Barattooti Oromoo Lama mana bartumsaa sadarkaa lammffaa Gindebert irraa Oromummaan yakkamuun arihaman.

Aside

Gurraandhala 17,2012 Finfinnee

Diddaa barattootaa Godina Shawaa Lixaa aanaa Gindabirat mana barumsaa sadarkaa Lammaffaa fi tokkoffaa keessatti jalqabe dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee barattoota lama guutummaan barnoota irraa arii’us diddaan jabaatee hojiin baruu fi barsiisuu dhaabbatee jira.Barattootni sababa Oromummaa qofaan isin deeggartoota ABO ti sochii ummata kakaasu gootaniittu,mootummaa irratti barattoota kakaaftan sababoota jedhamuun barnoota irraa Gurraandhala 16,2012 arihaman. Kanneen kunis:-

  1. Raggaasaa Taaddasaa barataa Kutaa 8ffaa
  2. Barataa Guutuu Soorii  Kutaa 8ffaa dha.

Karaa biraa gootonni barattootni  Oromoo walgahii bulchitoonni Wayyaanee dirqanii yaaman irratti argamuun gaaffiin ilmaan Oromoo gaaffii walfakkaataa bilisummaa jedhudha jechuun walgahii Wayyaaneen waamte irratti yoommuu gaafatan isin ABOtu duuba keessan jira jechuun doorsisaan adda yaa’anii jiru.

Mootummaan Wayyaanee diddaa daran jabaate kana tooftaa ittiin dhaamsu keessaa warra barattootaa Roobii,Kamisaa fi Jimaata waamee mariisisaa jirus uummatni Gibirri funaananu eessa deemaa jira jechuun wal gahii booressaa jira. Maqaa misooma jedhuun laga abbayaa fi waldaa misooma Oromiyaan funaanamaa kan ture eessa deeme kan jedhanii fi humnaan karaa baastu yaada jedhu guutummaan guutuutti uummatni didee jira. Diddaan kun Ginc,Xiqur Incinnii fi Jladuutti babal’atee fincilli qabatee akka jiru qeerroon gabaasee jira. Haala kana  dhaamsuufis jecha mootummaan karaa irratti namni sadii ol akka wal bira hin dhaabbanne poolisoota bobbaasee dhorkaa jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

Ibsa Qeerroo

Aside

Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa,     National Youth Movement for
Bilisummaa fi Dimokraasiif(SDBBD)  Freedom and Democracy (NYMFD)

                     Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa(Qeerroo)

Oromiyaan biyya Ethiopia jedhamtu jalatti erga kuftee as haalleen akkaan hamoo keessa dabartee har’a geese.  Biyyi harka alagaan qabamuu, qabeenyi samamuu, Oromoon biyya isaa irratti garba tahee ergamuu, biyya isaa alatti akka bineensaatti qabamee garba tahee gurguramuu, hidhaa,  ajjeechaa fi raawwii sanyii namaa irratti hin raawatamne akkaaniitu irra gahe. Gochaaleen gita bittootni Habashootaa Oromoo irraan gahan kana jalatti abbootiin keenya takkaatuu osoo tole jedhanii hin buliin qabsoo diddaa gabrummaaf wareega qaqqaalii kafalanii jiru. Karaa qabsoo siyaasaa, qabsoo hidhannoo fi bifoota adda addaan hanga har’aatti diddaan farra gabrummaa itti fufee warraaqsa guca bilisummaa qabatee dambali’aa deemaa jiraachuun wal nama hin mamsiisu. Dhalooti amma jiru seenaa dhufaa darbaa qabsaawotni bilisummaa Oromoo nutti dabarsan faajjii godhachuun diddaa farra dimokraasii fi bilisummaa gaggeessaa jira.

Warraaqsi dargaggoonni Oromoo (Qeerroon) Ebla bara 2011 keessa bifa qindaayaa,tooftaa fi murannoon guutameen sochii farra mootummaa Wayyaanee gochaa jiru keessatti qaanqee warraaqsaa Oromiyaa guutuutti qabsiisuun osoo halkan tokkoof hin ciisiin golee biyya Oromoo mara keessatti diddaa bifa muldhataa fi hin muldhatiiniin deemsisaa jira. Warraaqsi barattootaa fi dargaggoota keessatti qabate gadi bu’ee qotee bulaa Oromoo fi hojjettoota bira gahuun diddaan babal‘atee jira. Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa(Qeerroo) Gur-dhala 16,2012

Omishi Shukkaaraa Godina Ilu Abbaa Booraatti Argamu Yeroo Lammaffaaf Barbadaaye.

Aside

Gurraandhala 16,2012 Beddallee

Omishi Shankoraa qabiyyeen isaa kan dureessa Pakisatanii tahee maqaa AL-ABESH jedhamuun yaamamu yeroo lammaffaaf barbadaaye.

Tarkaanfii human hin beekamneen fudhatameen marraa kana lafa hektaara 40 ol tahu irraa gaafa Gurraandhala 14,2012 galgala guutummaatti barbadayee buluu qeerroon gabbaasa. Akka ummanni naannoo sanii fi kanneen qabeenya irraa buqa’an jedhanitti yoo tahe,gama fuula duraatti hammeenyi ummata Oromoo irratti tahuu hanga dhaabbatuu fi qabeenyi Oromiyaa gurguramuu irraa hamma dhaabbatutti Oromiyaa golee hunda keessatti qabeenya samame irratti tarkaanfiin fakkaataa akka itti fufuuf deemu dubbatu.

Gama biraan haala kana irraa kan ka’e Poolisiin naannoo Oromiyaa ofiin jedhan tarkaanfii hidhaa fi reebichaa ummata naannoo omishichaa jiran irratti deemsisaa jiraachuu Qeerroon magaala Baddallee irraa gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Gaaffiin Oromoo Deebii Haa’argatu Jechuun Barattootii Xiqur Incinnii Diddaa Itti Fufan.

Aside

Gurraandhala 16,2012

Gootonni barattooti Oromoo Xiqur-Incinnii sochii fincila diddaa gabrummaa eegalaniin Gurraandhala 14 fi 15,2012 guutummaatti itti oolanii jiru.Barattooti kunnin gaaffii mootummaa Wayyaanee irratti kaasan ummata keessatti baba’atee hamma waajjiraalee bulchiinsaa fi Poolisaa deemuun gaaffiilee armaa gadii dhiheessanii jiru.

  • Gaaffiin mirgaa kan barattootii fi qotee bulaan kaase hatattamaan deebii haa argatu.
  • Tarkaanfiin Barattoota Oromoo irratti fudhatamaa jiru ammaa irraa qabee haadhabbatu.
  • Addatti ummata Oromoo fi dargaggoota Oromoo mootummaan Wayyaanee targeetii godhachuun hafee gara gaaffii haqaa furuutti of haadeebisu. Kan jedhuu fi kkf ture.

Haalleen kun jajjabaachaa deemuun manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi ummata qotee bulaa keessatti heddumminaan gaaffiin deemaa jiraachuu qeerroon gabaasa.

Sabboontonni Oromoo 6 University Jimmaa Irraa Guutummaatti Arhiman.

Aside

Gurraandhala 15,2012

Oromoo maaf teessa?? sabni keenyaa maa ustuu? biyya abbaa keenyaa irratti jiraachuu,barachuu,iyyachuu,qotachuu fi waan hundaanuu miidhamaa jiraachuu dadhabne” jedhu barattooti Oromoo Jimmaa.

Fincila diddaa gabrummaa barattooti Oromoo Jimmaa jidduu kana itti jiramuun wal qabatee sababaa Oromummaan nama kakaaftan,ergaa ABO dabarsitan,dhadannoo warraaqsaa jechisiiftan kan jedhuun mootummaan Wayyaanee barattoota hedduminaan hidhee kaan nama 6 ammoo guutummaatti barnoota irraa arihee jira. Kanneen kunis:-

1.Mo’eeraa Lammaa, guutummaatti arii’ame

2.Nuraadiin Hundaa, guutummaatti arii’ame

3.Tasfaayee Biraanuu, guutummatti arii’ame

4.Hubishet Zalaaleem, guutummattiarii’ame,

5.Takkaalenyi Kindee waggaa lamaaf adabame

6.Mokonnoon Dabalee Tolaa waagga Lamaaf adabaman

Yeroo ta’an, baratoonni kun hundii isaanii iyyuu dipartimentii Psychology waggaa lammaffaa kan baratanidha. Kana malee barattooti lammiin isaanii Tigree tahanii mooraa Universitu Jimmaa keessatti Oromummaa arrabsaa jiranii fi arrabsan amma illee mooricha keessatti boonanii akka jiranii fi adabbiin tokko illee kan irra hin geenye tahuu qeerroon ibsa.
Barataan Tigiree inni Qomoodhaan Qeerroo Oromoo Arabsee, Mallasaa Axilaabachoo kan jedhamuu amma illee mooraa keessa nagaan jiraachaa jiraachuun beekama.

Karaa biraa moraa university Jimmaa kana keessatti barattoota irraa nyaati citee hamma gaaffii kaaftan dhaabdanitti nyaataa fi korreentii hin argattan jechuun irraa kutanii jiru. Heddumminni barattootaa eelaa beelaan qabamaa jiraachuu gabaasi mooricha irraa nu gahe addeesa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Gabrummaan Hammaannaan, Roorroon Fala Fidnaan WBOn Dirree Seene

Aside

OLF Press Release

Aside

 The Uprising that Ignited in Oromia Will Go on until the TPLF System is Dismantled

                                                   OLF Press Release

It is to be recalled that the National Youth Movement for Freedom and Democracy (Qeerroo)and the Oromo People’s Uprising Coordinating Council (OPUCC) have launched uprising against the TPLF regime this last January. Subsequently the movement has escalated and is engulfing the whole of Oromia. The uprising that demands the Oromo rights is expanding including peaceful demonstration. The TPLF regime is responding to this peaceful and rightful demand of the Oromo in the usual way, forcefully suppressing using police and military force. The means employed includes arrest, beatings, abduction, expelling from educational institutions and firing employees. OLF Statement – February 13, 2012

Ibsa ABO – Gurandhala 13, 2012 (2)

OLF Press Release Amharic Version Feb, 2012

Ibssa Ejeenoo Tokkummaa Baratoota Oromoo Biyya Jarmani (TBOJ) fi Oromoota Hirmatoota Semnaara

Aside

Tokkummaan Bartootaa Oromoo Biyyaa Jarmanii (TBOJ) gafa 11.02.2012 Magaalaa Munshiin keessattii Waltajii (Forum) bifaa Semnaaran Qopha’ee bakka bu’an Koree Hujii gaggeesituu TBOJ J/Mokkonnon Gurmeessaa haasa simnaa ergaa godhanii booda eebaa manguddoon eegalamee. Semnaara kanaa irratti barnootnii Mata dureelee Deemsaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Haala Yeroo J/Shigut Galata Miseensaa Gumii Sabaa ABOn, Aadaa fi Seena Sabaa Oromoo Hayyuu Oromoo Obbo Getachoo Camadaan, akkasumaas Seenaa Siyaasaa Impayeeraa Ityophiyaa fi Shiraa gitaa bitootaa Habashaa J/Habib A/Jobiriin  keenaman.Ergaan waraaqan barnoota kun dhihtaanii boodaa mariin bal’an gaggeeffamee jira. Akkumma bekkammu Uummanii Oromoo erga gita bituu Motummaa haabasha jallatii kuufee  Biyyaa fi miirga uumaama isaa  sarbamee  guyya tokkoyyuu tanaan sirna halaaga kanaaf jiilbeefatee bulee hin beeku.Ibssa Ejeenoo semnaara TBOJ 11 02 2012 (1)

Lafti Qonnaa Shukkaara Finc’aa Hektaara 7 Gutummaatti Barbadaaye

Aside

Gurraandhala 14,2012 Gabaasa Qeerroo Finca’aa

Godina Wallaaggaa Bahaa Hoorroo Guduruu Onaa Abbaa Coommaniitti Guraandhala 12,2012 bakkaa warshaa Sukkaaraa Finfaa’aatii, shonkoorrii Hagaadaa sukkaaraaf Omiishaamee jiru lafa Hektaaraa 7 irraa qaama hin beekamiiniin guutummaatti Ibiddaan barbadaayee jira. Lafa qonnaa kana irraa baroota dheeraaf mootummaan Wayyaanee shukkaara omishatee biyya alaa fi Tigrayitti akka guuraa bahe ni beekama.

Dhuma bara 2011 irraa hanga Amajjii Bara 2012 keessaa hojjettoota lafa qonnaa fi kanneen warshaa shukkaaraa keessaa hojjetan Oromoota nama 600 ol tahan mootummaa Wayyaaneen hojii irraa arihamanii turuun ni yaadatama. Haala kanaan wal qabsiisuun Gurraandala 13,2012 guyyaa guutuu hojjettoota ammaan dura hojii irraa arihameen isintu qonnaa shukkaaraa kana barbadeesse sababa jedhuun heddumminaan qabanii hidhaatti guuraa jiraachuu gabaasi Qeerroo Finc’a irraa nu gahe addeessa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

University-n Jimmaa Dirree Waraanaa Fakkaattee,Barattooti Oromoo Jimulaan Hidhamaa Jiru.

Aside

Gurraandhala 14,2012 Finfinnee

Gaaffii Mirgaaf jecha diddaa Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti dhalate dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo tahan hedduminaan mana hidhaatti guuraa jira. Miseensota OPDO tahan qabatanii gaaffii mirgaa Oromummaa ka’e ukkaamsuuf jecha humni tika Wayyaanee fi Waraanni yaale iyyuu diddaan kun cimuu fi miseensonni OPDO tahanis mootummicha dhagahuu dhabuu irraan yaaliin Wayyaalee fashalpee jira.

Haalli gaaffii barattootaa itti fufuu fi cimuu irraan kan ka’e sabboontota Oromoo mana hidhaatti guuruun mana hidhaatti barattoota Hiraarsuu irratti argamu. Kanneen kaan yoo hidhaman iyyuu barattooti mooraatti hafan hundi  gaaffiin keenya gaaffii Mirgaati, barttooti hidhaman haagadhiifaman, jechuun diddaa itti fufanii jiru.Kanaafis Mootummaan abbaa irree Wayyaanee humna waraanaa yuunivarsiitii kana Damee isaa hunda keessatti qubachiisee jira.

Kun kanaan osoo jiruu barattoota Oromoo sabboontota tahanii dhiamanii jiran keessaa kanneen bakka jiran wallalame keessaa

1.Barataa Moo’eeraa Lammaa phycology waggaa 2ffaa

2.Barataa Nuuraddiin Hamadaa Barataa Phycology waggaa 2ffaa

3.Barataa Takkaaleny Kaandaa Barataa Phycology waggaa 2ffaa

4.Barataa Tesfaayee Biraanuu

5.Barataa Mokonnin Dabalee

6.Barataa Wubisheet Zalaalem

7.Barataa Abdiisaa Qabaatoo Oromo focular waggaa 2ffaa

8.Barataa Daannoo Dabtaraa Water technolgy waggaa 2ffaa

9.Barataa Eebbisaa statistics waggaa 1ffaa

10.Barataa Huseen   Keessatti argamu.

Yeroo tahan. Mootummaan Wayyaanee barattoota doormii isaanii keessaa funaanaa jiraachuunii fi sodaa gara yuunivarsiitiilee birootti babal’ata jedhuun yuunivarsiitiileen hundi waraanaan eegamaa jiru.