Barattooti Univarsitii Jijjigaa Fincilan; Agaaziin Barataa Madeesse!

(Qunnamtii Qeerroo, Jijjigaa, Caamsaa 02, 2011) Barattoonni Uneversity Jijjigaa miidhaa fi roorroo sirna Wayyaaneen ummta irratti raawwataa jiru balaaleffachuun fincila godhan.

Barattooti Yunivarsitii Jijjigaa keessa baratan kun diddaa gocha farrummaa fi sirna bbaa Irrummaa mootummaa Wayyaanee kana kan taasisan gaafa 30/04/11 ta’uu odeessi Qunnamtii Qeerroo ifa godhee jira.

Barattoonni guyyaa kana dhaadannoolee gara garaa qabachuun yeroo isaan fincila isaanii jalqaban, waraanni wayyaanee  Agaazii jedhamu, kan duraanuu isaan marsee eegaa ture barattoota harka duwwaa gaaffii mirgaa gaafachuuf bahan irratti dhukaasa banuun barataa tokko madeessee jira.

Haata’uutii, barattoonni kunneen guchaa diinummaa wayyaanee kanaan hamilee odoo hin cabin guyyaa guutuu fincila isaanii itti fufaa oolanii waraana wayyaaneetiiniis wal dura dhaabbachaa ooluun gootummaa qaban itti agarsiisani jiran.

Mootummaan wayyaanee tan abdii kutattee barattoota harka duwwaa hiriira bahaa jiru fii ummata Oromoo kan baadiyaalee keessatti hiriira diddaa isaanii bahaa jiran irratti gara jabeenyaan dhukaasa banuun, gochaa faashistummaa isaa saaxilu, kan lubbuu barattootaa fi ummata baadiyaa galaafachuutti jiru raawwataa jira.

Qeerroonis dhimma kana irratti yaada kennaniin, kaayyoon karaa nagaa diddaa ofii ibsachuu, gochaa abbaa irrummaa sirna sanii saaxiluu  ta’uu hubachiisee, “ummata karaa nagaa hiriira bahee gaaffii mirgaa gaafate irratti dhukaasa banuun faashistummaa Wayyaanee addunyaaf saaxila,” jedhee jira.

“Barattoonni fi ummanni baadiyaa gochaa wayyaanee kuni waan itti kaanee jirru irraa xiqoollee if duuba nun deebisu,” kan jedhe Qeerroon  fincila isaanii kan diddaa sirna abbaa irrummaa eegalames kan itti fufan tahuu mirkaneessanii jiran.

Barattootis ta’ee ummati Oromoo diddaa isaanii jabeessanii itti fufuu akka qaban kan dhaame Qeerroon, “kanneen jabaatanii falmtan amni imal-nagaa dheeraa ta’u illee galii isaanii gahuun mirkana,” jedhee jira.

Akkasumas, Qeerroon hawaasa Oromoo biyya alaa jiraniifis dhaamsa dabarseen yeroo kanattis  hawaasti keenya biyya alaa akkuma kanaan dura jabinaan gochaa sirna wayyaanee saaxilaa turanitti, ammas sagalee Qeerroo fi ummata Oromoo ta’uun deeggarsa isaanii akka mul’isan dhaamee jira.