Naannoo Beneshangul Gumuz, Godina Asoosaa, Aanaa Mangee Jiraattoota Ganda Salam Fi Bulchitooti Walitti Bu’uu Irraan Diddaan Uummataa Hammaataa Deeme.

Aside

Hagayya 17,2015 Asoosaa
Mootummaan abbaa irree wayyaaneen nun bulchitu jechuudhaan Naannoo Beneshangul Gumuz, Godina Asoosaa, aanaa Mangee jiraattoota Ganda
Salam keessatti diddaan kun kan dhoye hagayya bultii 12 bara 2015 bulchitoota gandaa fi milishoota kannen uummaticha hiraarsan irratti tarkaanfin uummataan  fudhatameen milishootni Wayyaanee kan ajaja fudhatan galmaan gahan.Uummanni naannoo fi milishoonni Wayyaanee kan walitti bu’aniif sababaan lafa qonnaan bulaa fi gandoota bosonaan marfamanii jiran irraa uummati akka buqa’anii fi abbootii qabeenyaaf dhalootaan alagaa ta’aniif akka kannemu ajaja mootummaan dabarse irraa ta’uu gabaasi nu gahe addeessa.Walumaa gala naannoo godina Beneshaalgul keessatti bulchitootii fi uummati walii galuu dadhabuun bakkoota adda addaa keessatti jeeqamsi hammaachaa dhufuu irraan sirni Wayyaanee yaadoo keessa gala jira.

Oromo TV:Artist. Adam Harun (Exclusive Interview ) part one

Aside

Naannoo Kibbaa Godina Gamuu Gofaa magaala Arbaaminci, aanaa Buradaa fi Dotaree Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Arbaaminc Hagayya 16,2015
Fincila-Diddaa-GabrummaaNaannoo aanaa fi magaala Arbaaminci, aanaa Buradaa fi Dotaree keessa jiraatan uummanni hunduu walitti dhufuudhan qaamni mootummaa gabroonfa Wayyaanee ammaa kaasee naannoo kana hin bulchin jedhan. Maddi gabaasaa caasaa godina Gamuu Gofaa irraa Hagayya 15/2015 gabaasuun, Uummanni mootummaa Wayyaanee balaaleffachuun,sirni mootummaa wayyaanee itti hin fufin jechuudhaan yerooma dhiyoo asitti fincilli kan eegale haala wal irraa hin cinneen kan itti fufee jiruu fi torbee kana keessattis uummanni naannowan kanneen keessa jiraatan sirna mootummaa abbaa irree wayyaanee balleessuuf qaamotaa fi deggertoota isaa of keessaa baasuu fi bulchiinsa akka itti hin fufne murtoo godhachuu qabna jechuun Hagayya 14 fi 15 waraqaaleen garagaraa afaan adda addaan dargaggootaa magaalota Arbaaminci, Burudaa, Dotaree fi kkf keessa jiraatan barreessuun bittimsuu fi uummannis kana deggeruun dhaga’ame.
Qaamni mootummaa wayyaanee naannoo kana bulchu ammaa kaasee dhaabuu qaba jechuun dhaadannoos yeroodhaa yerootti barruu fi sagaleedhaan agarsisaa akka jiran kan gabaafamaa jiruudha. Haalli kunis kan jabeeffamee jiruudha.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruu Magaalaa Komboshaatti,uummanni Oromoo Walga’ii Wayyaaneen Ololoota Siyaasaaf Godhu Irratti Hirmachuu Waan Dideef Reebichaa fi Hidhaan Dararamaa Jira.‏

Aside

Hagayyaa 16,2015,Kombolcha

diddaa9Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruu Magaalaa Komboshaatti,uummanni Oromoo mootummaa Wayyaanee ergamtooti sirnichaa OPDOtti hin bulluu jechuun murtii walga’ii Wayyaanee kallatti kamiin iyyuu gootu irratti hirmachuu waan Dideef Reebichaa fi hidhaan Dararamaa Jira.
Mootummaa Wayyaanee ergama diinummaa fudhachuun uummata dirqisiisanii bituuf human waraana Poolisii Federaalaa fi kora bittinneessa kanneen jedhaman uummata irratti bobbaasuun galgala sa’aa 12:00 booda nama karaa irratti argan hunda gaaffii tokko malee reebuu fi hidhuun gidirsaa jiru. Hojjettootni fi dafqaan bultoota galgala
nyaata bitanii nyaatanillee otoo hin hambisiin hunda walitti qabanii rukuttaa uleen miidhaa jiru. Haalli kun utuu hin jaalatiin Uummata hunda gara FDGtti seensisaa jira.

Uummatni mootummaan Wayyaanee fedhii keenya malee waggaa 25 guutuu dirqamaan afaan qawwee fi humna waraanaan dirqisiisee bnu bitaa turuutti hedduu gaddina, kanaan booda wareegama kamuu yoo ta’ee ni baasna malee mootummaa wayyaaneef dirqamaan iyyuu hin jilbeeffannuu jechuun murtii isaa jabeesse jira.
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee kan uummata nurratti kakaasaa jiruu fi uummata nurratti ijaaree jiruu Qeerroo dargaggoota barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota ol-aanoo irraa deebi’anitu nu goola jiru jechuun hordoffii addaa barattoota Oromoo irratti gaggeessa jiraachuun saaxilamera. Haala kanaan Walqabatee namootni Hedduun Aanaa Guduruu irraa qabamanii hidhamuu madden Qeerroo Bilisummaa Oromoo magaalaa Konbolchaa irraa gabaasan.

Addattuu bulchaa Aanichaa kan ta’e Namni Biqilaa Fiixaa kan jedhamu ergama gooftolii isaa ifatti ummata duratti bahuun humnaan akka ummata bulchaa jiran ” ibsuun kan karaa nu dhiphise barattoota waan ta’eef ,humna nagaa eegsisuun guyya lamaaf itti gadhiifnee karaa bali’fanna” jechuun abbaa irrummaa isaanii sodaa tokko malee ifatti
beeksisaniiru.
Hagayyaa15,2015 jiraataa magaalaa komboshaa kan ta’e Dargaggoo Kadir Muusaa Umar gaaffii fi badii tokko malee bakka jireenya isaa deemuun reebichaa fi dararama irra geessisuun gara mana hidhaa geessanii achittis reebicha hamaa irra geessisaa jiru.walumaa galatti namootni ammaaf mana hidhaa Wajjira Poolisii magaalaa kombolchaa jiran 10 ol ta’anis sababa gaaffii dhorkamaniif eenyummaa fi maqaan
isaanii adda hin baafamne.

Artists Hanisha Solomon & Hailu Kitaba to Headline the Post-Games Concert at the Annual Oromo Sports Day in England (August 29, 2015)

Aside

EnglandOromoSportsDay2015

Jaal Roraas Abbaa Goobaa | Kora ABO 2015

Aside

IJOO DUBBII ABO: Qabsoon Bilisummaa Hojiin Malee Ololaan Bakka Hin Gahu.

Aside

(Ijoo Dubbii ABO)

aboJaarmayoota siyaasaa, sabboontotaa fi kanneen mirga namoomaaf falman marti mootummaa empaayera Itophiyaa irratti of aangomsee jiru irraa hammeenya suukanneessaa gosa adda addaa raawwatamaa turee fi jiru irraa  karaa itti mirgi ummatootaa kabajamee nagaa waaraa fi bilisummaan mirkaneeffamu, ummatootni dhumiinsa, hidhaa, baqaa fi beela irraa baraaraman faluu irratti xiyyeeffatuun qabsaawaa turan. Hanga qabsoon godhan milkaa’uttis qabsoo itti fufanii jiran.

Haalli siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa empaayera Itophiyaa yeroo ammaa wayyoomina agarsiisuu irra kan duraanii caalaatti hammaataa arreedaa akka jirus ifatti mul’ata.  Addatti ammoo filannoo kijibaa wayyaanee marroo 5ffaa Waxabajjii 2015 adeemsifameen, dhibbaa dhibbatti mo’atuu isaa qaaniin alatti eerga labsateen asitti ummaatootni empaayera kanaa fedhii fi filannoo isaaniin alatti akka murna bicuu jalatti Ameen jedhanii bulaniif dirqisiifamaa jiran.

Gochaaleen diinummaa fi farrummaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiran ammoo hunda irra ulfaataa fi bal’aa tahuu irraa goleelee Oromiyaa hunda waliin gahaa jiran. Ummata Oromoo diineffatuun sababa nuhi hin deggertan jedhuun, qe’ee isaa irraa buqqaasuun, hojii irraa gugsuun, hidhuu fi bakka gariitti ammoo ajjeesuun gochaalee diinummaa guyyuu lammii Oromoo irratti raawwatamaa jiranii dha. Gochaa diinummaa kana Oromoo irraa ittisuuf, dabrees kaasuuf, ABOn hojii hangafa godhatee kan irratti hojjataa ture tahullee ammaan tana tarkaanfii gara garaa bakka adda addaatti fudhataa jiruun abdii ummata Oromoo tahuu caalaatti mirkaneessaa jira.Ijoo Dubbii ABO Hagayya 2015

SBO Hagayya 16,2015. Oduu, Murtii fi Kutannoolee Kora Miseensota ABO Kaaba Amerikaa 2015, Dhimmuma Kanaan Walqabatee Gabaasa Addaa, Gaaffii fi Deebii Jaal.Odaa Xasee Kutaa Xumuraa fi Qophiilee biroo…

Aside

ቄሮ :የኦሮሞ:ወጣቶች:ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ:የሳምንቱ: ዜና:: (SQ)August 14, 2015

Aside

Abdii Boruu:- ABO -> AWO -> Jijjiirama -> ADO -> KWO -> ??? fi THBO … Qabsaa’otni fi jaarmayootni Oromoo eessaa ka’anii eessa jiru? Garamitt (karamitti) deemaas jiru?

Aside

Abdii Boruutiin*

timthumbOtuu gara dhimma mata-duree kanaatti hin seenin dura, warra maqoota jaarmayaaota Oromoo kana hin beekneef ykn hirraanfataniif ibsi isaanii akka armaan gadii ti:

ABO = Adda Bilisummaa Oromoo
AWO = Adda Walabummaa Oromiyaa
Jijjiirama = warra maqaa ABOtiin bara 2008 mooraa kana keessatti jijjiirama fidna jedhanii garee biraa uuman
ADO = Adda Diimookraatawa Oromoo
KWO = Kallacha Walabummaa Oromiyaa (kan dhiyoo kana maqaa jijjiirrate)
THBO = Tokkummaa Hmnoota Bilisummaa Oromiyaa (kan ULFO dhaan beekamu)
??? = Yaa Waaqayyo/Rabbi maal nu dhageessisuuf jirta?

Waayee jaarmayoota keenyaa, gadifageenyaan beekuu baadhullee, akkan hubadhutti kan THBO irraa hafan hundi isaaniituu warra qaama ABO turanii dha. Jaaramyootni miseensota THBO tokko tokkollee akkasuma warruma duraan qaama ABO turan natti fakkaatu.

Gaafii mata-duree irratti dhiyaateef guutumaa guutuutti deebii kennuun rakkisaa dha. Maaliif yoo jedhame, jaarmayootni kun eessaa akka ka’antu beekamuu danda’a ta’a malee garamitti akka deemamu ykn waan boru uumamu beekuun baay’ee rakkisaa waan ta’uufi. Karaa biraatiin yoo ilaalame ammoo, jaarmayootni kun yeroo ammaa haala akkamii keessa akka jiranis sirriitti beekuunis nama dhiba. Waanan kana jedheef boodarra barreeffama kana keessatti ibsuun yaala. Gaafiin sana dura ka’uu qabu garuu, “Jaarmayoota ykn gareelee kana akkanatti heddoomsuun ykn jijjiiruun tooftaa fi tarsiimoo qabsoo kanaatiif jedhameeti moo kaayyoo iccitiin isaa hin beekamnetu mooraa QBO keessa jiraa laata?” kan jedhu ta’a. Gaafii kana akkuma jirutti uummata Oromootiif dhiisee; garuu waan dhiibboo natti ta’e tokkon kaasuu fedha.

Durumaa jalqabee rakkooleen adda addaa mooraa ABO keessa turanillee, wanti bara 2008 booda mooraa keenya keessatti ta’e fi ta’aas jiru waan nama ajaa’ibuu dha. Jijjiiramni yeroo sana labsame, kan bu’aa fidu ta’uun isaa hafee siriidhaa diraamaa dhuma hin qabne akka uume fi diraamaan kun ammallee akka ittifufaa jiru hubachuun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu. Bara 2008, yeroo gargar hiramuun uumame sana, sababni guddaan jijjiiramni labsameef mooraa ABO keessatti jijjiirama bu’uraa fiduu fi ABO haaromsuu jedhamee ture. Hogganummaa ABO keessa rakkoon akka turellee irra deddeebi’amee ibsamaa ture. Jijjiiramni labsame fi ibsame sun dhugumatti bu’aa tokko argamsiisuu danda’a jedhamee waan eegameef, qalbii uummata Oromoo waan hawwate natti fakkaata. Haa ta’u malee, jijjiiramni sun bu’aa fiduun isaa hafee waan nama gaddisiisan baay’eetu mul’atan. Guutuu barru argachuuf http://www.Gadaa.com  irra argattu.