France 24 – Update on the massacre in Gambella | April 18, 2016

Aside

Yuniversitiin Wallaggaa Waraana Feederaala Wayyaaneen Weeraramee Jira,Barattootis Diddaa Isaanii Itti Fufan.

Aside

IMG_20160419_181159 IMG_20160419_181206Guyyaa har’aa Ebla 20,2016 Humni waraana Federaala Wayyaanee guutummaa mooraa keessaa fi ala Yuuniversiti Wallaggaa goolaa jira. Barattooti Oromoos gaaffii mirgaa fi diddaa sirnichaaf qaban daran daran jabeessaa jiru.

“Way-Way-Wayii…. Bishaaniin Nyaatamte Osoon Ijaan Arguu” lammiilee Oromoo bishaaniin nyaataman ilaalchisee Hawwsoo WBO .

Aside

Aside

cong coong(SBO Bitootessa 19 Bara 2016) Koongirasiin Amarikaa Dhimma Dhiitamiinsa Mirga Dhala Namaa Oromiyaa keessatti geggeeffama jiru irratti bakka ummatin oromoo BiyyaAmarikaa Kutaa Bulchiinsa gara garaa, Biyya Kanadaa kutaa Ontaarihoo Magaalaa Ottawaa fi Torontoo argamanitti rakkoo Saba oromoo irra mootummaa TPLFn gahaa jiru dhaggeeffachuun mootummaan Amarikaa dhimma kana kan yeroo kamii caalaa xiyyeeffanaa itti kennuun akka faana bu’anu Kongiras Tom Lantos dubbatan.ummatin kumaatamaan waltti dhufe kun Daandiiwwan Washington DC gurgguddoo cufsiisuun Hiriira Nagaa guddaas geggeeffataniiru.

“Kuunnoo Bookkise Qeerroon” Wallee Warraaqsaa Haaraa Artist Murteessaa Haajiin.

Aside

Ebla 20,2016 Guyyaa har’aa magaalaan Naqamtee boba’aa konkolaataa dhorkamuun sochiin konkolaatotaa ugguramaa jira.

Aside

received_1751976501706101 received_1751976505039434

The largest ever seen in diaspora, protests against the fascist TPLF thugs of “Ethiopia” is underway in Washington DC at this moment -April 19, 2016. April, 2016

Aside

Kan ofii lafarra harkisuun kan ormaa olfuudhanii baachuun amala OPDO ti!

Aside

Marii Gadaa irraa

barruuOromoon mammaaksaan “aak jedhanii waa tufan mammaakan waa himan” jedha.Haala cunqursaa ilmaan Oromoo irratti biyya abbaasaanii fi biyya alagaatti irratti ga’aa jiruufi ga’e ilaalee gadda keessa koo hube ibsachaa,yaadan ka’eefitti fufa! Oromoon Erga bara Gadaa Abbaa Gadaa Gaarii Duufaa Ankoobarii achitti humnoota habashaa deebisee,kanaafis SaahilaSillaaseen “itti dhiyeenyaan” jechuun Oromootti dhiyaachuu jalqabee,Minilikis mul’ata abbaasaatii dhugoomfatee Oromoo waliin diruutti ka’ee eegalee qabsoon falmaa birmadummaa,walabummaafi bilisummaa Oromoo addaan cite hin beeku! Baroota Habashoonni nu dhiitan,nu buqqisan,nu ajjeesan kana keessatti harki ilmaan Oromoo gantoota ta’anii keechaa dhabamee hin beeku.Kanaafis barreessaan Habashootaa Aatsimeen “foon dikeedhuma looniitiin bilcheessu”jechuun raga ba’eera. Gadheen kan ishee lafarra harkiftee kan ormaa olfuutee baatti

SBO Ebla 20 Bara 2016. ODUU, Ijoo Dubbii ABO: dhumaatii tibbana baqattoota Oromoo mudaterratti fuulleffatee fi Gabaasa Sirna Yaadannoo Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Qabsoo Bilisumaa Dhugaa Galmaan Gahuuf

Aside

Damee Boruu Irraa

Barreessaa dhugaa baasa!Bara 2016 itti” Kallacha Daandi Qabsoo Bilisummaa Dhugaa” mataa durree jedhu Jalatti rakkinni qabsoo bilisumma uummata Oromoo inni duraa dhalootan Oromoota tahanii  Oromoo fi diina uummata Oromoo jidduu warra qubatee jiru akka tahe ibsuu yaalleen ture(Ayyaantuu.net 7/12 ilaaluu dandeessu).  Uummatni Oromoo diina isaa wajjin fuulatti walitti bahuuf Oromoota kana duraan dursee of jalaa daandii qabsoo irraa maqisuu qaba. Har’a akka uummatni Oromoo warra kana karaa irraa qulqulleessaa jiru ifatti argaa jirra. Galatni fi ulfinni bara baraan qeerroo fi qaree Oromoof haa tahu malee dhiiga isaanii akka bishaanii lolaasisnii salphinaa fi qaanii wagaa dhibaa olii keessaa Saba Oromoo  baasanii jiru. Har’aan kana uummatni Oromoo fira isaa,  diina isaa fi halgaa biratti ol aantummaa qaba. Lamuu gad aantumatti  ilaalamutti hin deebi’u. Har’a bilisummaa ykn du’aa jedhee tokkummaan  ka’eera.

Haalli kun tasa kan argame miti. Bara dheeraaf qabsoo bilisummaa dhiiga ilmaan Oromoon sooramee guddatee as gahee dha. Har’as dhiigni amma kana hin jinne itti lolaafamaa jira.Wareegamni qaalii baasaa jiru qabsoo bilisummaa kana gabsee galma isaa mirkaneesa malee kan gara duubaa nu deebisu miti. Yaroo kana keessa  namni Oromummaa isaa beeku bakka jiru maratti kan qabsoo kanaaf hin gummaachine jira jechuun hin ulfaata.Qabsoo Bilisumaa dhugaa Galmaan Gahuu