Barattooti Hidhaman; Diddaan Itti Fufe!

(Oduu Qeerroo, Hawaasaa, Ebla 15, 2011) Humni tikaa wayyaanee barattoota Oromoo adamsee hidhuu isaa wayita itti fufee jirutti, barattooti Oromoo immoo diddaa isaanii jabeessanii babal’isaa jiru.

Maddi Oduu qeerroo akka nuuf gabaasetti, barattooti Oromoo Yunivarsitiilee biyyattii keessa baratan doorsisaa fi hidhaadhaan hiraarfamaa jiru.

Barataa Seenaa Mararaa

Akka kanaan Yunivarsitii Arbaa Miinchi keessaa barataa Seenaa Mararaa ukkaamsanii akka hidhanii fi barataa kanas mooraa keessaa qabanii yeroo deemanitti reebicha guddaa erga irraan gahanii booda qabanii  gara mana hidhaa hin beekamnetti fuudhanii deeman.

Hidhamuu barataa Seenaa Mararaan walqabatee mooraa University Arbaa Miinchi keessatti mormiin guddaa kan ka’e yoo ta’u,   guyyaa har’aa  Ebla 15,2011 guutummaatti hiriira bahanii mirga barattootaa fi guutummaa ummata cunqurfamaaf gaafachuuf ejjennoo fudhatanii jiru.

Haaluma walfakkaatuun barattoonni Oromoo mooraa University Hawaasaa keessatti baratan hedduun qabamanii hidhaatti darbamaa jiru.

Barataa Daagim Gizaw

Haga ammaattis barattooti Oromoo jajjaboo fi qaroo sadii gaafa Ebla gaafa 13, 2011 mooraa keessaa qabamuun gara mana hidhaa hin beekamnetti fudhatamanii jiru. Barattooti hidhamnis, Barataa Sayyoo electrical Engineering waggaa 3ffaa, Barataa Daagim  Gizaawu Electrical and Computer Engineering, Barataa Gadaa Raggaasaa Vetr waggaa 5ffaa kan baratu ta’uun beekamee jira.

Yeroo hidhaan kun babal’ataa jirutti, barattooti Oromoo immoo “qabsoo irratti hirmaannus dhiisnus reebamuufi ajjeeffamuun nuuf hin oolu. Kanaaf bu’aa buusaanii wareegama gaafatu kaffaluun filatamaadha,” jedhanii jiru.

Yeroo ammaas hidhaa ummata Oromoo irratti labsame gargalchuun hawaasti marti bakka jiru irraa walqabatee akka ka’u illee Qeerroon dhaamsa dabarsatanii jiru.

INJIFANNOO!!

“Hidhaa fi Hiraarsaan diddaa keenyatti nu jabeessa!”

(Oduu Qeerroo,Haromaayaa,14 Ebla 2011) Hidhaa fi hiraarsaa barattoota Oromoo irra gahu hatattamaan akka dhaabbatu barattooti Oromoo mooraalee Yunivarsitii adda addaa keessa baratan gaafatan.

Barattooti kun guyyaa kaleessaa hala rakkisaa keessatti wal qunnamanii akka dhaamsa dabarsatanitti barattooti hidhaman hatattamaan hin hiikaman taanaan barumsa akka dhaaban beeksisanii jiru. “Hidhaa fi Hhiraarsaanis diddaa karaa nagaatiin goonutti akka cichinee hojjannu nu gargaara,” jedhanii jiru.

Yeroo ammaa kana Oromoota hidhuu fi ajjeessuu irraan qabsoo ummata Oromoo ukkaamsuun fala jedhee kan itti jiru mootummaan Orom-nayaataa Wayyaanee ammas magaalotaa fi University lee irra deemee ilmaan Oromoo funaanee hidhuu itti fufee jira.

Barataa Mirreessaa H/yasuus

Akka kanaan Barattoota Oromoo  barnootaan qaroo tahan keessaa gaafa Ebla 11,2011 halkan bakka ciisicha cabsanii itti seenuun kenneen hidhaatti geeffaman keessaa Barataa Mirreessaa Hayleyesus Qananii barataa  Universal University  clinical Pharmacy waggaa 3ffaa, Barataa Damee Olambe Universal University Clinical Pharmacy waggaa 2ffaa, Barataa Taddasaa Takkaleny University Finfinnee Journalism waggaa 3ffaa ta’uun beekamee jira.

Haga ammaatti barattoota Oromoo adamsanii hidhuun kan itti fufe yoo ta’u, haala isaan keessa jiran beekuuf yaaliin godhame hin milkaa’iin jira.

Barataa Daandii Baqqalaa

Odeessi turee nu aghe immoo barattooti Oromoo kunneen mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessatti hiraarfamaa akka jiranii fi keessaayyuu barataa Tolesa Farajaa University Jimmaa, Barataa Tufaa Baacaa University Jimmaa, Barataa Sanbataa Damee University Haromayaa, fi barataa Daandii Baqalaa, University Haramayaa irraa mana dukkanaa keessatti hidhamanii akka jiran beekameera.

Kana malees, barsiisota dhalootaan Oromoo tahan Kaampaasii Goteraa keessaa kanneen barsiisan ammoo Barsiisaa Alamayyo Garumaa, Barsiisaa Fayyisaa Alamineh fi Barsiisaa Dachaasa Magarsa kanneen jedhaman mana hidhaa bakka hin beekamiinitti geessuun hanga ammaa bakka jiran hin beekamu.

Damee Olambee

Kana malees college University Rift Vally keessatti barattooti Oromoo gaaffii mirgaa gaafatan irraan bulchitooti Wayyaanee rakkoo uumanii haalli college kanaa yeroo gabaatti kan cufamuuf deemu tahuu qeerroon ni beeysifti.

Yeroo ammaa kana tikaa fi basaasaan wayyaanee heddummaachaa akka jiru kan dhaaman barattooti Oromoo, kanneen hidhaman martuu maatii fi firoottan isaanii waliin akka qalqunnamaniif yookaan abukaatoo seeraa akka argataniif waanti godhamee akka hin jirre beekameer jira. Sababa kanaan haala isaan keessa jiran beekuun hedduu rakkisaa waan ta’eef yaaddoon jiru guddaa dha. jedhamee jira.

This slideshow requires JavaScript.

Oduu Qeerroo

“Diddaan Qeerroo Hidhaa fi Ajjeechaan Hin Dhaabbatu!”

(Qeerroo News, Finfinnee, Ebla 13, 2011)Oromoota hidhuu fi ajjeessuu irraan qabsoo ummata Oromoo ukkaamsuun fala jedhee kan itti jiru mootummaan Orom-nayaataa Wayyaanee ammos magaalotaa fi University lee irra deemee ilmaan Oromoo funaanee hidhuu fardeefatee jira.

Gabaasoti Qeerroo bakka adda addaa irraa odeessa nuu ergaa jiraniin akka mirkaneessanitti, wayyaaneen gama hundaan sagalee Oromoo ukkaamsuuf human qabdu amraan hojjacha ajirti.

Akka kanaan Barattoota Oromoo  barnootaan qaroo tahan keessaa gaafa Ebla 11,2011 halkan bakka ciisicha cabsanii itti seenuun kenneen hidhaatti geeffaman keessaa:-

1.      Mirreessaa Hayleyesus Qananii barataa  Universal University  clinical Pharmacy waggaa 3ffaa

2.      Damee Universal University Clinical Pharmacy waggaa 2ffaa

3.      Taddasaa Takkaleny University Finfinnee Journalism waggaa 3ffaa

4.      Tolesa Farajaa University Jimmaa

5.      Tufa Baacaa University Jimmaa

6.      Sanbataa Damee University Haromayaa

Yeroo hidhaa Ma’ikelaawiitti darbitu, barsiisota dhalootaan Oromoo tahan Kaampaasii Goteraa keessaa kanneen barsiisan sadii;

1.      Alamayyo Garumaa

2.      Fayyisaa Alamineh

3.      Dachasa Magarsa

mana hidhaa hin beekamiinitti geessuun hanga ammaa bakka jiran hin beekamu. Maatii fi firoottan isaanii haala kana irraa rifaatuu waan qabaniif bakkatti iyyatan dhabuun rakkachaa jiru.

Kana malees college University Rift Vally keessatti barattooti Oromoo gaaffii mirgaa gaafatan irraan bulchitooti Wayyaanee rakkoo uumanii haalli college kanaa yeroo gabaatti kan cufamuuf deemu tahuu qeerroon ni beeysifti.

Dameen qindeessituu sagantaa diddaa Qeerroo dhimma kana irratti ibsa kenneen, hidhaa fi ajjeechaan sagantaa Qeerroo fashalsuuf yaaliin godhamaa jiraatus, “diddaan Qeerroou bifa kamiinuu hin dhaabbatu.” jedhee jira.

Isbi kun itti dabaluunis, “ wayyaaneen  nu hiitus, nu ajjeeftus, nu darartus, nu madeessuu irra dabartee biyya keenya deegsitus abadan qabsoo irraa hin dhabbannu!” jedhee jira.

Oduu Qeerroo

Wayyaaneen Barattoota Oromoo Hidhuu fi Adamsuutti Jirti!

(Oduu Qeerroo, Jimmaa, Ebla 13, 2011) Gaaffii Ummata Oromoo deebisuu kan hin dandeenye Mootummaan Wayyaanee, baratoota Oromoo hidhuu fi ajjeessuun furmaata jedheen duula hidhaa fi ajjechaa itti fufee jira.

Maddeen oduu Qeerroo akka gabaasanitti, barattoota Oromoo hidhuu fi dararuu,ajjeessuu fi biyyaa ari’uun dhibdee siyaasa Impair biyyattiif  furmaata akka taheetti kan fudhatee mootummaan Orom-nyaataa Wayyaanee duula hidhaa jimulaadhaan dhidhanii booda ragaa itti barbaadan babal’isaa jirti.

Barataa Girmaa Xurunaa

Gaafa Ebla 7,2011 irraa eegalee barattoota Mooraa University Miizaan Teeppii rasaasaan tumuu fi kaan ammoo hidhaatti ergee akka doorsisaa fi reebichatti jiru gabaasi achii irraa nu gahe addeessa. Kana irratti dabalee barattoota barnoota Engineering n waggaa dhumaa irra jiranii fi kanneen qaroo tahan nama lama guutuu Oromiyaa keessatti  FDG kan akka biyya Egypt fi biyoota gidduu gala kaaniin Ethiopia keessatti jalqabuuf jettu kan jedhuun yakkee mooraa University Haromaya ,Hawaasaa, Jimmaa, fi University Wallaggaa irraa dhukaamsee fuudhuun mana hidhaa hin beekamnetti gara  Finfinnee akka geesse geessee jira.

Barattooti Oromoo kun:-

  1. Girmaa Turuna    university Haramaayaa waggaa 4ffaa
  2. Dachaasaa Wirtuu Mosisa University Harmaayaa waggaa 4ffaa
  3. Fayyisaa Fufaa Universiyty Wallaggaa waggaa 3ffaa
  4. Gaddisa Dhugaasaa  University Hawaasaa
  5. Tariku Baqala University Haromaaya.
  6. Magarsaa Baqalaa University Haromarya
  7. Fitum Taddasa(Biyya) University Haromaya
  8. Tolesa Farajaa University Jimmaa
  9. Tufa Baacaa University Jimmaa

Barataa Dachaasaa Wiirtuu moosisaa

Hidhamuu barattoota kanaa fi kanneen mooraa University Miizaan Teeppitti rasaasaan waadamanii Hoptala Miizaan Teeppii jiran kaan ilaalchisee Barattooti Oromoo Universitileee, Jimmaa, Finfinnee, Hawaasaa, Adaamaa,Naqamte,Dillaa,fi Ambo irraa dhaamsota kara karaa erganitti barattooti kunniin hatattamaan hin gadhiifaman yoo tahe mootummaan Wayyaanee madaa ummata Oromoo irratti gaaza firfirsaa waan jiruuf,ummati Oromoos kanaaf deebii gahaa akka kennuuf qophii tahe nuti dargaggoonni Oromoo biyya lafaatti beeksfna.

Ammas karaa biraa hidhaa fi dorsisi hiriira bahuuf jettu sababa jedhuun yunivarsitiilee garaa garaa keessatti itti fufee kan jiru si’a tahu, Yunivarsitii Wallaggaa keessatti halkan halkan ibsaa dhaamsuun barattoota guuraa akka jiran gabaafameera. Gaafa Ebla 6,2011 humnoonni tikaa Wayyaanee barataa tokko qabanii hidhuuf jedhan barattoonni iyyanii harkaa buusaniiru.

Barataa Gadaa Raggaasaa

Karaa biraa barsiisota mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Homii jedhamu keessaa sochii dargaggoota ykn barattoota Oromoo qindeessaa jirtu kan jedhuun Oromoota warra tahan nama 8 hidhuun mana hidhaa Ma’ikelawwii Finfinnee akka geessan bira gahamee jira.Maqaa barsiisota kanaa fula dura odeessi Qeerroo ifa ni godha.

Barattooti ukkaamfaman akka hiikaman gaafatame!

(Oduu Qeerroo, Haromayaa, Ebla 12, 2011) Barattooti Oromoo Yunivarsitii Haromayaa keessa baratan guyyaa kaleessaa mooraa isaanii keessatti hiriira bahuun barattooti ukkaamsamani akka gad-lakkifamn gaafatan.

Barattooti Oromoo kunneen hiriira nagaa godhan kana irratti barattooti humna tikaatiin ukkaamfamanii hidhaman akka gadhifaman kan gaafatan yoo ta’u, barattooti kunneen hin gadhiifaman taanaan garuu barnoota dhabnee gara warra keenyatti galla; qabsoo Oromummaas itti fufna” jedhanii jiru.

Wayituma kana barsisonni illee gaaffii barattootaa kana kan deeggaran yoo ta’u, haalli akkanaa kun yoo fala hin argatiin sirni baruu fi barsiisuu gufachuu akka malu hubachiisanii jiru.

Warri gaaffiin itti dhiyaate, presedantiin Yuniversitichaas, “nutis mootummaa gaafannee jirra; hamma Jimaatatti isiniif himna,” ittiin jechuun deebii kenni iyyuu  barattooti garuu “amma jimaataatti  hin obsinu; har’uma bakki isaan jiran nuuf haahimamu; yoo ta’uu baate mormii keenya hin dhaabnu,” jedhanii jiru.

Yeroo ammaa kanas humnooti tikaa fi basaasaa barattoota hordofaa kan jiran yoo ta’u mooraan Yunivarsitichaan  hidhattoota wayyaanee hedduudhaan eegamaa jira.

Kana malees, network kan telfona fi internate illee  balleessanii waan jiraniif akka salphaatti qunamtii gochuun hin jiru. Barattooti garuu gama hundaan qunnamtii isaanii jabeeffachaa fi diddaa karaa nagaatiin godhamuuf of-qopheessaa jiru.

Oduu Qeerroo

Dhaamsa Qeeroo Bilisummaa

Qeerroo Oromiyaa;

Diddaa qeerroo Oromiyaa

Dhaamsa Diddaa Qeerroo Oromiyaa

Gadaan kun kan kee ti. Gadaa kana keessatti kaatee yoo oromiyaa garbummaa jalaa hin baaftu ta’e, biyyaa fi saba garbummaan dhaale keessatti hireen darbuuf deema. Kun immoo qaanii qaanii caaluu dha. Abbootiin keenya garbummaa didanii guca bilisummaa qabsiisan har’as si waliin qabsootti jiru. Atis, guca isaan qabsiisan saniin biyyaa fi saba kee qarriffaa garbummaa jalaa baaftee gara bilisummaatti akka tarkaanfachiiftu sirraa eegu. Kana waan ta’eef, bakka jirtutti hidhannoo kee jabeeffadhu!

Akkuma beeknu, hidhaa fi ajjeechaan akkuma kaleessaa sanatti mana keetti dhufaa jira. Diinni keenya karaa maraan nu balleessee ofii badhaadhuuf nurratti hojjachaa jira. Nuti, qeerroon immoo yoo har’a didne malee biyyaa fi saba egere dhaallee dhalootaa dhalootatti lachiifnu qabaachuuf hin jirru. Kanaaf, bakka jirtitti waan dandeessu mara godhi!

Diinni keenya duula walii galaa nurratti bane jira. Ijoollee mana hidhaatti guuramaa jiran irraa akka hubannutti nu kanneen hafne illee buluu keenya beeknus, oollee keenya beekuuf hin jirru; ooluu keenya beeknus, buluu keenyaaf wabiin hin jiru. Wabiin keenya otuu falminuu du’a seena qabeessa du’uuf of-qopheessuu qofaa dha.

Odeeffannuun humnoota tikaafi basaasaa irraa nu gahaa jiru akka hubachiisutti manneen fi oolmaan sabboontota Oromoo marti hordofamaa jira. Torbee as dhufuuf jiru, keessaayyu, jimaata eegalee haga dilbataatti duulli guddaa manneen barnootaa keessatti banamuuf qophaa’ee jira. Kanaafis, humni guddaan waraanaa fi garee farra-shororkeessitotaa keessaa walitti qindeeffamanii jiru. Qeerroon kana beektee, akkuma kanaan duraatti of-eeggannoo guddaa akka gootu haata’u. Caasaa qabdan maraanis dhaamsa keessan akka miidiyaalee adda addaa gahu godha. Yoo diina harka buutan bifa kamiinuu gowwoomtanii akka odeessa keessan hin kennine.

Kaayyoon keenya kanneen abbaa irrummaan dhiiiga ummataa xuuxaa jiran dhabamsiisuu malee ummataa fi gosa kmirrattiyyuu kan xiyyeeaffattee miti. Nuti kan itti jirru, tooftaa diddaa keenyaan qabsoo keenya karaa nagaa itti fufuu dha. Hin dagatiinaa! Nuti saba kamirraayyuu diinummaa hin qabnu! Diinni keenya kanneen aangoo ummataan duruumanii dhiiga ummataa xuuxaa bara baraan jiraachuu fedhanii dha. Galiin keenya sirna cunqursaa dhabamsiisuu dha.

Qeerroo! Bifa kamiinuu sodaatti harka kennachuu hin qabdu! Otuu sodaannuu du’uun raawwatuu qaba. Yeroon du’aa jiraannus awwaalamuu qaba. Duuti sodaa illee dallaa keenya jala dhaabbatee jira. Qeerroonis gamtaa keetiin yeroon itti tulluu sodaa itti jijjigsitu ga’eeraa, ka’i!!

Qeerroo waanti guddaa ati gochuu maltu amala diina keetii beeki; jabinaa fi laafina diina keetii adda baasi.  Diinni keenya waanti inni qabu meeshaa waraanaa malee dhugaa miti. Dhugaa kan qabu nu warra qe’ee keenya keessatti dararaa argaa jirruu dha. Dhuma irratti  kan mo’atu, kan dhugaa qabuu dha. Abbootiin irree dhumaa isaanii hin argan; seenaa darbe irraa hin baran. Warreen seenaan galmeesse dhiifnee, warren kaleessaa yoo mil’anne kabajaa caalaa salphinaan aangoo irraa bu’uu warra filatanii dha. Haga fedhan kijibanis dallaan kijibaan ijaarratan du’a isaan hin oolchine. Dhugaaan karaa qal’aa keessaan hulluuqxee isaaniin fuutee darbite, bittaa wayyaanees buqqisuuf jirti; jabaadhu!!

114 Oromo Students Injured by Live Ammunition

(Qeerroo News, 11 April 2011) The Woyane Federal police have beeen firing live ammunition on about 400 unarmed and peaceful Oromo students of Mizan Tepi University injuring several students and arresting several others a report we received on April 08, 2011 revealed.

According to Qeerroo News reporter,  the exact number of students injured and arrested by the Woyane police is unknown.

However, the latest update we received today April 10, 2011 revealed that 114 Oromo students, injured by live ammunition have been admitted to Mizan Tepi hospital and many others who were not taken to hospital are suffering in individual houses without any medical attention.

The updated report we received today added that more than 50 other Oromo students have been abducted and their whereabouts are unknown.

Oromo students in the area are appealing to all humanitarian, governmental and non-governmental organizations to follow the whereabouts of those abducted and also to save the lives of those left without medical attention.

Here is a brief chronology of events unfolding in Mizan Tepi University. On April 4, 2011 evening the rumor that Oromo students are going to lit a revolt in the university was spread and a large number of Federal Police was deployed and was firing heavy equipments throughout the night, presumably to scare of the students.

In connection with this the Tigrean students of the university were organized and started a (pro-government) rally insulting the Oromo students and the entire Oromo people.

The provoked Oromo students made everything possible to destabilize the conflict and the tension peacefully, but without success.The conflict was intensified until the so called Federal Police sided with Tigrean students and rained live ammunition on Oromo students.

That evening the deployed Federal Police picked up at least 50 [only] Oromo students from their dormitories, put them on big military trucks and have taken them away and their whereabouts are unknown.

Currently the telephone communication to the area is down and Qeerroo News reporter is unable to get more detail information about the incident.

 

“Bara baraan gabrummaa keessa jiraachuu irra bilisummaaf utuu falmannuu, wareegama seena-qabeessa taheef kufuu filanne.” Qeerroo Oromiyaa

Ka'i, Qeeroo

Nuti, bartootni Oromoo fi bartootni saboota miidhaa bittaa jala jirruu, ummata Itoophiyaas tahe hawaasa addunyaatti quca warraaqsaa qabsiisuu keenya kunoo ifatti labsineerra. Seenaa wareegama bartoota Oromoo dhiheenya taasisameef bakka guddaa kennaa nutis wareegama bilisummaa baasuuf murteessanne. Bara baraan gabrummaa keessa jiraachuu irra bilisummaaf utuu falmannuu, wareegama seena-qabeessa taheef kufuu filanne.

Ummatootni Ittophiyaa keessaas yaamicha keenya dhagahanii, miidhaa, cunqursaa fi gabrummaa of irraa dhabamsiisanii, bilisummaa, walabummaa fi sirna dimokiraasii haqaa dhugoomsatanii biyya isaanii keessa kabajaan jiraachuuf goca bilisummaa bakka hundatti akka qabsisanii qalbii fi onnee guutuun akka nu waliin hiriiran guddisnee abdanna.

Ibsa Sochii Qeerroo Oromiyaa

 

“We are determined to die in freedom than living in slavery” Qeerroo Oromiyaa

Ka'i Qeerroo!!

“We, Oromo and all other oppressed peoples students, declare to the world and the Ethiopian peoples that we are committed to be first in torching the revolution. Given the recent history of Oromo students’ movement, we are cognizant of the price of freedom.We are determined to die in freedom than living in slavery.

We are confident that soon the remaining Ethiopian peoples would follow us in upholding the torch of the revolution so that their oppression, suffering and slavery end here and now and give way, once and for all, for liberty, freedom and democracy to prevail.”

Oromo Youth.pdf

Hello QEERROO!

Ka'i, Qeerroo

 

 

 

 

 

 

 

Welcome to Qeerroo Forum at https://qeerroo.wordpress.com. This is your Gadaa based blog to promote Freedom and Democracy in Oromia. The goal of the Qeerroo Movement for Freedom and Democracy is not to create a new centralized organization that will make decisions on its own. Indeed, the movement is not an organization as such. Rather, it is a proactive network of democrats that will meet periodically to exchange ideas and experiences and to foster collaboration among peace and democratic forces around the world.

Joine the Qeerroo Youth Movement!