ONN; Oduu Olmaa Oromiyaa Sadaasa 22/2017

Aside

Wayyaaneen TPLF if Gaaguuruuf Funyoo(Haada) Hidhataa Jirti

Aside

Sadaasa,22,2017
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
“Galgalli Harree Waraabessa” jedha Oromoon. Harreen utaaltes, guluftes gaafas Waraabessa baatus du’a ooltii? Duutummoo Waraabuu foonessuu dhiisaa? Kanumaaf uummanni keenya mammaake.

Waa malee hinjenne. Amma biyya keessa jiraannu keessatti cunqursaan saba keenya Oromoo fi saboota cunqurfamoo impaayera biyyattii irratti daran jabaatee jira. Cunqursaa sana ofirraa kaasuuf yeeroo uummanni waloodhaan gaara garbummaa dhiibu argaa jirra. Gaarri uummata jala dhaabataa? Gaarri uummataan dhiibamu jiguu hinafu. Qabsoon uummanni keenya humna afaan qawwee guutuutti hidhatee sochoo’u faana gochaa jiru qabsoo jabduudha. Galma nii ga’a. Nii injifanna!

Qabsoo kanaan hidda Wayyaanee kukkutee muka jabaa Tigiroonni abdattu TPLF gogksuutti  jirra. Mukti gammoojjii saaramee fayyaa? Mukti Tigirootaa kunis haa badan fayyuu hindanda’u. Gogee golgolaa’uunsaa dhiyoodha. Amma baala buusuuf daandii qabeera. Gogee akka dhabamu shakkii hinqabnu. Uummanni keenya jabaa kan ofiin jedhee addunyaa raasuuf abbalaa ture sochoosuurra tortorse. Daraaraa garbummaa kutaa jira. Garbummaa biyyattii keessatti daraaraa jiru kun yeroo dhiyootti cita. Daraaraan cite firii hingodhatu. Continue reading

Uummata Oromoo naannoo Beenishaangul Gumuz jiraatan irratti daraaraan cimee itti fufee jira.

Aside

Sadaasa 22,2017

Akkuma beekamu Sabboontonni Oromoo naannoo Matakkal jiraatan Oromummaa isaaniitiin qofa yakkamanii waggaa darbe Muddee 2016 irraa jalqabee lafa nagana jiraata irraa human tikaa Wayyaaneen qabamanii Mana hidhaa Maayikalaawwii fi Qiliinxoo keessatti dararamaa jiru. Himata Shororkeessummaan iraatti banamee ragaa jiraattota naannoo Sanaa fidanna jechuun, Oromootaa fi saboota biroo naannichaa ragaa godhachuuf yaalii gochaa turtes namootiin ragaa ta’uuf dirqamanis ta’e fedhaan argaman aantummaa fi jaalala Uummata Oromoo naannichaaf qaban Mana murtii Olaanaa dhaddacha 19ffaa irraatti Mul’isaniiru. Kunis mootummaa nama nyaataa wayyaanee mata dhukkubbii itti ta’ee jira. Kanumaan wal qabatee Beellama itti aanuuf namoota ragaa haa ta’an jedhanii Namoota kudha lama naannichaa lafa jiranii waamanii kadhachaa akka jiran beekameera. Continue reading

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Sadaasa 21, 2017

Aside

SBO: Sadaasa 22 bara 2017. Oduu, Gabaasaa Sirna Kabajaa Waggaa 12ffaa Yaadannoo FDG ilaallatuu fi Gaaffii fi Deebii Ogeessa Diinagdee Dr. Badhaasaa Taaddasaa waliin gaggeeffame -Kutaa jalqabaa Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

“Gaaffiin Barataa Oromoo Hanga Kabajamutti, Sossobbaa Wayyaaneen Dagamanii Afaan Qabachuun Gabrummaa Ofirratti Jabeessuu Dha”

Aside

 Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Sadaasa, 21,2017
Gaaffiin mirgaa gaafatamaa tureen hanga har’aa deebiin uummataaf deebi’u hidhaaf ajjechaa ta’uu marruu nii hubanna. Akeekni gaaffii barattoota Oromoo sirna garboonfataa Wayyaanee suphuun Wayyaanee haaromsuu utuu hintaane humna afaan Qawweetti amanu dhabamsiisuun, abbaa biyyummaa halagaan molqamne deeffachuudha. Mirga abbaa biyyuummaaf taasifamu keessatti gaaffiin uummataa hanga sirni garboonfataa  hundeen buqqa’utti jabaatee kan itti fufu malee, gaaffii addaan ciccitaaf hiiriira addaan ciccitaa gaggeessuun garbummaa qancarsuun nama nyaataa garboonfataa gabbisuudha. Gaaffiin barataa hanga deebi’utti barnoota hinbarannuun barnoota mormuu utuu hintaane sirna bulchiinsaa gaaffii uummataa karaa nagaa gaafatamu gara gaaffii waraanaatti jijjiiru balaaleffachuu ta’uu barataan keenya hubachuu qabdu. Har’a addunyaa dimokiraasii keessa mirga keenya molqamnee ardaaf qabeenyaa keenya halagaan saamamnee akka sinbiraa mana jireenya daggala godhannee jirra. Continue reading

Seenaa Qorachuun irraa Barachuu fi Qaramuufi.

Aside

Damee Booruutiin

Qabsoon Bilisumaa Uummata Oromoo bara dheeraaf godhamaa jiru kana keessatti wareegama  amma kana jedhamee himamuu hin dandeenye baasnee as geenye. Basaas jirra. Har’a aduun Bilisummaa uummata keenyaaf yaroo dhiibatee bahuuf jedhu,  Oromoota tahan warra uummata keenya gara dhukkanaatti deebisuuf dhiibaa jiru teenyee ilaaluun baayyee nama  yaadessa.

TPLF uummatni Oromoo funyoo murmatti kaa’ee gara owwaala isheetti harkisaa  jira. Uummatni Oromoo TPLF barbadeessee of irraa buqqisuuf waa’ila tokko illee hin barbaadu. Oggumaa, beeekumsaa, gootummaa  fi humna gahaa qaba . Waan orma biraatti hirkatee walabummaa isaa dabarsee namaa keennuuf sababni tokko illee hin jiru. Of irratti ammantee qabaatee abbaa biyyuummaa isaa erga mirkanneefatee booda nagaan olloota isaa wajjin jiraachuuf marii barbaachisu gochuun haqaa isaa ti. Continue reading

ONN:Oduu Oromiyaa Sadaasa 21/2017

Aside

“Lammii Lammii” Wallee Warraaqsaa Haaraa,Adem Mohammed- 2017

Aside

Continue reading

FXG Yuunibarsiitii Amboo

Aside

Image may contain: one or more people, people standing and crowd