenyummaa fi mirgaa kan ummata Raayyaa ibsuu irratti kan hundaawee dha akka mata-dureen isaa jedhutti. Mata-dureen isaa kan “Gaaffii eenyummaa ummata Raayyaa fi deebisaa mootummoota Waaltaa, Atsee Yohaannis IV irraa hanga Wayyaaneetti” jedhu kun qalbii koo waan harkiseefin barbaadee dubbise. Ergan dubbisee booda gaarummaa ykn. mishooma isaa qofa osoo hin taane akka hammeenya isaattis waanin ilaale/hubadhe waan jiruufin yaada kana namoota waliin qooddachuun hin hammaatu jedhee waan kana barreessaa jira. Yaada natti bule ykn. hubannaa kiyya ibsuu dura, warri barruu kiyya kana dubbisuuf carraa argattan kitaabichas barbaaddanii akka dubbistanin isin yaadachiisa.

Oromummaan Raayyaa Seenaa tahee akka hin hafne.doc

ቄሮ፡ የኦሮሞ፡ ወጣቶች፡ ለነፃነት፡ ንቅናቄ፡ ድምፅ፡ የሳምንቱ ዜና፡ – Hagayya 27, 2014 Sagalee Qeerroo Afaan Amaaraa

Aside

Hagayya 27,2013 FDG Itti Fufeen ” Diiga Keenyaan Oromiya Ni Bilisoomsina” Jedhu Barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa. Loltooti Wayyaanee Meeshaan,Barattooti Ammoo Harkaan Walitti Seenaniiru.

Aside

Breaking News-Diddaan Barattoota Oromoo Yunversitii Wallaggaa Caalaatti Hammaate. Waraanni Agaazii Barattaa 810 Eda Hidhuun FDG Daran Finiinse.

Aside

Sagalee Guutuu FDG Guyyaa Har’aa Hagayya 27,2014 Deemaa Jiru Irraa Hamma Tokko

Breaking News-Yuniversitiin Wallaggaa Dirree Waraanaa Taate.Wayyaaneen Humna Loltuu fi Meeshaa Waraanaan,Barataan Oromoo Ammoo Harka Duwwaa Walitti Bobba’an. Barataan Oromoo Tokkos Saba Isaaf Wareega Qaalii Kafale.

Aside

Hagayya 27,2014 Naqamte

diddaa9Barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaaggaa eda hakan walakkeessaa irraa eegaluun hammeenyaa fi roorroo mootummaa abbaa irree Wayyaanee mormuu irraan FDG itti fufanii jiru. Gootonni barattooti Oromoo kun FDG Yuuniversitoota Oromiyaa keessatti qabsiifameen faana bu’uun diddaa roorroof jecha sagaleen jabaan dhageessifachuu itti jiru.

Mootummaan Wayyaanee dirqiin walgahii yaamee barattoota afaan fajjeessuuf kan saganteeffatee ture mormuun aanaa lee Horroo Guduruu,Qeellam,Gimbii,Arjoo fi Leeqaa keessaa walitti qabuun humnaan dirqanii amansiisuu kan jedhu imaamata godhatee jiru guutummaatti dura dhaabbatanii jiru.Mormii torbee tokkoo iliif deeme kana keessatti kan guyyaa har’aa haalaan jabaataa fi sagalee dheekkamsa jibba roorroon kan guutame yeroo ta’u dhadatnoon barattootaa keessa gariin:-

  • Gaaffii mirgaa gaafachaa jirruuf deebiin nuuf kennamuu qaba,
  • Hidhaan, ajjeechaan , barnoota irraa arii’atamuun nurraa dhaabbachuu qaba,
  • Oromiyaan ofiin of bulchuu qabdi, bittaa mootummaa abbaa irree
  • Habashaa TPLF/EPRDF jalaa ba’uu qabna.
  • Humni waraanaa rasaasaan nu reebaa jiru seeraatti dhiyaachuu qaba,
  • Gaaffiin keenya gaaffii mirgaati, gaaffii bilisummaa uummaata Oromooti,
  • Oromoo bakka jirtuu harka walqabadhuu ka’ii!!
  • Oromoo qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuun dhaabbachuu qaba,
  • Mootummaan EPRDF/TPLF wayyaaneen walaaltuun uummata keenyaa irratti waraana bobbaasuun rasaasaan nu ajjeessaa jirtu nu hin bulchitu.
  • Walaga’ii humna waraanaan dirqamnee taa’uu hin barbaadnu, Wayyaaneen nu ajjeesaa walga’ii nu teesiftuu kun uummataa Oromoo hundaaf hirmiidha., walga’ii wayyaanee hin fudhannu.
  • Gaaffiin mirgaa abbaa biyyummaa uummaata Oromoo kabajamuu qaba,
  • Oromiyaan bilisoomuu qabdi,
  • Nuti haqaaf falmannaa, nuti bilisummaa keenyaaf falmanna,
  • Hidhaa fi ajjeechaan bilisummaa keenyaaf falmachuu irraa duubatti nuhin deebisu,
  • Finfinneen kan Oromooti, faayidaan Finfinnee irraa Oromoon argatuu nuuf eegamuu qaba.
  • Master Planiin Finfinnee guutummaatti haqamuu qaba,Nuti Oromoon biyyaa keenyaaf falmanna, bilisummaa keenyaaf falmanna

jechuun dhaadannoo sagalee guddaa of keessa qabu dhageesisuun walga’ii wayyaanee irratti FDG guddaa qabsiisan.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee sochii FDG gootota dargaggoota qeerroo Oromoo kana dhaabsisuuf humna waraanaa guddaa loltoota Agaazii jedhamuun beekaman mooraa Yuunibarsiitiitti ol galchuun doormii barattootni keessa bulan irratti dhukaasa guddaa banuun Yuunibarsiitiin Wallaggaa dirree waraanatti jijjiiramtee jirti, Magaalaan Naqemtees dirree waraanaa fakkaatti.

Dhukaasaa guddaa loltootni Wayyaanee doormii barattoota irratti bananiin barataan Oromoo tokko rasaasaan rukutamee reeffii isaa illee halkan kanaan eessa buuteen isaa dhabamee jiraachuun ittumaa gootota barattoota Oromoo FDGf kan kakasee ta’uun ibsamee jira. Yeroo ammaa kanattis goototni barattootni Oromoo doormii warri Wayyaaneen maqaa walga’iin kennaniif gadi lakkisuun mooraa Yuunibarsiitii keessaa naanna’uun dhaadannoo guddaa dhageesisuun, walleelee warraaqsaan ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo ABO gaggeeffamu faarasan, ABO’n dhaaba dimookiraataawaa kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo ta’uun gootota dargaggoota qeerroo barattoota Oromoon leellifamee jira. Mootummaan Wayyaanee shororkeessituu fi abbaa irree itti gaafatama jalaa ba’uu hin dandeenye ta’uu barattootni Oromoo waraana Wayyaanee dura dhaabbachuun ibsan. Haalumaa kanaan yeroo amma kanatti FDG guddaan qabsiifamee mooraan Yuunibarsiitii Wallaggaa dirree waraanaa guddaa fakkatee argamtii, haalli kun keessattuu halkan edaa kana gara barii halkan keessaa sa:atii 9:00 irraa eegaluun FDG guddaan mooraa Yuunibarsiitii Wallaggaa keessatti jabaachuun yeroo ammaa kana sagaalee dhaadannoo guddaa fi dhukaasaa loltoota wayyaanee wal irraa hin citneetu dhagaa’ama jira.