Magaalaa Ginda Barattitti Dabballoonni Wayyaanee Tahe jedhaniii Qabeenya Mana Barnootaa Guban.

Aside

Bitootessa 10,2012

Gaaffiin ilmaan oromoo hin deebi’u taanaan;Ilmaan oromoo baratanii hojii hin argatan taanaan barachuun maaliif barbaachisa kan jedhan Barattootni Oromoo Bitootessa 09,2012  sa’aa 8:27 tti Godina Shawaa lixaa aanaa Ginda Barat  Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Gindabarat keessatti gaaffii mirgaa waan kaasaniif jecha dabballoonni Wayyaanee  tahe jedhanii karaa biraa mana barumsaa san keessatti ibiddaa  qabsiisuun qabeenya mana barumsaa barbadeessan.Tuffiin mootummaa ilmaan Oromoof qabdu diiddaa keenya jabeessuun mirga goonfanna kan jedhan barattooti Oromoo diddaa isaanii itti fufanii jiru.

Qabeenyi mana barumaa sadakaa lammaffaa kun barbadaawuu irraan kan ka’e humni waraanni Wayyaanee dabalata yaammatee naannoo san qubatee ummata jeeqaa akka oole qeerroon ni gabaasa.

Haaluma wal fakkaatuun Godina Harargee bahaa keessatti karaan Qullubbiidhaa Harar geessu Wayyaaneetti dhagaan cufamuun Wayyaaneen haala kana irraa rifatee waraannii fi dabballoonni Wayyaanee dhagaa san deebisanii guuruu dirqamanii jiru.

Qeerroon oromoo tarkaanfii kana raawwachuuf kan dirqame bakkeewwan kunneen bakka uummatni itti fayyadamu irra bakka garboomfataan mootummaa Wayyaanee itti ilmaan Oromoo dhiituu fi gaaffiin ilmaan Oromoo bakkeewwan itti hin deebine akka tahe uummatni oromoo jabeessee akka hubatu dhaamee jira.

Tarkaanfiin kun Golee Oromiyaa guutuu keessatti hanga gaaffiin ilmaan Oromoo deebi’u jabaatee akka itti fufu qeerroon gadi jabeessee dhaammata !

Qabeenyi Manni Kitaaba University ArbaMinc Dabballoota Wayyaaneen Gutummaatti Samame

Aside

Bitootessa 09,2012

Manni Kitaaba  yuunivarsiitii Arbaaminc kan Main campus keessa jiruu fi bara 1986 itti ijaarame guutummaatti saamamuu Qeerroon Arba Minci gabaasa.

Manni kitaabaa kun kan saamame jeequmsa mooraa Universitycha keessatti tahe sababeeffachuun dabballooti Wayyaanee saamicha godhan tahuu qeerroon addeessa

.Qabeenyi guddaan yuunivarsiitii Arbaminci  mana kitaabaa kana keessaa saamame kan horii laayyootti lakkaawamu akka hin taanee fi komputera kitaabota qaqaalii fi waanneen adda addaa kan jiran yeroo tahu haala kanatti dabalee sababaa jeequmsatu mooraa keessa jira jedhuun mootummaan Wayyaanee barattootni yuunivarsiitii Arbaaminc waggaa tokkoffaa baratan wayita qormaataa ibsaan(current) irratti dhaamsuun barattoota ifaa dhokatanii hedduu dararaa jiraachuun beekame.Gaaffii bulchinsa mooraa yuunivarsiitiitti dhiyeessaniifis deebiin kennamu dhibamee barattootni FDG kaasu sababa jedhuun human poolisaan mooricha eegaa akka jiranii fi sochii ka’a jedhame akka ittisaa jiran beekame.

Sodaa Mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo Qeerroo irraa qabuun manni kitaabaa qeerroon saamame jechuun sodaatee Ashaaraa barattootaa funaanuuf marii gaggeesseen irrattis wal dhabdiin marii keessatti uumamee jira.Ashaaraan funaanamnaan diddaan barattootaa waan jabaatuuf dhiisna jechuun marii akka goolaban qeerroon arbaaminc gabaasee jira.

Haaluma walfakkaatuun Godina Arbaaminc aanaa Cheenchaa keessatti mootummaan Wayyaanee uummata amantiin walitti buuse.Uummatnis walitti bu’insi kun wayyaanee irraa kan dhufe hubachuun dabballoota Wayyaanee irratti halkanii fi guyyaa mana reebaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.

Sochii Qeerroo dura dhaabbachuu irratti Qondaaloti TPLF fi OPDOn Walii galuu dadhaban.

Aside

Bitootessa 10,2012

Sochii dargaggoota Oromoo naannoo garaa garaatti tahaa jiru dura dhaabbachuuf jecha warri Wayyaanee fala isaan hin faliin hin jiru, gaaffii ummata Oromoof deebii gahaa kennuu waan hin dandeenyeef jecha saba Oromoo hidhuu,ajjeessuu,biyyaa ari’uu fi hiyyoomsuun furmaata itti fakkaatee haalleen akkasiin ummata Oromoo guraa lubbuu isaanii dheereffatu,

Haalli kun xumura argatee ummanni Oromoo abbaa biyyaa fi abbaa qabeenyaa tahuun biyya isaa irratti abboomee akka jiraatuuf sochiin dargaggoota biyyoolessaa eegalee umurii wagga tokko hin geenye keessatti qaanqeen isaa Oromiyaa guutuutti qabachuun mootummaa Wayyaanee haala kana hin jedhamneen jeeqaa fi sodaachisaa jira. Sochii kana dura dhaabbachuuf jecha human poolisa naannoo irraa hanga feederaalaa sanas darbe loltoota mootummaa naannoo lee sochiin qeerroo jiru maratti erguu fi university Oromiyaa keessaa mooraa waraanaa taasisanii jiru,kanaan diddaan dargaggoota Oromoo murteeffatoo kun dhaabbachuu didee Wayyaanee raasaa jira.Fuula durri keenya abdii bilisummaatu jira jechuun qeerroon warraaqsa eegale kun dabballootaa fi qondaalota OPDO keessaa kanneen dammaqanii ummata Oromootti deebi’uu barbaadan ofitti dabaluun sochiileen itti fufee jira.

Haala kanaan sochii University lee dhaamsuu kan jedhuun qondaaloti TPLF ol aanoo fi kanneen OPDO ta’an  Bitootessa 09,2012 University Hawaasaatti walitti dhufuun walgahii godhatanii jiru.Walgahiin isaanii kun irra guddaa ummata Oromoo fi dargaggoota Oromoo akkamitti akka of irraa dhahuu qaban irratti xiyyeefatee kan haasayame yeroo tahu gaaffii barattooti gaafatan gaaffiin dhugaa dha dura deebiin kennamuu qaba kan jedhu yaadi qondaalota TPLF itti dhihaannaan jeequmsi eegale, haala kanaan  wal dhabdiin gidduutti uumamuun mariin isaanii guutummaatti fashaluun adda diigamuu isaanii odeeffati isaan keessaa Qeerroo gahe addeessa.

Ammaan dura sochii Qeerroo tumsuuf jedha Oromoonni human Poolisa Federaala keessa jiran magaala Finfinneettii fi qondaaloti OPDO gariin Jimmatti,baatii darbes miseensonni isaanii mooraa University Finfinneetti sochii qeerroo akka degeran ibsa baasaniin beeksisanii jiraachuun ni yaadatama.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Diddaan Dargaggoota Amboo Itti Fufee Mootummaan Wayyaanee Cinqamte

Aside

Bitootessa 09,2012

Yeroo ammaa Qeerroon Oromoo diina ummata Oromoo kan tahe mootummaa Wayyaanee lafa irraa galchuf qabsoo godhu keessatti gama hedduun milkaa’aa jira.Godina Shawaa lixaa yuunivarsiitii Amboo keessatti Guyyaa har’aa Bitootessa 09,2012 qeerroon Oromoo gaaffiin uummata Oromoo qabsoo ilmaan Oromoo fi qoda diddaa ummati Oromoo goduun galmaan gaha jechuun barattooti Oromoo University Amboo diddaa kaasan,diddaa kana ukkaamsuuf jecha mootummaan Wayyaanee human waraanaa gara magaala Ambotti yeroo dabalutti dargaggoonni Oromoo ykn Qeerroon maagaalaa Amboo keessa jiran wal gurmeessuun tumsa barattoota University barataniif bahanii jiru,tumsa kana bittinnneessuuf humni waardiyyaa fi poolisa naannoo wayita dura dhaabbatanitti qeerroon waardiyyaa darbatee darbee gara mooraa University Amboo seenuun barattootaaf tumsa qabu muldhisaa olanii jiru.Mootummaan wayyaanee waraanaan qeerroo kana yuunivarsiitii keessaa baasuuf yaaltus Amboon kan Oromiyaati jechuun jala dhaabbachuun dhagaan waraana qabanii jiru.

Sochii kanaan booda waanna tahe qeerroon akka gabaasu dhaammateera

INTERNATIONAL WOMEN’S DAY

“Dhaamsa Ayyoo Oromootaa” Ayyoo Oromoo dhaa

Wallagga Naannoo Ebantuu fi Jidduu Galeessa Oromiyaatti Diddaan Hammaatee Itti Fufe.

Aside

Bitootessa 09,2012

Guyyaa kaleessaa Godina Wallaggaa Bahaa Eebantuu keessatti mootummaan Wayyaanee diddaa itti jabaate barattootaa fi barsiisota Oromoo waliin jeequmsa guddaa kaasuun qeerroon Eebantuu irraa gabaase. Sababaan diddaan kun ummata naannoo fi barsiisota dabalatee ka’e kun fincila diddaa gabrummaan naannoo saniif yeroo dheeraaf deemaa jiru dura dhaabbachuuf jecha mootumaan Wayyaanee fiilmii kijibaa manneen barnootaa keessatti agarsiisuuf kan yaale  guutummaatti Qeerroon  filmii kijibaa hin laallu,mootummaan Wayyaanee ammaan booda nu bulchuu hin dandayu jennee yeroo adda addaatti himannee jirra jechuun harkatti fashalchiisee jira.

Haaluma kanaan Qeerroon Oromoo Eebantuu diddaa daran jabeessuun Wallee warraaqsaa

“Qeerroo hin kaatuu akka abbaa kee

Wayyaaneetu saame biyya haadha kee”

Jechuun wallisaa oolee jira.Mootummaan Wayyaanees didda halaan qeerroo irraa itti jabaachaa dhufe jala dhaabbachuuf waraana gama Goojjam irraan seenu waliin uummata irratti goolii uumaa olee jira jechuun gabaafame.Qeerroon Wallagga bahaas hanga bilisummaa diddaan jabaatee akka itti fufu gabaasa waliin ibsee jira.

Haaluma wal fakkaatuun Diddaan Godina shawaa bahaa fi Lixaa keessatti mootummaa wayyaaneetti jabaachaa dhufuun waraana federaalaa aanoleetti bobbaasuuf diqamee jira. Mariin namuusaa sodaa qeerroof yuunivarsiitii Finfinnee Damee hundaa keessatti gaggeeffames milkaa’ina malee xumuramee jira.Barattootni Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuus Gaaffiin ilmaan Oromoo Gaaffii Bilisummaati jechuun dabballoota Wayyaanee mataa dhukkubsanii jiru.

Qabsoon itti  fufa!Gabrummaan ni kufa!!

Qabeenyi Investera Habashaa Kurruuftuu jiru (KURRUUFTUU REZOOLT ) Jedhamu Gutummaan Guutuutti Barbadaaye.

Aside

Bitootessa 08,2012 


Ilmaan Oromoo garbummaa keessatti hambisuuf tattaaffii mootummaan Wayyaanee godhe keessaa inni tokko lafa ilmaan Oromoo irraa fuudhuun maqaa investimentii jedhuun abbootii qabeenyaa habashaa fi biyyoottan alaatti kennuun qabeenya kuufachuu dha. Sabni Oromoo qe’ee isaanii irraa buqqa’an gaaffii isaaniif deebii yoommuu dhaban filannoo jabaa fudhachuu dirqaman.

Godina Shawaa bahaa Aanaa Ada’aa Kurruuftuu keessatti Hoteelli miliyoona guddaan ijaaramee  KURRUUFTUU REZOOLT jedhamu lammiin Oromoo bakka bashannana kanaaa seenuuf illee kan balfatamaa turanii fi  yoo seenanis kaffaltii guddaa itti gaafatama turn, Gaafa Bitootessa 05,2012 guutummaa guutuutti barbadaa’e.

Manni maqaa investeriin ijaarame kun ilmaan Oromoo keessatti bara hedduu quuqama uumuun irraan darbee abbaan qabeenyaa kanaa Lammii Habashaa Amaara kan tahe Taadiwoos kan jedhamu yeroo tahu bakkeewwan hedduutti mootummaa waliin hidhata uumuun saba Oromoo lafa irraa buqqisuuf tattaaffiin inni godhee fi tattaaffii inni gochaa jiru baay’ee gaddisiisaa ta’uu isaatiini.

Manni Abbaa qabeenyaa kanaa lammiiwwan alaa biyyattii keessatti lafa ilmaan Oromoo akka saamaniif haala mijataa kan uumee yeroo ammaa kana investrootaa fi keessummoota alaatti gufuun kan uumame dha. Haaluma kanaan  abbaan qabeenyaa kanaa jibbiinsaa fi soda ummata Oromoo irraan qabu muldhifachuuf jecha qabeenya kiyya kan gubu Oromoota malee kan biraa miti jechuun mootummaa Wayyaanee waliin olii fi gadi fiigaa dargaggoota oromoo naannoo sanaa barbaachisaa jira.

Abbaan qabeenyaa kanaa yeroo dheeraaf Amerikaa turuun maqaa investimentii jedhuun gara biyya Itoophiyaa seenee Finfinnee fi Bahir Dar keessatti namoota harka qalleeyyii lafa isaanii irraa arii’aa kan turee fi itti jiru tahuu qeerroon qorannoo godheen ifa godhee jira.

Walumaa galatti maqaa investimentii jedhuun abbootiin qabeenyaa ilmaan Oromoo qe’ee irraa buqqisaa jirtanii fi Biyya alaa taa’uun namoota harka qalleeyyii qe’ee irraa buqqisuuf karoorfattaniif tarkaanfiin akkasii akka isaan eeggatu haala amma Oromoon itti jiru irraa tilmaamuun nama hin rakku.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

 

Dabballoota Wayyaanee irratti tarkaanfii gochaa isaaniin madaalu fudhachuuf Qeerroon Godina Wallaggaa Beeksisan.

Bitootessa 08,2012

Diddaa qonnaan bultootii fi dargaggoonni Oromoo Godina Wallagga bahaa keessatti yeroo dheeraaf itti jiran dura dhaabbachuuf jecha dabballootni mootummaa Wayyaanee Godina Wallaggaa bahaa aanolee garaa garaa keessatti diddaa uummata itti jabaachaa dhufe waraana gama Goojjamiin gara Wallaggaatti seenaa jiru waliin wal tahuun uummata irratti goolii uumaa jiru.

Uummatni Godina Wallagga bahaas marii ykn walgahiilee dabballooti Wayyaanee yaaman guyyuu fashalchiisuu fi qonnaan bultooti ajaja bittootaa fudhachuu didanii maanguddoota biyyaan bulchiisa mataa isaanii taliigachuun Mootummaa Wayyaaneef mataa dhukkubbii itti ta’ee jira.  Haala kanaanis Ergamaa wayyaanee nama Hordofaa jedhamu gaafa Jimaataa 03/03/2012 konkolaataa inni ittiin ummata keessa deemutti karaa cufuun uummatni naannoo san irraa baqatee akka deemu godhanii jiru. Namtichi ergamaan kun naannoo sanitti kan deebi’ee ummata doorsisu yoo ta’es tarkaanfiin laalessa akka irratti fudhatmu qeerroon addeessee jira.

Haaluma wal fakkaatuun Guyyaa Bitootessa 05,2012 walgahii aanaa Giddaa magaala Galiilaa keessatti qopheessite irratti qondaalli ergamtoota Wayyaanee Girma Amantee fi Kaffaalee kannnen jedhaman argamuun diddaa ummataa tasgabbeessuu fi dhimma nagaa barsiisuu  sababaa jedhuun yeroo bakka walgahii gahan uummatni irratti argamuu diduun walgahichis akka fashalu taasifamee jira,haala kanaan ummati walgahicha hin seennu jedhe OPDOn ergamtuu dha.Wayyaaneen nu hin bulchu.Dhaabi haqaa ABOn hanga dhufu diddaan keenya itti fufa jechuun magaalaa keessatti dhadannoo dhageessisaa turan.

Naannoo Wallagga bahaatti mootummaa Wayyaanee waliin wal tahuun sochii warraaqsa Oromoo dura kanneen dhaabbatan dabballoonni Wayyaanee:-

1.Mangistuu Alamaayyoo itti gaafatamaa dhimma nageenyaa aanaa Giddaa

2.Geetachoo Gammadaa Poolisii godina wallagga bahaa

3.Hundumaa Likkiisaa  barreessaa dhimma nageenyaa aanaa Giddaa

4.Shallamaa itti gaafatamaa dhimma nageenyaa godina wallagga bahaa dhalootaan Tigiree kan tahee fi

5.Dabballee Wayyaanee Obbo Hordofaa jedhamu kan caffee Oromiyaa irraa dhimma nageenyaa godina wallaggaa bahaa mariisisuuf dirqama fudhate dha.

Yeroo tahan,Qeerroon jarri kun gochaa isaanii kana irraa akka dhaabbatan akeekachiisee jira.Akeekachiisa dargaggoonni Oromoo kennaniifii irra taranii sochiilee warraaqsaa kamiinuu Oromoon gudhu dura ni dhaabbatu taanaan tarkaanfii gochaa isaaniin madaalu qeerroon akka kennuufiif deemu ifatti itti dhaamanii jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Record008

 

 

A Political Science Lecturer and dozens of students at Dire Dawa University imprisoned

Aside

March 6, 2012; Finfinnee

Milkeessaa MiidhaqsaMr. Milkessa Midhegssa, a Political Science Lecturer at Dire Dawa University; was reportedly taken to custody after security agents accused him of fueling the students uprising that is shaking many Universities and Secondary schools in Ethiopia specially that of Dire Dawa University. Mr Midhegsa, who is popular among the Oromo students in the campus, was targeted several times before he got his subsequent release. Currently, it was said that he is keep in a very brutal and notorious prison of Ma’ikelawi, where traditionally political dissidents are kept and torture and mistreatment is regular.

In similar news, kidnapping of students by government security agents continued unabated. In Adama University students were denied admission to University, even if they are finally free from custody in a rarely functioning judicial system. Waqjira Gutama is one of these, after making his way from prison to the University; who was kidnapped in front of his dormitory and his where about remained unknown. His families are currently suffering from his disappearance and their search effort so far become fruitless.Waqjiraa

MagarsaaLast month, a student named Magarsa Waqjira, who disappeared from Hawaasa University in February, was finally found in the custody of the notorious Ma’ikelawi prison.

Even if the regime in Ethiopia is getting busy by the day harassing students and civilians with no clue of the crime they are accused of, the organized Qeerroo movement is shaping its movement to all directions and the support of the public is rising enormously.

@Qeerroo

Wallagga Aanaalee gara garaa Keessatti Diddaan Qeerroo Jabaatee Itti Fufe.

Aside

Bitootessa 07,2012 Naqamte

Godina Wallaggaa Bahaa aanolee Limmuu galiilaa,Eebantuu,Haroo Limmuu,Saasiggaa fi Godina Horro Guduruu aanolee Amuruu,Jaartee fi Jaardagaa keessatti diddaan uummataa mootummaa Wayyaaneetti jabaachaa kan dhufe mootummaa abbaa irree yaaddessaa jira. Gaafa bitootessa 02,2012 aanaa Kiiramuu keessatti konkolaataa dabballoota Wayyaaneetti karaan cufamuun konkalaataa irraa buusanii dabballoota arihuun qeerroon itti sirbaa oolee jira.

Mootummaan Wayyaanees diddaa itti jabaate filannoo dhabuun human waraanaa gara sanitti bobbaasuun dargaggoota Oromoo onoota kanneen keessaa ukkaamsee mana hidhaa gidduu galeessaa Maa’ikelaawwiitti guuruun ukkaamsee jira.Dargaggootni oromoo hidhaman ammaaf kan maqaan isaanii nu gahe keessaa

1.Afrikaa Kabbadaa Wallagga bahaa aanaa Limmuu Galiilaa irraa

2.Darajjee Dassaaleny Wallagga bahaa aanaa Limmuu Galiilaa irraa

3.Mul’isoo Dhugaasaa Wallagga bahaa aanaa Limmuu Galiilaa irraa keessatti argamu.

Qeerroon wallaggaa bahaas hanga bilisummaa kutannoon mootummaa garboomfataa xiichaa akka itti fufan gabaasa waliin ibsanii jiru.