Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo Hagayya 27,2015

Aside

Loltooti Feederaala Wayyaanee Magaalaa Naqamtee Keessatti Uummata Oromoo Reebuu fi Ajjeessuu Eegaleen Jiraattota Nagaa Dhorke.

Aside

Hagayya 27,2015 Naqamte IMG_20150827_092713

Mootummaan Wayyaanee ta’e jedhee uummata Oromoo fi saboota cunqurfamuu waggoota hedduuf akka daguuguu jiru beekamaadha

Halkan edaa Hagayya 27,2015 magaalaa Naqamtee kutaa boordii-bunaa Hoteela Mulaatuu Dibaabaa maqaa baar Ukkee jedhamuun beekamu keessatti loltooti Federaalaa Ethiopia  imaltootaafi keessummoota hoteelichaatti isin Oromoonni hundi keessi keessan ABO dha mootummaaf tole jettanii hin bultan,Oromoon biyya hin qabuu fi jechoota adda addaan dubbii kaasaniin jeequmsa uumanii hawaasa Oromoo nagaa wayita reebuutti ka’anitti dargaggoon shufeera ykn konkolaachisaa ta’e Faasil namni jedhamu namoota miidhamaa jiran ilaalee gara laafinaan maaloo lammii Oromoon maaluma isin godhani adaraa hin ajjeesinaa waan jedheef qofa poolisooti federaalaa Ethiopia  rasaasaan nama kana rukutanii lafa buusanii deemaan konkolaachisaan Faasil jaalala uummataa haalaan nama qabu waan ta’eef konkolaataa hedduun hanga finfinneetti imaluun reeffasaa fidanii guyyaa boruu naqamtetti kan awwaalamu yeroo ta’uu Konkolaachisaa Faasil biyyoon itti yaasalphattu roorroon akka nurraa kaatu gamtaan yaafalmannu jenna.

Raadiyoo Sagalee Oromoo Qophii Hagayya 26 fi Simbirtuu Hagayya 27,2015

Aside

Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay Abbaay Tshaayee Dabalatee Namoota 7 Gaggeesse.Muktaar Kadir Ammoo Dura Taa’aa Dh.D.U.O Ta’uun Filatame

Aside

tplf-eprdf-politburo-member-abay-tsehaye-dozing-during-meetingHagayya 26,015Addi Bilisa Baasaa Ummta Tigraay obbo Abbay Tsaayee dabakate namoota 7 miseesumma koree jiddu galeessaa keessaa kabajaan gaggeesseera.

Akkaatuma kanaan:-

1.O bbo Abbaay Tshaayee

2.Obbo Teewoodiroos Hagoos

3.Obbo Abbaadii Zammuu

4.obbo Tsagaayee Barihee

5.Adde Roomaan Gabrasilaasee

6.Obbo Tawalda Barheefii

7 Obbo Taklawayin Asaffaa miseensummaa koree jiddu galeessa keessaa kabajaan gaggeeffamaniiru.

Addichi murtee kana kan dabarse oolmaasaa guyyaa shanaffaatiin akka ta’e beekameera.

Addichi yeroo eegalutti, miseensota koree gidduu duraan gaggeeffaman 17 deebisuun akka filanii fi filaman aangomsee jira.

Yaa’ichi  filannoo miseensoota koree jiddu galeessaa adeemsisuun xumurama jedhamee eegamaa jira.

Sochiin Demookraasummaa Saba Amaaraas obbo Addisuu Laggasafi obbo Yooseef Rattaa miseensummaa koree jiddu galeessaa keessaa kabajaan gaggeessuun isaa kan yaadatamu.

Gama biraan ammoo   Yaa’iin OPDO-DhDUO Adaamaatti gaggeeffamaa ture, dura taa’aafi dura teessuu ittaantuu dhaabbatichaa filachuun har’a xumurame.

Obbo Muktaar Kadir dura ta
Ob Muktaar Kadir

Gabaasaan keenya Adaamaa irraa akka beeksisetti, yaa’ichi obbo Muktaar Kadir dura taa’aa dhaabbatichaa gochuun yeroo lammataaf filatee jira;  Addee Asteer Maammoo immoo dura teessuu ittaantuu dhaabatichaa gochuun filateera.

Yaa’ichi miseesoota koree hojii raawwachiiftuu lakkoofsaan 81 ga’anis filateera.

Isaan keessaa immoo miseesnoota koree jiddu galeessaa 15  eeramanii ture.

 

More visit  www. Oromedia.net

Hanqina Roobaa Godina Harargee Bahaa fi Shaggar Bahaa Keessatti Uumameef Mootummaan Wayyaanee Ilaalcha Keenuu Dhabuu Irraan Uummati Gara Malee Miidhamuu Qeerroon Gabaase

Aside

deaths-of-cattle-ethiopiaHagayya 26,2015 Finfinnee ,Godina Harargee bahatti hanqina roobaan wayita ammaa kana haala yaaddessaa fi sodaachisaa keessa uummata buusee jira. Baatiwa darban Waxabajjii irraa kaasuudhaan shakkiin bokkaa baduun wal qabatee uummanni yaada kaasee dhiyeessa kan ture keessatti roobni hanqinni yoo mul’ate horii keenyaaf waan soora ittiin dhiyeessinu hin qabnu haalli jiru ammoo roobni akka hin jirreef nama akeeka jechuudhaan haasaa taasisanii mootummaa Wayyaaneetitti yaada dhiyeessa bubbulan. Garuu kan isaan jedhan hin hafne mootummaanis hanga ammaa furmaata tokko dhimma kana ilaaluun deebiseef hin jiru.

Yeroo ammmaa Oromiyaa keessa dhabamuu roobaatiin gogiinsi iddoo hedduutti itti fufeetu jira. Akka walii galaatti naannoo Harargeetti horiin dhumtee uummanni haala yaaddeessaa fi beela guddaa keessa jira. Akka biyyattiiitti bokkaan naannoo garagaraattuu kan hin jirree fi sadarkaa olaanatti miidhaa guddaan kan irra gahaa jiru Harargee fi naannoo Shaggar bahaa tahuun raga qabatamaatu jira.
1. Shaggar bahaa keessatti beeladi hedduun beelaan dhumaa jiru. Beelli guddaanis uummata irra buufatee jira. Rakkoon kun osoo mul’atuu mootummaan Wayyaanee dabalataanis kunoo oromoo akkamiin miidhu, akkamittan qabeenyaa Oromoo fi oromiyaa dhuunfachuu amuummachuu jabeeffataa jira.
Kun akka biyyaatti haala sodaachisaa kessatti nama gata. Bokkaan as dhiyootti yoo hin roobu tahe beelli jabaanis uummata irra gahu keessatti namni sadarkaa wal nyaachuutti deema kan jedhan naannole garagaraatti sodaa fi yaaddoo kanatu olka’ee dubbatamaa jira.
2. Naannoo Harargeetti akkuma olitti xuqnes kan nama gaddisiisuu daa’imnillee waan dhugan dhabuu irraan sadarkaa du’aa irra jiru. Horiiwwan waan nyaatan dhabaniiru. Yeroo darbee baatiwwa dhuma caamsaa fi jalqaba waxabajjii keecha bokkaan bakka yeroo lama sadiif roobetti uummanni midhaan facaase. Ergasii yeroo xiqqaaf bokkaan waan hin roobin jiruuf midhaan faca’es deebi’e goge. Kun rakkoo mootummaan dursa itti qophaawuun afforestation babaldhisuu dhabuu fi haqinoota adda addaa irraa dhufu akkasumas uumaman dhufu tahullee mootummaan hanga mootummaa tahe biyya bulchutti rakkina hamaa uummata irra gahaa jiru kanaaf deggersa taasisa jedhamee kan eegamu irra balaadhaaf uummata oromoo saaxiluufillee karoorsuu hin dhaabu.
Waanti nama dhibuu fi raaju mootummaan wayyaanee roobni baduu fi uummanni waan nyaatu dhabuu kana osoo arguu gatiin xaa’oo fi sanyii filatamaa isin irraa eegama jechuunis doorsisuu hin dhaabne jedhan. Irra caalmaatti Shaggar bahaa naannoo Fantalleetti,Adaamii Tulluu, Dugda Bora, Boosetti fi Adaamatti gaaffiin kun uummatatti dhiyaataa jira. Gatiin sanyii filatamaa fi xaa’oo yeroodhaan kaffalamuu qaba kan
jedhan garuu midhaan faca’ee sababii roobni bokkaa dhaabbateef karaatti hafe goguu irratti kan argamu kun mootummaa wayyaanee gaddisiisuu dhaburrayyuu gatiiwwan kanneen gaafata jira.
3. Hanqinni roobaa fi gogiinsi dhufe irra guddeessi oromiyaa keessa bahaa fi naannoo Shaggar bahaa tahullee naannoo Amaaraa keessattis kan mudatee jiru kaaba goojjam keessattis haaluma kana fakkaatuun uummanni kaan gara biyya sudaanii fi Eritrea kana baqaaf seenaa akka jiruu fi ouun guddaadhaan odeeffamaa jiru ammoo namni wal nyaachuuf deema yoo rakkoon dhufe kun yeroodhaan hin furamin itti fufe jedhamee oduun sodaachisaan jira.
Egaa kana biratti mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa diyaasporatti hirkatee saamicha lafa oromoo gaggeessuuf, lafa Oromoo qircachuudhaaf fuullefatee jira. Gama kanaan gaaffiin Oromiyaa keessatti barattootaan, hojjetaadhaanis ka’ee akka jiru waanuma hubatamaadha. Ta’ullee rakkoon kunimmoo uumata Kenya gahaa jiraachun diinaaf haamilee kaasuun hin hafne. Garuu beela keessa ijaajjee, kana hunda
dandamachaa uummanni oromoo mootummaa wayyaanee waliin wal’aansoo taasisuun dhaabbataadha. Kanattis iyyinee birmannaa barbaachisuun uummata keenya cina dhaabbachuun yeroon barbaachisaadha jenna.

Artist Uumaree Alii ,Wallee Warraaqsaa Haaraa Hagayya 2015 “Oromiyaa Harmee”

Aside

ቄሮ :የኦሮሞ:ወጣቶች:ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ:የሳምንቱ: ዜና:: (SQ)August 24, 2015 ” በሀገራችን ላይ ባለው ሀቅ”

Aside

SBO Hagayya 26,2015.Oduu,Gabaasa Oduu WBO Jaeessuuf Walgahii Miseensooti fi Hawaasni Oromoo Kaaba Norway Hagayya 22,2015 Geggeeffatan Ilaalchisee,Gaaffii fi Deebii Obbo Mahaammad Labuu..Kutaa Xummuraa.

Aside

Ibidda Dhaamote, Biddeena Beelaye, Bishaan Dheebote…

Aside

(Hariiroo Jorgootiin, Qoorroo Bilisummaa Oromoo-Oromiyaa!!)

Barreessaa dhugaa baasa!“Ibiddi kan silaa ofiifuu owwa guddaa qabu, kan silaa namni itti qorre illee karkarfatu, kan dheedhii bilcheessu, isa itti dukkanaayeef ibsu kkf ta’ee otoo jiruu akkamittiin dhaamotaa?…” Jechuun keessan hin oolu.

Biddeennis kan beelayaan silaa nyaatee quufudha ture, akkamittiin ofiifuu beelayee?

Bishaanis kan silaa dheebotaan dhugee dheebuu bahudha, akkamittiin ofiifuu dheebotee?

Garuu garagalloo miilli mataa hooqa akka Oromoon jettu, otoo harki inni hooquuf uumame, mataa ittillee miila caalaa itti  aanu  jiruu yeroo itti miilli mataa hooqutu argama.

Haadharra anatu itti aana jette gayyaan akka jedhanidha waansaa, barasaatu akkas ta’e.

Ilmaan Oromoo kan Oromoo irraa dhalatan, kanneen Oromoof dhugaan yaadan kanneen akka ABO diina Oromoo jedhamanii warri Oromoo saamuuf Oromiyaa weeraran ammo fira, finnaafi aantee sabaa of godhanii Isaan warra Malaa’iktoota Rabbii/ergamtoota Oromiyaa misoomsuuf Oromiyaa dhufan , qabsaa’onni qulqulluun Oromoo ammo shororkeessitoota jedhaman.

Haa ta’u malee aantummaa ilmaan TPLF tiin hogganamuufi Ergamtoonni baandaa OPDO aantummaa isaan Oromoof qaban yoomiyyuu caalaa saaxilamaa dhufaa jira!

Eenyumtiyyuu akka beekutti Tigraay biyya dhagaafi dhagaggaalee, gammoojii midhaan hin kenninedha!

Oromiyaan ammoo dirrishee albuuda, gubbaanshee  aannani  ameettii hin guunedha. Laggeenshee akka hidda dhiigaa, ganda hunda keessa adeema, magariisa uffattee magariisa cuubamte.

Midhaan gosa hundaa ni kenniti. Kan beelayeyyuu isheetti baqata. Oromiyaan biddeena namaaf kennuu bira dabartee ofiifuu biddeenadha. Garuu isheen ni beelofte. Biddeenatu beelaye.

Har’a biddeenni Oromiyaa Tigraay jira. Kun akkamitti ta’e?? Ibidda Dhaamote

Kora Gamtaa Miseensotaaf Deggartoota ABO Kaaba Noorweyii Kan bara 2015

Aside

Nuti miseensoniif deegartoota ABO kan kaaba Norweyyiitti argamnu wal-gayii gaafaa guyyaa 22-08-2015 gaaggeefanne irratti marii balla’aa waa’ee sochii biyyaa keessaa qeerroo fi WBOn gochaa jiru walumaagalatti haala yeroo irratti erga mari’anee booda ibsa ejjenno armaan gadii dabarfanneerra:

1. Waraana bilisummaa Oromoo yeroo amma kana kan yeroo kamiyyuu caala tarkaanfii boonsaa diina Oromoo irratti fudhachaa jiru baay’ee kan itti gammannu fi gara fuula duraattis akka cimsee itti fuufu gargaarsa barbaachisaa ta’een akka cinaa dhaabannu nimirkaneessina.

2. Addi Bilisummaa Oromoo kallachaa bilisummaa ummaata Oromoo ta’uu hubannee gargaarsa nurra eegamu maraan bira dhaabachuuf waada keenyaa ni haromfannaa.

3. Qeerrooniif baratoonni oromoo biyyaa keessa hawwii bilisummaaf isaan qaban abdachiisa waan ta’eef karaa barbaachisaa ta’ee hundaan bira ni dhaabana ni deeggaraas.

4. Tumsaa ABOf gochaa tureef itti jiru gara fuula duraatti kan yeroo kamiyyuu caala daraan ciimsinee itti fufnu ta’uu waada keenya ni haarofanani mirkaneesinas.

5. Kallachi qabsoo bilisumma oromoo kan tahee ABO qofa ta’uu hubannee itti amanna waan ta’eef warreen nuti ABOdha jechuun maqaa ofitti moggaassuun ergama diina fi dandaata yeroodhaaf bitamanii qabsoo bilisummaa oromoo laamshesuuf yaalani akka irra of qusatanniif waan darbee irraa hubachuun gara QBO itti akka deebi’aniifi dantaa ummataa isaani akka dursaan ciminaan ni hubachiifnaan.

6. Torbaan “Diaspora” jechuun waltajjii wayyaaneen gantootaf qopheesite keessatti kanneen hirmaatan ummata oromoo biyya hambaa jiraatan akka bakka hin buune ummaanni oromoo biyya keessa jiraatu akka nuuf huuf huubatu cimsinee ni beeksifna.

Kora ABO.pdf