Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Caamsaa 26,2016

Aside

Magaalaa Finfinnee fi Magaalota naannawaa Finfinnee keessatti mormiin uummataa akkuma jirutti jabaatee itti fufee jira. Manneen Ummataas Irratti Diigamaa Jira.

Aside

 ffCaamsaa 26/2016 Magaalaa Finfinnee fi Magaalota naannawaa Finfinnee keessatti mormiin uummataa akkuma jirutti jabaatee itti fufee jira. Diigumsii manneen jireenyaa keenyaa mootummaan nurratti raawwataa jiruun uummatni kumootaan lakka’aman kutaa Boolee Bulbulaa irraa dahoo jireenyaa dhabuun dararaa argaa jiraachuun hubatamee jira.

Mootummaan abbaa irree wayyaanee humna waraanaa Fayyadamuun Manneen jiraattoota Cunqurfamoo fi Maatii abbaa Qa’ee fi abbaa Lafaa ummata Oromoo humna waraanaan dirqisiisuun doozeraan diigumsi manneen jireenya jiraattoota itti fufee jira.FF Bolee

Haalli Magaalaa Finfinnee Kutaa Boolee Bulbulaa warraa Gannuu irratti rawwatame Magaalota Finfinnee fi naannawaa Finfinnee Duukam, Qaallittii, Aqaaqiii, Burraayyuu, Sabbataa, Sulultaa, Laga Xaafoo Laga Daadhii fi guutummaa biyyatti keessattuu Magaalota Oromiyaa fi Finfinnee Irratti Xiyyeeffachuun diigumsi seeraan alaa humna waraanaa fi Doozeraan fayyadamuun itti fufee jira. Lammiileen biyyatti hedduun dahoo dhabuun balaa ulfaataaf saaxilamaa jiru.

ff boooleeQeerroon Bilisummaa Oromoo Yeroon gamtaan dhaabbatanii mirga ofii kabachiisuuf falmatan amma jechuun Goototni, Dargaggootni barattootni, sabboontootni Oromoo, uummatni Oromoo fi uummattootni biyyattii sabaa fi sablammootni cunqurfamoon harka wal qabachuun haa falmannu; hanga abbaa irraa aangoo irraa qaarisnee mirga keenya gonfannutti falmaan itti fufa jechuun barruulee warraaqsaa bittinneessuu fi uummataaf waamicha sochii waarraaqsaa jajjabeessu gochaa jiraachuu hubachisa.

Waraanni Agaazii Wayyaanee Godina Arsii Bahaa Aanaa Seeruu Keessaaa Uummata Nagaa Manneen Sakata’uun Goolaa Jira.

Aside

Caamsaa 26,2016, Godina Arsii bahaa aanaa Seeruu gammoojjii Elelle jedhamtu keessatti WBO fi ABOn seene shakkii jedhurraa kan kaate mootummaan wayyaanee ummata tumuufiimanneen namaa seenanii sakkatta`aa jiraachun dhagayame,waggoottan darban keessattis naannoo kanatti ummata qabdee ajjeesaa fi qaamaa hir`ataa gootee ABOtuu ummata akkas godhe jettee dubbachaa turuun isii ni yaadatama, bifuma wal fakkaatun aanaa collee naannoo Maanya jedhamutti ummata doorsisaa fii reebaa jiraachun dhagahame,Shaashamannee, Asaasa Dodolaa, Qoree keessatti namni galgala saa`atii afur dabarsee deemun dhoorkaa ta`uun himamame`Godina Shagar bahaa magaalaa adaamaa yuuniversiitii Adaamaatti waraqaan waamichaa fxg qeerroofii ummata magaalaa adaamatiif jedhu faca`ee magaalan adaamaa waraana qofa taatee jirti.

Video Maqa Isaan Gadii Dhifame Irratti Artist Jafar Alii fi Obbo Garbii Nuree Malii Jedhuu?

Aside

Godina Wallaggaa Qellem Ona Gidaami Keessatti Waraanni Wayyaanee Buufatee Ummata Jeeqaa Jira. FXGs Itti Fufe

Aside

GidaamiiCaamsaa 25,2016 /Qellem wallaggaa aanaa Gidaamitti kaleessa irraa kaasee Qeerroon waraqaa garagaraa maxxanseen akkasuma raabsee fi kaabinootaa fi milishoota kanneen mootummaa wayyaanee jala fiiganii uummata miidhan irrattsi yeroodhaa yerootti tarkaanfiin waan fudhatamaa tureef dabalata ta’ee kaleessa irraa kaasee dhaadannon garagaraa magaalichatti barruudhaan bittimfameen har’a waraanni Wayyaanee aanaale hedduu keessa buufatuun uummataa fi Qeerrooo ona Gidaamii doorsisaa fi shororka uumaa ooleera.

Namootni hedduunis deggeraa ABO fi Qeerroo jechuun qabamanii jiru. Guyyaa har’aa aanaan Gidaamii fi naannoon ishee waraana humna agaazii jedhamuun weerarameetu jira. Qeerroon dhaadannoo isaa ammallee kan itti fufee dhageesisaa jiru Gidaamii2

– WAYYAANEEN GALUU GEESSETTI KA’I HIN KAANA YAA OROMOO

– OROMIYAAN NI BILISOOMTI

– GIBIRA HIN KAFFALINAA

– MOOTUMMAA WAYYAANEE HIN GABBARINAA

– EENYU ISHEEN DAANGAA OROMOO LIXXU IRRA EJJETTEE MORMA ISHEE HIN
KUTTU

Jechuun dhaadannoo osoo mana barumsaa irraa galaa jiranii barattootni dhaadanno kana fakkaatu dhageesisaa oolaniru. Barruuwwwan waraaqsas Qeeyroodhan bittimsamaa jiraatuuun Qeeyroon har’a ona Gidaamii irra gabaasee jira.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Caamsaa 24, 2016

Aside

“Darddarri Kee Kanaafuu Maraannee” Wallee Warraaqsaa Haaraa Artist Keekiyyaa Badhaaneen/ Caamsaa 2016

Aside

Urgent call to all Oromo people and international community Health care is the fundamental human rights and not a tool of war

Aside

By Baaroo Keno Deressa, Dr.

Concerning this issue my letter to United nations and European commission will be published soon.

Dr Baro KenoAfter twenty-seven years in power, the TPLF-elite dare to tell us that Rome was not built in a day. Are they ignorant or arrogant??? Twenty-seven years is quite a long time to bring changes in the lives of all people. When the TPLF moved to Dadabit telling the world that Mengistu did not bring any change. But Mengistu remain in power 17 years and TPLF is now 27 years in power, number of days in one year then and now are still 365 and I don’t understand why  twenty-seven years of their palace life should not be considered a long time? Yes they bring many changes in Tigray region (in military technology, medical science, economic empowerment….etc). But the mother of all cash flow and life-oxygen my beloved Oromia and generous people of Oromo are:

  • Bleeding day and night in the hands of TPLF special commandos and security forces,
  • Suffering from torture and ill-treatment of TPLF government
  • killing future generations of our nations (university students).
  • Detaining millions of innocent Oromo peoples and Oromo intellectuals
  • Limiting free movement of our people in their home town
  • Promoting brain drain of mother land Oromia.
  • Harassment and hunting down capable Oromo individuals to inhibit the development of mother land Oromia.
  • Countless atrocities are committed against Oromo people

Mostly government statements are based on “kitchen cabinet” (TPLF junta) and Oromo people no matter what the truth is, they must accept it. The TPLF commandos are always right because they have the gun and the system supporting them. The stronger can always tell the wrong and force the weaker to accept it as the right. Trying to prove that the “stronger” is wrong is tantamount.

Whatever their power we Oromo people have to stand firmly with full commitment and confront it this barbaric act.

Let me put some facts with evidence based manner: Urgent call to all Oromo

Barumsi Caaluu Muxxannoo irraa Argama:

Aside

Damee Booruu Irraa

barruuTorban darban lamaan dura oloia Qeerroo Bilisummaa Oromoo irratti baname  dhaamsuuf qaamne Qeerroo Bilisummaa Oromoo ibsa bifa adda addaan kennuun ni yaadata. Ibsa kenname kana keessa tokko miseensi  QBO akkaataa qeerroon itti ijaarame, miseensa  koree jiddhuu meeqa akka qabaachaa ture, meeqa akka hidhamanii fi meeqaa akka  jiran ibsuudhaan ibda isanitti qabate akka dhaamu yaallii guddaa godheera. Yaroon ibsa isaa kana dhaga’u qaama kootu na sooka’e.

Warra Qeerroo irratti ka’e kana ibsi quubsuu  fi  gammachiisu danda’u tokko illee akka hin jirree Qeerron Bilisummaa Oromoo hubachuu kan dhabaniif  muxxannoo siyaasaa Oromoo ala (diaspora) kana waan hin qabneef. Anaa haa dhufu! Baga kunoo isinis siyaasaa Oromoo biyya alaa kanatti dhuftan. Gara wagaa afurtmaa oliif namni Oromoo ala jiru siyaasaa kana fakkaatuun yaroo isaa dabrse .  Internetiin yaroo ormi ittiin of ijaaree, of gurmeessee , ittiin humnaa fi horii horate: namni Oromoo, dhoqqee wal dibuudhaan , maqaa wal xxurreessee, wal ajjeesee , harki guddaan nama  irraa baqatee jiereenya namumaa isaa qofumaa akka hordofaa jiraatu godhee jira.

Akka hawwii fi ilaalcha  uummata Oromoo biyyaa keessatti diinaan okkamamee bokkee taa’utti Oromoon ala jiru ijaaramee kan bilisa isaan baasuu itti fakkaachuun ni mala. Namni biyyaa keessaa jiru isa alaa abdiin akka eegachaa ture hin dhagaama. Garuu, Oromoon ala jiru kun diina caalaa wal irratti boba’ee wal daakkuu fi wal balleessuu irratti yaroo isaa balleessa malee waa’ee diina Oromoo isaa duraa kan tahe TPLF irratti warri xiyyeefatu xiqqoo dha.  Barumsi Caalu Muxxannoo Irraa Argama

SBO Caamsaa 25,2016. Oduu, Caamsaa 20 wayyaanee irratti Ijoo Dubbii ABO fi dhimmuma kana irratti qophii qophaa’e akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside