Oromo Voice Radio (OVR) broadcast, 2 May 2015

Aside

Godina Lixa Shaggar Aanaa Dandii Magaalaa Giincii Keessatti Mormii Sirna Gabroomfataa Wayyaanee (Itiyophiyaa) Jabaatee Itti Fufe. Yaadatnoon Gootota Ebla 2014 Wareegamaniis Taasifamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Lixa Shaggar,Caamsaa 3,2015

diddaa9Because I am OromoMootummaan wayyaanee mormii uummataa fi diddaa dargaggoota qeerroo barattoota Oromoo irra FDG itti qabsiifamaa jiruun muddama keessa seeneen ammas dargaggoota Oromoo mirga uummata Oromoo kabachiisuuf Onnatan irratti tarkaanfii gara jabinaa fudhachuu egalee jira. Yeroo amma kanatti, keessattuu Ebla 30/2015 irraa eegaluun yakki suukaneessaa barattoota dargaggoota Oromoo fi uummata Oromoo jiraattoota magaalaa Giincii irratti fudhatamaa jiraachuun ibsame jira. Dargaggootni barattootni Oromoos balleessa tokko malee hidhattis darbatama jiraachuun ibsame jira. Haaluma kanaan dargaggootni barattootni Oromoo hidhaatti darbamuun dabbasaa(Rifeensii) mataa isaanii humna poolisoota Federaalaa fi dabballootaan irraa haadamaa jiraachuun gabaafamera. Kanneen haala kanaan dararamaa jiran keessaas:

  1. Barataa Kumaa Tuujjoo m/b Giincii sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa
  2. Barataa Leellisaa Ifaa m/b Giincii sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina kan ta’aan barattootni Oromoo kun lamaan badii tokko malee humna poolisii Federaalaan ukkanfamuun wajjiraa Poolisii magaalaa Giinciitti darbamuun mataan isaanii kanneen irraa haadamee fi dararaaman yoo ta’u
  3. Addee Giddiittuu Kitaabaa dubartii gannaa 60 kan hojii dhunfaa isaanii hojjetanii Magaalaa Giincii keessa jiratan ilmi kee uummata nurratti kakasaa jira kanaan booda mucaa kee haaduudhaan qallaa, mana kees sirratti gubna  jechuun qabanii wajjiraa poolisii galchuun doorsisuun kan gadi gadhifaman
  4. Obboo Tukkummaa Daksiisaa jiraataa magaalaa giincii kan ta’ee uummata nurratti kakaasaa jirta jechuun hidhaman,
  5. Barataa Obsaa Abdiisaa m/b Giincii sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina irra humna poolisii federaalaan qabamee hidhatti kanneen darbaman keessatti kan argamu, dabalatee barattootni Oromoo fi uummatni magaalaa giincii humna Poolisii Federaalaa fi poolisoota ergamtuu wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n dararamaa jiraachuu maddee qeerroo Magaalaa Giincii irraa gabaasa jiru.

Yakka suukanneessaa Ummata Oromoo nagaa jiraattoota  Aanaa Dandii magaalaa Giincii  gaaffii mirgaa karaa nagaa fi dimookiraasii gaafachaa jiran irraatti dabballootni fi basaastootni wayyaanee ergama diinummaa butachuun uummata dararsiisa jiran:

  1. Taaddalaa Humneessaa dabbalee wayyaanee ergama adda fudhachuun barattoota Oromoo dararuuf kan bobba’ee fi nama barattoota Oromoo hidhamanii jiran irraa mataa gogaa haadaa jiruu fi yakka gara jabeenya ilmaan Oromoo irratti fudhachaa jiru.
  2. Mardaasaa Margaa itti gaafatamaa waajjira milishaa Aanaa Dandii maagaalaa Giincii, fi dabbaallee OPDO olaanaa Aaanicha.
  3. Mulgeetaa Dabbabaa, yeroo ammaa kana OPDO bakka bu’uun filannoo fakkeesii fi sobaa wayyaanee keessatti wayyaanee TPLF/EPRDF/OPDOf kan dorgomaa jiraniifi uummata hidhaa, reebichaan dararaa kan jiru.
  4. Handaarsaa kan jedhamuu dabballee mootummaa abbaa irree wayaanee beekamaa fi yeroo garaagaraatti uummata Oromoo dararaa kan ture,  ta’uun uummatni Oromoo Aanaa Dandii irratti dammaquun ergamtoota diina kana irraa of eeggachuun mormii guddaan akka dura dhaabbachuuf jiran dhaamsa dabarfatan.

 

Wallagga,Magaalaa Naqamtee Keessatti Guyyaa Har’aa Kana Irreessi Kabajamuu Eegale.

Aside

IMG_20150503_021619IMG_20150503_021439Caamsaa 3,2015 Ayyaanni irreessaa uummata Oromoo magaalaa Naqamtee fi barattoota Oromoo biratti bifa addaan kabajamaa jira.Barattooti Yuuniverstii Wallaggaa fi Qeerroon magaalaa Naqamtee jiraatan walleelee warraaqsaa fi dhadatnoon diiddaa mootummaa Wayyaanee irraa qaban dhageessisaa akka jiran Qeerroon gabaase.

Guutuun gabaasaa kanaa ni dhihaata.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Qophii Caamsaa 1, 2015

Aside

SBO Caamsaa 03 Bara 2015.

Aside

Oduu,Gabaasa Oduu sirna yaadannoo waggaa 1ffaa dhumaatii magaalaa Amboo fi sanaan walqabatee sochiilee jiran, dhimmuma kanaan walqabatee gaaffii fi deebii barattuu mana barumsaa sad.2ffaa Amboo Ayyaantuu Caalaa waliin gaaffii fi deebii geggeeffame akkasumas Qophiilee adda addaa…

Galmee Barattoota Oromoo Ebla 2014 Keessa Mootummaa Wayyaanee(Itiyoophiyaan) Ajjeefamanii fi Hidhamanii.

Aside

Gaaffii Mirgaa Ummatni Oromoo Kaaseef Deebiin Mootummaan Wayyaanee Keenne Gocha Suukkannee Dha!!
Oromo oromiaBaatii Ebla 2014 irraa kaasee uumanni Oromoo guutummaa Oromiyaa keessaa roga maraan gaaffi mirga abbaa biyyummaa fi kan nagaa
democracy gaafachuuf jecha hiriira karaa nagaa bahan,manneen barnootaa sadarkaa ol aanoo fi gadii akkasumas magaalaa fi baadiyaa
Oromiyaa keessatti Oromoonni kitiliin lakkaawam hiriira bahuun nagaan sagalee isaanii aduunyaatti dhageessifataa turan.Uummata
meesha maleeyyii bishii coqorsaa baatee nagaan hiriira bahee mirga isaa falmatuuf mootummaan gaafatama fudhatee deebii karaa nagaa
kennu dhibnaan Wayyaanee kan uumaticha anatu si bulchaa fi anatu nageenya keetiif gaafatama jedhu uumata nagaa irratti raasaasa
roobsuun Oromoota heddumminaan fixe,kaan hidhaatti guure,garii madeesse,kaan biyyaa baqate. Gochaan kun gochaa sukkanneessaa
ta’uu irra darbee uumata Oromoo qabsoo mira dhala namaa fi abbaa biyyummaaf godhu daran jabeessee akka itti fufu taasisee jira.
Sochiilee uumati Oromo nagaan bahee mirga isaa gaafatu kanaaf deebiin rasaasa Wayyaaneen Oromoota ajjeefaman,madaayanii fi
hidhaman seenaa isaanii waliin galmeessuun itti fufee jira.Hanga ammaatti Oromoonni 2600 ol mana hidhaa jiru,hedduun wareegamanii
jiru,gariin madaayanii jiru. Dhimma kana irratti Qeerroon Bilisummaa Oromoo galmee Oromoota kanaa maqaa fi seenaa isaanii guutuu
galmeessaa jira.Hamma ammaatti warra galmaayee gabatee itti aanu keessatti kaayaa warra hafan ammo yeroo gabaabaa keessatti akka
xumuru ibsa isaa kaan addeessa. Guutuu Galmee Kanaa:- 

Galmee Oromoota FDG Irratti Wareegamanii fi hidhamanii ykn madaawanii

List of Oromos killed and detained compiled July 05 2014 compiled by Qeerroo

Dachiin Oromiyaa Wallagga,Aanaa Giddaa Kiramuu Lafa Hangar Guttiin Jedhamu Bulchiinsa Naannoo Amaaraa Jala Galchuuf Mootummaan Federaalaa Qophii Xumurachuun Beekame.

Aside

Caamsaa 2,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamte.

Angar GuttiinBara bulchiinsa Dargii keessa bara 1969 ALA   mootummaan Dargii yerosii uummata Habashoota Kaabaa irraa sababaa beelaa fi qubsuma jedhuun lafa gabbataa fi bosona kan ta’e Wallaggaa, aanaa Giddaa Ayyaanaa lafa baldhaa Hangar Guttiin jedhamu bulchiisa Oromiyaa jalaa baasanii bulchiinsa naannoo Amaaraa jala galchuuf qophii xumurachuun mootummaa Wayyaanee keessa beektota aangawoota Wayyaanee dubbatan.

Akka keessa beektonni saaxilanitti dacheen Oromoo kun aanaa Giddaa Ayyanaa jalaa bahee Aanaa Hangar Guttin jedhamee moggaafamuun itti waamama mootummaa Amaaraaf akka ta’u kan murteesse mootummaa Feedareaala Itiyoophiyaa yeroo ta’u hala kana  uummati Oromoo kan falmu yoo ta’es mootummaan Wayyaanee akka humnaan dura dhabbachuuf deemu ammaan dhadachaa akka jiru keessa beektonni ibsaa jiru.

Haalli kun akkasitti kan itti fufu taanaan uummanni Oromoo baha Oromiyaa fi Kaaba Oromiyaa irraa akka qabeenyaa fi lafa isaa dhabaa deemu beekamaa waan ta’eef  uummati Oromoo waliigalatti gaaffii master pilaanitti dabalee FDG alaa fi keessaan qindeeffachuun dachii Oromiyaa falmachuun barbaachisaa ta’uu Qeerroon gabaasa.

Godina Wallagga Ona Haroo Limmuu Keessatti Warraaqsa Bilisummaa Ka’een Loltooti Wayyaanee Naannciha Qubatan,Oromoota 40 ol Hidhanii Jiru.

Aside

diddaa9Ebla 30,2015 Godina Wallagga Onaa Haroo Limmuutti fincillii diddaa garbummaa uummataan qabsiifame jabaatee itti fufe, poolisoota Wayyaanee fi uummata mootummaa Wayyaanee TPLF balaaleffachaa jiru gidduutti walitti bu’insa uumameen uummanni Oromoo Wayyaanee balaaleffachuun poolisoota Wayyaanee ergama diinummaa fudhatanii socho’aa jiranii fi uummata reebaa jiran dhagaan tumee of irraa ittisuun gaaffiin mirgaa gaafatamaa jiruuf hidhaan deebii ta’uu hin danda’u, gaaffiin uummata keenyaa bakka hundaa ka’aa jiruu nuuf deebi’uu qaba, lafa dimookiraasiin hin jirreetti nuti filannoo fakkeessii fi sobaa keessan hin barbaadnu jechuun uummanni mormii guddaa kaachisee jira.

Mootummaan Wayyaanee mormii kana irraa yaadda’uun humna waaraanaa dabalataa gaafachuun yeroo ammaa kana waraannii guddaan Onaa Haroo Limmuu qubsiifame jira, diddaan uummataa immoo ittumaa jabaachaa jira. Ergamtootni lukkeeleen Wayyaanee OPDO’n ergama diinummaa fudhachuun uummata nagaan mirga isaaf falmachaa jiruu irra waraannii Wayyaanee dabalataan akka ergamuuf gaafachuun uummata irra waraana qubsiisuun uummata basaasuu irratti kan xiyyeeffatan.:

1.Asafaaa Baqalaa bulchaa Onaa Haroo Limmuu,

2.Kaffalee Maammoo dhimmaa nageenyaa fi hogganaa milishaa Onaa,

3.Mokonnoon Raggaasaa ajajaa poolisa Onaa Haroo Limmuu uummata rakkisaa jiru,

  1. Namarraa Bulii itti gaafatamaa dhaabbata OPDO kan godina wallagga bahaa kanneen jedhaman uummata irratti waraana gaafachuun waraana uummata irra qubsiisa jiraachuun gabaafamera. Diddaa kanaan walqabatee uummanni Oromoo 40 olitti lakka’aman mana hidhaa waajjira poolisii Onaa Haroo Limmuutti darbatamanii jiraachuun gabaafame jira. Maqaa namoota hidhatti darbamanii adda baasuun
    kan isin qaqqabsiifnu ta’a.

Sagalee Simbirtuu Qophii Ebla 30,2015

Aside

Warraaqsa Bilisummaa Yuuniverstii Wallaggaa Keessatti Qabateen Aangawoonni Wayyaanee Barattoota Hidhanii Qorataa Jiraachuun Gabaafame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Naqamte,Ebla 30,2015

33Ebla 30,2015 FDG Yuunibarsiitii Wallaggaa keessatti ka’een wal qabatee barattooti Oromoo qoratamaa jiraachuu Qeerroon gabaase.

Yaadatnoo barattoota Oromoo warraaqsa Bilisummaa irratti Ebla 2015 dhufamiif jecha Qeerroon Yuuniversitii Wallaggaa yaadannoo taasisaniin wal qabatee kan baarage mootummaan Wayyaanee, warreen sochii warraaqsaa kana adda adurummaan qindeessitan jedhee yakka seeraan alaa yakke barattoota shan mooraa Yuuniverstii keessatti hidhee qorataa akka jira.

Haala kana keessatti Presedat Yuuniverstichaa Dr Eebbaa dabalatee kaabinootaa fi  Tikoonni Wayyaanee barattoota maqaan isaanii armaa gadii yeroo ammaa kanatti akka qorataa jiran Qeerroon gabaase.

  1. Murteessaa Kaasaa Dhugaa Barataa Hydraulics Waggaa 3 ffaa
  2. Keeraaji Mootummaa, Barataa constriction waggaa 3ffaa
  3. Gadaa Latii Dhaabaa, Barataa hydraulics Waggaa  5ffaa
  4. Oromiyaa Moosisaa, Barataa saayinsii ispoortii Waggaa 3ffaa
  5. Moyiibul Misgaanuu, Barataa veterinary laaboraatoorii  Waggaa 2ffaa
  6. Maatii yommuu Barataa fayyaa wagga 4ffaa

Kanneen ta’an akka ta’e gabaasi addeessa