Wallaga,Aanaa Anifilloo Keessatti Diddaan Ummataa Jabaatee Daandiin Konkolaataa Cufame

Aside

Sadaasa 05,2012 Naqamte

Gabaasaa Qeerroo Qellem,Anfilloo irraa haaluma arman duraa irraa adda kan taanee haala raafamaa fi sodaa mootummaan wayyaanee ona sana irratti qabuun wal qabsiisee har’a Sadaasa 4 addeessuun sadaasa 1 kaasee dargaggoota fi uummata isaaf amanamoo ta’an walitti waamuudhaan walgayii adeemsisaa turuun akkasuma itti fufee akka adeemsifamaa jiru gabaasaan Qeerroo addeessa.Dhimmi walgayii isaanii kunis haala sochii ABO ilaalchisee biyya keessatti hojii gaggeessa jiru keessattuu kunoo miidiyaa isaaniitiin haala sochii mootummaan keenya qabu kan aanaa keenyaa kana miidiyaadhaan darbaa jira, kun ammoo qaama biroo osoo hin taanee nu keessaa kan ABOdhaaf basaasaa jirutu jira, kana akkamitti qorannoodhaan bira geenya, kana qofa miti kaayyoo mootummaan diriisree jiru ammallee fesheleessuuf sochiin isaanii jabaataa jira haala kana irratti hammam qophii qabdu jedhuun walgayii kana irratti mata duree godhatanii gaggeessaa akka turan gabaasaan addeessa.Itti fufee Sadaasa gaafa 3 ona Anfilloo ganda Suddii jedhamu keessatti nama maqaan isaa Abbush jedhamu loltoota Wayyaaneen qabamee mana hidhaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.

Kana malees daandiin konkolaataa ganda sana keessa darbee gara Gambeelatti geessuu uummataan cufamee konkolaataan akka hin dabarree ta’eetu jira,kana qofa osoo hin taanee dargaggoonnii fi uummanni aanaa sanii walii galatti mootummaa balaaleffachuu irraan kan ka’e Sadaasa bultii 3 irraa kaasee waraqaa mallattoo dhaabaa qabu babarreessuudhaan suuqii, mana barnootaatti maxansuudhaan, waajjiralee garagaraa biratti agarsiisaa akka jiran gabaasaan addeessaa jira. Akka gabaasaa Qeerrootti sochiin uummataa fi dargaggootaa barattoota waliin daran aanaa Anfiloo irratti jabaachaa akka jiru gabaasaa hima.
Qabsoon itti fufa!!Gabrummaan ni kufa!!

Diddaa Deemsifamaa Jiruun Wal Qabatee Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Cooraa Keessatti Uummatni Walgahii Wayyaanee Lagate.

Aside

Sadaasa 09,2012 Mattuu

Diddaa biyyattii keessatti adeemsifamaa jiruun wal qabataee Godina Iluu abbaa booraa aanaa Cooraa ganda Abdallaa keessatti uummatni oromoo wal gahii olola mootummaa wayyaanee lagate.Mootummaan Wayyaanee diddaa uummataan kan wareere ilmaan oromoos mana hidhaattu guuruun isintu diddaa qindeessa jechuun rakkisaa jiru.Bulchinsi ganda Abdallaa Obbo Muddin Maammoo Wayyaanee waliin harka walitti hidhachuun ilmaan oromoo naannoo kanaa gara mana hidhaatti guursisaa jira.Ilmaan oromoo 1. Sheik Kadir Ismaael 2. Obbo Mohaammed Kadir 3. Dargaggoo Shaafii Bayyanaa fi 4. Obbo Daawud Sheik Kadir Jedhaman mootummaa wayyaaneen yakkamuun mana hidhaa Sirna wayyaanee keessatti hiraarfamaa kan jiran yoommuu tahu Obbo Muddin Maammoo gochaa hojii diinummaa irraa hin dhaabbatu taanaan tarkaanfiin hojii isaa madaalu akka isa eeggatu qeerroon aanaa kanaa dhaamee jira.

Godina Shawaa Lixaa Keessatti,Hojjettooti Mootummaa Oromummaan Yakkamuun Hidhaman

Aside

Sadaasa 05,2012 Finfinnee

Shirri mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuruu kan hin dhaabbanne Godina shawaa lixaa magaala Amboo keessatti hojjettoota bulchinsaa kan tahan isin ABO waliin hidhata qabdu,Qeerroo ijaaraa kan jiru isini jechuun mana hidhaatti guuraa jira.Iccitii mootummaa fi karoora mootummaas isintu saaxila jechuun gara mana hidhaa mootummaa Wayyaanee maaikelaawwiitti fudhatamuun dararamaa kan jiran yoommuu tahu isaanis:-

1. Obbo Sintaayyoo Tarrafaa hojjetaa bulchinsaa

2. Obbo Warquu Hambisaa Hojjetaa Bulchinsaa

3. Obbo Biraanuu Fiqiruu Hojjetaa bulchinsaa

4. Barsiisaa Gammadaa barsiisaa Ogummaa fi Teeknikaa yoommuu tahan

Dargaggoo Moosisaa Imaanaa fi Dandanaa jedhaman mootummaan Wayyaanee mana hidhaattu erga ukkaamsitee bakka buuteen isaanii waan dhibameef warri isaanii wayita gaafatanitti mana hidhaattii bahee bade jechuun uummatatti kijibaa jiru.Mootummaan wayyaanee diddaa biyyattii keessatti deemsifamaa jiruun dura dhaabbachuu kan dadhabe yoommuu tahu Poolisoota Oromiyaa irratti diddaa deemsifamaa jiru dura akka dhaabbatan dirqama jabaa itti kennuu odeeffatni Poolisii Oromiyaa keessaa saaxilee jira.Hanga Bilisummaa biyyaa fi Uummata keenyaa gonfannutti wareegama kamuu baafnee gaaffii mirgaa ni kaasna jechuun qeerroon dhaamee jira.

Jala Bultiin Sadaasa 09,Guyyaa FDG fi Anaa Dhufuun Barattoota Oromoo University Jimmaa Biratti Sirna Ho’aa fi Aja’ibsiisaan Kabajame.

1020084200

Sadaasa 04,2012 Jimmaa

Gabaasa: Sadaasa 3/2012 Goototni Barattootaa Oromoo Qophii Anaa Dhufuu Barattootaa Haaraawwaa Bara kana Gara Mooraa University Jimmaa Seenaniif Qopheessaan Sababeeffaachuun Qophii Jalbultii Yaddaannoo Sadaasaa 9/2005’n barana Sadaasaa 9/2012 Waggaa 7ffaaf kabajamuuf Jiruu Sirna Ho’aa ta’een Gaggeeffatan. Qohiin kun Adda Durummaan Gumii Dagaginaa fi Guddina Afaan Oromoo Fi Qeerroowwaan Sabboontotaa Baratootaa Oromoon kan qophaa’ee ta’uu ibsame.Qophiin kun torbee sadii oliif mootummaa abbaa irree Wayyaaneetiin akka hin gaggeeffaamnee dhorkamaa turullee cichoominaa fi Jabinaa Qeerroo Baratootaa Oromoo fi sababbontotaa baratoota Oromoo Gumii Dagaagina fi Guddina Afaan Oromoo keessaattii gahee guddaa qabaniin kan ta’ee ta’uu Hubatamera, Sirna qophii kana kessaattii caasaan ijaarsaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo dungoo qabsisuun yaadannoon gootototaa Oromoo Sadarkaa har’a ilmaan Oromoo irraa jirruu kanaan nu ga’aniif godhame, sana ittii ansuun eebbii baratoota Oromoo qaroo ta’aniin godhamee ebbaa isaanii keessaattii baratotni Oromoo ”yaa waaq Oromoo tokkoo tasiisi, Biyyii kan keenyaa abbaa biyyaa nu taasisi, barataa lammiif falmatuu nu taasisi” jechuun Waaqa kadhatan, Itti fufuun kaleessaa gototnii Oromoo dhiigaa isaanii dhangalaasaanii lafee isaaniitiin nu ijaaranii afaan keenyaan akka dubbaanuu fi aadaa keenyaan akka noonnu godhanif galannii keenyaa guddaadha jechuun Qeerroon nuti dhaloonnii si’anaa kaayyoo goototni keenyaa dhiigaa fi lafee isaanii itti cabsuun asiin nu gahaan galmaan gahuuf maal hojjechaa jirraa? garamii garamittii deemaa jirraa? Maal quba qabna?    Dhiraa Sonaa’ee Hin Agaruu   Maal Yaadannaa? Oromommaa Fakkaachuun Mitii Ta’anii Argamuu dha, jechuun gaaffii ijoo dhimmaa Oromummaa sammuu keessaa wal kaa’an. dhaamsii iccitawaa ta’eef sabboontotni fi caasaan Qeerroo dursee wal hubachiisee Jiruu ‘ Qeerroowwaan Oromoo Sadaasaa 9/2005 yaadachuun, gotota Oromoo of bukkee isaanitii FDG Sadaasa 9/2005 keessaatti weereegaman yaadachuun gaddii guddaan akka itti dhagaamee ibsachuun kayyoo gototaa keenyaa galmaan haa geenyuuu harka walqabannee tokkummaan haa kaanu, tokkummaa keenyaa haa cimsannuu, diinaa nu diiguu rabbii nurraa haa ittisuu, Sarootaa fi Yeeyyootaa gototaa baratootaa Keenyaa adamsitee karaa deebisuu barbaadduu gamtaan jala dhabbaannaa, jechuun ergaa guddaa waliif dhaaman. Caalaamaadhumattii immoo hangafonnii qabsoo ilisummaa Oromoo Biliisummaa Ummataa keenyaaf jedhanii warraa yeroo jalqabaaf qawwee diinaattii dhukaasee jechuun warreen Akkaa Jeneral Waaqoo Guutuu, Bergader Jeneraal Taaddasaa Birruu, Magarsaa Barii, Maammoo Mazamir, kolonel Alamuu Qixxeessaa, Abishee Garbaa, Baaroo Tumsaa, Guddinaa Tumsaa, Haajjii Adem saadoo,Agarii Tulluu, Eleemoo Qilxuu fi kkf Seenaa isaanii yaadachuun ”Oromoo Jechuun isaanii nuti ilmaan isaaniti ilmaan Oromooti” jechuun Oromummaa jabeessaan.

Sirna Kana ilaalchisuun motummaan Wayyaanee guyyaa kaleessaa sadaasa 3/2012 waaree booda sa’aa 7:00 irraa egaalee humnotaa Waraanaa isaa Konkolataa Lakkofsaa Codii Gabatee hin qabnettii fe’uun mooraa University Jimmaatti nanneessaa ture, Halkan guutuus mooraan University Jimmaa keessaa loltotnii Wayyaanee uffataa siivilii ufaachuun warrii kan uffataa Poolisotaa mooraa Keessaa jijjirachuun halkan guutuu Mooraa University keessaa muddamaa akka bulan saxilamera. Yeroo ammaa kanaa gutuummaan magaalaa Jimmaa humnotaa Waraanaan egaama jirti, Wantii Baay’ee nama ajaa’ibuu goototni baratootaa Oromoo baay’inaa humna Waraanaa fi humnotaa tikaatiif bakka tokkoo illee utuu hin kenniin sagantaa fi kaayyoo sabboonummaa Qaban ifaan ifaatti diinattii mul’isaan, poolisotaa mooraa University keessaatiinis nuti eeggichaa keessaan hin barbaannuu, ofii keenyaaf iyyuu namusaa qabna, Koree namusaa mataa keenyaa ni qabna, isiin nu biraa hin dhufiinaa jechuun Poolisotaa moraa University Jimmaa akeekkachisaan, ”Oromoon namusaa qaba dimokiraasii addunyaan ragaa bahuufii dandeessuu qaba, kan nu jeequu fi Ummataa keenyaa shororkeessaa jiruu garuu Wayyaanee TPLF fi sirna nama nyaataa EPRDF dha jechuun barreessanii maxxansa,
Qaboon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Sadaasa 9: Guyyaa FDG – Fincila Diddaa Gabrummaa

Aside

http://www.gadaa.com/GadaaTube

QEERROON ,QEERRANSA TA’UUN AMMA !!!!!

Aside

Y.G(2005)

Appaartaayidii Ingilizootaan durfamu fi meeshaa hammayyaan deeggaramaa ture san, kan akka hurrii seenaa taasisee kan hanbise Dargaggoota ykn barattoota Afriikaa kibbaatii . dhaabni hara Afriikaa Kibbaa Bulchaa jiru yeroo qabsootti jiru , Qawwee tokkollee of harkaa hin qabu jechuutu dandaama. Garuu Ummata keessa gadi seenanii addatti, Dargaggoota keessa seenanii hojii boonsaa hojjataniin, Dhaloota Barnooti fi jireenyi Bilisummaa booda jedhu uumanii , humna jaarraa tokkof oliif irra ture konkolaachisanii jiru.

Warri Ingilizii yeroo sana, humna guutu Biyyaatti ala takkaan kaee akka Qeerranssaa itti utaalaa ykn fiigaa jiru kana dura dhaabbachuu yaadanis , hojiidhaan mulisuu hin dandeenye. Keessa isaanitti Abbaa Biyyuummaa warra gurraachaa ni fudhatu turan. Garuu hanga humni isaan sodaachisu argamutti, biyyatti qorquu waan barbaadaniif ilaallachaa sirbaa turan. Humni Ummataa yeroo jabaatu hegaree isaaniif yaaddauu qofaa odoo hin taane, Qabeenyaa harka 99 tuatanii jiran dhabuus waan hin feeneef , Abbaa biyyuummaa warra gurraachaa liqimsanii waliin jiraachu filatanii dhibee malee jiraataa jiran.

3FFAA=QEERROON,QEERRENSA TA’UN AMMA !.docx

SBO Sadaasa 04 Bara 2012

Aside

Kan Taa’u Hin Gufatu….Walaloo

Aside

Kan Taa’u Hin Gufatu.
Qabsoo Bilisummaaf waadaa seente eegdee,
Jireenya dhuunfaa kee kan sanaaf wareegde.

Yaa qabsaawaa haqaa kan sabaaf dhaabattuu,
Hamilee kee hin tuqin gochi ayyaan-laallattuu.

Hanga ergama kee kabajaan raaw’attuu,
Obsaan tarkaafadhu gufuunis baay’attu.

Guggufachuun kan kee sossoha keeti ibsaa,
Yoo irraa waa baratte duranaaf si cimsaa.

Kan warraaqu malee Kan Taa’u Hin Gufatuu,
Sammuu yaadu malee dhagaan hin hubatu.

Gurra irraa cufadhu warra taa’ee fagu,
Yeroo kee qisaasuu, hojii kee si daguu.

Isaan qabsoo dheeffa bakka oduu reebanii,
Ati hojiidhaan qolchi isaan haa xeebanii.

Malkaa Caffee
Sadaasa 2012
Malkaacaffee@gmail.com

Qeerroon Barana Maal Jedhee?

Aside

Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee Barsiisaa Dhaabaa Ejjetaa Koollejjii Ogummaa fi Teeknikaa Amboo Keessaa Ukkaamsee Mana Hidhaatti Darbe

Aside

Sadaasa 03,2012 Amboo

Araada ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuruu kan qabu Mootummaan abbaa irree Wayyaaneen Godina Shawaa lixaa magaala Amboo keessaa barsiisaa Koollejjii ogummaa fi Teeknikaa kan ta’e Barsiisaa Dhaabaa Ejjetaa mana hidhaatti ukkaamse.Barsiisaa Dhaabaa Ejjetaa barsiisaa dandeettii barnootaan jabaa tahee fi barattootaan jaallatamu tahuun Wayyaanee biratti hojii siyaasaa hojjetta jedhamuun yakkamee mana hidhaatti akka darbamu taasisee jira.Mootummaan abbaa irree Wayyaanee barattootaa fi barsiisota ilmaan Oromoo tahan addatti gara mana hidhaatti funaanuu kan amaleeffate ammas itti jira.Gaaffiin mirgaa biyyattii keessatti finiinee Wayyaanee cinqaa jiru hanga deebii argatu jabaatee akka itti fufus Qeerroon magaala Amboo dhaamee jira.Gaaffii mirgaa kan bilisummaa gaafachuu irraa shirri mootummaa wayyaanee qeerroo dhaabuu hin danda’u.Ilmaan Oromoo Golee Oromiyaa mara keessaa gaaffii bilisummaa kaasuu akka qabnus Qeerroon dhaammata.