Hagayya 30, Guyyaa Itti Gootiti Oromoo Eebbisaa Aduunyaa fi Xannaa Wayyeessaa Wareega Qaalii Kafalan

Aside

Xayyaa Wayyeessaa Fi Eebbisaa Aduunyaa

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, August 30, 2014

Aside

Seife Nebelbal Radio, Special Edition, August 30, 2014/ Gabaasa FDG

Aside

Yaadatnoo Goota Guca Qabsoo Dargaggoota Oromoo Eebbisaa /Hagayya 30,2014

Aside

August 30: Remembering Eebbisaa Addunyaa – Eebbisaa’s Torch Passes to Qeerroo in the Oromo Struggle for Freedom and Human Rights

Finfinne Tribune | Gadaa.com | Hagayya/August 30, 2014 ·

EbbisaOn August 30, 1996, Oromo recording artist Eebbisaa Addunyaa, along with his friend Tana Wayessa, was murdered by the TPLF Woyane terrorist Ethiopian regime at his home in Finfinne. Though the Woyane regime murdered Eebbisaa Addunyaa as part of the campaign to stop the Oromo struggle for freedom and human rights, the Oromo struggle’s torch held by Eebbisaa and countless other Oromo Nationals has passed to Qeerroo. Qeerroo will fight in all aspects of the national liberation struggle to conclude the Oromo people’s quest for freedom and human rights victoriously. As it has been done in many other countries where tyrants have been brought to international courts, those responsible for crimes against humanity against the Oromo people will also be brought to justice soon.

The following are videos of some of the songs by Eebbisaa Addunyaa and of his biography. Visit http://www.Gadaa.com

 

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Hagayya 29,2014

Aside

Aside

Qeerroo Edit

 

Arresting and Torturing of Oromo Women and Youth does not Stop the Struggle of the Oromo People for Justice and Freedom

Statement of the National Youth Movement for Freedom and Democracy (aka Qeerroo Bilisummaa)

August 29, 2014

The Tigrayan minority TPLF-led Ethiopian regime has continued arresting and torturing of the Oromo nationals in an attempt to stop the struggle of the Oromo nation for freedom, democracy and justice. Currently, the atrocities committed by this regime on innocent Oromo civilians have been escalated to unimaginable scale. Hundreds of Oromo students, teachers, farmers, daily labourers, and civil servants are languishing in prisons located at several places in Oromia. The overwhelming majority of those who are sent to detention centres are subjected to severe and inhuman torture. Some have died in prison cells or thrown out of jail and left to die in hospital simply because they couldn’t stand the torture. Oromo nationalists Wako Tola (teacher), Usmayyo Musa (singer), Alamayehu Gerba (handicapped university student), Nimona Tilahun (former University student), Tesfahun Chemeda (engineer), Aslan Hassan (university student), and many others are all killed by the regimes police as a direct result of torture while in prison cells.  Those who survive the brutal torture will be subjected to trumped-up charges and will be brought to judges of the kangaroo court of the regime. Before bringing to the court false witnesses are prepared and “evidence” is planted at their homes by the regimes police and convicted based on these fake testimony and made-up and planted “evidence”. Others are kept in prison indefinitely without any charge at all. In few cases judges render a “not-guilty” verdict after the prisoners have already spent several years in jail and let them go “free”. In some of such cases the police arrests them back before they even leave the court house and prepare other made-up charges. This has been a well-known and established norm of the judiciary system of the current regime in Ethiopia. Oromo students are subjected to such police brutality and unjust judicial process and branded as “terrorists” for no crime other than raising the rightful and legitimate questions of the Oromo people in a peaceful and non-violent manner. It is not an exaggeration if we say this regime in Finfinne (Addis Ababa) is a mafia regime, brutal than the former apartheid regime of South Africa.  Read More:- Statement of the National Youth Movement for Freedom and Democracy August 29 2014

Barataa Bilisummaa Gonfaa

Barataa Bilisummaa Gonfaa

Shamarree Daraartuu Abdataa

Shamarree Daraartuu Abdataa

Barsiiftuu Caaltuu Dhugumaa

Barsiiftuu Caaltuu Dhugumaa

Dirre Dawwaa Keessatti Rakkoo Bishaanii fi Ibsaatiin Wal Qabatee Uummanni Diddaa Sirna Wayyaanee Kaase,Waraanni Wayyaanees Naannoo Magaalaa Dirree Buufate‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Dirre Qawaa,Hagayya 29,2014

diddaa9Akkuma beekamui motummaan Wayyaanee ummanni Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa baroota dheeraaf kaasaa ture ammas haala abdachiisaan itti fufee jiru kana irraa soda qauun, ka’ee uumanni yaadi isaa akka tokko hin taaneef basaasotaa fi dabballoota uumata keessa bobbaasuu tooftaa godhate,kana iratti dabalees uumanni Oromoo magaalaa fi baadiyaa keessa qubatee jiru rakkoolee adda addaaf akka saaxilamuuf tajaajila mootummaa irraan dhufu mara itti waakkate.

Oromiyaa keessatti yeroo ammaa uummatni Oromoo mootummaa Wayyaaneetiin bifaa fi kallattii adda addaatiin miidhamaa jiruuchutu gabaasonni adda addaa ibsa. Akka gabaasni Qeerroo Dirre Dawaa irra har’a addeessutti rakkoon bishaanii fi ibsaa mudatee jira. Keessattuu gandoota Hayiwwan,Ganda Qore kan jedhaman haala miidhama guddaa keessa jiru, miidhaa guddaan kan irra gahe gandoota kana qofa yoo ta’ellee akka walii galaatti Dirre Dawaa keessa rakkoo gurguddaan kun mudatee jiraachuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa. Dhimma kanaan wal qabatee jiraattootni sabbootno Oromoo magaalaa fi gandoota garagaraa Dirre Dawaa keessa jiraatan hunduu Fincla kaasuudhaan gaaffii mootummaa Wayyaanee irratti kaasaa jiraachuu gabaasi addeessa, gaaffiwwan uummanni jiraattotni rakkoo kana keessa jiran:

  1. Jireenya hawaasaa fi uumataa hanga hin jijjiirreeti akkamiin mootummaan biyya bulcha? Diimokiraasii bu’aa uummata eguu labsii labsachuu irra jireenyi hwaasaa baroota hanga aangoo isaanii irra turan keessatti jijjiiirame hin jiru, rakkoon bishaanii fi ibsaa sirraawuudhaaf mare mootummaa eegu,rakkoon kuni hanga yoomitti?
  2. Diingadee fi guddinni biyya keenyaa irra kan taa’eyyuu mootummaadhuma biyya kana bulchaa jiruudha,nurratti guddachaa gudiin biyaa odeessuun, akkasitti rakkoo kanaan saaxilamnee guddina isa kamtu ta’e? maaliin kan madaalameedha guddinni biyyaa?
  3. Nuti rakkoo keenya kan himannuu fi dheebuu bishaanii fi dukkana keessa kan jiraannu nuuf furmaatni haata’u jennee gaaffii qabnu dhiyeeffanne maaliif mootummaan waraana isaa nukeessa tamsaasa? Humni waraanaa federaala irraa dhufee as qubate kuni ammatti naannoo kan gadhiisu tahu baannan tarkanfii barbaachisuun ititi fufna kan jedhuun uummanni akeekkachisa gochuu fi rakkoo keessa jiru himachuu irratti kan bobbaheedha.

Kana jedhuun ummani rakkoo kana keessaa bahuudhaf gaaffii garagaraa dhiyeessaa jira,mootummaan Wayyaanee uummanni rakkoo isaa kan himatuuf jecha humna waraana isaa naannoo san kan qubachiise tahuu akkasuma namootni Oromummaan isaanii of mul’isuu fi sabboonummaa qaban tikootaa fi basaastotaan kan hordofamaa jiran akka tahe gabaasni Qeerroo addeessa.

Dimshaashatti jiraattotni uummanni Oromoo Dirre Dawaa keessa jiraatan gaaffiwwan mirgaa gaafachu fi rakkoo keessa jiran ibsachuu irratti kan argamaniidha, kanumaan fincilli magaalaa Dirree Daawaa keessatti uummataan qabatee kan jiru tahuun mootummaan sodaa irraan humna waraanaa naannoon san qubachiisee akka jiru gabaasni Qeerroo addeessa.

Qeerroo Korri Yoomi

Aside

Barsiisoti Kolleejjii Barsiisota Jimmaa Imaamata Sirna Wayyaanee Mormuun FDG Eegalan

Aside

DIDDAA 2Hagayyaa 29,2014 Mootumman Wayyaanee EPRDF gaaffii mirgaa uumanni Oromoo gaafataa jiruu fi diddaa sirnichaa bakka hundaa itti qabatee jiru dura dabbachuu fi sochii qindaa’aa uummata hunda hirmachisaa jiru irraa soda guddaa keessa seenuun hojjetoota mootummaa sadarkaa garaagaraa irra jiraniif  maqaa mindaa hojjetoota parsentii(%) guddaan daballee jirra jedhuun ololli ofaama ture fincilaa hojjetootaa qabsiisaa jira.

Godina Jimmaatti barsiisotni kolleejjii barsiisota Jimmaa maqaa daballii mindaan walqabatee olollii ofamaa ture kan mirga keenya sarbudha malee mirga keenya hojjettootaa waan kabachiisuu miti, mootummaan kaleessa mindaan keessan persantii guddaan jechuun parseentii 58% fi isaa oliin isiniif dabalamee jira jechuun FDG dargaggootni Oromoo fi uummatni Oromoo waliigalatti gaggeessa jiru  fuul-dura dhaabbachuun sochii karaa hojjetoota dhalachaa jiru dhaamsuuf olola isaa butatee  fiigaa tur.Mindaa hojjetoota barasiisota koollejjii kanneen wajjiraalee secteroota garaagaraa irra hojjetanii 28% perooliin akka hojjetamuu yeroo murtee dabarsan warrii mootummaa naannoo Oromiyaa bakka buuna jedhan OPDO’n mallatteessuun yeroo fudhattee soba Wayyaaneen dura 58% tiin miindaan keessan isiniif dabalame jechuun ololaa ture, ammo gara 28% gadi buusuun peroliin akka hojjetamuu gochuun FDG tti barsiisotni fi hojjetootni Aanotaa fi sekteroota garaagaraa irra hojjechaa jiran akka seenan ta’ee jira.

Adeemsa Wayyaaneen daballii mindaa 58%tiin dabalee jettee gara 28%tti gadi deebisuun hojjettootaaf akka kanfalamuu gochaa jirtuu kana naannoo Oromiyaa qofa keessatti malee naannooleen Amhaaraa , Tigiraay  fi Kibbaa hin hin mallatteesinuu mediadhan ibsa godhaa jechuun kan morman yeroo ta’uu ergamtootni Wayyaanee Oromiyaa bulchaa jirra jettuu immoo mallateessuun fudhachuun haalan kan hojjetoota dheekamsiisa jiru yeroo ta’u, guyyaa har’aa kana yeroo dhagaa’an barsiisotni Oromoo kolleejjii barsiisota Jimmaa barnoota gannaa barsiisaa jiran guutummaatti hojii dhaabani mirgi keenya kabajamuu qaba. Mindaan kan nuuf dabalamus yoo ta’ee ogeessa waan taaneef gatii Ogummaa keenyaa tajajila kenninuuf malee mirga keenya sarbuuf bilisummaa keenya mulquuf kan dabalamaa jiruu fi olola sobaa ofaamaa ture hin fudhannu jechuun hojii barsiisuumma dhaaban.

Mootummaan Wayyaanee sochii FDG biyya keessatti gama hundaan hudhee isa qabee jirun aangoo irra darbamuuf kan jiru yeroo amma kanatti gaaffiilee gama hundaan hudhanii Wayyaanee qabanii jiraniif deebii tokko illee dhabuun uummata sodaachisuu qofaaf jedhee humna waraanaa off harkaa qabu konkolaatatti fe’ee Oromiyatti guura jira. Adeemsi kunis mootummaa wayyaanee kufaatii irra kan hin olchine ta’uu fi mirga ofii caalmatti akka falmataniif kan nama kakaasuu malee duubatti kan nama hin deebisne ta’uun ibsama jira.

FDG Barattoota Oromoon Eegale Gara Diddaa Uummata Itti Ce’uun Baha Oromiyaa Dirree Dawaa fi Shawaa Lixaatti Uummanni Oromoo Diddaa Sirna Wayyaanee Qabsiise.

Aside

 diddaa9Hagayyaa 28,2014 FDG Gootota dargaggoota Qeerroo barattoota Oromootiin biyya keessatti Yuunibarsiitiilee garagaraa irraa finiinaa jiru gara uummata waliigalaatti tarkaanfatee jira .

Godina Bahaa Oromiyaa magaalaa Dirree Dawaatti uummatni magaalaa Dirree Dawaa gaaffii mirgaa kaasuun mootummaan Wayyaanee bakka nu bu’uu hin danda’uu nus bulchuu hin danda’uu jechuun FDGtti seenaani jiru, uummatni dammaqinsa siyaasaa fi sochii warraaqsaa FDG garbummaa goototni dargaggootni barattootni Oromoo biyyaa keessatti qabsiisuun mirga keenyaaf falmaa jiran gaaffii keenyadha, dargaggootni Oromoo bakka nu bu’uu danda’uu jechuun guyyaa keessa sa’aatii 6:00 irraa eegaluun uummatni waldammaqsuun daandii cufee gaaffiilee mirgaa kanneen akka bulchiinsii dimookiraasii hin jiru, nuti mootummaa dimookiraatawaa barbaadna malee mootummaa EPRDF kan uummataa fi dargaggoota rasaasaan ajjeesaa jiru hin barbaadnu,, tajajilootni hawaasummaa kanneen akka ibsaa, bishaan dhugaatii, fi network nurraa cicitaa waan jiruuf hedduu rakkachaa waan jirruuf mootummaan kun nurraa bu’uu qaba. nuti mootummaa bakka nu bu’uu danda’uu hundeeffachuu qabna, nuti nagaa fi dimookiraasii tasgabbii barbaadna.

Gama biraan mootummaan Wayyaanee humna waraanaa daangaa biyyaa eeguu magaalaa guddaa hagana ga’utti deebisuun yakkoota akka ajjeechaa, saamichaa fi humnaan dirqisiisanii gudeeduu ilmaan keenya fi dubartoota keenyarratti rawwachaa jiruuf seeratti nuuf dhiyaachuu qaba jechuun uummatni FDG itti fufsiisee jira. yeroo amma kanatti maddeen keenya magaalaa Dirree Dawaa irraa akka nuuf gabaasaa jiranitti magaalaan Dirree Dawaa jeequmsa keessa seentee jirachuun gabaafamaa jira.

Mootummaan Wayyaanee akkuma amala isaa humna waraanaa fi poolisii Federaalaa uummatatti bobbaasuun sochii uummataa kana dhaabsisuuf yaalii guddaa godhuus uummatni nuti waraana hin barbaadnu mirga keenya kabachiifachuu fi gaaffii keenyaaf waraannii deebii hin ta’uu jechuun mormii jabeessan boodarraa mootummaan wayyaanee gaaffii keessaniif deebii ni kennina jechuun waadaa hin jirre seenuun uummataa fulduratti beellamuun akka uummaatni bittineeffamuu taasisee jira.

Gama biraan Godina Lixa shawaa Aanota kanneen akka Midaa Qanyii,  Jalduu, Amboo, Tokkee Kuttaayee, Gindabarat, Calliyaa Geedoo, Xuuqur Incinnii, Giinciii, Meettaa Roobii fa’atti diddaan uummataa haalan jabaachuun uummatni walga’ii wayyaaneen sadarkaa aanaa fi gandoota irratti qopheessuun olola ofufu yaala jirtuu diddaa uummataan fashalaa’e jira. Uummatni Oromoo mootummaan abbaa irree rasaasaan nu ajjeesaa jiru walga’iin isin waliin qaba jedhee walitti nu qabuuf yaaluun isaatuu qaanii guddaadha  nuufisan.