Wallagga, Giddaa Ayyaanaatti Fincilli Didda Gabrummaa Itti Fufee,Manneen Barnootaa Cufaman.

Gabaasa Qeerroo Giddaa Ayyaanaa,Amajjii 12,2012
Amajjii 11,2012 Bahaa wallaaggaa Mana barumsaa Giddaa Ayyaanaa Sadarka 2ffaa fi qophaa’inaatti Fincillii diddaa gabrummaa barattoota Oromoon eegale guyyaa guutuu itti fufaa olee jira.

Sababa diddaa barattootaa kana irraa kan ka’e Wayyaaneen dabballoota isheen yoo finicilli kun battala hin dhaabbanne barattoota keessaa hanga nama 50 barnoota irraa ariinee hidhaatti geessina jechuun doorsisa facaaftu iyyuu ummanni Oromoo naannoo san jiraatu gootota barattoota Oromoo irra goruun mootummaas tahe humni kamuu qe’ee keenya irratti dhufee ijoollee keenya tuqnaan if irrati hin dhiifnu jechuun ergamtoota Wayyaaneetti beeksisanii jiru.

Gaaffiin barattoota Oromoo sadarkaa lammaaffii Giddaa Ayyaanaa kun:-

  • Ummanni Oromoo biyya isaa irratti akka alagaatti ilaalamee hidhaa fi qabeenya samamaa waan jiraatuuf haalli kun amma irraa nurraa dhaabbachuu qaba.
  • Mootummaan amma jiru baroota 20 angoo irra ture kanatti ummata Oromoof hidhaa ajjeechaa fi gadadoo malee waan fide tokko illee hin garre waan taheef biyyi kan Oromoo haatahu.
  • Hidhaa fi gurgurtaan lafaa daddaffiin akka nurraa dhaabbatu.
  • Barattooti keenya hidhaman haagadhiifaman.
  • Gaaffiin barattoota University keessatti kaasan unuunis waan ilaaluuf gaaffiin isaanii hatattamaan deebii haa argatu fi kkf ture.

Haala kanaan diddaan hammaachuu irraan nammi barnootaa kunis cufamee jiraachuu Qeerroon magaalaa Giddaa Ayyaanaa irraa gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Sabbontonni Oromoo Magaalaa Kamisee,Walloo Oromummaan Yakkamanii Hidhaa Bu’an.

Gabaasa Qeerroo Kamise Amajjii 11,2012

Akka moggaasa Wayyaaneetti ,Godina addaa Sab-lammii Oromoo magaala Kamiseetti sabboontonni Oromoo sabboonummaa isaaniin yakkamanii hidhaatti darbaman.

Sabboontoti kun bakka hojii fi manneen barnootaa isaanii adda addaa irraa badiin tokkoon malee walgahii dhimma ABO irratti gaggeesitan sababa jedhuun qabamanii karkii fi miilli isaanii cancalaan hidhamee mana dukkanaatti geeffamanii dararamaa jiraachuu qeerroon magaalaa Kamisee irraa gabaasa.

Sabboonti maqaa ABOn yakkamanii hidhaa galan kun:-

  1. Barataa Aliyyii Abduu kollejjii barsiisota kamiseerraa
  2. Barsiisaa Gammachiis Galataa KBK irraa
  3. Obbo Kabbadaa Hayilee mana qopheessaa magaala kamiseerraa
  4. General Inspector Awwal Taajuu
  5. Barsiisaa Alamuu Ayyaanaa
  6. Barataa Getaachoo Fayisaa Mana barumsa qophaa’ina kamisee kutaa 12ffaa irraa
  7. Barsiisaasaa Leellisaa
  8. Barsiisaa Gaddafaa
  9. Obbo Mohaammad Ajabaa
  10. Barsiisaa Kaasaa Rabbirraa kolleejjii teknikaa irraa

Yeroo tahan kanneen manneen hidhaa manneen barnootaa irraa hanga ammaa qabamaa jiranii fi manneen hidhaa adda addatti geeffamaa ykn dararamaa jiran gama fuula duraatti akka jala bu’ee gaabaasu qeerroon Kamisee addeessa.

Violence engulfed the City of Naqamte in a continued Students Peaceful Demonstration

January 11, 2012 Naqamte

The ongoing University and high school students’ revolution is shaking the city of Naqamte after the students committed themselves for days of sit-in within Wollega University Campus. Shocked by the commitment and stand of the students, the huge security force assembled of different groups of the government armed apparatus have forcefully entered the campus which resulted in a sustained combat in and out of the University and it is being intensified in the city. Accordingly one student named Lenjisa Ragassa from 3rd year Afan Oromo Department was hospitalized after he sustained a serious injury by a gun shot from the security brigade.

What is more the University is trying to silence the students with intimidation, withholding the cafeteria food and violence. Accordingly, Siraj Jamal 2nd year Law and Kamal 2nd year engineering students were died from causes related to chronic hunger  and more than 60 students were forcefully taken away after serious of biting and mistreatments. The whereabouts of the students are yet unknown and there is high probability of torture.

But the students are still persisting through the trouble and they are still active within the campus and the city with the support of the working class and the residents of Naqamte.

After the students defended their campus from the invading police force with stones and sticks, the heavily armed and ruthless army of the dictatorial regime have stormed the campus in the midnight causing huge damage and losses, leaving dozens injured and apprehensions of hundreds of students.

The demand of the students include

ü  The release of all political prisoners (of which Oromo accounts more than 90%)

ü  The Halt of the land grabbing policy; which is evicting farmers and impoverishing thousands if not millions

ü    The realization of self determination and self governance as written on the Ethiopian Federal constitution and other campus related academic and administrative matters.

But the regimes’ agent attempt to cover up this student’s revolution on VOA as small incidents of student conflict have angered the high school students in the West Wollega Zone and the residents’ of the city. Accordingly they are standing in solidarity with these students. The support and care of the Naqamte city residents in helping the injured students is said to be of very crucial and historical.

Naqamte is one of the Oromo cities that resisted the brutal dictatorship of the current government for the last two decades.

Justice Shall Prevail!!!

@Qeerroo

Waraanni Wayyaanee Unversity Arbaminci keessa naannoo Paradise lodge jedhu qubate.

Gabaasa Qeerroo Arbaminc, Amajjii 11,2012

Mootummaan Wayyaanee sochii barattooti Oromoo (Qeerroon) goleelee Oromiyaa mara keessatti deemsisaa jiran irraa haalaan sodaa waan qabuuf jecha jeequmsa guddaa keessa galee akka jiru ifaa dha. Haala jeequmsa isaa kana irraa kan ka’e gaaffii mirgaa barattooti Oromoo fi qonnaan bultooti Oromoo gaafatan kallattiin deebii itti kennuu irra hidhuu,doorsisuu fi ajjeessuun waan isa baasu sehee haala kanaan itti fufee jira,hidhaa fi ajjechaan ammo ha’a osoo hin taane baroota Minilki irraa hanga ammaa Oromoo irraa dhaabbatee waan hin beekneef qabsoon diddaa gabrummaa kanaan akka hin dhaabatiin beekama.

Haalli yeroo ammaa University Haromaya,Adaamaa,Wallaggaa fi bakkoota adda addaa keessatti deemaa jiruun kan rifate Wayyaaneen baatii Amajjii 2012 irraa eegalee humna waraana isaa mooraa University Arbamincii bakka Paradise Lodge jedhu qubachiisee barattoota Oromoo ittiin doorsisaa jiraachuun beekame.

Barattoota Oromoo moricha barataa jiran kaan keessa dabballoota ergamtootaa naquun akka barattooti sodaan keessa galee qabsoo irraa dhaabataniif mootummaan Email fi facebook ilaalee nama qabuuf dandeettii qaba jechanii olola barataa sodaachisuu kan humnaan ol kijibaan dhaadeffame deemsisaa jiru.

Kana malees barataan akka waan biraa hin gaafanneef qormaataa fi hojii assaimanitii  adda addaa itti baayyisaa kennaa jechuun bulchiinsa University saniif qajeelfama kennuun beekamee jira.

Kun kanas tahee osoo jiruu Qeerroo bilisummaa hamma galma isaa gahutti sochii irraa kan isa hin dhaabne tahuu barattooti moorichaa ni beeksisu.

Qabsoon itti fufa!

 

 

University Walayita Soddoo keessatti ergamaan Wayyaanee tokko osoo basaasuu barattoota Oromoon qabame.

Gabaasa Qeerroo University Walayita Soddoo, Amajjii 11,2012

Gootonni barattooti Oromoo University Walayita Soddoo baratan bakka tokkotti Oromummaa isaanii ta’anii rakko saba isaanii walita marihataa jiranitti  baasi Wayyaanee maqaan isaa Kadir Ahimad jedhamu barattooti kun waan haasayaa jiran dhagahee gabaasuuf bakka teessumaa yeroo dhaqutti gootonni barattooti Oromoo nama kana qabanii erga tohanno isaanii jala oolchanii booda akka baasaasa Wayyaanee tahee fi mirga Oromummaa isaanii mulquuf waan isaan haasayan jidduu seenee dhageefachuu waan barbaadeef eenyummaa keenya sarbuu dha jechuun bulchiisa University Walayta Soddotti dhiheefatanii jiru. Bulchiisi nama kana erga ilaalee booda gaaffii barattootaa kana dhaamsuuf ykn qabaneessuuf jecha namichi basaasa Wayyaanee tahe Kadir Ahimad akka harka barattootaa harkaa bahee moraa University san irraa baatii 6f akka ari’amu goona kan jedhuun kadhatanii jiraachuu gabaafame.

Barattoonni Oromoo kun haalli kun quufsaa tahuu dhabuu irraan guyyaa har’aa irraa eegalanii gaaffiilee armaan gadii bulchiisa moorichaatti dhiheefatanii jiraachuun beekame:-

  1. Mirgi ummata Oromoo eegamaa waan hin jirreef gaaffiin saba Oromoo hatattamaan deebii argachuu qaba.
  2. Qabeenyi Oromiyaa samamaa jiru amma irraa dhaabbatee ummata Oromoon tohatamuu qaba.
  3. Mirgi barattootaa bakka hundatti quqamaa hidhaa fi ajjeechaan waan nutti baayyateef  gaaffii mirgaa keenya itti fufuu qabna.
  4. Gaaffiin barattooti Oromoo University lee adda addaa keessaa gaafatan gaaffii keenya waan taheef guututi ni deggerra.

Kan jedhu gaaffii gaafatanii jiraachuu beekame.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Manneen Bartoota Sadarkaa 2ffaa Godina Wallaggaa Bahaa Humna Poolisaan Eggamaa jiru.

Gabaasaa Qeerroo Naqamtee,Amajii 10,2012

Baratotaa University wallaaggaatti midhaan humna olii irraa gahee jiruu kessaa barataa Tasfaayee Daggafaa barataa Envaromental Health waggaa 2ffaa kan ta’ee, reebichaa humnaa olii humnota poolisaa Wayyaaneetiin qaama isaa irraa gaheen akka malee midhamee,yeroo amma hospitala Naqamtee kessaatti giluukosii fi oksiijiiniin hidhameefi kan jiruu ta’uun bira gahame,hospitala ol aanaatti riiferiin akkaa barreeffamuuf Sabboontoti magaalaa Naqamtee gaafataniifii jiraachuu qeerroon gabaasa.

Barataa Leejjiisaa Raggaasaa mooraa University Wallaggaa keessatti rasaasa Wayyaanee rukutamee Hosptala galuu irraan kan ka’e sabboontoi magaalaa Naqamtee fi barattooti manneen bardoota sadarkaa 2ffaa jiran haalaan diddaa isaanii muldhisaa waan jiraniif humni poolisa Feederaalaa dabalamee magaallii fi manneen barnootaa eegamaa akka jiru gabaasi Naqamte irraa addeessa.

Barattooti Oromoo reebaman heddumminaan waan Hosptala galanii jiraniif ummani Oromoo magaalaa Naqamtee jiraatu gargaarsaa fi birmannaa inni godhaafii jiru seenaa keessatti kan hin dagatamne tahuu qeeroon beeksisu.

Bulchitonni Wayyaanee gaaffii mirgaa barattooti gaafataniif sagalee raadiyoo VOA irratti ukkaamsanii barataan fooqii irraa wal darbe kan jedhanii deebii kennaniif caalatti dheekkamsa ummataa fi barattootaa kaasee waan jiruuf haalli mirga Oromoo kanaan akka hin dhaabbannee addeessu.

Kana malees Amajjii gaafa 8,2012 Wayyaaneen barattoota Oromoo mooraa University Wallaaggaa irraa Qeerroolee 60 oliitti lakkaahaman konkolaataan ukkamsee kanneen ture Amajii 9,2012 konkolaattaatti ugguree gara mana hidhaa Ma’ikelaawwii fi hidhaa dhoksa Tigray jirutti geessuuf qophii fixatee yeroo inni konkolaataa kaaftee magaalaa Naqamtee bahuuf jedhu barattooti Oromoo fi ummanni Oromoo dursanii odeeffata kana waan argatanii jiraniif karaa cufuun konkolaaticha dabarsuu waan dhorkaniif hidhamtoota kana gara Finfinnee geessuu irraa deebisanii gara magaalaa Gimbiitti akka dabarsan gaabasi qeeerroo addeessa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

Lukkeeleen Wayyaanee diddaa dargaggootaa dhaamsuuf yeroo kaatan

Video

Presidentiin University Wallagga Huccuu isaa of Iraa Darbee Barattoota Kadhate

Gabaasa Qeerroo Amajjii 09,2012 Naqamte

Amajjii 9,2012 presedantiin Mooraa University Wallaaggaa kan  maqaan Fiqaaduu Bayyaana jedhamuu sa’aa 9:30WD irraattii huccuu of irraa lafa buusee baratoota Oromoo akka isaan diddaa isaanii itti hin fufnee fi gaaffiin isaanii akka deebii argatuuf carraaqqiin godha jedhee kadhatee barattota hanga tokko mooraa University keessaatti waliitti qabuun walga’ii teesisee, walgahii kanaa irraattii barattoonnii gaaffii itti aanuu kanaa gaafatan:

  1. Humni waraanaa Wayyaanee barataa keenyaa barata Leejjisaa Raggaasaa rasasan rukute ariitiin seeraatti dihaatee adaba haa argatu.
  2. Barattoonnii keenyaa konkolaata lamaan ukkaaffamani fi ilmaan Oromoo mooraa Univesity Adaamaa irraa hidhaaman hatattamaan haa hiikaman
  3.  Gaaffiin barattoonni Oromoo Finfinnee ,Haroo Ammaayyaa,fi universitota kanneen biroo irraa kaasaa jiran gaaffii keenyadha ni deeggaarra hattataman deebii qubsaa argachuu qaba.
  4. Waan mirga keenyaaf gaafanneef hidhaan,duutii,arii’atamun nurraa dhaabbachuu qaba.
  5. Biyyaa abbaa keenya keessaatti mootummaan Wayyaanee nyaata summaa’ee nuf laatee nu fixaa jira. Guman ijoollee keenya baalaa kanaan du’anii kaffalamuu qaba.
  6. Hireen murteeffannaa ummata Oromoo akka mirkanaawuuf jecha mootummaan Wayyaanee aangoo gadhiisee dhaabota hunda kan haammatu chaarterri haaraan haa ijaaramu.
  7. Gaafiin Qonnaan bulaa Oromoo hattattamaan deebii haa argatu.

Jechuun gaafatan peresedantichi gaaffiin barattootaa waan humna isaa ol ta’eef jecha deebi isiini kennina jechuun waadaa galee tasgabeessuu yaalus baratoonni yeroo dhiiyootti jechuusa rdinaan kan asiitti dandeenyu asiitti, kan immoo gara qaama dhimmaa ilaalutti dabarsina jechuun walgahiin bittinnaayee diddaan barattootaas itti fufee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Uni W

Diddaan Babarattoota Oromoo Itti Fufee Magaalaa Naqamtee Dirree Lolaa Taate

Video

Gabaasa Qeerroo, Naqamte, Amajjii 09,2012

Fincilli diddaa gabrummaa gootota barattoota Oromoo University Wallaggaa kessatti eegale hanga ammaa itti fufee jiraachuu qeerroon gabaasa. Amajjii 07-09 bara 2012 kanaatti sochii barattooti Oromoo qabsoo diddaa gabrummaa godhaniin magaalaa Naqamtee fi University Wallaggaa keessatti hoomaa waraana Wayyaanee waliin walitti bu’anii akka jiranii fi guyyaa kaleessaa Amajjii 08,2012 dhukaasa barattoota Oromoo irratti baname irraa kan ka’e barataa Leejjisaa kan jedhamuu  mummee Afaan Oromoo waggaa 3ffaa rasaasa waraana Wayyaaneen rukutamuu irraan haalaan madaayee Hosptala Laqamtee galee akka jiruu fi lubbuun isaa du’aa fi jireenya jidduu jiraachuu qeerroon gabaasee ture, ammos kanumaan itti fufee barattooti  nama lama

1.Barataa seeraa waggaa 3ffaa baraataa Siraaji Jamaal  waggaa 2ffaa

2.Baraata Kamaal kan jedhamuu engineering waggaa 2ffaa

Kanneen jedhaman nyaataan adabamanii akka nyaata hin arganne gochuun gootummaan akka saba isaaniif wareega kafalanii jiran gabaasi addeessa.

Haala kanaan ammos mootummaan Wayyaanees human waraanaa fi meeshaa waraanaa heddummeessuun University Wallaggaa guutuutti cabsee seenuun barattoota 60 ol tahan reebichaan qabee mana hidhaa geessuu fi kanneen kaan rasaasaan tumee ajjeesaa akka jiru gabaasi kun addeessa.

Kun akkasitti tahees barattoti Oromoo diddaa isaanii osoo hin dhaabiin magaalaa keessatti hojjettootaa fi ummata Oromoon makachuun diddaa isaanii dhageessisaa fi waraana Wayyaanee waliin wal qabaa akka jiran gabaasi qeerroo magaalaa Naqamtee irraa addeessa.

Guyyaa gaafa Amajjii 07,2012 gootonni barattooti Oromoo hoomaa waraana Wayyaanee dhagaan tumanii mooraa irraa arihachuun mooricha dhunfatanii akka turan kan bare mootummaan Wayyaanee halkan keessa humna Waraana komaandoo fi meeshaa waraanaa gurguddaa dabalatee mooricha dhukaasaan itti seenee University Wallaggaa weeraree akka jirus kanuma waliin gabaafama.

tiki wayyaanee ummataa fi barattoota yeroo gooltu

Qabsoon itti fufa ! Gabrummaan ni kufa!

Dhagaa Biyya Abbaa Keenyaan Rasaasa Wayyaanee of irraa Deebifne jedhu Barattooti.

Gabaasa Qeerroo Laqamte Amajji 08,2012

Fincilli diddaa gabrummaa University Wallaggaatti guyyaa kaleessaa qabate hanga har’a Amajjii 08,2012 itti fufee olee jira,barattoota moraa University Wallaggaa nayaata dhorkachuun mooraa keessaa akka hin baane gochuun guyyaa har’aa humni Poolisaa fi waraanni feederaala Wayyaanee itti bobba’ee dhukaasaan moraa jeqaa jiraachuu qeerroon gabaasa.

Humna waraana mootummaa rasaasa akka bokkaa roobsaa mooraa University jeeqaa jiru kana barattooti wal tahuun tokkummaa isaanii cimfataa dhagaa darbaa of irraa deebisuun guutuu waraana wayyeenee mooraa keessaa arihatanii Universiti Wallagaa bilisomfatanii jiraachuu gabaafame.

Mooraa University Wallaggaa baratooti Oromoo haa dhuunfatan malee nyaati mooraa san keessa akka hin jirree fi bishaan gama tokkoon irraa citee jiraachuun beekame.

Gaaffiin barattoota Oromoo kun kan mirga bu’uuraa ummata Oromoo fi gaaffi abbaa biyyummaaf hireen murteeffannaa akka dhugoomu,ammos barattooti hidhaman akka gadhiifamanii fi nyaati barattootaaf akka kennamu kkf hunda dhadannoo isaanii irraa dhagahama.

Guutuu gabaasa kanaa ni dhiheessina.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!