Miidhaan  barsiisota Oromoo irra gahaa jiru, egeree Oromoo fi Oromiyaa bal’eessuuf  duula geggeeffamaa jiru keessaa qaama tokko.

Aside

 

Leellooo Sabaa irraa

Barreessaa dhugaa baasa!Guddina fi egeree biyya tokkoof kanneen murteessoo ta’an keessaa tokkko, humna nama baratee qabaachuu dha. Waan kana ta’eef, humna nama baratee ayinaa fi baay’inaan horatuuf ilaalchi jabaan itti kennamee irratti hojjetamuu qaba. Humna nama baratee ayinaa fi baay’inaan  horachuuf kanneen ilaalchi guddaan itti kennamuu qabu keessaa tokko, barsiisota ayinaa fi baay’inaan  horachuu fi haala jireenyaa dirqama kana bahuuf isaan gargaaru mijeessuufii dha. Mootummaan tokko, guddinaa fi egeree ummata tokkoof kan yaadu ykn kan hin yaadne ta’uu  kan ittiin madalamuu danda’u  keessaa inni guddichi, humna barsiisotaa ayinaa fi baay’inaan oomishuu,  akkasumas,  guddinaa fi egeree saba tokkoo keessatti qooda isaan qabaniin  kan  walgitu haala jireennaa aanjessuufii  irratti  hojii hojjetamaa jiruu dha.

Har’a, ragaaleen adda addaa akka mirkaneessanitti, ayinaan barnootaa, sadarkaa tokkoffaatti bakki inni itti kufee jiru Oromiyaa dha. Kanaaf sababi inni guddaan, humni Oromoo barate akka hin guddanneef shira adda addaa hojjechuun, guddinni fi egereen Oromiyaa akka dhabamuufi,  miidhaa mootummaan gabroomfataa Ixoophiyaa barsiisota Oromoo irraan gahaa jiruu isa tokkoo .Miidhaan barsiisota Oromoo irratti raawwataa jiru

SBO Onkolooleessa 11,2015. Oduu, Gaaffii Fi Deebii Namoota Adda Addaa Waliin Taasifnee Fi Qophiilee Adda Addaa…

Aside

OROMIYAA- Irreecha Hora Arsadee Bishooftuu 2015

Aside

Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) Qophii Onkoloolessa 8, 2015

Aside

SAAMICHI MAQAA “ABO”,,,,,,Kutaa 3ffaa

Aside

Barreessaa dhugaa baasa!WARRI MAQAA GEGEDDARAN MAAL BARBAADU ? SIYAASI BILCHAATAA FI DHEEDHII JEDHAME QOODAMU JIRAA ? BILCHINA SIYAASAA MOO, BILCHINA TOFTAATU NUUF FARDIIDHA ?????

SEENAA  Y.G (2005)

Barreeffama kutaa 2n dhiheesse keessatti, maqaa saammchuuf fiigichi taasifamu, Kaayyoo saammchuu akka hin taanee, ragaa waliin dhiheessuu yaaleera. Maqaa qofaaf arreeduun ammoo, akka fixeensa ganamaa mul’atanii baduu akka hordofsiisu ibseera. Kana irraa ka’uun,  Ummata biraa deeggarsa dhabuu jechuun, Ummati waan afarfamu sana keessaa akka fedhii hin qabne mirkaneessu ta’uu tuqeera. Maqaa qofa saammchuuf badaduun kan beekamu, humni isaan maqaa saammachuu irratti bobbasanii fi humni Hojiin mul’atanii argamuuf bobbaafamu, akkasumas,diina irratti ibsa tokkollee odoo hin baafnee, yeroo foii obbolaa ofii hadheessuuf sochiin taasifamu, waaqaa fi lafa ta’uu isaa katabeera. Ummati Oromoo, kana caalaa waan maqaa isaan hojjatamu ykn gaggeeffamuu hundaa irratti , waan miidiyaa irraa lallabamu qofti  akka  bakka isa hin bu’iin ifatti ibsachutti ce’uu akka qabu, kana irra dabree, Siyaasa salphinaa Maqaa saammachuu duuba jiru of irraa dhaabee, humnoonni jiran xiyyeeffannaan isaanii diinoota Ummata isaanii fixan irratti akka xiyyeeffatan, Ummatis hojiin qofaa akka isaan madaalu itti himuu akka barbaachisu ibsuuf yaaluun, summii facaasuu odoo hin taanee, dhugaa jiru walitti himuudha. Waan wal hin sobnee tokko , dhugaa ifatti dubbachuun kanneen suuqa keessatti siyaasa foorjidii hojjatanii ittiin dhimmaa fi kaayyoo diinaa raawwachiisuu barbaadaniif, summii ta’uu isaa hubachuun dansaadhaSAAMICHA MAQAA ABO….kutaa 3ffaa

New Oromo Music:Didi Didi! By Ittiiqaa Tafarii October 2015

Aside

Irreecha Hora Arsadee 2015 Irratti Qeerroon Bilisummaa Oromoo Mirga Abbaa Biyyummaa Oromoof Daran Qabsaawuuf Waadaa(Irbuu) Qabsoo Walii Haaromsan.

Aside

Ayyaana Irreechaa Onkololeessa 4/2015 Hora Arsadee Magaalaa Bishooftuutti kabajame irratti Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi uummatni Oromoo walta’uun shira ulfaata ‘Maqaa Master Plan Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaa irratti Wayyaaneen qopheessitee ‘Caffeen Mootummaa naannoo Oromiyaa jedhamu fi OPDO’n mirkaneessuun Uummata Oromoo irratti seenaa badii balleessii raggasifamee jiru kutannoo fi murannoon kan dura dhabbatan ta’uu ifaan bakka aangawootni mootummaa Wayyaanee fi basaastootni mootummaa abbaa irree jiranitti ifatti murtii qabsoo dabarfate. Magaalaan Bishooftuus guyyaa keessa Sa’aa 7:00 booda dirree Qabsoo bilisummaa Oromoo ABO durfamuun dhuunfatamtee sagaleen Warraaqsaan dhuunfatamtee turte.

Mootummaan Wayyaanees uummata garbummaan garaa gubee keessa isaatti dhiigaa dubbatu dura dhaabbachuu hin dandeenye. Uummatni Oromoos absoo bilisummaa Oromoo ABO ‘n durfamu cina dhaabbachuun mirga isaaf kan falmatu ta’uu diinaafis firaafis mirkaneesse jira.

Lubbuun Ummata Oromoo fi Dachiin Oromiyaa, Walabummaa Oromiyaa Qofaan Tikfamti.

Aside

Leelloo Biyyaa Irraa

barruuOromoota wayyaba, biyyaa Oromiyaa fi ummata Oromoof: gaddan , hinaafan fi rakkoo hamaan ummatni Oromoo keessa jiru irriba  dhorku biratti, hara’aan tana, bu’ura siyaasaa guddaa ta’anii kanneen argaman keessaa tokko waa’ee ‘Master Plan’ mootummaan Impaayera Ixoophiyaa hojii irra oolchuufi deemuu ti.

Mootummaan gabroomfataa impaayera Ixoophiyaa, Oromiyaa nagaa dhowwaa jiru kun,kan  ‘Master plan’ jedhuunii fi kan ummatni Oromoo ammoo ‘Master killer of Oromoo and  Oromia’ ittiin jedhu, karoora: jireenya, eenyummaa, biyya Oromiyaa, abdii fi fuulduree Oromoo dhabamsiisuu irratti qiyyafate yeroo ta’u, mootii Impaayera Ixoophiyaa kan har’aan tana afaan qawweetiin ummata Oromoo ukkaamsee  saamaa fi ajjeessaa jiru qofaan kan jalqabe osoo hin taane wal-irraa fuudhuun ykn wal-irraa dhaaluudhaan yakka moototi Ixoophiyaa Oromoo fi Oromiyaa irratti raawwataa turanii fi ammaan tana illee itti fufee  irratti raawwataa jiruu dha.

Biyya Oromiyaa, afaan qawweetiin weeraranii, Oromoo irraa buqqisuudhaan ummata Ixoophiyaa irra qubsiisuun qabeenyaa dachii kana irratti argamu saamuu, Oromoo dachii isaa irraa buqqisan ammo hojjisiifatuu fi gabaatti baasanii gurguratuun  qawwee bitatuuf karoorfatee kan jalqaba Oromoo fi Oromiya irratti weerara bane mootummaa Aksum kan Tigraay irratti jalqaba bar-kumee ijaarame dha.Mootummaan Aksum, ummata Kibba Yamanii irraa godaanee Galaana Diimaa cehuun qarqara Galaana kanaa jalqaba bar-kumee (first millennium)  keessa ijaaramee weerara gabroomsaa gara:Kaabaa (Eritrea), Dhiha (Sudaani) fi Kibbaatti geggeessee ture. Mootummaan Aksum kun, weerara gara Kibbaatti geggeesse keessatti, laga Abbayyaa cehuun Kaaba Shawwaa qabachuuf haa yaalu maleee, duula farra gabrummaa Oromoon Waajjii bara 112 (AD) irratti geggeesseen duulli gabroomsaa mootummaa Aksum osoo bakka hin gahin hafe. Lubbuun ummata Oromoo fi dachiin Oromiyaa (1)

Wallee Warraaqsaa Haaraa, Hirphaa Fayyee

Aside

Barattooti Oromoo Yuuniverstii Walqixxee Leenjii Siyaasa Wayyaanee Dura Dhaabbachuun Gaaffii Mirgaa Kaasan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Walqixxee,Onkoloolessa 09,2015

IMG_20151002_170501Gabaasaan Qeerroo Yuunivarsiitii Walqixxee akka ibsutti barattooti sabboontota Oromoo Yuunivarsiitichaa,bifa lamaan mormii bulchiinsa Yuunivarsiitii Walqixxee irratti qabsoo diddaa maqaa leenjii jedhuun duula daguuggaa sanyii Wayyaaneen deemsisftu fi maqaa maasterpilaanii Finfinnee tiin geggeessu irratti barattoota Oromoo amansiisuu fi maqaa Itoophiyaa ijaaruu jedhuun sochii Wayyaaneen taasisu dura dhaabbachuun barattooti Oromoo fi sablammooti kaan diddaa isaanii sagalee jabaan dhageessisaa oolan.

Leenjiin kun guyyaa afurii hanga Onkoloolessa 08, 2015tti kan itti fufu yeroo ta’u,barattooti Oromoo qabsoo sabboonummaa bifa lamaan adeemsisaa jiru kan jedhame, tokkoffaan barattooti keenya gaaffii abbaa biyyummaa Oromoo gaafataniifi

  1. Maasterpilaanii fi walitti makiinsi magaalota Oromiyaa akka haqamuuf uummata keessaa baaneef gaaffi kana eessattuu,yoomiyyuu  jabeessinee gaafanna.
  2. Yuunibarsiitii Walqixxee irraa bara barnoota 2014 irreessa arfaasaa waan irreeffataniif qofa barattooti Oromoo 12 ari’aman jibbiinsa sabummaan waan arii’amaniif haalduree tokko malee gara barnoota isaaniitti akka deebi’an cimsinee hubachiifna.
  3. Abbaan biyyummaa uummata Oromoo magaalaa Walqixxee, gubuuree akka eegamu ni gaafanna fakkeenyaaf lafti Walqixxee dirree Oromoo fi moggaasa Oromoo ta’ullee uummati Oromoo magaalicha keessa jiraatu akka sabaatti ilaalamuu dhabuun mirga namoomaa keenya kan tuquu fi gubuuree jechuun mataan isaatuu gubuu jecha jedhu fi dirree Oromoo ta’uun utuu beekamuu imaammata TPLF ittiin nudhiituu fi saboota biroon walitti nubuusuuf saganteesse waan ta’eef, saboonni bakkicharra jiraatan akka sabaatti uummata keenya akka kabajanii jaalalaan wajjin jiraataniifi hubannoon kennamuufi qabu jabeessinee gaafanna fi gaaffilee hedduu gaafataa kan turan yeroo ta’u Qeerroon gabaasa.

Tooftaan lammataa immoo walga’ii isaanii barattooti Oromoon hanga guyyaa har’aatti lagatanii turan haata’u malee bulchiinsi Yuunivarsiitii walqixxee maqaa barattoota Oromoo walga’ii hirmaachaa hin jirree maxxansuun,maaliif akka leenjii irraa haftan nutti himaa wayita jedhetti barattooti Oromoo ta’e jedhee mootummaan TPLF  uummata keenya bahaa Oromiyaa irra jiraatan mootummaa naannoo sumaalee liyyuu hayil jedhamu hidhachiisuun fixaa kan jiru yeroo ta’u,bulchiinsi naannoo Oromiyaa immoo ilmaan guddifachaatiin waan bakka bu’amneefi mootummaa akka naannoottillee saba keenyaaf quuqamu waan dhabneef uummata keenya dhumaa jiruuf gadda lammummaa keenyaa nutti dhaga’ameef leenjii dhiisiitii barnootayyuu hordofuuf nutti ulfaateera jechuun leenjicha lagachuu isaanii gabaasaan Qeerroo yuunivarsiitii walqixxee irraa nuqaqqabe hubachiiseera.