“OROMO Falmadhu ” Wallee Haaraa Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Sadaasa 06, 2014

Aside

Barattootni Yuunivarsiitii Amboo Department ”Agriculture and Bio-Processing Engineering” barachaa jiran Oromummaa Qofaan Yuuniversiti Irraa Beekkamtii Dhaban. Department kanaan walqabateen Barattootni Waggaa 2ffaa Hanga Waggaa 5ffatti Barachaa Jiran Baay’inni Isanii 415 Olitti Kan Lakka’amanis Barnoota Dhaaban.‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Lixa Shaggar,Sadaasa 06,2014

Wallaggaa1Barattootni Yuunibarsiitii Amboo Department ”Agriculture and Bio-Processing Engineering” barachaa jiran Yuuniversitichatti beekamtii dhabuu Department kanaan walqabateen barattootni waggaa 2ffaa hanga waggaa 5ffatti barachaa jiran baay’inni isanii 415 olitti kan lakka’aman barnoota dhaaban.

Sadaasa 5/2014 Guddinaa fi Tiraanisfoormeeshiniin Wayyaanee EPRDF biyyatti keessatti uummata gara doofummaa, wallaalummaa, hiyyummaa bara baraa fi rakkoo jiruu fi jireenyatti geessuun biyyattiin har’a biyyaa hojiidhabdummaan keessatti dagaage, biyya mirgi ilma namaa keessatti sarbamu, biyya mirgi dimookiraasii keessatti awwalamee fi biyya mootummaa abba irree afaan qawweetti amanuun bulaa jirtudha.

Barattootni Yuunibarsiitii Amboos balaa ulfaataa sirni kun baatee deemuuf saaxilamuun barattootni Department ”Agriculture and Bio Processing Engineering” waggaa 2ffaa hanga waggaa 5ffaatti barachaa jiran Departmentii haaraa Qo’annaa fi Qorannaa Saayinsiin deegarame malee callisaniidhuma maqaan department qofti waan itti miidhageef hundeessani lammilee biyyatti balaa guddaaf saaxila jiru.

Barattootni yeroo jalqabaaf department kanaan eebbifaman hanga guyyaa har’atti ogummaa barataniin hojii irratti ramadamanii hojeechuun jijjirama ofii fi biyyaaf fidan illee dhabuun hojii dhabdeelee ta’uun jiruu fi jireenya gadadoo keessa jiraacha kan jiran ta’uu irra darbee, iyyannoo hojiin ogummaa baratne kanaaf nuuf haa kennamu hojjetnee biyyas ofis gargaarra jechuun galfataniif Ministeerrii barnoota Wayyaanee EPRDF namni Shifarraa Shuguxee jedhamu department kana nuti hin beeknu, beekamtiis hin kenineef jechuun ifatti deebii keenne ture. Haaluma kana irraa ka’uun barattootni Yuunibarsiitii Amboo wagga 2ffaa hanga waggaa 5ffatti barachaa jiran gaaffii fi Iyyannoo Promotion nuuf haa hojjetamuu malee departmentii sirni barnoota ministerii barnoota keessan hin beekne akkamiin baranna? Maaliif lammii biyyattiitti taphattu jechuun bulchiinsa Yuunivarsiitii Amboo gaafachuun deebii waan dhabaniif, Iyyannoo isaanii gara Ministera Barnoota wayyanee EPRDFtti dhiyeeffatan ,deebiin wajjira ministeraa barnoota Wayyaanee irra kennameef ‘amma atattamaan magaalaa kana gadhiisaa ba’aa, as keessatti fincila nurratti kaachisuu dhuftanii” jechuun gaaffii fi iyyaannoo barattootaa irraa fuudhuu diduun barattoota doorsisaan of irra arii’an.

 

Rakkoon ulfaataan kun hanga furmaata hin argannetti barnoota dhaabuu isaanii beeksisuun, barattootani Yuunibarsiitii Amboo wagga 2ffaa hanga 5ffaatti departmenicha irra barachaa jiran guutummaatti barnoota dhaabani jiru. Rakkoowwaan mootummaan garboomsaa waliigalatti uummata keenyaa irran ga’aa jiruu fi haala sarbinsa mirga namummaa fi sarbamuu dimookiraasii fi mootummaa abbaa irree aangoo
irra maqsuun mootummaa dimookiraatawaa hundeessuuf yeroon gamtaan qabsa’an amma jechuun goototni barattootni Yuunibarsiitii Amboo midhaa isaan irra ga’aa jiru uummataaf ibsuun dhaamsa waliigalaa FDG itti fufsiisuuf uummataaf waamicha gochaa kan jiran ta’uu hoggansii Qeerroo Godina lixa Shaggar gabaase jira.

 

NOVEMBER 05, 2014, ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት : ንቅናቄ ድምፅ: የሳምንቱ : ዜና ::

Aside

Qophii Addaa Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Sadaasa 5,2014

Aside

Baratu Bara Milkiitii Bahaa Falmadhaa!

Aside

Sadaasa 04 Bara 2014 Jiituu Lammii Irraa

Barri 1998, bara Afaan Oromoo yeroo jalqabaatiif qormaata biyyoolessaaf dhiyaate tauun buaalee dhiigni ilmaan Oromoo magarse keessa isa hin dagatamne taa. Barri kun bara hojiin Oromoo fi Oromummaa qalbii dhalootaa keessatti deebisanii magarsuuf taasifame hundee jabaa horachuu mallattoon eeru itti mulatee dha. Dhaloonni haala kana keessa cayaa Oromummaa jalatti, harka Oromoorrattii fi foolii Oromummaa keessatti guddate dhaloota gadoo sabaa baasu, madaa lammii dhinsu (fayyisu), dhaloota seexaa fi murannoo addaa qabu, dhaloota gabrummaa hadheeffate taeetu guddate. Dhaloota ormaaf hin jilbeeffanne kan ofii dabarsee hin laanne, dhaloota fincilaa tauu hojiin mulise. Hojii dhaloota kanaatu dhimmi Oromoo dubbii abbaa jabaa qabu tauu mirkaneesse. Fiixee dubbii addunyaatti olbaasee toora qabsiise. Kanatu xiyyeeffannoo dubbii koo haraatii na waliin turtuu laata!!

Bitootessa, 2000 bosonni Oromiyaa Booranaa fi Baalee torbanneeniif birmachuu tokko malee gubachuun dhugummaa dubbii kanaaf mirkana tae. Kan Oromiyaaf birmatu Oromoo tauutu hubatame. Manneen barnootaa Oromiyaa keessatti argaman hunda keessaa sagaleen gurmuu jabaarraa dhagahame dhugumattuu dhaloonni roorroo bara dheeraatti xumura tolchu qeee Oromoo keessaa biqiluu akeeke. Sana booda Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) otoo walirraa hin cinne arguu fi dhagahuun adaa tae.

Jiituu fi Yaadannoo FDG 2014.doc

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, November 5, 2014

Aside

“Qubee Afaan Oromoo” Faaruu Hawwisoo WBO Dirree Qabsoo 1980 moota Keessa

Aside

Aside

Qeerroo Edit

Mootummaan Abbaa Irree Wayyaaneen Murtii Dabaa Barattoota Oromoo Yuuniversitii Dirree Dawaa 21 Irratti Dabarse Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Mootummaan Wayyaanee afaan qawweedhaan erga aangootti olbahee kaasee hidhaa, ajjeechaa, biyya  irraa arii’uu fi darara dhala namaaf hin malle barattoota Oromoo irratti gaggeessaa as gahe. Barattootni  Oromoo dhiibbaa mirga namummaa fi Dimokiraasii Uummata Oromoo irratti gahaa ture dura  dhaabbachuun wareegama qaalii kaffalaa turan. Mootummaa wayyaanee abbaa irreef murtiin dabaa  hidhaa fi ajjeechaan QBO duuba kan deebisu itti fakkaachuudhaan itti fufinsaan daba daangaa hin  qabne gaggeessaa as gahe.

Gaaffii abbaa biyyummaa barattootni Oromoo gaafatan dura murtii hidhaa fi ajjeechaa dabaan  dhaabbachuun kan beekamtu wayyaaneen barattoota Oromoo Yuunivarsiitiilee keessaa mana hidhaatti  guurte irratti murtii dabarsite. Sabboontota Barattoota Oromoo 21 kan Yuunivarsiitii Dirree Dawaa  keessaa baratan irratti himannaa dharaa kan bane abbaan irree Wayyaaneen mana murtii sadarkaa 1ffaatti murtii  hidhaaf dabarsuun murtii dabaa itti murteessite. Barattootni kunneen ji’a jaha guutuuf mana hidhaa  mootummaa Wayyaanee gidduu galeessaa Maa’ikelaawwii fi Dirree Dawaa gidduu naannessuudhaan  rukkuttaa hamaa irraan kan geessu yoo tahu ammas murtii hidhaa waggaa fi qarshii 500 eegalee hanga  waggaa shanii fi qarshii 500tti itti murteessitee jirti. Barattootni kunneen

  1. Barattuu Daraartuu Abdataa Araarsoo
  2. Barataa Mootii Baanjuu Ayyaana
  3. Barataa Dheeressaa Simee Qumbii
  4. Barataa Dassaaleny Beeksisaa Imaanaa
  5.  Barataa Abdii Birraa Baqqalaa
  6. Barataa Gadaa Baanetaa Gannaalee
  7. Barataa Leencoo Teediroos Dheeressaa
  8. Barataa Darajjee Tasfaayee Mokonnin
  9. Barataa Ifaa Geetachoo Obsaa
  10. Barataa Amaanu’eel Ittafaa Sirneessaa   Guutummaan ibsa kanaa:- Barattoota Oromoo Yuuniversitii Dirree Daawaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Irraa Kenname. 1

SBO Sadaasa 05 Bara 2014 Oduu – Sadaasa 9 guyyaa yaadannoo FDG waggaa 9ffaa ilaalchisee Ibsa ABO – FDG irratti yaada namootaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Abbaan Irree Wayyaanee Oromummaan Yakkee Kanneen Oromoota Hidhaa Buuse Irratti Dararaa Hammeessuu Isaa Keessa Beektonni Sirnicha Saaxilan

Aside

Because I am OromoGabaasa Qeerroo Finfinnee Qaama Mootummaa keessaa Saadasa 4,2014 argame akka ibsutti,Yeroo ammaa ilmaan Oromoo mana hidhaa mootummaa abbaa irree Wayyaanee keessatti dararri irra gaha jiru hedduun dhukkuba garagaraan saaxilamaa jiru, baatii Ebla 2014 irraa kaasee ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuramaa jiraan lakkofsaan guddaa tahan baayinaan mana hidha Maa’ikelaawwii keessatti kan argaman reebicha hamaa irraan, rakkoo nyaataanis wal qabatee dhibee qaamaa fi dhukkuba garagaraan akka saaxilaman kan taasise mootummaan abbaa irree Wayyaanee ammallee dhibeedhuma qabaman keessattillee humna poolisiin reebsisaa kan jiru yoo tahu ilmaan Oromoo kutatoo tahan hanga du’aatti Oromummaa keenya gadi hin dhiisnu jedhanii hidhaa keessatti addatti ammo manuma hidhaa keessa jiraachuudhasn hidhamtoota ijaaran, maqaa waaqeffannaa jedhamuun dargaggoota ijaaraa jiran, buusii dhimma aadaa fi afaan Oromoo guddisuu jedhamuun funaanuun, akkasuma quunnamtii qaama alaa waliin gaggessuu hin dhiifne jechuudhan mootumman Wayyanee mana hidhaa Ma’ikalaawwii jedhamu keessatti dararra itti jabeessa kanneen jiran keessaa:

1.Qana’aa Chuuchee-Shgarr lixaa Amboo kan hidhame

2.Ayyaantuu Margaa-Shgarre lixaa Amboo irraa kan hidhate

3.Rabbirraa Atoomsa-Shagar  lixaa Amboo

4.Warqinaa Mul’ataa-Shar lixaa Gudar irraa kan qabamee hidhamer

Kan maqaan isaanii yeroodhaaf nun qaqqabin yoo tahu baatii caamsaa keessa mana hidhaa keessa erga galanii eegalee motummaa Wayyaaneen dararriin irraa dhaabbachaa kan hin jirree fi qaami isaanii haalaan miidhamee jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.