(Qunnamtii Qeerroo, Adaamaa, Ebla 30, 2011) Mootummaan Wayyaanee humna waraanaa hedduu daangaa Eritiriyaa karaa Affaar jirutti guuraa akka jiru beekame. Dargaggooti biyyattii lola dantaa Wayyaanee tiksuuf adeemsisamu kamuu keessatti akka qooda hin fudhanne Qeerroon hubachiise.
Akka Qunnamtiin Qeerroo humna Waraanaa Wayyaanee keessaa gabaasetti, mootummaan Wayyaanee gidduu kana, keessaayyu, Ebla 22 fi 23,2011 raayyaa isaa konkolaataa Autobisa nama 60 baatu hanga 50 tahuun gara magaalaa Buree fi Maandaa jedhamutti guuraa kan jiruuf biyya Eritrea weeraruun Asabiin Ethiopiatti deebifna jechuun duula guddaa banee jira.
Waraanni Wayyaaneen gama magaalota Buree fi Maandaatti guure kun irra caalaan sabummaan warra Kibbaa fi Binishaangul yoo ta’an, Affaarotaa fi Somalee warra Affaar akkasumsa Tigroota garii ammoo akka mormitoota Eritrea tti leenjisuun waraana humna addaa godhee gama magaalaa Maandaatti akka qubachiise beekameera.
Kana waliin wal qabatee dabballoonni Wayyaanee ummata Amaaraa fi kanneen Ethiopia leellisan keessatti bobba’un, “Asabiin Ethiopia itti deebisuuf tokko taanee ka’uu qabna, tokkummaan Ethiopia yeroo kana keessa deebi’uu qaba, erga Asabiin deebifnee booda bulchiinsa naanoo jedhame dhabamsiifnee biyya Ethiopia akka durii kiflaagariitti deebifna,” fi kkf ololaa akka jiran illee beekmaeera.
Haala kana irratti Qeerroon ibsa kenneen, ololaa fi afaanfaajjiin kamuu warraaqsa biyyatti keessatti finiinaa jiru dhaabuu akka hin dandeenye yaadachiisee, Qeerroonis kijiba Wayyaaneef otuu gurra hin kennine diddaa fi fincila isaanii akka itti fufan hubachiisee jira.
“Wayyaanee TPLF,Warraaqsa Oromiyaa keessatti qabatee, biyyattii keessatti immoo dhowuuf jiru gara dabarsuuf mala adda addaa baasaa jirti,” kan jedhe Qeerroon keessaayyuu, “ummata tokkummaa Ethiopia tti amanan kanneen gaaffii eenyummaatti fi hiree murteeffannaa ummattootaatti hin ammanne ofitti qabuuf yaaliin godhamaa jiru, ummattoota biyyattii addaan qoqqooddee bituuf shira xaxxu ta’uu addeessee jira.
“Wayyaaneen yeroo adda addaatti waadaa ummataaf galaa turte takkaayyuu guuttee hin beektu; egeres guutuu hin dandeessu,” kan jedhe ibsi Qeerroo kun qeerroon biyyattii diddaa fi fincila isaanii belbelaa jiru jabeessanii mootummaa abbaa irree wayyaanee buqqisuu malee bifa kamiinuu akka hin tumsineef dhaamee jira.
Seenaa biyyattii keessatti Qeerroon Oromoo kumaatamatti lakkaayaman waraana isaan hin ilaalle keessatti hirmaatuun wareega hin barbaachifne baasaa akka turan kan yaadachiise Qeerroon, Qeerroon Oromoos ta’ee kan biyyattii qabsoo diddaa garbummaa kabajaa fi namummaa namatti horu keessatti hirmaachuun seenaa haaraa akka galmeessan waamicha lammummaa irra deebi’ee dhiyaassee jira.

