Shaggar Kaabaa, Aanaa Akaakoo Keessatti Walgahiin Wayyaanee Diddaa Uummataan Feshala’e, Qellem Wallaggaa Jimmaa Horroo Irratti Ammoo Daa’immaan Walitti Qabuun Ayyaana OPDO Dirqiin Kabachiisan.‏

Aside

Gabaasa Qeerroo  Ebla 1/2015
AkakoMootummaan Wayyaanee wayita ammaa uummata walgayii gara garaan qabuudhaan olola siyaadaa gaggeessaa kan jiru Oromiyaa godinaa fi aanaa irratti uummataan feshala’aa jira.

Naannoolee  adda addaattis uummanni walgayii irratti argamuudhaan gaaffii mirgaa kaasuudhaan ergamtoota mootummaa afaan qabachisaa jiru. Odeessa Qeerroo Shaggar Kaabaa aanaa Akaakoo irraa Ebla 1/2015 nu gaheen dhimma ayyaana OPDO fi filannoon wal qabsiisuudhaan uummata jiraattoota aanaa Akaakoo irraa walitti qabuudhaan walgayi teesisaa oole, keessattuu haala adeemsa filannoo barana gaggeeffamuun wal qabsiisee mootummaan Wayyaanee yaadoo guddaa keessa seenuun isaa uummatatti gadi bu’ee maqaa walgayiitiin uummata mudduu fi uummata sobuu irratti argamaa jira, haaluma kana fakkaatuun odeessa har’a aanaa Akaakoo irraa nu qaqqabeen tikoota isaanii fi dabballoota isaaniin uummata walgayii teesisuudhaan marii gaggeessuun uummanni gaaffi mirgaa kaasee feshelatee jira. Gaaffii uummatni kaase:

  • Barattootni keenya balleessa malee mana hidhaa keessa jiran gadhiifamuu qabu,isa booda mootummaa waliin teenyee walgayii nagaa
    gaggeessuu dandeenya,
  • Dhimmi Master Pilanii nu ilaallata, waggaa kana darbe ijoolleen keenya maqaa kanaan rasaasaan rukutamanii du’an hedduudha,har’as
    kanumaan nutty roorrifamaa jiru, dhimma kana ilaalchisee arrabsoon Abbaayi Tsaah nu arrabseef seeraan adabamuu qaba, dhimmi kunis maaliif
    lammee ka’a lubbuu ijoollee keenya wagga darbe dhumataniif eessatti cinaa durbitanii?
  • Maqaa inestimentiitin qonnaan bulaan lafa isaa buqqa’aa jira, obboloota keenya kanaan dura kun irratti raawwate har’a rakkina
    isaanii fi maatiin isaani irra jiran argaa utuu jirru kana gochuuf mootummaan maaliif ammas nurratti karoora baasaa jiraataa? Kun maaliif
    hin dhaabbatuu?
  • Maqaa bulchiinsa gaariitiin miidiyaadhaan gurra nurraa cirtu rakkina uummanni irra jiru kunoo waanuma ijaan argaa jirtaniidha, rakkoo
    bishaanii fi ibsaan uummanni wayita kana miidhaa guddaa keessa jira mootummaan maaliif uummata sobaa? Mootummaa nu sobu waliin akkamiin jiraanna?
  • Filannoon gaggeeffamuun dura kun hunduu sirraachuu qaba, fudhatama nu birattis argachuu dandeessu hamma kana hin raawwanneetti keessatti
    ijoolleen keenya mirga isaaniif jedhanii hidhaman hanga gadi dhiifamuu fi  mirgi uummata Oromoo hanga kabajamutti diddaa akka itti fufan beeksisanii jiru.

???????????????????????????????Gama biraan Wallagga Qellem, Jimmaa Horroo Bitootesa 31,2015 walgayiin mootummaa uummataan feshalatee jira, Ayyaana OPDO sababeessuudhaan dirqamaan uummata walgayii waamee ture uummannis walii galteedhaan akka hin baane tahuun gama uummataan hirmaannaan walgayicha irratti dhabamnaan barattoota humnaan kutaa 1-4 jiran daa’immaan walgayii teesisuudhaan maqaa Ayyaanaa itti dhahuudhaan barattoota umuriin gadi gowomsuu yaaluunis barattootni jeequmsaan walgayiin isaanii kaleessa feshalatee jira.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, April 1, 2015

Aside

SBO Ebla 01 Bara 2015. Oduu, Ijoo Dubbii ABO, Gaaffii fi deebii miseensa KHR – ABO Jaal.Jabeessaa Gabbisaa waliin kutaa 2ffaa akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Gaaffii fi Deebii VOAn Obbo Baqalaa Garbaa Waliin Taasise

Aside

Jaallannee Gammadaa | VOA

“Dukkanaa fi Halagaa Garaa Isaa Hin Beekani ” Wallee Haaraa Artist Sabboonaa Ifaa Gammachuu.

Aside

Aside

Kan Gorsamuu Qabu Gorsaa Taasisuun, Gorsaa fi Gorfamaa Galaafata.

(Ijoo Dubbii ABO)

BABOittaan Abbaa irrummaa isaa dhumatee baqattummaan Haraareetti osoo hin godaaniin dura  Mangistuu H/Maariyaam ummatoota Itophiyaa qofa osoo hin taane, biyyoota ollaatti dhaadatuu fardeessaa ture. Ummatootni Itophiyaa bittaa Abbaa irrummaa isaa hifatuun deggersa sirnichi irraa barbaadu dhorkatuu irraa ummatichaan “Warqee hafaniif iyyuu Faandoo dha jedha” jechuun arrabse. Dabrees wayta qabsoon ummatootaa jabaataa dhufetti mormitoota ana irratti gargaara kan jedhuun mootummaa Sudaan ilaalchisee, “Goommaa konkolaataa karaa Bahaa ture dhoosnee jirra. Isa karaa Dhihaas dhihootti afuura keessaa yaasna” jechuun dhaadate. Dhaadannoo fi doorsisi  kun garuu baqattummaa irraa isa hin oolchine. Aangoo humnaan tikfatuu barbaade irraa qabsoo ummatootaan ari’ame. Kun seenaa fagoo osoo hin taane kan kaleessaa ti.

Har’a dhaadannoo fakkaataa gorsituu Muummicha Ministeraa Itophiyaa Abbaay Tsehayyee irraa deddeebisnee dhagahaa jirra. Gorsituun kun OPDO irra cehee ummata Oromoo arrabsuun isaa isa jalqabaa miti. Tuffii fi Jibbiinsa ummata Oromoof qabu waltajjii argate hunda irratti kan ibsaa turee fi jiru Abbaay Tsehayyee, ilaalchi jibbiinsaa fi tuffii irraa calaqqisu kun  imaammata  jaarmayaa isaa TPLF raggaafatee ittiin masakamee jiru irraa madda.

Kitaaba TPLF “Ye Hizbawi Adera” jedhu keessatti akka ifatti kaa’ametti ummata Oromoo akka Diina duraatti kaa’e. Sababni diina duraa godhataniifis Tigraayiin bituu waan barbaadeef ykn qabeenya ummata Tigraay saamaa jiraatuuf hawwii horatuu irraa akka hin tahin hin wallaalamu. Kan diina duraa godhatan bittaa alagaa kan hin feene, saaminsaa fi cunqursaa dura kan dhaabbatu, qabeenya isaa irratti ajajaa tahuun mirga isaa tahuu hubatuu irraa afaan qawween malee akka barbaadanitti olii fi gad oofuu kan hin dandeenye tahuu beekuu irraa ti. Kanas  Abbay Tsehayyee haasaa OPDO maaliif akka ijaaran wayta ibsutti  haala hin falamsiisneen “OPDO kan ijaarre Oromiyaa ittiin seenuufi. TPLF ykn Biaden (Sochii Dimokraasii Saba Amaaraa) qabatanii ummata Oromoo ijaaruun ulfaataa ture ”jedhe.  Kan Gorsamuu

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcasts on March 30, 2015

Aside

Gaaffii Mirgaa Uummanni Oromoo Kaaseen Duuba Jirtu Sababa Jedhuun Mootummaan Wayyaanee Hidhattoota Gandaa Hidhannoo Hikkachisee Hidhaa Jira.

Aside

Odeessa Qeerroo Qellem, Dambi Doolloo Irraa,

anfillooooBitootessa 30,2015 Torbanootuma kana keessa Horro Guduruu aanaa Guduruu kessaa hidhattoota milishootan gandaa hidhannaa qabaniin gara uummataa dhaabbachuudhaan mootummaa irratti wal ijaaraa jiru kan jedhuun shakkamanuun mootummaan hidhattoota gandaa hidhannoo isaanii irraa hiikkachiisee jira, kun gandoota aanaa kana keessatti argaman kanneen gaaffii uummataa deggeran, diddaa uummata waliin hiriiruun mootummaa dura dhaabbachuuf kan hirmaannaa taasisaa jiran hidhattoota hedduun hidhannaan isaanii irraa hiikamuu Qeerroon gabaasee jira.

Har’a Bitootessa 30,2015 odeessi Qeerroo naannoo adda addaa irraan wal hidhataan nu gahaa jiru, Qellem aanaa Gidaamii keessaas haaluma kana fakkaatuun milishoota gandaa uummata waliin dhaabbatan hidhannaa isaanii irraa hiikkachiisuuf walgayii waamuun hubatama. Akkasuma Qellem, aanaa Sayyoo, Begii fi Canqaa keessa milishootni gandaa hidhannoo isaanii lafa akka kaa’an mootummaan dhaamsa caasaa isaanii godina kanaaf dhaamaa akka jirutu hubatama. Ilmaan habashootaa kanneen uummata keessatti guddataniif meeshaan milishoota irraa hiikkatamu isaaniif akka kennamuuf deemutu odeessaan Qeerroo addeessa. Mootummaan Wayyaanee yeroo amma diddaa Qeerroon dhalatu uummata Oromoo hirmaachisuu irra darbee hidhattoota gandaas mirga uummata Oromoo kabachiisuuf diddaa irratti isaan hirmaachisuu sodaa irraan dursa hidhattootni gaaffiin uummataa gaaffii keenya jedhanii quuqama sabaa qaban sodaachuu irraan meeshaa akka hiikkataniif mootummaan Wayyaanee murtoo baasaa jira.

Aside

image-ad93a1d22ca25460e8b690ee92e9105a3d46fd56cb34ee2011b0e57de0438531-V

QARA DHUGAA” Must Watch Fiilmii Afaan Oromoo do’ii gabaabaa Bara 2015

Aside