Oromiyaa Keessatti Yaadannoo GGO Ebla 15, Haala Hoo’aadhaa fi Bifa Qindaayeen Walfaana Kabajame!

Aside

image-ad93a1d22ca25460e8b690ee92e9105a3d46fd56cb34ee2011b0e57de0438531-VGGO akkuma beekamu waggoota muraasa dura mooraa qabsoo qofa keessatti kan kabajamaa fi yaadatamaa turee fi namoota muraasaanis Oromiyaa keessatti kabajamaa ture har’a uummata Oromoo oromiyaa keessatti dhaloota ammaan uummata oromoo hunda kan hirmaachise yaaddannoon Gootota oromoo jijjiirama har’a jiru kanaaf lubbuu isaaniin wareegamaniin akkasuma asuma dhiyootti bifa jijjiirrate saamicha lafa oromoo fi uummata oromoo lafa isaa irraa buqqisuuf as bahe dura dhaabbachuun,akkasuma mirga uummata oromoo kabachiisuudhaaf wareegama qaalii baafamen daa’imaa hanga maanguddootti waggaa darbe Ebla 14/2015 kaasee oromiyaa keessatti wareegamaniif addatti yaadannoo taasisuudhaaf,walumaa galattis jaarraa 19ffaa irraa kaasee hanga har’aatti qabsaa’ota uummata isaa oromoo fi dachee isaa oromiyaa bilisa baasuudhaaf waraagaman yaadachuudhaan bakkeewwan garagaraatti yaadatamuun kabajamee oole,kunis odeessa Qeerroo kutaa oromiyaa keessaa fi dhaabbile barnootaa keessaa nugaheen akka kanaa gadiiti.

  1. Dhaabbilee Barnootaa Keessatti:-
    • Yuuniversitii Adaamaatti—
  • Barattootni Oromoo ganama irraa nyaata lagachuudhaan huccuu gaddaa uffachuun dabarsan,
  • Barumsa irratti hirmaannaa dhaabuun ykn barumsa cufachuudhaan,
  • Gama mootummaa wayyaaneen mooraa keessa poolisoota mooraa fi security isaa tamsaasuun olii gadi kaachisaa oolan,
  • Manni kitaabaa sadii ol sodaa jiruun akka cufaatti ooluisaatuu gabaafama.
    • Yuuniversitii Finfinnee:-
  • Aka walootti barattootni moora yuuniversitii kiiloo 4,5 fi kiiloo 6 irraa walitti dhufanii barumsas dhaabuudhaan kabajanii jiru,
  • Akkasuma dame yuuniversitii Finfinnee magaala keessa jiranis bakkuma jiraniitti kan kabajan yoo tahu jala bultii irraa kaasanii sochii barattootni oromoo taasisan gurra diinaa waan bu’eef ganama irraa kaasanii hordoffii jabaan mooraa keessatti akka geggaffametu gabaasni dhiyaata.
  • Maqaa GAOn kan dhaabbate keessattis barattootni taasisuudhaan GGO kana yaadannoo taasisaanii jiru,
  • GGO sababeessuudhaan ilmaan oromoo waggaa darbe 2014 keessa wareegaman maatii isaaniif gargaarsa taasisuudhaaf buusii qarshii taasisan,
    • Yuuniversitii Amboo:-
  • Yuuniversitii Ambootti torban kana jalqaba irraa kaasanii GGO kana kan baranaa adda taasisuudhaan yuuniversitii fi koollejjii ogummaa fi teknikii barattootni barumsa dhaabanii jiru,
  • Mooraa keessaa bahuudhaan magaala keessas kan jiru barataas tahe uummanni miilla qullaa isaa fi hucuu gurraacha uffatuun guyyaa oole,
  • Maatii warra jaallan waggaa darbe wareegamanii dubbisuudhaan gargaarsaa fi waliin gadda yaadanno sa’a muraasaa taasisan,
  • Hojjetaan mootummaa magaala Amboo fi aanaaleen garagaraa irraa hojii dhaabuun guyyaa kabajamaa kana yaadatan.

SBO Ebla 15 Bara 2015: Oduu, Dhaamsa ABO Ebla 15, guyyaa goototaa ilaalchisee fi qophiilee garaagaraa.

Aside

OroMedia: Aad. Ayyaluu Ittisaa addunyaa kana irraa boqotte.

Aside

Seenaa Aad. Ayyaluu Ittisaa (1968-2015)

Gadaa.com

(Oromedia, 14 Ebla 2015) Aadde Ayyaluu Itisaa Abbaa ishee Obbo Ittisaa Deebisaa Jiraataa fi Harmee ishee Aadde Jaal’ee Lataa Toleeraa irraa bara 1968 GC haala amma waamamuun Godina shawaa lixaa Aanaa Calliyaa Ganda Qotee Bulaa Tulluu Kosorruu jedhamu keessatti dhalatte.

Akkuma umuriin ishee barnootaaf gaheen mana barumsaa sadarkaa 1ffaa M/Tulluu maraa, Sadarkaa jidduu galaa magaalaa Geedoo M/Caacaa, sadarkaa olaanaa Amboo fi magaalaa Finfinnee Mana barumsaa Kokoba tsabaa jedhamutti xumurte.

Akkasumas bara 1991 yeroo mootummaan dargii kufe irraa eegalee, miseensa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ta’uun socha’aa kan turte yoo ta’u, haaluma kanaan bara chaarteraa waraan ABO muraasa Shaambal Yohaannis Moosisaan fi Obbo Sanyii Bakkasheen hoogganamu fi jiddugala Oromiyaa socho’aa kan tureef garee mahaandisummaan dirqamarra otoo jirtuu haxxee diinni hidheen shaambal Yohaannis Moosisaa yoo ajjeefamu, Qabsooftuu Ayyaluu Ittisaa qabamuun gara mana hidhaa karchallee Magaalaa Ambootti geeffamtee qaruuraa caccabaan rifeensa mataa irraa haaduun dararama hamaa irraan ga’an. Akka kanaan, artistii beekamtuu fi jaalatamtuu Ilfinash Qannoofaa waliin karchallee Amboo keessatti dararama argaa turan.

Erga hidhaa irraa hiikamtees sodaa tokko malee, gara magaalaa finfinneetti deebi’uun dhoksaan hojii qabsoo itti fufte. Haaluma kanaan Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessatti miseensa guutuu ta’uun koree adda addaa keessatti sadarkaa adda addaa irratti itti gaafatammummaa fi miseensummaan socho’aa turte. More:- www.OroMedia.net

Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo Qophii Ebla 13, 2015

Aside

Ebla 15, Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

 

Yaadannoo Guyyaa Gootota Oromoo Ebla15  Ilaalchisuun Hogganni Qeerroo Bilisummaa Oromoo Haala Qabsoo Bilisummaa Oromoo Keessa Darbee fi Sochii Warraaqsa FDG Ilaalchisuun Ibsa Gabaaba Uummata Oromoo Hundaaf Dabarsan.

Yaadannoon gootota qabsoo bilisummaa Oromoo, Ummata Oromoo baldhaa bilisoomsuu fi Oromiyaa gudditti walaboomsuuf utuu qabsawanii  Wareegama qaalii kanfalan bara baraan kan isaan yaadannudha. Guyyaa kana addatti yaadachuun kan barbaachiseef aadeffatameef utuu hin taane guyyaa kana seenaa qabsoo bara dheeraa uummanni Oromoo of dandamachiisuu fi bittaa halaga jalatti hin bullu jechuun ofiin of bulchuu qabna jechuun gaggeessa turee fi jiru kabajaa guddaa fi gootummaa guddaa goototni Oromoo argisiisaniin kan boonaa jirru fi kan itti yaadannudha.  Guyyaan Ebli 15n bara baraan qalbii keenya keessatti yaadannu gootota ilmaan Oromoo yeroo biyyi keenya Oromiyaan waanjoo kolonii jalatti kuftee eegalee lubbuu isaanii takkaa bakka bu’uu hin dandeenye wareeguun Oromiyaa amma arginuu,Afaan Oromoo, aadaa keenyaa, seenaa uummata keenyaa. eenyummaa Oromummaa keenyaa fi kaartaan Oromiyaa amma  argaa jirruu  kanaaf kan bu’uuraa ta’uu isaanii yaadachiisuun dirqama. Guyyaa yaadannoo gootota Oromoo bakka argamnu hundatti waligurmeessuun  haa ta’uu akka nama tokkeetti kanneen yaadannuu fakkeenyaaf:

  1. Dhuma Jarraa 19ffaa yeroo koloneeffataan habashaa deeggarsa faranjii bar-gamaatiin humneeffame biyya keenya weerare ilmaan Oromoo kumoota dhibbootaan wareegaman, galmee keessatti kan argamu ta’uu hubachuun, harma muraa fi harka muraan aannoolee fi Calii Calanqoo godannisa garboomsaa seenaa keessatti dagatamuu hin dandenye,
  2. Bara 1928-1948 keessa fincila Raayyaa irratti ilmaan Oromoo jumlaan wareegama baasuun diina of irraa ittisan,
  3. Bara 1964-1973 keessa fincila Baalee, ijaarsa Waldaa Walgargaarsa Maccaa fi Tuulamaa keessattii, wareegama qaalii kanfaluun kan goototni ilmaan Oromoo godhan,
  4. Bara 1970ta irraa eegalee qabsoo bilisummaa Oromoo bifa waraanaan ijaaruun qabsoo ABOn durfamuu fi baroota 1973 irraa caalatti rasaasni bilisummaa Oromoo bifa ijaaramee dhukaafamuu bara egalee keessa wareegamoota qaalii kanfalamee fi Wareegama hogganootni qabsoo bilisummaa Oromoo gammoojjii Somaliyaa keessatti nuti kutaa, amantaa fi gandaan gargar hin baanu jechuun wareegama ulfaataa kanfalanii fi baroota 1970-1991 bakkota garaagaraatti haalota garaagaraa keessatti qabsoo bilisummaa Oromoo finiinsuun wareegama qaalii ilmaan Oromoo baasan yaadachuun,
  5. Bara 1991 yeroo xurreen bilisummaa Oromoo dhiigaa fi lafee ilmaan Oromoon ijaramee jabaatee sarkaa uummata baldhaa Oromootti as ba’ee fi ijifannoon cululuqaa ta’ee gootota ilmaan Oromoon lafa qabatee fi shira diina keessaa fi faranjii baargamaan xaxameen wareegama qaalii kanfalame,
  6. Bara 2005-2010tti bara dhalootni qubee qabsoo bilisummaa Oromootti makamuun FDG sadaasa 9 irraa eegaluun caalmatti golee Oromiyaa keessatti warraaqsi dhaloota haaraan qabsiifamee wareegamni qaaliin dhibbootaan lakka’aman wareegamuun kumootaan kanneen lakka’ama hidhaatti ukkanfaman  ta’uu yaadachuun
  7. Bara 2014-2015tti Dargaggootni Qeerroon barattootni Oromoo qabsoo Sochii warraaqsa FDG karaa nagaa fi dimookiraasiin dargaggootni qeerroon barattootni Oromoo bara 2011 bifa qindaa’een ijaaramuun sochii  godhan keessatti qabsoo bilisummaa Oromoo diinnii kallatti hundaan ukkamsuuf humna waraanaa fi shira daanga hin qabne xaxaa ture, goototni Qeerroon barattootni Oromoo Ebla 11/2014 irraa egaluun kayyoon goototni ilmaan Oromoo irratti wareegaman galma ga’uu qabdi jechuun ifatti bifa qindaa’ee fi ijaarameen karaa nagaa fi dimookiraasii  FDG qabsiisuun sochii uummata Oromoo hunda bakka jiran hundaa hirmachise diina yaaddoo keessa buuse qabsiisuun wareegama qaalii kan daa’imman gannaa 7 hanga manguddoota ganna 80tti jiran hirmachiseen goototni ilmaan Oromoo wareegama qaalii godinoota dhiha Oromiyaa Naqamte fi Amboo, Bahaa Oromiyaa Baalee Madaa Walaabuu fi Haramayyaatti wareegama lubbuu ilmaan Oromoo Oromiyaa kabachiisuuf kennanii fi duulaa hidhaa,daraaraa reebbichaa toorcherii  fi barnoota irraa arii’achuu  barattoota Oromoo dhabbilee barnoota Olaanoo Yuuinibarsiitota Oromiyaa Jimmaa, Amboo, Wallaggaa, Mattuu,Bulee Horaa, Finfinnee, Adaamaa, Harammayyaa, Dirree Dawaa, Maddaa Walaabuu fi kkf irratti raawwatamee galmee seenaa uummata Oromoo keessatti yaadachuun,Guutuun Ibsa Kanaa:- Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ebla 14 2015

“Amma Dhagahii, Dhageeffadhu” Wallee Haaraa 2015 , Artist Ifaa Gammachuun

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, 13 April 2015

Aside

FDG Ebla 2015 Mooraa Waraanaatti Cehuun Waraana Ittisa Biyyaa Kaaba Itiyoophiyaa fi Leenjii Naannoo Affaar Awaashii ,Huursoo Keessatti Gaaffiin Mirgaa Babal’chaa Dhufe

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Ebla 13,2015

diddaa9Gaaffiin abbaa biyyummaa fi Oromummaa jabaachuudhaan kan itti fufe Waraana ittisa biyyaa kutaa Kaabaa fi baha  Ethiopia  qubusuma humna qileensaa, lafoo naannoo Shiree jiru fi Baha keessaa ammoo leenjii naannoo Affaar Awaashii fi Huursoo keessatti diddaan eegalee jiraachuu Qeerroon gabaase. Mootummaan Wayyaanee bittaa umrii isaa dheereffachuuf jecha biyyoottan ollaa dhaabbiilee falmattoota bilisummaa deeggaran jettu irratti waraana banuuf kan akeekkatte miseensota waraanaan fashalee jira.

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee waraana biyya Eertiraa irratti banuudhaan dhaabbiilee siyaasaa ABO fi G7 dadhabsiisuun dirqama jechuun murteessitus miseensotni waraana humna ittisa biyyaa Kaaba biyyattii irratti argaman nuyi biyya Eertiraa hin waraannu, Dantaa mootummaadhaaf jecha mirga dhala namaatti hin buunu jechuudhaan diddaa dhageessisanii jiran. Mootummaan Wayyaanees akeekni ishee galmaan gahuu dhabuu irraa hooggantoota waraanaa Kaaba biyyattii fi miseensota walii galatti gamaggamuuf murteessitee jirti. Armaan duras maqaa sakatta’insa daangaa irraa jedhuun miseensotni waraanaa akeeka Wayyaanee dura dhaabbachuun naannoo Humaraa keessatti diddaa hammaataan ka’ee ture.

Haalli kun walii galatti mootummaa Wayyaanee kan yaaddesse ministeera waraana ittisa biyyaa keessatti walgahiin halkanii fi guyyaa gaggeeffamuu irraan darbee hooggantootni jiran aangoo irraa bu’uu fi kaan aangootti akka bahan murteeffamee jira. Ilmaan Oromoo waraana wayyaanee keessatti argamtan diddaa jabeessuudhaan afaan qawwee diinatti akka galagalchitan Qeerroon waamicha dabarsa.

Aside

Qeerroo Edit

 

A Summary of Oromos Killed, Beaten and Detained by the TPLF Armed Forces during the April 2014 Oromo Protest Against The Addis Ababa (Finfinne) Master Plan

Compiled by: National Youth Movement for Freedom and Democracy (NYMFD) aka Qeerroo Bilisummaa

 

  1. List of Oromos killed and detained compiled July 05 2014 compiled by Qeerroo
  2. Full document in PDF (47 pages) Summary
  3. Galmee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Barattoota Oromoo Ebla fi Caamsaa 2014 FDG keessa hidhamanii ilaala Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Hagayya 27,2014

 

Oromo Voice Radio (OVR) broadcast, 11 April 2015

Aside