Loltooti Wayyaanee Uummata Magaalaalee Gooluu fi Nagaa Dhorkachuu Itti Fufuun Sakkatta’aa fi Doorsisaan Uummata Dararaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa  Qeerroo Finfiinnee Caamsaa 8,2015
IMG_20150507_150925-1Wayyaaneen TPLF  bakka uummanni itti heddummatu bu’aa fi sodaa filannoo isaaf jecha uummata nagaa keessa poolisii tamsaasee nagaa booressuun magaala Finfinnee fi magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti yeroo ammaa kan jabaatee jiruudha. Gabaasota kutaalee magaalaa Finfinnee garagaraa irraa har’a Caamsaa 7,2015  Qeerroon gabasu namni gurmuudhaan yoo dhaabbate, bakka taa’umsaa fi walitti qabama uummata gidduu poolisoota seensisuun uummata bittimsuu kan eegale mootummaan Wayyaanee keessattuu kutaa magaalaa Kiiloo 6, Waddeessa(Piassa),Gullallee, Askoo, Makkanniisaa kutaaleen kunneen naannoo uummanni Oromoo itti heddummatus tahus sodaan mootummaa Wayyaanee yeroo ammaa uummata Oromoo fi keessattuu Qeerroo Oromoo irraa waan taheef humni waraanaa gurmuu gurmuudhaan, poolisoonni nama nagaa daandii irra deemu doorsisuu fi nagaa dhorkuudhaan hojii fardeessoo godhatanii ka’anii jiru.

Kanuma waliin Shaggar Kaabaa naannoo Sulultaa irratti duulli sakatta’iinsaa ganda ganda keessatti adeemsifamaa jira. uummanni qonnaan bulaa aanaa Sulultaa keessa jiraatu mootummaa waliin diina ta’ee jira,mootummaadhaaf hin ajajamu, halkan halkan barruun ABO maxxanfamee bulaa, daandiin halkan keessaa sa’aa 7:00-9:00 gidduutti mukeenii fi dhagaadhaan konkolaataan akka hin dabarreef cufama qaama kana hojjetu yeroo sakattaanee hordofnees bira gahuu hin dandeenye kan jedhamuun mootummaan caasaa aanaa Sulultaa irraa qabuun mirkaneeffataa dhufeen naannoo Caancoo fi magaala isaa keessa humni waraanaa kan buufatee fi magaalaan Sulultaas poolisii wayyaaneen kan sakatta’amaa oolte tahuu Qeerroon gabaase. IMG_20150507_150946-1

Odeessa Qeerroo magaalota Oromiyaa gurguddoo garagaraa irraa gabaasu sochii uummanni oromoo taasisuun, sochii barattootaa fi Qeerroon Bilisummaa gaaffii karaa nagaan itti fufee jiruun wal qabsiisuudhaan mootummaan wayyaanee poolisootaa fi humna ittisa biyyaa uummata keessa facaasee nagaa booressuu fi mana namaa fi galma garagaraa sakattaasisuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.

Gaaffiin Mirgaa Qeerroo Bilisumaa Jabaachuun Wallagga,Magaalaa Qassoo Keessatti Poolisootaa fi Uummata Jidduu Walitti Bu’iinsi Guddaan Uumame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Ona Yaamaa Hagaloo Caamsaa 7,2015

OromiaALutaContinua2011FDGWallagga ona Waamaa hagaloo magaalaa Qassoo keessa tti wallee warraaksaa dhageessiftan sababaa jedhuun loltooti Wayyaanee manneen nagadaa fi dhugaatii jeequmsa taasisaniin jiraattota magaalichaa irratti walitti bu’iinsa yeroo uuman,poolisoonni magaalichaa nama maqaan isaa sabboona Gammadaa Bultii jedhamu haala suukkanneessaan reebuun guddoo dhaanuun gaggabsan,  haala kanaan daraggooti magaalaa Poolisoota Wayyaaneetti dhagaa guuruu fi hamma harkaan walitti seenuutti walitti bu’iinsi uumameen jeequmsi guddaa ta’ee jira.

Yeroo ammaa kanatti poolisoonni Feederaalaa haala hattattamaan naannicha dhaqabuun dargaggoota Oromoo jumulaan hidhuu fi dararuu irraatti akka argaman Qeerroon gabaase.

Sa’aa ammaa kanatti Oromoonni magaalicha irraa qabamanii hidhaatti geefamanii jiran keessaa:-

  1. Shallamuu Fiqaaduu
  2. Misgaanuu Beekumaa
  3. Asaffaa Dabalaa
  4. Geetuu Darajjee
  5. Gammadaa Addunyaa
  6. Qajeelaa Wayyeessa
  7. Galataa Tamasgeen
  8. Misgaanuu Taammiruu
  9. Asfaaw Mootii
  10. Nagaasaa Beekumaa yoo ta’an

Barataan Qannoo Fiqaaduu fi dargaggoonni hedduun jalaa miliqanii akka jiran Qeerroon gabaasa.

Kana malees yeroo ammaa kana magaalaan Qassoo ibsaa fi networkii tajaajila bilbilaa malee akka jirtu beekamee jira.

“Robalee” Wallee Aadaa/ Artist Hirphaa Gaanfuree

Aside

Godina Lixa Shaggar Aanaa Jalduu Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Aside

diddaa9Caamsaa 7/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Jalduu Keessatti goototni Qeerroon  barattootni Oromoo mootummaa abbaa irree Wayyaanee fallaa dimookiraasii dhaabbatee sobee maqaa filannoo dimookiraatawaan dhaadatu irratti FDG jabeessan.

Goototni Qeerroon barattootni Oromoo mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Cobii kutaa 9ffaa fi 10ffaa fi sadarkaa 2ffaa fi Qophi’inaa Jalduu guyyaa kaleessa xalayaa Iyyannoo mirgi hiriira nagaa gochuu nuuf haa  eeyyamamuu jechuun xalaayaa iyyannoo isaanii bulchiinsa Magaalaa Jalduu karaa nagaa fi dimookiraasii ta’een gaafatan.   Ergamtootni Mootummaa Wayyaanee bulchiinsii Magaalaa Jalduu fi wajjirrii barnoota aanaa Jalduu gaaffii keessaniif deebii isiniif hin kenninu mana barumsaa isin irratti cufna jechuun humna poolisii federaalaa, fi poolisii naannoo qabachuun barattoota Oromoo dura dhaabbatan.

Mootummaan abbaa irree wayyaanee yeroo kanatti uummataan nu filadhaa jechuun yeroo uummata dirqamaan mallatteesisaa jiru kanatti qeerroon bilisummaa Oromoo dimookiraasiin hin jiruu uummaata dirqamaan mallatteesisuun abbaa irrummaa wayyaanee ifatti kan saaxiludha jechuun FDG wayyaanee irratti  jaabachuun  akka itti fufu dhaamuun, wayyaanee abbaa irree qawweetti amanuu malee dimookiraasitti amanuu hin beekne irratti FDG sochoosa jiru. Uummata qofaa utuu hin ta’iin dabballootni kitilayyoonni wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n barattoota Oromootiin akka nu filattaniif nuuf mallatteessa jechuun qaanii tokko malee barattoota Oromoo manneen barnoota sadarkaa 2ffaa, sadarkaaffaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Jalduu gaafachuun kan gootota barattoota Oromoo dheekamsiiseen FDG akka wayyaanee irratti qabsiisuu fi akeeka faashistummaa kana dura dhaabbataniif kan isaan dirqe ta’uu qeerroon bilisummaa Oromoo Aanaa Jalduu Magaalaa Shukutee irraa gabaasaa jira. Guyyaa har’aa kana Sochiin Anaa Jalduu Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Jalduu, M/B sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa fi 10ffaa Cobii , fi manneen barnoota sadarkaa 1ffaa Jalduu keessatti  sirni baruu fi barsiisuu ugurameera.  Mootummaan wayyaanee mootummaa uummata Oromoo ajjeesaa, hidhaa, qe’eef qabeenyaa irra buqqisaa jiruudha malee mootummaa dimookiraasiitti amanu miti waan ta’eef gaaffii barattoota Oromoo karaa nagaa dhiyaachaa jiruuf  deebii mana barumsaa isin irratti cufna, qormaata biyyooleessa qoramuu hin dandeessan jechuun deebii kennuun walqabatee Aanaan Jalduu fi magaalaan Shukutee raafama guddaa keessa seente jirti. Humni waraanaa fi poolisiin Federaalaas humna ol gara Jalduutti guurama jira. Gabaasaan kun itti fufa…

“Ilmaan Keessan Akka Mootummaa Irratti Akka Hin Fincilleef Mallatteessa” Jechuun Mootummaan Wayyaanee Uummata Oromoo Dirqaa Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 7,2015 

db4234bfHiikkaan siyaasaa “ Filaannoo “ jedhu dabee  Mootummaa Wayyaneef umurii bittaa isaa kan ittiin dheereffatu mala jireenyaa ta’ee jira, Ammoo Uummata Oromoo garuu yaaddoo bara gabrummaa biraan itti dheeratu ta’uu irraa mankaaraara guddaatu kanaan qabee isa eeggata.

Haalli kun daran yaaddessaa ta’uu irraan uummanni Oromoo FDG waan ajbeessaa jiruuf gartuun dabballoota OPDO/TPLF  takka takka gandoota Oromiyaa keessaa  irraatti uummata  walitti qabuun Ijjoollee keessaan dhowwaadhaa ! humna mootummaa ol ta’anii waan jiraniif abbootiin ijoollee akka dargaggoonni keessan mootummaa irratti hin kaaneef mallatteessaa  jechuun ummaata irraan darara ammana hin jedhamne gaha Jiru.akka fkn Kibba Lixa Shaggar Gandoota aanaa Iluu fi Dawoo keessatti haalli kun daraan mullachaa dhufera.

Gandoota aanaa Iluu kan akka Bilii,kulee Gafarsaa, magaala Tajii, Asgorii fi kan biroo keessatti uummata sodaa irraan kan ka’ee itti duula jiran akkasuma Gandoota aanaa Daawoo kan akka Qarsaa Gaallutee, Qancaraa Aliitoo, Garbii kallachoo, Ulmaa Buusaa, Daawoo Dirree, magaala Buusaa fi kan bira keessatti Uummata goolaa fi Doorsisaa jiran.

Daraggoonni Oromoo ykn Qeerroon haala kana hubate filmaata sobaa Wayyaanee irratti hirmaachuu dhiisuuf qophiitti akka jiran dhaammatu.

Jala Bultiin Yaadatnoon Barattoota Oromoo Ebla 2014 Keessa Wareegamanii Qeerroo Magaalaa Naqamtee fi Yuniversitti Wallaggaan Kabajamuu Eegale.

Aside

Raadiyoo Sagalee Oromoo Qophii Caamsaa 6,2015

Aside

Wallagga Qellem Aanaa Jimma Horroo Keessaa Uummanni 50 Ol Tahu Yakka Tokko Malee Mana Hidhaatti Guurame,FDGs Itti Fufee Jira!‏

Aside

Caamsaa 6,2015 Gabaasa Qeerroo Qeellam Wallaggaa
W2Because I am OromoOromiya keessa FDG qabsiifamaa jiruu yeroo ammaa mootumma Wayyaanee muddeen, godinaalee garagaraa keessaa fi manneen barnootaa Yuuniversitiilee fi koollejjiwwan naannootti humni waraanaa fi poolisiin bufatee jira, kun Oromiyaa Wallagga, Jimmaa fi baha Oromiyaa irratti kan mul’achaa jiruudha, Qellem Jimmaa Horroo irratti uummata nagaa qonnaan bulaa fi barattoota mootummaa Wayyaanee dura dhaabbatan kan jedhuun Caamsaa 5,2015  irraa kaasee Oromoonni mana hidhaatti funaanamaa jiru.

Humni waraana mootummaa Wayyaanee fi poolisiin naannoo uummata naannichaa keessatti galee sodaa jiruuf jireenya eegalee achuma keessa uummata waliin jiraachuu kan eegale bultii hedduu fixeera. Mootummaan Wayyaanee humni WBO Qellem aanaalee garagaraa keessatti uummata waliin jiraata kan jedhuun humna isaa hanga gandaatti qubachiisee jira,kana irraas kan hubatamu sodaa mootummaan Wayyaanee qabuudha, kanumaan sabboontota Oromoo FDG uummata waliin qabsiisu jedhamuun yakka tokko kan irratti hin mul’anne namoota nagaa 50 ol tahan Aanaa Jimmaa Horroo keessaa qabee mana hidhaatti guure namoota muraasa maqaan isaanii Qeerroon gabaase akka armaan gadiiti.

1. Shuumataa Danuu-Qonnaan Bulaa
2. Abdiisaa Indaaluu-Ogeessa Fayyaa
3. Masarallaa Dinbaashaa-Hojjetaa Mootummaa
4. Charinat Tamasgeen-Daldalaa
5. Geetuu Tamasgeen-Daldalaa
6. Tigistuu Tamasgeen Daldalaa……………………………….. namootni kun sadan obboloota.
7. Caalii Ganjoosaa-Barataa
8. Kariim Abdulkariim-Qonnaan Bulaa
9. Effawuu Abdulkarim-Qonnan Bulaa
10. Taaddalee Tasfaa-Qonnaan Bulaa
11. Nabiyyuu Tashoomee-Qonnaan Bulaa
12. Wangeeluu Bajoosaa-Barataa
13. Mallasaa Alamuu-Qonnaan Bulaa-Abbaa Maatiiti
14. Geetuu Tasfaayee-Barataa
15. Solomoon Gurichoo-Konkolaachisaa
16. Lataa Wiirtuu-Daldalaa-deggeraa fi miseensa WBO jechudhaan akkasuma mana isaa keessa meeshaa lolaatu argame jechuudhaan tika mootummaan qabame,
17. Bulchaa Qalbeessaa-Konkolaachisaa
18. Abdii Aseffaa-Barataa
19. Saamsoon Solomoon-Barataa
20. Phaawoloos Atoomsaa-Hojjetaa Mootummaa-kanaan dura irra deddebiidhaan uummata ijaarte, miseensa ABOti jedhanii hiraarsaa turan,
21. Gammachuu Bantii-Barataa
22. Ishete Zakkaariyaas-Barataa
23. Naggaa Balaachoo-Barataa
24. Dirribaa Oljirra-Qonnaan Bulaa
25. Fedhesaa Bashanaa-Qonnaan Bulaa
26. Yoohannis Qixxeessaa-Qonnaan Bulaa
27. Yaadasaa Danuu-Hojjetaa Mootummaa-kanaan duras mana hidhaa Wayyaaneetti hiraarfamaa ture,
28. Abdulkarim Jamal-mana jireenya isaa keessa sakatta’uudhaan meeshaa about argame, jechuudhaan qabame.
wayyaaneeNamoota hafan gabaasa Qeerroo aanaa Jimmaa Horroo irraa argannuun kan walitti deebinu ta’a. Uummannis daandi gubbaatti bahee hidhamtootni keenya gadhiifamuu qabuun falma gaggeessaa jira, mana hidhaa namootni kun muraasni keessatti argaman waajjira poolisii aanichaatti nyaata namootaaf akka hin geessine humni waraanaa Wayyaanee dura dhaabbate jaallan kun hundi hidhamuu qofa osoo hin taanee miidhaa qoonqootiin saaxilamaa jiru,Qeerroon Oromiyaa bakka hundaa nuuf birmadhaa diina uummata Oromoo hidhuuf duulaa jiru dura dhaabbannaan dhaamsa Qeerroo Qellem irraa darbuudha.

Mootummaan Wayyaanee Dhorkuu Yaalus Irreechi Tulluu Shanee Adaamaa Keessatti Sirna Ho’aa Kabajame.

Aside

Irreecha AdaamaaCaamsaa 6,2015 Adaamaa

Irreechi Tulluu Shanee adaamaa qaama mootummaatin dhoorgamuu yaalamus haala gaariin gaggeeffameera mootummaan abbaa irree irreechi Tulluu akka him bahamne jedhee sodaachisaa tire human isaatii ol taanaan baasastota isaa garage ayyaanichaatti bobbaasuun yaalii maqa balleessii amanttii Waaqeffannaa taasisus hin milkoofne.waaqeffattoonni iddoo garagaraa jiranis ayyanicharratti argamuun sirnicha dabarsaniiru milkiidhan roobaan galanii kadhatanii argataniiru,

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo,Caamsaa 6, 2015

Aside