Barattooti Oromoo FDG Oromiyaa Keessatti Eegalan Sadaasa , 2015

Aside

Breaking News : Guyyaa Har’aa Sadaasa 25/2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo Mormii Maaster Palanii Finfinnee Fi Gaaffii Mirga Saba Oromoof FDG Bifa Adda Ata’een Dhoosan,Daandiileen Konkolaataa Wallagga Geessu Cufame.

Aside

Sadaasa 25,2015 Amboo Gabaasa Qeerroo

ambo

Sadaasa 25,2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo FDG mORMII MASTER Plan Finfinnee fi labsii magaalota Oromiyaa irratti dabarfame fi gaaffii Mirga Abbaa biyyummaa dhiyeeffachuun fincila dhoosuun Daandii konkolaataa gara dhiha Oromiyaa fi Wallaggatti dabarsu cufuun waraanaa wayyaanee waliin wal dura dhaabbachuun FDG dhoosan.

Guyyaa har’a ganama sa”aa 1:30 irraa eegaluun Magaalaa Amboo keessatti goototni barattootni Oromoo M/b Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa, M/B Liibaan Maccaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi M/B Carii Amboo sadarkaa 1ffaa fi dargaggootni Oromoo Magaalaa Amboo walitti dhufuun magaalaa Amboo utuu waraanaa wayyaanee guddaan eegamaa jirtuu FDG dhoosuun daandii Konkolaataa Finfinnee gara Dhiha Oromiyaa fi Wallaggatti dabarsuu cufuun hiriira mormii akkuma eegalanitti Waraana wayyaanee nafxanyaa hamma funyaanitti hidhate waliin wal dura dhaabbachuun Mormii guddaan itti fufee jira.
Goototni Barattootni fi Dargaggootni Oromoo lubbuun wareegamna malee, hidhatti ukkanfamna malee Oromiyaan kan uummata Oromooti, jechuun Karoorrii Master Plan Finfinnee fi Magaalota oromiyaa irratti xiyyeeffatee karooraa guddaa kan Oromoo lafarraa balleessuu ”DUULA GENOCIDE” jechuun goototni barattootnii fi Qeerroon dargaggootni Oromoo Magaalaa Amboo FDGtti seenan. Gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi mormii master plan Finfinnee bara 2014 dhiyeeffanneef deebiin nuuf kennamuu qaba, sabaaba karaa nagaa gaaffii mirgaa fi mormii Master Plan Finfinnee dura dhaabbatneef ilmaan Oromoo 80tti jumlaan Amboo keessatti fi Oromiyaa keessatti ajjeefamaniif Mootummaan itti gaafatamuu qaba, kanneen jumlaan ukkanfamanii hidhaman hiikamuu qabu,
Masterplaniin Finfinnee Haqamuu qaba, gaaffiin barattoota Oromoo Giincii gaaffii keenya deebii argachuu qaba, kanneen giincii irraa dheengadda hidhaman hiikamuu qabu jedhuu fi Gaaffii mirga abbaa biyyummaaf kan bilisummaaf deebiin nuuf kennamuu qaba gaaffii jedhu dhiyeeffachuun goototni Qeerroon barattootni Oromoo fincila dhoosan.
Yeroo amma kanatti daandiin konkolaataa Finfinnee Gara dhihaa Oromiyaatti dabarsuu fi Wallaggatti geessuu magaalaa Amboo keessatti yeroof cufamee jira, Waraanni Wayyaanee hiriiraa mormii dargaggoota barattoota Oromoo dura dhaabbachuuf daandii cufuun hiriiruun gaazii summaa’aa barattoota irratti dhukaasuu eegalan, Sochiin mormii warraaqsaa kun itti fufee jira.. Gabaasaa guutuu waraabbii sagaalee dhaadannoo fi suuraa qabanne walitti deebina…. FDG golee Oromiyaa
cufa keessatti itti fufa!!

Barreessaan Kitaaba UDDEELLAA Kan Ta’e Dargaggoo Galataa Caalaa Baayyisaa Tikoota Wayyaaneen Ukkaamfame.

Aside

Sadaasa 25,2015 Ganjii

GalataaGodina Wallagga Lixaa Aanaa Ganjii irraa barreessaan kitaaba UDDEELLAA, kan ta’e Galataa Caalaa Baayisaa jedhamu tika Wayyaaneen qabamee bakka buuteen isaa dhabamee jira. sadaasa 21/2015 galgala keessaa sa’a 10:00 magaala Ganjiitii qabamee waajira poolisii aanichaatti geeffamee ergasii dhabamuu Qeerroon gabaasee jira. Barataa leenjii barsiisota Naqamtee waggaa 3ffaa yoommuu tahu kitaaba Uddeellaa mata
duree jedhu barreessuu fi gabaa irra kan jiruu dha. Ilaalcha siyaasaan wal qabsiisuudhaan waajjjira poolisii godina wallagga lixaa aanaa Ganjiitti namni isa waliin harka diinaa gale Obboleessa isaa Qadiidaa Caalaa Baayisaa fi Takkaaliny Bantii Baayisaa kan jedhamu yeroo ammaa kana Oromoonni kun bakka buuteen isaaniii dhabamee akka jiru Qeerroon gabaasee jira.
Wayyaaneen yeroo ammaa ilmaanOoromoo sabboonumma qaban yakka malee hidhatti guuraa jira. Maqaa sodaa ijaarsa uummataa mootummaa irratti jedhuun dargaggoota oromoo sabboonoo tahan irratti wayyaaneen xiyyeeffannoo gattee doorsisaa fi hidhaatti naqaa akka jirtu gabaasni Qeerroon oromiyaa bakka garagaraa irraa addeessee jira.

Uddeellaa

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Sadaasa 24,Bara 2015

Aside

SBO SADAASA 25,2015. Oduu, Gooltummaa Wayyaanee Irratti Qophii Qophaa’e, Sirna Kabajaa Guyyaa FDG Konyaa ABO Mul’is A.Gadaa Torontoo fi Dura Ta’aa Konyichaa Jaal.Falmaa Sabaa Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sadaasaa 23/2015 Godinaalee Dhihaa Oromiyaa Humna waraanaa Wayyaanee fi Pooliisii Federaalaan eegaamaa jirti, Mooraan yuunibarsiitii Jimmaa humna waraanaa Magaalaa Jimmaa keessa buufatee jiruun Addatti eegamaa jira.

Aside

Sadaasaa 23,2015 Godinaalee Dhihaa Oromiyaa Humna waraanaa Wayyaanee fi Pooliisii Federaalaan eegaamaa jirti, Mooraan yuunibarsiitii Jimmaa humna waraanaa Magaalaa Jimmaa keessa buufatee jiruun Addatti eegamaa jira.
Godinaaleen dhihaa Oromiyaa fi Dhaabbileen barnoota Olaanoo Godinicha keessatti argamaan humna warraana wayyaaneen eegamaa jiru.
Mootummaan Wayyaanee yaaddoo fi soda guddaa barattootni Oromoo uummata dabalachuun Hiriira mormii master pLanii Finfinnee nurratti fi magaalota Oromiyaa narratti kaachisuuf jechuun rafama guddaa keessaa galuun yakka ulfaataa uummata Oromoo irratti rawwachaa jiru jabeessuun waraana isaa uummataa fi barattoota Oromoo irra qubsiisuun ukkamsuu fi sodaachisuuf yaalii wayyaaneen gochaa jiruu uummatni haalli mirga keenyaaf falmachuuf eenyuun iyyuu haayyama kan hin gaafatnee ta’uu uummatni OROomoo fi barattootni Oromoo ibsaa kan jiranidha.
Haaluma kana irraa ka’uun Waraannii Wayyaanee Dhabbilee barnoota dhihaa Oromiyaa keessatti argamuu fi Magaaloota dhihaa Oromiyaa
kanneen akka Yuunibarsiitii Amboo fi magaalaa Amboo, Gudar, Geedoo, Baakkoo, Yuunibarsiitii wallaggaa fi Magaalaa Naqemtee, Yuunibarsiitii
Jimmaa fi magaalaa Jimmaa, Yuunibarsiitii Mattuu fi Magaalaa Mattuu fi Baddallee , Yuunibarsiitii Gimbii, fi magaalaa Dambii Doolloo,
Magaalaa Shaambuu, Finca’aa , Yuunibarsitii walisoo fi Magaalaa Walisoo, Magaaloota naannawaa Finfinnee :Sabbataa, Burraayyuu,
Holotaa, Giincii, Sulultaa, Sandaafaa, Laga Xaafoo Laga Daadhii dabalatee magaalaawwaan Oromiyaa fi dhaabbileen barnootaa Oromiyaa
keessa jiran manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa iyyuu dabalatee humna Poolisaa fi baasaasa wayyaaneen eeggichaa guddaan godhama jira.
Uummatni fi dargaggootni Oromoo bakka hundattuu mootummaa Wayyaanee Oromiyaa diiguu fi Oromoo balleessuuf karoorfate dura dhaabbachuun FDG itti kaachisuun falmachuuf qophii ta’uu dhaamsa waliif dabarsaa jiraachuu ibsame.

Godina Lixaa Shaggaar MAGAALAA GIINCII Keessatti FDG fi Mormiin Master Planii Finfinnee fi magaalota Oromiyaa Daran Jabaatee Itti fufe, Waraanni Wayyaanee Hiriira Mormii barattootaa fi uummataa irratti dhukaasa banuun Barattootni Oromoo Lama rasaasaan rukkutaman

Aside

Gabaasa Qeerroo Magaala Gincii Sadaasa 23,2015

diddaa9Gaafa Sadaasa 20,2015 Godina Lixaa Shaggaar MAGAALAA GIINCIItti FDG fi Mormiin Master Planii Finfinnee fi magaalota Oromiyaa Daran Jabaatee Itti fufe, Waraanni Wayyaanee Hiriira Mormii barattootaa fi uummataa irratti dhukaasa banuun Barattootni Oromoo Lama rukkutaman, Magaalaan giincii dirree waraanaatti jijjiiramtee jirti.
Giincii keessatti Warraaqsii FDG Gootota Barattoota Oromoo Mana Barumsaa GIINCII sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaan qabsiifame daran jabaachuun Itti fufe barattootni Oromoo lama rasaasa wayyaaneen rukutaman.Goototni barattootni Oromoo M/B GIINCII Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa mormii Master Plan Finfinnee fi Magaalota Oromiyaa fi Gaaffii Mirga Abbaa biyyummaa dhiyeeffachuun Torbee darbee Yaadannoo FDG Sadaasa 9/2005 Waggaa 10ffaa sabababeeffachuun FDG kaachisuun isaanii ni yaadatama. Hanga gaaffiin Mirgaa karaa nagaa fi
Dimookiraatawaa ta’een dhiyeeffannee deebii argatuttii barnootqa dhaabnee biyyaa abbaa keenyaa saamamaa fi diigamaa jirtuuf ni falmanna sagalee keenyaa Aaddunyaa biyya lafaa cufatti ni dhageessifannaa malee roorroo baatnee roorrifamaa hin jiraannuu jechuun Mana Barumsaa dhaabuun warraaqsaa Jabeessuun itti fufan. Addaatti Guyyaa kaleessaa Sadaasa 19-20/2015 guyyaa hardhaatti FDG haalaan Jabeessuun kan itti fufan Yoo ta’u, Guyyaa har’aa Daandii konkolaataa Cufuun Hiriiraa Mormii Guddaan yeroo ammaa kanatti Magaalaa Giincii Keessatti Gaggeeffama jira.
Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee Magaalaa GIINCII keessatti humna waraanaa of harka qabu barattoota irratti bobbaasuun barattootaa fi
uummataa barattootatti dabalaamee karaa nagaa gaaffii mirgaa gaafachaa jiruu irratti waraanaa banuun MAGAALAAN GIINCII dirree waraanaatti
jijjiiramtee jirti, Looltootni Wayyaanee Meeshaalee waraanaa fi Meeshaa Gaazii summaa’aa nama boosisuu dhukaasuun Magaalaa Giincii
Dirree waraanaa fakkeessuun Uummata rasaasaan reebaa jiraachuu maddeen keenya gabaasan. Gabaasaa amma Magaalaa giincii irraa nu qaqqabaa jiruun Dhukaasaa waraanni wayyaanee barattoota Oromoo irratti baneen Barattootni Ormoo Lama Magaalaa Giincii keessatti rasaasaan kan rukutaman ta’uu ifa godhee jira. Warraaqsii akka jiruutti jabaatee itti fufee jira, Uummatnii fi Barattootni Oromoo humna waraanaa fi
Poolisii Federaalaan Ukkaanfamuun hidhaatti Guurama jiran kan lakkoofsi isaanii hin beekamne ta’uun gabaafamaa jira.

Godina Booranaa,Bulee Horaa, aanaa Galaanaa, A/Abbayyaa,D/Daawwaa fi kaanis keessatti uummanni gaaffii mirgaa kaase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Bulee Horaa Sadaasa 23,2015

diddaa9DG godina Booranaa irratti uummataan ka’e gaaffii uummataa aanaalee garagaraa 8 ol tahu keessatti ka’ee akka jiru Qeerroon gabaasee jira.
Dargaggootni oromoo godina Booraa barattoota Qeerroo mooraa yuuniversitii Bulee Horaa waliin tokkummaa uummateen gaaffii mirgaa fi
walgayiin wayyaanee akka hin gaggeeffamne aanaalee garagaraa keessatti kanneen akka Bolee Horaa, aanaa Galaanaa, A/Abbayyaa,D/Daawwaa fi
kaanis keessatti gaaffii uummanni kaase
– Hanga yoomitti maqaa Bulchiinsa gaariitiin gowomfamna bulchiinsi
gaariin hin jiru
– Saamichi lafa oromoo haa dhaabbatu
– Mirgi uummata keenyaa eegamaa hin jiru
– Uummanni Master Pilanii tahuu hin qabu jedhee erga mormee yaadni uummataa tikfamee eegamuu qaba.
– Gochi mootummaan sabaa fi sab-lammii walitti buusee gidduudhaa fayadamaa jiru haa dhaabbatu fi kk jechuudhaan
Waraqaan hedduun aanalee kanneen keessatti bittimfamanii akka jiran Qeerroon gabaasee jira. Kanuma irratti barruuleen garagaraa
bittimfaman
– Uummanni walgayii mootummaan ajaju irratti akka hin hirmaanne
– Uummanni hojjetaas tahe gibira gabbaruu irraa akka dhaabu
– Sirni bitta fi gurgutaas akka dhaabbatu barruun garagaraa mul’atee jira
– Gaaffiileen uummanni yeroodhaa yerootti kaasu kun midhamuu uummataa itti dabala yoo tahe uummanni bakka jiru bahee yeroodhaa yeroottis
daandii cufuu, tarkaanfii barbaachisaa caasaa mootummaa wayyaanee irratti akka adeemsisu waamicha taasisuu gabaasni Qeerroo nugahee
jira.
Mooraa yuuniversitii keessatti halkan edaa waraqaan halluu Diimaa Magariisa Diimaadhaan barreeffamee bittimfamee ture. Sabboontotni
oromoo mooraa yuuniversitichaa wayita kana kaanee falmachuun mirga saba keenyaa fi qabeenyaa tikfachuu fi wayyanee ofirraa kaasuun
dirqama tahuu waamicha diddaa yeroodhaa yerootti taasisaa jira waraqaalee dhaadannoo garagaras mooraa keessatti halkan edaa
maxxanfame shakki wayyaaneen qabduun mooricha guutuu keessatti tikoonni halkan seenuudhan barattootni ganama ka’ani waraqaa bittifame
kana osoo hin argin funaanaa buluun kan gabaafamee fi kanumaan wal qabsiisuuni barattootni gaadamaa akka jiran, hojjetootni moorichaa
hedduunis target wayyaanee keessa seenanii kan jiran ABO tu mooraa seenee jira, deggertoota ABO fi Qeerroo Bilisummaatu mooraa jeeqa
jechuunis hojetoota irraa shakkii qabaachuun doorsisaa fi hordofuunis Qeerroon gabaasee jira. Fincilli ka’ee jiru hanga gaaffiin uummataa
deebii argatutti itti fufna jechuun Qeerroon gabaase

Barattootni Oromoo Mana Barumsaa Sabbataa Kan Sadarka 2ffaa‏ Baratan Imaamata Maaster Palaanii Finfinnee Mormuun Diddaa Dhageessisan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Sabbataa 23,2015

diddaa9Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi sadarkaa olaanan godinaalee addaa oromiyaa keessatti argaman mormii master pilani wal qabsiisuun gaaffii yeroodhaa yerootti kaasaa jiran. Odeessa har’a sadaasa 19/2015 sabbataa irraa nu qaqqabeen mana barumsaa sadarkaa 2ffaan sabbataa
kutaadhaa kutaatti dhaamsa waliif dabarsan. Nuti barattootni mana barumsaa sadarkaa 2ffaa sabbataa karoora master pilani jabeessine mormina jechuun gaaffii sagalee fi barruudhanis yeroo garagaraatti dhihyeessaa bahan. Haaluma kanaan barattootni har’a master -pilaaniin
hojii irra ooluu hin qabu, karoora kana hojiirra oolchuuf kan deemu itt gaafatama jalaa hin bahu nuti ni wareegamna barumsas barachuu nii dhaabna jechuunis barattootni kutaa barnootaa keessatti sagalee dhageessisuun barumsa dhaabuu Qeerroon gabaasee jira. Kanumaan barsiisotni isintu barattota walitti qabaa jira jechuun jaleewwan Wayyaanees doorsisaa jiraachuu fi naannoo koollejjii sabbataa fi
hojjetoota warshaa Ayikaas hordoffiin tikaan taasifamaa kan jiru sodaa fincilli ka’a jedhuun tahuu Qeerroon gabaasee jira. Yuunversitii
keessattis gaaffin dhimma barnootaan wal qabsiisuudhaan keessattu yuuniversitii Haromayyaa keessatti gaaffiin barattootaan ka’ee jiru
kan itti fufee jiru tahuu gabaasaan ibsa.

IBSA IJJANNOO BARATTOOTA OROMOO YUUNIBARSIITIIN JIMMAA KABAJA YAADANNOO FDG SADAASA 9/2005 WAGGAA 10FFAA IRRATTI BAAFATAN .

Aside

FDGGootootni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Guyyaa yaadannoo FDG Sadaasa 9/2005 Waggaa 10ffaa bifa adda ta’een kabajachuun  Sadaasni 9/2005 bara seenaa adda qabu bara dhaloonni qubee waamicha qabsoo ABO uummata Oromoof godheetti dammaqinsa guddaan warraaqsa biyyoolessaa FDG abbaa irree wayyaanee irratti gaggeessuun mirga uummata Oromoo kabachiisuuf wareegama qaalii kanfalan, bara qabsoon bilisummaa Oromoo dhiigaa fi lafee dhaloota qubeen jabeeffame, bara mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo qaroo uummataa ta’an qiyyaafatee jumlaan hidhee,jumlaan ajjeese bara seenaa dargaggoota Oromoo keessatti yoom iyyuu hin dagatamne waan ta’eef bara baraan ni yaddanna. Yaadachuu fi gootota ilmaan Oromoo wareegamaniif hidhii xuuxuu qofa utuu hin ta’iin kaayyoo goototni ilmaan Oromoo yeroo irraa gara yerootti irratti wareegamaa jiran galmaan ga’uuf wareegama kamuu baasuufi qabsoo bilisummaa Oromoo galii isaan ga’uufi gumaa gootota keenyaa baasuuf guyyuu kutannoo fi murannoodhaan qabsoo bilisummaa Oromoo ABO n durfamu cina dhaabbannee jiraachuu keenya ibsacha. Bara 2014 baatii Ebla 11/2014 irraa egaluun warraaqsa seenaa qabeessa bifa qindaa’ee fi ijaarameen kan itti fufsiifnee mormii guddaan mootummaa Wayyaanee Oromiyaa diiguuf maqaa Master Plani Finfinneetiin karooraa haaraa ittin Oromoo buqqisuu fi Maappii Oromiyaa diigu dura dhaabbachuun Waamicha FDG uummata Oromoo hundaaf gooneen Uummatni Oromoo keessa fi Duubaatti gara Warraaqsaa seenaa qabeessaa marsaa 2ffaa dhalootni Qubee Qeerroon bilisummaa Oromoo dhoosne kanatti dammaqinsaan kan hirmaatee fi wareegama fakkaataa bara 2005 deebisee kanfaluun biyyaa abbaa isaa falmachuuf dirqamedha. Ammaas hanga Oromiyaan Bilisoomtuu fi Wayyaanee EPRDF/TPLF harka isaa Oromiyaa irraa kaasuutti qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan ga’uu Warraaqsaa FDG finiinsuu irraa of duuba kan hin deebine ta’uu hubachiisuun Yaadannoo FDG Sadaasa 9/2005 sababeeffachuun IBSA EJJENNOO armaan gadii dabarfanne!! IBSA IJJANNOO BARATTOOTA OROMOO YUUNIBARSIITIIN JIMMAA KABAJA YAADANNOO FDG SADAASA 9