Shira wayyaaneen Magaala Debre Birhan tti hojjechaa jirtu fi Dararaa Oromota naannoo Beenishaangul Gumuz

Aside

Abdii Lammii  irraa

Yeroo ammaa magaalaa Debre Birhaan , shawaa kaabaa tti ji’a lamaan darbe kana keessa namoota 20 oltu halkan morma qalanii ajjeesaa turan. Ajjeechaa akkasii kan raawwachaa ture  wallaalamee tureera. Gochaan akkasii magaala sana keesatti yeroo yerootti dabalaa waan dhufeef jirraattonni magaala sanaa waan godhan wallaalanii ture. Garuu guyyaa 11/13/2017 namoota dhalootaan Oromoo ta’an sadii fidanii uummatattii argisiisaa turani. Isaanis bakka Mandiidaa jedhamuu dhufnee ajajaan keenya Finfinnee jira, ergama ABO raawwachuu dhufne. Nagaa naannichaa jeequu fi saboota Amaaraa fixuuf ajaja fudhannee dhufne jedhanii dubbachaa turan. Guyyaa 40f waraana bilisummaa oromoo (WBO) biratti leenjii fudhannee dhufne jedhani uummata fuulduratti xibaaraa oolani. Anillee bakka sanatti argamee dhagaheera. Shirri kun diina keenya wayyaaneedhaan xaxamaa akka jiru beekamaadha. Hala deema jiru akan ariitiin uummataaf karaa adda addaa yoo hubannaa gad fageenyaan taasisame malee uummanni Oromoo lakkoofsa baay’eetu magaalicha keessa jiraata waan ta’eef ummata nagana jireenya isaa jiraaturratti akka miidhaan hin geenye yaaddoon guddaatu jira. Continue reading

Uummanni Oromoo Eeboo Abbaan Duulaa fi Waayiloonni Isaa Ittiin Waraanan Ofirraa Buqqisaa Jira!

Aside

Baarentuu Gadaa Irraa

Erga wayyaaneen uummata Oromoo weerartee waggaan 26 darbeera. OPDOn har’a  fakkeessiif akka waan aantummaa uummata Oromoo qabduu qabaa gadi na dhiisaa jechaa jirtus erga Wayyaaneedhaan uummata Oromoorratti ijaarmtee waggoonni 27 darbaniiru.  Dhaabni tun guyyaa gaafa ijaaramteerraa kaatee dirqama Wayyaaneerraa fudhatteen uummata Oromoo  keessumaa qaroo ilmaan isaati bobbaate yakkoota lakkoofsa hin qabne raawwachaa turuu fi jiraachunis beekamaadha!. Dhaabni yakkamtuun maqaa uummata Oromootiin daldalaa turtee fi jirtu tun gaafa ijaaramturraa kaatee dirqama Oromoo gabroomsuu, saamuu kan dide ammoo ajjeesuu, hidhuu,dararuu fi biyyaa godaansisuu itti kennitee kan bobbaafte booji’amtoota waraana dargii turan kanneen akka Abbaa Duulaa fi waayiloota isaa ti. Continue reading

SQ: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Sadaasa 14, 2017

Aside

SBO Sadaasa 15, 2017. Oduu, Mootummaan Abbaa Irree wayyaanee shira Xaxaa jiruun ammas irra deebi’e. Oromiyaa Bulchiinsa Waraanaa jala galchuuf ijibbaataa jira kana irratti Ijoo Dubbii ABO irraa laatame.

Aside

Guutummaa Oromiyaa Keessatti Fincilli Xumura Garbummaa Adeemaa Jira.

Aside

Sadaasa,14,2017
Oromiyaa keessatti fincilli Xumura garbummaa kan uummata Oromoo Guutummaa makate finiinaa jira. Fincila amma adeemaa jiruun Wayyaaneen kiyyoo keessaa bahuu hindandeenye ta’aa jira. Gaaffiin mirgaa karaa nagaa uummataan gaafatamaa kan jiru yoo ta’u, Qawweef meeshaawwan waraanaan doorsifni Wayyaaneen gootus ittuu jabaatee adeemaa jira. Haa ta’uutii qawween Wayyaanee gaaffii haqaaf gaaffii mirgaa gaafachuurraa uummata dhaabaa kan hinjirre ta’uu uummatni waloon bahee fincila inni taasisaa jiru ragaadha. Continue reading

SBO Sadaasa 12,2017. Oduu,Ibsa Tumsa Ummattootaa, Bilisummaa fi Dimokraasii irraa laatame, Haala Sochii Yunivarsitii Mattuu Keessaa ilaalchisee yaada Barataan Caalchisaa Dhugumaa SBOf laate fi Gaaffii fi deebii Jaal Sanbatoo Geessisaa Kutaa 2ffaa

Aside

SQ: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Sadaasa 10, 2017

Aside

Sadaasa 9 Guyyaa FDG Ilaalchisee Faaruu Hawwisoo Qeerroon

Aside

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Sadaasa 9,2017

Aside

SBO: Sadaasa 10 bara 2017. Oduu, Ibsa ABO Yaadannoo Waggaa 12ffaa Guyyaa Fincila Diddaa Gabrummaa(FDG) ilaallatuu fi Gaaffii fi Deebii Jaal Sambatoo Geessisaa waliin taasifame.

Aside