Diddaan Barattoota Oromoo Itti Fufe.Mootummaan Wayyaanee Raafamte.

Aside

Amajjii 25,2012 Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee diddaa barattooti Oromoo Amajjii 22 fi 23,2012 University Finfinnee keessatti eegalan dhukkaamsuuf jecha humana waraanaa fi tikaa heddumminaan mooraa san galchuun hanga ammaatti jeequu fi sodaachisaa akka jiru beekama. Kanas tahu diddaan barattootaa hin dhaabanne,hanga qabsoon mirga hiree murteeffannaa bakkaan gahutti sochiin dargaggootaa fi ummata Oromoo akka hin dhaabbanne qeerroon beeksisa.

Barattootni mana barumsaa Gudar sadarkaa lammaffaa fi Barattootni Koollejjii Qonnaa baakkoo diddaa itti fufuun mana barnoota isaanii cufanii jiru.Mootummaan wayyaanee barattoota dirqiin mana barumsaatti deebisuuf yaalii jabaa gochuu irratti argamtus hin milkoofne.Magaalli Finfinnee fi uummatni sodaa mootummaa wayyaanee irraa kan ka’e baay’ina waraana mootummaa bobba’een tasgabbii dhabdee jirti.Yaa’ii jiru irratti uummatni na qaanessa jechuun wayyaaneen sodaa guddaa keessa galtee jirti.Keellaawwan Hararii fi Finfinnee gidduutti argaman kanneen akka keellaa Awaash,Qaallittii irratti uummatni naannoodhaa naannootti bobba’u sakatta’a cimaan rakkachaa jira.Meeshaan uummataas naannoo kanatti haalaan saamamaa jira.

Gama biroon Sodaa Warraaqsi uummataa bilisummaa isaa kabajsiisuuf deemu irraa kan ka’e yuunivarsiitiileetti mootummaan tika ramaduunii fi walgahii gaggeessan irratti walitti qabsaa’uu jalqabuu iccitiin tika mootummaa Wayyaanee keessaa ba’e ifa goldhe.Tikni mootummaa kanaa wal gahii gaggeesseen hanga warraaqsi ka’utti ati eessa turte? atihoo? jechuun wal wal irratti qabsaa’uu jalqaban.Haaluma wal fakkaatuun Hooggantootni Poolisii federaalaa Amajjii 24,2012 wal gahii magaala Finfinnee Mexicotti godhaniin federaalaota naannoo naannootti hidhannoo guutuun bobbaasuuf murteessanii jiru.Ibidda warraaqsaa

qabate humnaan dhaamsuuf baajata biyyattii dhimma waraanaa fi bulchinsaaf oolchuun uummata biyyattii hiyyummaa bara baraa keessatti hambisuuf mootummaan kun waan deemtuuf uummatni hunduu irratti dammaquun tumsa warraaqsaa akka godhu dhaammanna!

Qabsoo itti fufna! Gabrummaan ni kuffifna!

University Haramaayaa Keessatti Basaasoti Wayyaanee Yoo Hojii Basaasaa Itti Fufan Qabxiin akka Dabalamuufi Himame

Aside

Yuunivarsiitiin Haramaayaa sodaa Barattoota Oromoo irraa kan qabu irraa kan ka’e tika mootummaa wayyaanee yeroo yeroon mariisisaa jira.Guyyaa Har’aa tikni mootummaa Wayyaanee itti gaafatamtoota baha Oromiyaa ta’an maqaan isaanii Kadirii fi Takkaaleny jedhaman miseensota isaanii waliin akkamiin diddaa jalqabame dhaamsuu akka danda’anii fi yuunivarsiitii Haramaayaa diddaa irraa bilisa akkamitti akka godhan yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti jaleewwan mootummaa mooraa keessatti argaman waliin marii’achaa oolan.Mariin kun sodaan kan guutamee ta’uu iccitiin isaan isaan keessaa ba’e saaxilee jira.Wal gahii isaanii kana irratti Jaleen mootummaa wayyaanee Barataa Solomon

Basaasa Wayyaanee Solomon jedhamu. Kiyyoo Qeerroo jala jira

Laggasaa Barataan Gender and Development keessatti kan argamuu fi qabsoo qeerroo dhaamsuuf waadaa yoommuu galu qabxii barnoota isaa akka idaasisaniif waadaa galuu isaanii iccitiin marii sana irraa ba’e saaxilee jira.Barataa Solomon Laggasaa miseensota ke dabalattee hojii ilmaan oromoo garbummaa bara baraa jalatti hambisu dhaabuu baannaan tarkaanfiin gatii hojii kee madaalu akka si eeggatu qeerroon dhaamee jira.Waardiyootni oromoo mooraa yuunivarsiitii Haramaayaas barattoota irraa oduu akka fuudhan dirqamni har’a ganama 24,2012 sa’a 8:00 am irratti wayita bakka itti bobba’an wal hiran kennamuu oduun qorannoon qeerroo ifa godheera.
Gama biroon mooraa yuunivarsiitii Adaamaa naannoo karrayyuu jedhamutti ilmaan oromoo nageenya dallaa sanaa eegan(Waardiyoota) irratti akeekkachiisni kennamaa jira.Waardiyootni kunneen ilmaan oromoo ta’uu isaaniin sodaa qaban ibsuufi jechuun qeerroon dhaamee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Amajjii 24,2012 FDG Jabaatee Itti Fufe. Wayyaaneenis Xiyyaara Lolaan Ummata Sodaachisuu Eegalte.

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Amajjii 24,2012

Amajjii 24,2012 Godinaa lixaa Shawaa Maagaalaa,Gudarii fi Ambootti mootummaan wayyaanee humna waraanaa Agaazii jedhamuu humnaaa olbobbaasee, magaalaa fi mannee barnootaa marsanii egaa jiruu,haallii magaala guddariitti ta’ee mootummaa yaadoo cimaa keessaa sensisee jira baratoonnii guyyaa kaleessaa suuraa saboontotaa Oromoo kan akkaa jaal Laggasaa Wagiii,Taadasaa Birruu fi gotota baratoota Oromoo FDG 2005 irraatti warregaman kan Jaagamaa Baadhaneefaa qabachuun sagaalee mormii dhageesisan. kana biraan guyyaa har’aa mootummaan wayyaanee xiyyaara waraanaa magaalaa Amboo fi Gudaar irraa Nanneessaa oluun uummaata(sodaachiisuun) shororkeessaa olee jira.

Kana malees Amajjii 24,2012 Godina wallaagaa bahaa Onaa Heebantuu Mana Barumsaa sadarkaa 1ffaa Qaaqaroo kutaa 1-8 kessaattii gootonnii baratootaa Oromooo ammaa FDG’n uummataan waldabalatee eegalani jiru. Wayyaaneen nu hin bulchiitu, dhaanbi OPDO jedhamtuu haa diigamtuu itti hin bulluu jechuu mormii dhageesisaa jiru.

Itti fufee guyyaa har’aa Amajjii 24,2012 Onaa Heebantuu bakkaa Gatamaa Bassee jedhamtuutti uummaannii FDG kaasee jira.

Qabsoon itti Fufa! Gabrummaa ni kufa!

Gootonni Barattoota Oromoo Gudar Fincila Diddaa Gabrummaa Itti fufan.

Aside

(Qeerroo Magaalaa Gudar,Amajjii 23,2012) Amajjii 23/2012 Godinaa Lixaa Shawaa Maagaalaa Gudaar Mana Barumsaa Gudaar Sadarka 2ffaatti Gootonnii baratoota Oromoo FDG eegalan itti fufan.

Biyyaa Abbaa keenyaa irraatti Ajjeefamuun barnootaa irraa Arii’atamuun,mana hidhaattii darbatamuun,qotee bulaa keenyaa, maqaa investimentiin lafaa irraa buqisuun nurraa haa dhaabbatuu,humni waraanaa nuti bobbaafamee jiru nurraa haa ka’uu nuti waraanaan hin bullu jechuun sagalee diddaa dhaageesisaa jiru.

Haala kana tasgabeesuuf lukkeeleen wayyaanee poliisota baratootatti bobbaaste kan jirtu yoo ta’e illee, gootonni baratootaa Oromoo poliisotaa dhagaan tumaanii of irrraa deebisaanii akka  jiran maddi Qeerroo gabaasee jira.

Yeroo ammaa kana immoo fincilicha ukkaamsuuf humna dafee qaqqabaa kan jettuu komaandoo garaa sanattii guuraa kan jirtu ta’uun gabaasamee jira.

“Yaa uummaata Oromoo iyyaa iyyaa dabarsaa!;  teessanii wal irraatti hin dhiisinaa!” dhaamsi  jedhus qeerroodhaan darbaa kan jiru yoo ta’u, ummatisn ijoollee keenya nu jalaa ajjeessuun haa raawwatu jechaa akka jiru  magaalaa Gudar irraa gabaasaan Qeerroo hubachiisee jira.
“Oromoo! Didi; Garbummaa!!”

Abiddi Warraaqsaa Itti Fufa!

Aside

(Qeerroo, Oromiyaa, 23 Amajjii 2012) Diddaa fi fincilli Barattoota Oromiyaa gidduu kana akka haaraatti ka’ee laboobaa akka jiru Qeerroon gabaasaa jira.

Daandiin walqunnamtii mijjataa fi kennataa ta’uu baatus, Qeerroon haala isaaniif danda’ameen bakka fi haala diddaa fi fincilli keessa jiru gabaasa suuraa fi sagaleen dabarsaa jiran.

Gidduu kanas waraqaalee diddaa fi fincilaa bakka addaddaatti maxxanfamaniifi facaafaman kan suuraan isaa nu gahe akka armaan gadii ti. Isaan armaan gadii Barruuleen Qeerroo bakkoota adda addaatti faca’aa jiran keessaa haga tokko ta’uun hubatamee  jira. Bakkoota suuraan nu gahe ammaaf kunooti;-

This slideshow requires JavaScript.

Walaloo Ka’i Qeerroo

Ka’i Qeerroo

Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufte.Manneen Barnootaas Cufaman

Aside

(Qeerroo, Naqamtee,  Amajjii 23, 2012) Amajjii 23/2012 Godina Wallaggaa Bahaa Onaa Haaroo Limmuutti FDG’n guyyaa lammaaffaaf ittii fufee Olee.

Haala kanaan waraqaa Ibsaa Gamtaa Qeerroo Facaasuun qeerroowwanii fi baratonnii M/B Haaroo Limmuu sadarkaa 2ffaa Gaaffiin uummataa Oromoo,kessaattuu kan baratoonnii Oromoo dhiiyeenyaatti UniversityFinfinnee, Haroo Ammaayyaa ,Wallaggaa fi

Adaamaa   fi baakkeen, biroo kaasan deebii Hammaa Argatuttii qabsoon diddaa Garbummaa fi hiriirrii mormii itti fufa jechuun sagaalee mormii isaani dhageesisan,M/B Harooo Limmuu Sadarkaa 2ffa Cufaamera.

Qeerrooleen baratoota Oromoo haammaa gaaffiin keenyaa deebii argatutti barnootaa dhaabnee diddaa keenyaa itti fufna jechuun mormii isaanii cimsan, Wayyaaneen lafaa sanaa jirtuu FDG’n humna keenyaa ol ta’ee, humna nuf dabaala jechaa iyyaa akkaa jirtu bira ga’ame.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufe.Warraaqsi Ummataas Qabate.

Aside

(Qeerroo,  Finfinnee, Amajjii 23, 2012) Magaalaa lixa Shawwaa Aanaa Baakkoo,koollejjii qonnaa Baakkootti gootowwan Qeerroon bilisummaa Oromoo waamicha gamtaa argatan irratti hundaayuun fincila diddaa gabrummaa haala qindaayaa fi jabaa taheen jalqaban.

Kunis barattootni koollejjii Baakkoo keessa baratan marti waamicha barattoota Oromoo naannoo biroo jiraniif godhanii fi dhadannoo isaaniin akka dhageessisanitti,mootummaan Wayyaanee gochaa ummata Oromoo irratti raawataa jiru dhaabuuf karaan tokkichi qabsaawuu fi diddaan dura dhaabbachuu waan taheef Oromoon hundi nu cinaa hiriira jedhanii jiru.

Barattootni baayinni isaanii 1300 ol ta’an galma keessatti walitti qabamanii sagalee isaanii erga dhageesisaniin booda alatti gamtaan bahanii diddaa cimaan hanga dhadannoo deemsisaa jiru.

Akkasumas Lixa Showaa,Aanaa Tokke-Kottaayee,mana barumsaa high school Gudaritti barattooti tokkummaan ka’uun barsiisota TPLF ergamanii jiraatan mooraa keessaa arhuun addattis nama miseensa OPDO tahe  Alamaayyoo Olaanaa ergamaa diinati jechuun adaba cimaa irraan gahanii akka jiran gabaafama.

Sababaa kanaan humni Poolisa Wayyaanee mana Barnootaa kana marsee akka jiruu fi magaalaa keessa deemuun rasaasa dhukaasaa akka jiran beekama. Hanga ammaatti rasaasa hedduu dhukaasuun ummata rifaasisaa akka jiran beekama.Diddaan kun hanga ammaa itti fufee jiraachuu qeerroon Geedoo irraa gabaase.

Kana malees waraqaalee halkan edaa maxxanfamee buleen mooraa yuuniversity Finfinneetti naasuu fi rifannaa guddaadhaan waraanaa fi poolisi isaa dammaqsuudhaan waraqaalee maxxanfaman humna poolisaa fi waraanaan akka cicciramaa jiru qeerroon gabaase.

Sababaa kanaan humni waraana Wayyaanee uffata sibiilii dhufachuu fi of golguun heddummninaan mooraa seenanii jiru. Diddaan kun garuu akka hin dhaabbanne Qeerroon ibsee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Finfinneetti Barruuleen Qeerroo fi Yaamichi FDG Faca’an.

(Qeerroo, Finfinnee, 23 Amajjii 2012) Diddaa fi fincilli Qeerroo biyya keessatti haalaan jabaatee itti fufee jira; Amajjii 22,2012 University Finfinnee keessatti Barruuleen Qeerroo fi yaamichi FDG Faca’anii jiru.

Haala diddaa fi fincila ummataa kana to’achuuf wayyaaneen karaa hundaan duula gochaa akka jirtu beekamee jira.

Wayyaaneen labsa gamtaa Qeerroo fi OPUCC facaase arguun barattooti University Ambo akka Mooraa gadhiisanii maatii isaaniitti galan taasise.

(Qeerroo, Amboo, Amajjii 23, 2012) Baratoonnii Mooraa University Amboo waggaa 2ffaa fi isaa Ol baratan humnaan dirqiisifamanii mooraa gadhiisanii akkaa bahaan taasifaman.

Haala kanaan horii qabattanis qabaachuu baatanis baajanni baatii tokkoof ittin isiin tursifnuu waan gara sportitti naanna’eef gara matii keessaanitti akka deebitan jechuun bulchiinsi University Amboo baratoota mooraa gadhiisise.

Haala kanaan walqabatee barattoonnii fageenyaa kallaattii biyyaatti garagaraa irraa dhufaan waan ittin gara matii deemaan, waan nyaataani fi bishaan dhugaan,bakka bultii, dhabanii rakkina guddaa irraatti kufani jiru, ammatti gargaarsa uummataa magaalaa Abmoof kan jiran ta’uutu gabaafame.

Uummaannii gochaa kun dargaggootaa fi ummata Oromoo waan aarsee jiruuf jecha fincilli diddaa gabrummaa jabaatee akka itti fufuuf waamicha gamtaa Qeerroon dhiheesse bakka hundatti iddoon gahuuf qeeroleen muratoo tahuu ibsan.

Kana malees Amajjii 22,2012 Godinaa Bahaa Wallaaggaa Onaa Haaroo Limmuutti Ummaanni FDG itti fufee, Wayyaaneen qabeenyaa keenya saamtee, ummataa keenyaa Qee’ee isaa irraa buqqistee, baratooa keenyaa barnoota irraa ariitee,hiitee,Ajjeeste, bosonaa keenyaa gubdee mancaastee,Mirgaa namummaa nu sarbitee nu hin bulchiitu.

Wayyaaneen shororkeestuudhaa jechuun uummaannii magaalaa Haaroo Limmuu keessaatti bakkaa kaabinoonnii OPDO Onichaa jiranitti sagaalee mormii dhageesise.

Walgahiin OPDO’n waliiti qabdee turtes sagaalee mormiin diigamee, ummaanni OPDO’n Tokkummaa Uummaataa keenyaa diigdee waan taheef attatamaan diigamtee qabsoo uummaatatti akkaa makamtuu Uummanni gaafate.

Sochii diddaa uummaataa kana ilaalchiisuun ragaan waraabamee ni jiraa waan taheef akka nu dhaqabeen dhiheessina.

Qasoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!